Кабинет
ABDII SABAA

ABDII SABAA

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯ODEEFFANNOO BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university

Юзернейм
@abdii_sabaa
Категория
Образование
Страна
ЭфиопияЭфиопия
Создан
, 5 лет
Подписчики597 573−2 512, −0,4% за 30 дней−391 за неделю
Просмотров на пост, 7 дн.49 185+4,3% к пред. 7 дн.
ERR8,23 %за 7 дней

Подписчики, 30 дней

17 окт. – 16 нояб.−2 512 (−0,4%)

Показать таблицей
ДатаПодписчики
17 окт. 2026 г.600 085
18 окт. 2026 г.600 031
19 окт. 2026 г.600 153
20 окт. 2026 г.600 178
21 окт. 2026 г.600 086
22 окт. 2026 г.600 004
23 окт. 2026 г.599 917
24 окт. 2026 г.599 734
25 окт. 2026 г.599 712
26 окт. 2026 г.599 788
27 окт. 2026 г.599 613
28 окт. 2026 г.599 562
29 окт. 2026 г.599 434
30 окт. 2026 г.599 309
31 окт. 2026 г.599 150
1 нояб. 2026 г.598 989
2 нояб. 2026 г.598 838
3 нояб. 2026 г.598 749
4 нояб. 2026 г.598 563
5 нояб. 2026 г.598 395
6 нояб. 2026 г.598 213
7 нояб. 2026 г.598 133
8 нояб. 2026 г.598 050
9 нояб. 2026 г.597 964
10 нояб. 2026 г.597 856
11 нояб. 2026 г.597 938
12 нояб. 2026 г.597 829
13 нояб. 2026 г.597 749
14 нояб. 2026 г.597 640
15 нояб. 2026 г.597 652
16 нояб. 2026 г.597 573

Средние просмотры поста по дням

По дню публикации

Показать таблицей
ДатаПросмотров на пост
17 окт. 2026 г.64 390
18 окт. 2026 г.64 942
20 окт. 2026 г.64 859
21 окт. 2026 г.56 804
22 окт. 2026 г.53 331
23 окт. 2026 г.52 960
24 окт. 2026 г.55 301
25 окт. 2026 г.55 983
26 окт. 2026 г.46 045
27 окт. 2026 г.44 204
28 окт. 2026 г.47 936
29 окт. 2026 г.48 787
30 окт. 2026 г.50 794
31 окт. 2026 г.49 262
1 нояб. 2026 г.52 904
2 нояб. 2026 г.44 885
3 нояб. 2026 г.44 232
4 нояб. 2026 г.43 331
5 нояб. 2026 г.46 360
6 нояб. 2026 г.57 862
7 нояб. 2026 г.56 972
8 нояб. 2026 г.59 875
9 нояб. 2026 г.58 925
10 нояб. 2026 г.55 436
11 нояб. 2026 г.50 949
12 нояб. 2026 г.52 420
13 нояб. 2026 г.33 965
14 нояб. 2026 г.38 732
15 нояб. 2026 г.31 242

Самые просматриваемые за месяц

  1. 01
    Просмотры65,4 тыс.
    Пересылки17
    Реакции1,99 тыс.
    Комментарии144
  2. 02
    Просмотры64,9 тыс.
    Пересылки10
    Реакции1,01 тыс.
    Комментарии126
  3. 03
    Просмотры64,8 тыс.
    Пересылки35
    Реакции348
    Комментарии17
  4. 04

    DHUGAA HADHAAWAA : Maaliif "Saba Guddaa" Jechuun Afaaniin Qofa Ta'e? Guyyaa hunda gabaasa keenya hunda xumurree gaafa maxxansinu, dhaadannoo "Saba guddaa waan taaneef, miidiyaa guddaatu nuuf mala!" jedhu barreessina. Har'a garuu miira mufii, aarii fi dadhabbii cimaa keessa taanee dhaadannoo kana madaallii sammuu fi dhugaa lafa jiruun xiinxaluuf dirqamneerra. Sabni tokko lakkoofsa uummataatiin qofa "guddaa" jedhamee waamamuu danda'a; garuu guddina dhugaa fi kabaja kan argatu gaafa dhaabbilee ofii ijaare, gaafa miidiyaa ofii tikfate, fi gaafa nama isaaf dadhabuuf gatii laate qofadha. Afaaniin "nuti saba guddaadha" jechaa, gochaan garuu wanta guddaa of harkaa qaban xiqqeessuu fi diiguun of-gowwoomsuu malee guddina hin ta'u. Mee dhugaa jiru herregaa fi ragaa qabatamaadhaan haa ilaallu. Miidiyaan Abdii Sabaa chaanaalii Afaan Oromoo sadarkaa 1ffaa irra jiru qofa miti; chaanaalota Telegiraamaa guutuu Itoophiyaa keessatti afaan kamiinuu hojjetan kumaatamaan lakkaa'aman keessaa sadarkaa 2ffaa irra kan jiruudha. Afaan Oromootiin hojjechaa guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa ta'uun maal jechuudha? Humna, dandeettii ogummaa, saffisa oduu, xiinxala bilchaataa fi hirriba dhabuu waggoota hedduu gaafate. Osoo nuti beekumsaa fi humna hanga kana ga'u kana gaafa jalqabaa Afaan Amaaraatiin hojjennee turree, silaa waggaa lama dura hordoftoota Miiliyoona 1 (1,000,000) darbinee, har'a miiliyoona lama geenyee jirra. Osoo afaan biraa filanneerra ta'ee, dhaabbileen daldalaa fi baankonni biyya kanaa hiriiranii maallaqa miiliyoonaan lakkaa'amu nuuf kaffalu turan. Nuti garuu maallaqa salphaatti argamuu fi karaa laafaa sana dhiisnee, aarsaa guddaa kaffaluuf murteessine. Sabni keenya odeeffannoo qulqulluu fi saffisaa afaan dhalootaa isaatiin akka argatu, barattoonni yuunivarsiitii keessatti bishaanii fi nyaata dhabanii rakkatan sagalee akka argatan, akkasumas Afaan Oromoo sadarkaa teeknooloojii fi miidiyaa biyyaatti dorgomaa akka ta'uuf jecha dantaa dhuunfaa keenya aarsaa goone. Garuu aarsaa kana hunda kaffallee, miidiyaa Afaan Oromoo guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra kaa'ee, mindaan ykn gatiin nuti hawaasa keenyaa fi abbootii qabeenyaa keenya irraa argachaa jirru maali? Deebiin isaa kan nama qaanessuu fi kan garaa nama gubudha. Gama diinagdeetiin yoo ilaalle, miidiyaan kamiyyuu qilleensa nyaatee hin jiraatu. Addunyaa kana irratti miidiyaan kan jiraatuu fi kan guddatu galii beeksisa (advertisement) irraa argamuuni. Haa ta'u malee, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen daldalaa, fi kaampaanonni Oromoo maallaqa uummata Oromoo irraa walitti qabatu; gaafa beeksisa baafachuu barbaadan garuu chaanaalota Afaan Amaaraa kanneen hordoftoota kuma shantama ykn dhibba tokko qaban, kanneen sadarkaa keenya irraa kumaatamaan gadi jiranitti fiiganii maallaqa kumoota dhibbaan lakkaa'amu dhangalaasu. Miidiyaa Afaan Oromoo isa guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra jiru, kan hordoftoota 600,000 qabu kana garuu akka waan inni hin jirreetti bira darbu. Sabni biraa miidiyaa afaan isaa beeksisaan сореessee (badhaasee) guddisa; kan keenya garuu miidiyaa afaan isaa beelaan ajjeesee kan ormaa soora, waliin dalaguuf namoota miidiyaan keenya gaafatullee "Koominitiin Afaan Oromoo bu'aa hin qabu" nuun jedhu:. Lojikiin (madaalliin) sammuu kun eessaa dhufe? Dhimmi beeksisaa fi abbootii qabeenyaa akkuma jirutti ta'ee, wanti hunda caalaa sammuu namaa cabsuu fi abdii nama kutachiisu amala hordoftoota keenya irratti mul'atudha. Chaanaalii guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra jiru kana hordoftoota 500,000 irraa gara 600,000tti ceesisuuf qofa waggaa sadii ol nutti fudhate. Waggaa sadii guutuu halkanii fi guyyaa osoo boqonnaa hin fudhatin hojjechaa, maaliif lakkoofsi keenya iddoo tokkotti hidhamee taa'e? Sababiin isaas, yeroo nuti dadhabnee lakkoofsa guddaa tokko (milestone) geenyu, akkuma waan guddinni keenya madaa itti ta'eetti duulli "chaanaalii keessaa ba'uu" (leave gochuu) ni jalqaba. Gaafa 500,000, 400,000, 300,000 geenye, akkasuma nu godhan. Amma immoo torbee tokko dura 600,000 guunnee turre. Namooti tokko tokko keessaan baga gammaddan jechaa turtan, gariin keessan ammoo maxxansaa gammachuu maxxansaa jechaa turtan, nuti garuu wanta dhufu beekna turre. Torbee kana guutuu, akkuma waan morkiin ykn wal-dorgommiin "Miidiyaa Abdii Sabaa 600K gadi deebisuu" jiruutti, yeroo namni tokko seenu namoonni lama keessaa ba'aa, lakkoofsi chaanaalichaa 500,00 irratti rarra'ee akka taa'u taasifamaa jira. Mee sammuu nagaa fi madaallii dhugaatiin of haa gaafannu: Namni tokko chaanaalii afaan dhalootaa isaatiin tola, kaffaltii saantima tokko malee, sa'aatii 24 odeeffannoo biyya keessaa fi idil-addunyaa qulqullinaan dhiyeessuuf keessaa maaliif ba'a? Chaanaalii tokko keessa turuun maallaqa hin baasisu, kiisii namaa hin hir'isu. Garuu gaafa chaanaalichi 600,000 guutu eeganii keessaa ba'uun, lakkoofsa sana gadi fiigsisuun hiikni isaa tokko qofa: Innis dhukkuba hinaaffaa, ilaalcha "kan keenya maaliif guddata?" jedhuu fi sammuu guddina walii hin jaallanne qabaachuudha. Saboonni biroo gaafa miidiyaan isaanii lakkoofsa guddaa tokko itti argan, walii galanii, walirratti duulanii guyyaa tokko keessatti miiliyoonatti ceesisu. Keenya keessatti garuu, warra ijaaru irra warra diigutu, warra ol kaasu irra warra gadi harkisutu dammaqinaan hojjeta. Kun madaallii kamiinuu fudhatama hin qabu; kun ofumaan of xureessuu fi of dadhabsiisuudha. Namoonni hedduun oduu fi xiinxalli bilbila isaanii irratti daqiiqaa daqiiqaadhaan dhufu kun akkuma waan rooba samii irraa roobuutti salphaa itti fakkaata. Garuu duuba Miidiyaa Abdii Sabaa dargaggoota dandeettii fi ogummaa olaanaa qaban, kanneen hirriba dhabanii, maatii fi jireenya dhuunfaa isaanii dhiisanii, madda oduu afaanota adda addaa irraa qulqulleessanii, iyyannaa barattootaa fi rakkina hawaasaa dhageessisuuf gubataa oolantu jira. Hojiin kun hundi kan hojjetamu osoo dhaabbileen Oromoo beeksisa nuuf hin kennin, osoo gargaarsi maallaqaa eessayyuu hin jiraatin, jaalala sabaaf qabnu qofaani. Egaa, erga abbootiin qabeenyaa beeksisa nu dhowwatanii, hordoftoonni tokko tokko immoo galata nuuf galchuu mannaa lakkoofsa keenya gadi cabsuuf wal-dorgomanii, nuti hamilee kamiin hojjenna? Namni dadhabbata isaatiif kabaja dhabee, komii fi duubatti harkifamuu qofa argatu akkamiin osoo abdii hin kutatin itti fufuu danda'a? Dhugaa tokko ifatti isiniif kaa'uu barbaanna. Osoo gareen Miidiyaa Abdii Sabaa har'a mufatee hojii kana dhaabee, hooggantooti miidiyichaa hojjettootaaf kafaluu dhaabanii ykn gara afaan biraatti jijjiirratee hojjetee, akka namoota dhuunfaatti nuti homaa hin dhabnu; beekumsaa fi muuxannoo keenyaan iddoo biraatti hojjechuu dandeenya. Garuu gaafa Abdii Sabaan laafu ykn cufamu, kan miidhamu eenyu? Kan miidhamu uummata Oromoo kan miidiyaa guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra jiru dhabuudha. Boru gaafa rakkoon tokko uumamu, gaafa barattoonni keenya yuunivarsiitii keessatti miidhaman, gaafa dhugaan saba keenyaa awwaalamu, miidiyaa ormaa kan dhimma keessaniif hin dhiphanne kadhachuuf dirqamtu. Miidiyaa guddaa of harkaa qaban har'a tuffatanii fi beelessanii, boru "sagalee dhabne" jedhanii boo'uun gowwummaa seenaan dhiifama hin gooneefidha. Kanaafuu, ergaan kun warra miidiyaa kana keessaa ba'uun 600K gadi nu deebisuu barbaadaniif osoo hin taane, hordoftoota keenya kuma dhibba ja'a (600,000) warra dhugumaan dadhabbiin keenya isiniif galuu fi afaan keessan jaallattaniif dhiyaate. Har'a madaalliin sammuu keessanii qoramaa jira. Yoo dhugumaan Miidiyaan Abdii Sabaa jiraachuu fi guddachuu qaba jettanii amantan, yoo dhugumaan warra diigu irra warra ijaarutu caala jettan, har'a gochaan nu agarsiisaa (nuuf mirkaneessaa). Barreeffama kana dubbistanii callistanii bira hin darbinaa! Tokkoon tokkoon keessan hiriyoota keessan affeeruun, liinkii chaanaalii kanaa gareewwan (groups) fi miidiyaa hawaasaa hunda irratti qooduun (Share gochuun), lakkoofsa 500,000 irra rarra'ee jiru kana cabsaatii 600,000 olitti fageessaa!

