#RAKKOO_HIN_QABU Guyyaa 1 qofatu hafe. Meeksiikoo, Sangaataraa Zaman Baankii Duuba Galma #Addis_ Cinema keessatti👋
Open in Telegram
Finfinnee Post
Yaada yoo qabaattan @wakumafekadu dubbisuu dandeessu. Ulfaadhaa, horaa bulaa🙏
Average views per post by day
By publication day
Show as table
| Date | Avg views per post |
|---|---|
| Nov 20, 2026 | 4,110 |
| Nov 23, 2026 | 2,990 |
| Nov 25, 2026 | 2,250 |
| Nov 26, 2026 | 1,450 |
| Nov 28, 2026 | 79 |
Most viewed this month
- 01Views4.11KForwards—Reactions3Comments—
- 02Views2.99KForwards—Reactions6Comments—
- 03Views2.25KForwards—Reactions—Comments—
- 04Views1.45KForwards—Reactions1Comments—
Latest posts
Qophooftanii? #RAKKOO_HIN_QABU Guyyaa 3 qofatu hafe. Meeksiikoo, Sangaataraa Zaman Baankii Duuba Galma #Addis_ Cinema keessatti👋
Open in TelegramRAKKOO HIN QABU Guyyaa 4 qofatu hafe. Meeksiikoo, Sangaataraa Zaman Baankii Duuba Galma #Addis_ Cinema keessatti👋
Open in TelegramIndee🥺 Beela'een amma laaqana nyaachuuf kaaffee taa'e. Dargaggeessa tokkotu "kitaaba 'RAKKOO HIN QABU' jedhu situ barreesse mitii? Dilbata dhufeen sagantaa eebbaa irratti hirmaadha" naan jedhe. Tole'n jedheen. Kana gidduutti nyaannikoo dhufnaan 'haa nyaannu'n ittiin jedhe. Takkumaan "Tole" jedhee utaalee dhufe. Shamizii isaa hanga hirree isaatti ol dachaafate. Maali yaa gooftaa nyaachuuf moo na dhahuufi jedheen ija keessa ilaale. Nyaachuu jalqabne. Takkaa qofan afaan kaa'adhe. Sana booda taa'een fiilmii ilaaluu jalqabe. Harka baata miti bar, #eksikaavaatarii isa lafa qotu sanatu nama ta'ee dhufe. Si'a 3 qofa fudhatee saayinii sana istaadiyeemii magaalaa Gimbii fakkeesse. "Thank u brother!" jedhee harka dhiqachuu deeme. Gaafa nyaatu hin dhiqanneem, nyaatee dhiqachuu deeme. Gaafa deebi'u "si dabbaremoo?" naan jedhe🥺 'Rakkoo Hin Qabu garuu eebba kitaabaa akka hin hafne' jedheen herrega kaffalee ba'e😂 Dilbata fuldura keenya jiru Meeksiikoo, Zaman Baankii duuba Galma Addis Cinema'tti wal argina🥰
Open in Telegram#Taajjabbii_Irreechaa ✋ ⭕️ Nuti Waaqa caalaayyuu warra waldaa sodaannee konsartii Daawwitee hafne. Garuu paastarii waldaa keenyaa Live irratti argine. Keessumaa sirba 'Soolanee' jedhu sana irratti utuu inni hirqinfatee boo'aa ture. Nu dhoksee deemuu isaa malee boo'uu isaa irraa komii hin qabnu. Paasteriin Ex hin qabu eenyu jedhe? 💔 ⭕️ Oromoo miiliyoona meeqatu walitti dhufee haasa'aa ture. Garuu hanga ammaa jecha '#Sherereree' jedhuuf hiikni sirriin hin argamne 🤷♂️ ⭕️ Gurbaan shamarran gola hunda irraa 'Irreecha irratti wal argina' jedhee beellamaa ture sun, hundi isaanii wal qabatanii bakka inni jirutti itti dhufnaan Irreechas isaaniis dhiisee gara Mojootti baqate jedhan. Argitee Oromoo? Tokkummaa gaafa qabaattu diinakee miti firrikeeyyuu si jala hin dhaabatu 😊 ⭕️ Dhuma irratti Waaqa nagaan baasee nu galche, akkasumas mootummaa uummata hamma kana baay'atuuf eegumsa addaa godhe galateeffachuu barbaanna 🙏 @waaqooF @waaqooF @waaqooF Join godhaa
