🥺🥺 Tasa waamamee dhiyootti, Utuun michoomee biyyootti... Iddoo namuu lixuu hin feene, Yeroo dhumaaf utuun seenee... Tarii... Tolchaas ta'u, eelchaa jabaa, An si biraa, seenaa qabaa? Gaaf geggeessaakoo ganama, Maaliin afaankee banama? Hin beekamu... Bor walirraa deemuuf teenya, Maaluma yaadannoon keenya? Tarii... "Haa laatu lubbuusaaf nagaa!" Yookiis... "Haa cala'u, isaa-BAGA!" Waan afaankee, jechisiisu, qabnaa ragaa? 🙌 Aga Guda
Open in Telegram
Walaloon Jaalala
Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha. Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa @Walaloo_bot https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Average views per post by day
By publication day
Show as table
| Date | Avg views per post |
|---|---|
| Nov 12, 2026 | 4,000 |
| Nov 13, 2026 | 3,697 |
| Nov 14, 2026 | 4,020 |
| Nov 15, 2026 | 3,980 |
| Nov 17, 2026 | 3,720 |
| Nov 18, 2026 | 3,280 |
| Nov 20, 2026 | 2,635 |
| Nov 21, 2026 | 2,560 |
| Nov 22, 2026 | 2,100 |
| Nov 23, 2026 | 1,750 |
| Nov 24, 2026 | 1,540 |
| Nov 25, 2026 | 1,025 |
Most viewed this month
- 01Views4.23KForwards—Reactions8Comments—
- 02Views4.13KForwards—Reactions14Comments—
- 03Views4.05KForwards—Reactions13Comments—
- 04Views3.98KForwards—Reactions19Comments—
Latest posts
RAKKOO HIN QABU Guyyaa 4 qofatu hafe. Meeksiikoo, Sangaataraa Zaman Baankii Duuba Galma #Addis_ Cinema keessatti👋
Open in TelegramTokko tokko: Yaadakee laaffisuuf, jechoota wareega Laphee si fannisuuf, sossobbiin wajaga Waabee jechootaa jal'isa Of dhaada; ibsa bal'isa Garuu, Nama waa argaa guddatetti, Yaadaaf yaaddoo hubatetti, Ni cima; horuun- dhageettii! Addatti, Waa'ee nama beekanii Abbaatti hin amanani! * * * Kanaa'ol Badhaadhaa Finfinnee, Biyya Oromoo, 2026
Open in TelegramIndee🥺 Beela'een amma laaqana nyaachuuf kaaffee taa'e. Dargaggeessa tokkotu "kitaaba 'RAKKOO HIN QABU' jedhu situ barreesse mitii? Dilbata dhufeen sagantaa eebbaa irratti hirmaadha" naan jedhe. Tole'n jedheen. Kana gidduutti nyaannikoo dhufnaan 'haa nyaannu'n ittiin jedhe. Takkumaan "Tole" jedhee utaalee dhufe. Shamizii isaa hanga hirree isaatti ol dachaafate. Maali yaa gooftaa nyaachuuf moo na dhahuufi jedheen ija keessa ilaale. Nyaachuu jalqabne. Takkaa qofan afaan kaa'adhe. Sana booda taa'een fiilmii ilaaluu jalqabe. Harka baata miti bar, #eksikaavaatarii isa lafa qotu sanatu nama ta'ee dhufe. Si'a 3 qofa fudhatee saayinii sana istaadiyeemii magaalaa Gimbii fakkeesse. "Thank u brother!" jedhee harka dhiqachuu deeme. Gaafa nyaatu hin dhiqanneem, nyaatee dhiqachuu deeme. Gaafa deebi'u "si dabbaremoo?" naan jedhe🥺 'Rakkoo Hin Qabu garuu eebba kitaabaa akka hin hafne' jedheen herrega kaffalee ba'e😂 Dilbata fuldura keenya jiru Meeksiikoo, Zaman Baankii duuba Galma Addis Cinema'tti wal argina🥰
Open in TelegramYakka qabda yakka cimaa Na dhaga'i sittin himaa Aboottatte na cafaqxe Dhagaa daakuun na dafaqxe Amma har'atti manni kiraa Waggaa dheeraa sirra jira Na dhaga'i, Abbaa seeraan mari'adha Akka hattuttin si himadha Dhaddachatin si dhiyeessa Seeraanin sitti murteessa Himata koon tarreeffadha Galmeerrattin barreeffadha Na akoofte xaaxessitee Na miiccitee na qoorsite Nan kaffaltu kiraa manaa Na yakkite yaa namana Yoo seerri jiraate Yakka kanaan himatamta Bara baraan onneekoo Keessatti hidhamta🥰 Lalise Nuguse
Open in TelegramQaawwa dhiphoo carraasaa,keessaa Qirqiddaa’paaraadooksii’n utuu kolfuu bahee, Gamaaf,gamana harkisaa Funyoo yaadasaatiin,walaabu-waliin gahee.. Sirnakkoo ofiisaa tolcheen Qullaa addunyaa soqolee qoofniitti ilaalaa, Qilleensaan haada godhee, Uraa qolloo fi dachee keessa oliif-gad utaala. …seera Uumaaf uumamaa walitti hodhuuf yaala! ~Kanaaf; Gaafa nama ta’u,fajajaa raatuudha Gaafa waloo ta’u,waloon maraatuudha! ✍️Wada Getachew🌿
Open in TelegramNamni of ajjeesuuf Wadaroo dha’atuu Murtii akkas ulfaatu Maaf akka raawwatu- beekee of hin gaafatu Sababni Bakka yaaduu hin dandeenyetti, Lubbuu isaa tokkittiitti-kan inni murteessu Of jibbeetii miti Gaafa sana qalbiitu miira hin daangessu 😤🙌🏿 Balina Wakjira
Open in TelegramBeekumsa isaallee hin qabu Saayinsiis hin xiinxalu Garuu, “dikeen xaa’oo ta’a” kan jedhan Gonkumaa naaf hin galu! Kororiin hoolaafi re’ee Faandoon harree - faltiin sa’aa Dikeen dikeedhuma malee Akkamiin xaa’oo ta’aa? Ogeessonni ogummaadhaan Ribuuyyuu adda footani Saayinsiidhuma kamiin Dikee xaa’oo gootanii? Maarree, erga dikeen tortoraan Bakka xaa’oof fayyadee Kanaafuu habaqiin guute Kanaafuu callaan bade! Dacheen callaaf eegame Biqilchinaan aramaa Maaf Waaqa komannaree? Akka waan Waaqni hamaa Waaqa miti, kan dikee maqaa tolchee Xaa’oodha jedhe nama! Lataa Qana’ii
Open in Telegram📢 Advertising in this channel You can place an ad via Telega․io. It takes just a few minutes. Formats and current rates: View details
Open in Telegram