    Текст
    Просмотры64,5 тыс.
    Пересылки64
    Реакции1,42 тыс.
    Комментарии142
  5. 05
    Просмотры64,4 тыс.
    Пересылки34
    Реакции808
    Комментарии—

Новые посты

#21128Фотоизменён

Sababa Beelaaf Ambaashaa Cabsee Waan Nyaateef Umrii Waggaa 14tti Haati Isaa "Nan Ajjeesa Manatti Hin Galin" Jettee Daandii Irratti Kan Darbatte 'Addaanyi', Waggoota Dheeraa Booda Osoo Haati Isaa Dhiifama Hin Gaafatin Dhiifama Gochuufiin Araarame — Seenaa Isaa Irraa Maal Baranna? Duuba araara dargaggoo ispoortii Addaanyi jedhamuu fi haadha isaa har'a onnee namoota hedduu tuquun boochisaa jiru kanaa, seenaa ijoollummaa baay'ee suukanneessaa fi barnoota jireenyaa guddaa dabarsutu jira. Ijoollummaa isaatiin abbaa fi haadha irraa adda ba'uun harka akaakayyuu fi akkoo isaatti kan guddate Addaanyi, jaalala haadhaa argachuuf yaalii guddaa taasisus wanti inni mana haadha isaatti arge garuu faallaa inni eegaa turee ta'e. Mana haadha isaa keessatti jaalalaa fi kunuunsa dhabuu qofa osoo hin taane, nyaata illee dhowwatamuun dararaa beelaa hamaa keessa darbe. Gaaf tokko beelli humnaa ol itti cimee obsuu dadhabnaan, lubbuu isaa tursiisuuf jecha ambaashaa mana keessa ture irraa cabsee nyaate. Addaanyi beela keessaa ba'uuf ambaashaa cabsee nyaachuu isaa qofaaf haati isaa aariidhaan boba'uun, namoota ollaatti "mucaa kana nan ajjeesa, akka inni mana kootti hin galle!" jechuun dhaamsa ulfaataa itti ergite. Kana qofa osoo hin taane, akka nama ormaatti ilaaluun mana ishee keessa ishee waliin jiraachuuf maallaqa akka kaffalu gaafatte. Mucaan umrii waggaa 14 nyaata dhowwatamee, ambaashaa cabsee nyaannaan "nan ajjeesa" jedhamee manaa ari'amee fi haadha ofii waliin jiraachuuf kaffaltii gaafatame kun, filannoo biraa dhabuun onnee cabaa fi imimmaan waliin manaa ba'ee jireenya daandii irraa eegaluuf dirqame. Haa ta'u malee, hadhaa jireenya daandii irraa keessaa ka'uun addunyaa ispoortii keessatti maqaa isaa waamsisuuf tattaaffii cimaa taasisaa kan jiru Addaanyi, waggoota dheeraa booda madaa fi mufannaa kaleessaa of keessaa baasuun gara magaalaa Halaabaa Quliitootti imalee haadha isaa waliin araarameera. Wanti seenaa kana adda taasisu, haati isaa dogoggoraa fi dararaa kaleessaa sanaaf dhiifama tokkollee isa gaafachuu baattus, inni garuu bilchinaan hubachuun "haadha koo komachuu hin filadhu" jechuun fedhii fi kaka'umsa mataa isaatiin dhiifama gochuufii isaati. Wayita wal-argan imimmaan gammachuutiin kan wal-simatan