Open in Telegram⭕️Jaalalleekoo wajjin 'hamattuuf goomattuun addaan nu hin baastu' jechaa wajjin gudannee abbaan ishee addaan nu baase. ⭕️ Namichi balbala #anbassaa_bus utuu hintaane, balballi jannataa itti cufamnaan seenuuf waan dhiibu fakkaata. ⭕️ Isheen Tiktok ilaalti. Ani isheen ilaala. Mucaan ishee anaan ilaala. Sadan keenyayyuu kaayyoo manaa baaneef daganneerra. ⭕️ Gooftaa Maccaa qofa miti, gooftaan Tuulamaas yoo na gargaare malee amalli Turungoo Mazgabuu baayyee ulfaata. ⭕️ Gurbaan sunis dorgommii bishaan daakuudhaan biyyakoon meedaaliyaa nyaachisa jedhee deemee bishaan of nyaachisee oole. @wakumafekadu @wakumafekadu @wakumafekadu @wakumafekadu #RAKKOO_HIN_QABU #Kitaaba_haaraa #Yeroo_dhiyootti
Open in Telegram#Tigist_Shallee 💃 Gurbaa hiriyaakoo dur wajjin baranne tokkotu hanga ammaa lakkoofsa bilbilakoo 'Waaqoo Mucaa Class' jedhee save godhatee jira. Ammayyuu mucaa class🤔 Waanti kun sirrii miti. Fakkeenyaaf gurbaan dur baajaajii oofaa ture tokko guddatee taaksii bituu danda'a. Sin garuu ammayyuu lakkoofsa bilbila isaa 'Gammee Baajaajii' jettanii qabachaa jirtu taanaan guddachuu isaa hin jaallanne jechuudha😂 Intalli isin yeroo wayii wal bartanii lakkoofsa bilbilaa ishee 'Tigist Shallee' jettanii save gootan sunis, gooftaan ishee gargaaree mana ijaarrattee ijoollee 2 godhatteetti ta'a😂 Yoo xiqqaate waggaa waggaan contact keenya haa sakattaanu jechuumaafi😋 @waaqooF @waaqooF @waaqooF
Open in TelegramDur dur baradhee yeroon hojii qabadhu namoota naannoo keenyaa gargaaruun qaba jedhee yaadu nama 15 galmeeffadheen ture. Galata rabbii amma 16'ffaa irratti maqaakoo barreesseen taa'aa jira 😂
Open in Telegram#Intala_Ilkaan_Bireesii 💃😂 Haati manaakoo Turungoo Mazgabuu waggaa 3 dura ilkaan ishee #bireesii'dhaan hidhattee turte. Garuu ilkaan ishee bireesiidhaan hidhamee haa hafuu, milishaatiin utuu hidhameyyuu waan sirraa'u miti. Dhiyoo kana wal lollee isumaan na ciniinte. Tarii dhukkuba #teetaanesii na qabsiisuu danda'a jedheen mana yaalaa deeme. Dookterichi "laabraatoorii ilaaleera nagaakeeti" nan jedhe. Ani garuu hin amanne. "Yaa dookter! Laabraatooriidhaan ilaaluu qofa miti, maaloo VAR'dhaan naaf ilaali" jedheen dubbii kaase😂 Sirbi nuti dur beeknu tokko... "Magaalleen bifaan boonti Diimtuun konkonaan boonti, Kam jaalleen kam dhiisa Lachuu garaa na nyaatti!" Jedha. Utuu bara kana ta'e garuu... "Magaalleen #human_hair'n boonti Diimtuun #bireesii'n boonti, Kam qabeen kam gadhiisa Lachuu kaaffeerra joortii!" Waan jedhu natti fakkaata😂 @waaqooF @waaqooF @waaqooF Hordofaa✌️
Open in TelegramConnections
Similar channels
Ethiopian Media Authority@ethmediaauthNews and media3.25K
Addis Insight -አዲስ እይታ@addisinsight23News and media3.18K
Russian House in Addis Ababa / Русский дом в Аддис-Абебе@rcscethiopiaNews and media4.57K
Warka Times@warkatimesofficialNews and media4.65K
The Christian News@tcnewNews and media5.23K
𝙱𝚄𝙻𝙱𝚄𝙻𝙰 𝙽𝙴𝚆𝚂⏰@bbn_infoNews and media2.63K
Benjamin Media 📡🌎@jirraamalleeNews and media2.54K
Wanaw Media - ዋናው ሚዲያ@wanawmediaNews and media2.5K

