Kaffaltiin Qormaata Ba'iinsa Yuunivarsiitii Qarshii 750 irraa gara Qarshii 2,000tti Ol Guddate
Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa kaffaltiiwwan tajaajila adda addaatiif kaffalaman fooyyessuun danbii haaraa baaseera. Haaluma kanaan, kaffaltiin qormaata ba'iinsa yuunivarsiitii (Exit Exam) kanaan dura qarshii 750 ture gara qarshii 2,000tti ol guddateera. Kaffaltii kana keessaa qarshiin 500 kaffaltii galmeef, qarshiin 1,500 immoo kaffaltii qormaataatiif kan oolu yoo ta'u, lammiilee biyya alaatiif immoo doolaarii 100 akka kaffalan murtaa'eera.
Dabalataanis danbii haaraa kanaan, kaffaltiin qormaata seensa sagantaa digrii lammaffaa (NGAT) lammiilee Itoophiyaatiif qarshii 3,500 (galmeef 500 fi qormaataaf 3000), lammiilee alaa immoo doolaarii 100 akka ta'u murtaa'eera. Galmeen qormaata kutaa 12ffaa lammiilee biyya keessaaf qarshii 950 fi lammiilee alaaf doolaarii 100 ta'eera. Akkasumas, madaalliin gahumsaa fi heyyama ogummaa lammiilee Itoophiyaatiif qarshii 3,500 (galmeef 1,000 fi qormaataaf 2,500), lammiilee biyya alaatiif immoo doolaarii 150 akka kaffalan ta'eera.
Tajaajilawwan ragaa barnootaa waliin wal qabatanis fooyya'iinsi kaffaltii taasisameera. Ragaa barnootaa bakka buusuuf lammiilee biyya keessaaf qarshii 600 fi alaa doolaarii 115, ragaa bakka buusuu fi mirkaneessuuf qarshii 900 fi doolaarii 170, ragaa qulqulleessuuf ykn mirkaneessuuf qarshii 400 fi doolaarii 75, dogoggora qubee maqaa sirreessuuf qarshii 700 fi doolaarii 130, akkasumas tiraanskiriipii ofiishiaalaa erguuf lammiilee biyya keessaaf qarshii 750 fi lammiilee alaaf doolaarii 50 akka kaffalan murtaa'eera.
Kana malees, ragaa bu'aa qormaataa dhimma qorannoof dhaabbilee barbaadaniif qorannoo tokkoof qarshii 10,000 (dhaabbilee biyya alaatiif doolaarii 1,875), namoota dhuunfaaf immoo lammiilee biyya keessaaf qarshii 1,000 fi alaa doolaarii 190 akka kaffalamu ifoomeera. Meeshaalee madaallii tajaajilaniin irra deebi'anii fayyadamuuf baasii waliigalaa irraa dhibbantaa 5, meeshaa madaallii haaraa qopheessuuf immoo dhibbantaa 10 kaffaltiin akka raawwatamus danbichi ni agarsiisa. Tarreeffamni kaffaltii haaraa kun Danbii lakkoofsa 593/2018 ttiin kan ifoome ta'uun ibsameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA