No text
Open in Telegram
ABDII SABAA
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university
Subscribers, 30 days
Sep 26 – Sep 27+86 (0%)
Show as table
| Date | Subscribers |
|---|---|
| Sep 26, 2026 | 598,602 |
| Sep 27, 2026 | 598,688 |
Average views per post by day
By publication day
Show as table
| Date | Avg views per post |
|---|---|
| Sep 24, 2026 | 59,084 |
| Sep 25, 2026 | 64,327 |
| Sep 26, 2026 | 43,944 |
| Sep 27, 2026 | 23,118 |
| Sep 28, 2026 | 4,957 |
Most viewed this month
- 01Views77.8KForwards257Reactions506Comments—
- 02Views77.5KForwards261Reactions—Comments—
- 03Views69.7KForwards4Reactions—Comments—
- 04Views68.6KForwards4Reactions—Comments—
- 05Views64.1KForwards16Reactions—Comments—
Latest posts
Tigraayitti Akkawontii Cufame Akkamitti Banattu: Baankiin Daldalaa Itoophiyaa Maamiltoota Herreegni Baankii Isaanii Naannoo Tigraayitti Cufameef Dameewwan 12 Finfinneetti Ramade Sababa rakkoo nageenyaa kaaba biyyattiitiin wal qabatee herreegni baankii maamiltootaa dameewwan Baankii Daldalaa Itoophiyaa naannoo Tigraayitti argaman keessatti ugguramee ykn cufamee ture akka gadhiifamuu fi tajaajila kennu, baankichi dameewwan filataman kudha lama (12) magaalaa Finfinnee keessatti qopheessuu isaa ifoomseera. Akka ibsa baankichaatti, tarkaanfiin kun maamiltoota sababa dhabamuu tajaajilaatiin rakkachaa turaniif furmaata hatattamaa kennuu fi gara tajaajila idilee isaaniitti akka deebi'an taasisuuf kan yaadamedha. Haaluma kanaan, maamiltoonni kanaan dura naannoo Tigraayitti herreega baankii banatanii turan hundi, tajaajila herreega isaanii uggurame kana bansiifachuu fi sochoosuuf qaamaan argamuun dameewwan magaalaa Finfinnee keessatti ramadaman kanneen akka damee Finfinnee, Qaallittii, Taklahaymaanoot, Nifaas Silk, Sharaatan, Kiiloo Ja'a (6 Kilo), CMC, Tafarraa Daggifee, Marii, Xamanjaa Yaazhii, Teelee Madhaani'aalamii fi damee Xoor Hayiloochii deemuun tajaajilamuu akka danda'an baankichi hubachiiseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramRaayyaan Ittisa Biyyaa Magaalaa Alaamaaxaa Qaxxaamuruun Gara Makoonii fi Maayicaawutti Imalaa Jiraachuu Ibsame Viidiyoon socho'aan dhiheenya bahe akka agarsiisutti, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kaleessa magaalaa Alaamaaxaa qaxxaamuruun gara kallattii magaalaa Makoonii fi Maayicaawutti socho'aa jira. Jiraattonni magaalaa Alaamaaxaa humnoota nageenyaa mootummaatiif simannaa ho'aa kan taasisan yoo ta'u, raayyichi magaalattii keessa yeroo dheeraaf osoo hin turin qaxxaamuree gara fuulduraatti imala isaa itti fufuu isaa gabaafameera. Yeroo ammaa kana walitti bu'iinsa haaraa kaaba Itoophiyaatti deebi'ee dhalate hordofuun, naannichatti dhiphinnii fi yaaddoon nageenyaa hamaan uumamee akka jiru maddeen ni eeru. Gama biraatiin, humnoonni TPLF iddoowwan to'atanii turan gadhiisuun gara naannoo Tigraay, keessumaa kallattii magaalaa Maqaleetti deebi'aa fi socho'aa akka jiran ragaaleen ni agarsiisu. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramNo text
Open in TelegramObbo Shimallis Abdiisaa Irra Deebi'uun Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Ta'uun Muudaman; Caffeen Muudama Kaabinee Haaraa Raggaasise Yaa'iin idilee 1ffaa waggaa 1ffaa bara hojii 7ffaa Caffee Oromiyaan taa'amaa jiru, Obbo Shimallis Abdiisaa irra deebi'uun Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa taasisuun filatee muudeera. Yaa'iin kun haasawaa fi gabaasa dhiyaate hordofuun, muudama qaamolee raawwachiiftuu naannichaa haaraa pirezidaantichaan dhiyaate hunda guutummaatti raggaasiseera. Akkaataa labsii haaraa bahe lakkoofsa 267/2019 bu'uura godhachuun, namoonni ja'a (6) sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti muudamaniiru. Isaanis; Obbo Abduurahmaan Abdallaa, Obbo Masfin Malaakuu, Dr. Rashaad Kamaal, Dr. Mangistuu Baqqalaa, Obbo Ahimad Idiriis fi Obbo Ahimad Haajii ta'uun Caffeef dhiyaatanii ragga'aniiru. Gama biraatiin, muudamtoonni sadarkaa hogganaa biirootti muudaman; Dr. Tolaa Bariisoo Hogganaa Waajjira Pirezidaantii, Obbo Guyyoo Waariyoo Hogganaa Biiroo Haqaa, Dr. Abdulaaziiz Daawud Hogganaa Biiroo Maallaqaa, Obbo Tasfaayee Tuluu Hogganaa Biiroo Galiiwwanii, Dr. Abdii Yuuyaa Hogganaa Biiroo Karooraa fi Misoomaa, Dr. Bultoosaa Hirkoo Hogganaa Biiroo Barnootaa, akkasumas Piroofeesar Natsaannat Warqinah Hogganaa Biiroo Fayyaa ta'uun muudamaniiru. Dabalataanis, Obbo Tashoomaa Booggaalaa Hogganaa Biiroo Qonnaa, Dr. Namarraa Gabayyoo Hogganaa Biiroo Misooma Albuudaa fi Inarjii, fi Obbo Taarraqanyi Bulultaa Hogganaa Biiroo Intarpiraayizii fi Indastirii ta'uun ragga'aniiru. Akkasumas kaabineewwan hafan; Dr. Adaaree Asaffaa Hogganaa Biiroo Daldalaa fi Inveestimantii, Aadde Masarat Asaffaa Hogganaa Biiroo Lafaa, Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan Hogganaa Biiroo Dubartootaa fi Hawaasummaa, Obbo Xilaahuun Warquu Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa, Dr. Aayaantuu Guuttataa Hogganaa Biiroo Kalaqaa fi Teeknooloojii, Aadde Ildaanaa Suleeymaan Hogganaa Biiroo Tuurizimii, Obbo Tijaanii Naasir Hogganaa Biiroo Nageenyaa, Aadde Roozaa Biyyaa Hogganaa Biiroo Aadaa fi Ispoortii, Injiinar Girmaa Raggaasaa Hogganaa Biiroo Jallisii fi Horsiisee Bulaa, Injiinara Habiib Qumbii Hogganaa Biiroo Daandii fi Loojistiksii, fi Injiinara Maariyaa Gutaa Hogganaa Biiroo Bishaanii ta'uun guutummaatti Caffeetiin mirkanaa'eera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramNo text
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 5,827 |
| 3 h | 19,015 |
- Total to date19,015
No text
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 5,836 |
| 3 h | 19,034 |
- Total to date19,034
No text
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 5,796 |
| 3 h | 18,880 |
- Total to date18,880
Kaffaltiin Qormaata Ba'iinsa Yuunivarsiitii Qarshii 750 irraa gara Qarshii 2,000tti Ol Guddate Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa kaffaltiiwwan tajaajila adda addaatiif kaffalaman fooyyessuun danbii haaraa baaseera. Haaluma kanaan, kaffaltiin qormaata ba'iinsa yuunivarsiitii (Exit Exam) kanaan dura qarshii 750 ture gara qarshii 2,000tti ol guddateera. Kaffaltii kana keessaa qarshiin 500 kaffaltii galmeef, qarshiin 1,500 immoo kaffaltii qormaataatiif kan oolu yoo ta'u, lammiilee biyya alaatiif immoo doolaarii 100 akka kaffalan murtaa'eera. Dabalataanis danbii haaraa kanaan, kaffaltiin qormaata seensa sagantaa digrii lammaffaa (NGAT) lammiilee Itoophiyaatiif qarshii 3,500 (galmeef 500 fi qormaataaf 3000), lammiilee alaa immoo doolaarii 100 akka ta'u murtaa'eera. Galmeen qormaata kutaa 12ffaa lammiilee biyya keessaaf qarshii 950 fi lammiilee alaaf doolaarii 100 ta'eera. Akkasumas, madaalliin gahumsaa fi heyyama ogummaa lammiilee Itoophiyaatiif qarshii 3,500 (galmeef 1,000 fi qormaataaf 2,500), lammiilee biyya alaatiif immoo doolaarii 150 akka kaffalan ta'eera. Tajaajilawwan ragaa barnootaa waliin wal qabatanis fooyya'iinsi kaffaltii taasisameera. Ragaa barnootaa bakka buusuuf lammiilee biyya keessaaf qarshii 600 fi alaa doolaarii 115, ragaa bakka buusuu fi mirkaneessuuf qarshii 900 fi doolaarii 170, ragaa qulqulleessuuf ykn mirkaneessuuf qarshii 400 fi doolaarii 75, dogoggora qubee maqaa sirreessuuf qarshii 700 fi doolaarii 130, akkasumas tiraanskiriipii ofiishiaalaa erguuf lammiilee biyya keessaaf qarshii 750 fi lammiilee alaaf doolaarii 50 akka kaffalan murtaa'eera. Kana malees, ragaa bu'aa qormaataa dhimma qorannoof dhaabbilee barbaadaniif qorannoo tokkoof qarshii 10,000 (dhaabbilee biyya alaatiif doolaarii 1,875), namoota dhuunfaaf immoo lammiilee biyya keessaaf qarshii 1,000 fi alaa doolaarii 190 akka kaffalamu ifoomeera. Meeshaalee madaallii tajaajilaniin irra deebi'anii fayyadamuuf baasii waliigalaa irraa dhibbantaa 5, meeshaa madaallii haaraa qopheessuuf immoo dhibbantaa 10 kaffaltiin akka raawwatamus danbichi ni agarsiisa. Tarreeffamni kaffaltii haaraa kun Danbii lakkoofsa 593/2018 ttiin kan ifoome ta'uun ibsameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 5,795 |
| 3 h | 18,862 |
- Total to date18,862
Eeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS 🤖 https://t.me/Asbeksbot/start ⚡️ @AsbeksPlatform
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 7,839 |
| 6 h | 28,221 |
- After 1 hour7,839
- After 6 hours28,221
- Total to date28,221
Connections
Similar channels
سوريا التعليمية@syriastEducation588K
وزارة التربية العراقية@educationiqEducation614K
الاستاذ العراقي@stadiraqEducation581K
Next Toppers Official@abhay_batch2024boardsEducation570K
Rajasthan Vacancy Education News Sarkari Result Jobs@rajasthanvacancy_inEducation569K
مكتبة المساعد 📚@iraqedulibraryEducation568K
NAVEEN SIR GS RWA™🎖️@rwanaveensirgsEducation563K
English With Rani Ma'am(UC LIVE)@englishwithranimaamEducation638K