yoo ta'u, haati isaa ilmi ishee injifannoodhaan akka deebi'u yoo eebbistu, Addaanyis haadha isaa waliin araaramuun isaa milkaa'ina kamiyyuu caalaa boqonnaa sammuu guddaa akka kenneef dubbateera. Gocha Addaanyi kana irraa barnoonni guddaan hawaasni fi dargaggoonni barachuu qaban, dhiifama gochuun nama nu miidhe sanaaf qofa osoo hin taane, fayyaa fi boqonnaa sammuu ofiitiif qoricha guddaa ta'uu isaati. Namoonni hedduun madaa ijoollummaa fi komii maatii irraa qaban garaatti baatanii jiraachuun humnaa fi xiyyeeffannoo egeree isaanii wayita dhaban mul'ata; Addaanyi garuu doorsisa du'aa fi dararaa beelaa irra ga'e hunda irraanfatee "hanga dhiifama na gaafattutti" osoo hin jedhin dhiifama dursuun, ba'aa ulfaataa waggoota dheeraaf baatee ture ofirraa buuseera. Injifannoon dhugaan dirree ispoortii keessatti mo'achuu qofa osoo hin taane, haaloo fi madaa kaleessaa dhiifamaan injifatanii waancaa nagaa sammuu gonfachuu akka ta'e seenaan dargaggoo kanaa barnoota guddaa nuuf laata. Addaanyi ETFC 3tti Joonii waliin morkatuuf kan injifate yoo ta'u, Taphi isaafi Joonii akkaan eegamaa jira. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Открыть в Telegram
Просмотры30 621−39%к среднему
Пересылки19
Реакции472
Комментарии24
Динамика просмотровСкрыть динамику

Рост просмотров

Часов после публикации

Показать таблицей
Часов после публикацииПросмотры
0 ч0
3 ч14 016
17 ч30 621
  1. Через 24 часа30 621
  2. Всего сейчас30 621
#21127Фото

Israa'el Haleellaa Qilleensaa Kibba Gaazaatti Raawwatteen Ajajaa Olaanaa Hamaas 'Samir Abu Younis' Ajjeesuu Beeksiste; Hamaasis Du'a Isaa Mirkaneesse! Waraanni Israa'el (IDF) haleellaa qilleensaa halkan Sambataa kibba Gaazaa irratti raawwateen ajajaa olaanaa damee waraanaa Hamaas (Biriigeedii Al-Qassaam) kan ta'e Samir Mahmuud Hasan Abuu Yuunisajjeesuu isaa ifoomseera. Hamaasis ibsa har'a baaseen ajajaan Biriigeedii Rafaah kan ta'e Abuu Yuunis (Abu Mahmuud jedhamuunis kan beekamu) umrii isaa waggaa 53tti haleellaa kanaan ajjeefamuu mirkaneessuun, sirni awwaalcha isaa har'a waaree booda magaalaa Kaan Yuunis keessatti akka raawwatamu beeksiseera. Akka gabaasa ogeeyyii fayyaa Gaazaa fi ibsa waraana Israa'elitti, haleellaan kun kan raawwatame kibba Gaazaa magaalaa Kaan Yuunis naannawa 'Al-Mawasi' jedhamutti wayita Abuu Yuunis daandii irra deemaa turettidha. Waraanni Israa'el magaalaa Rafaah guutummaatti waan to'ateef, ajajaan kun magaalaa ollaa kan taate Kaan Yuunis keessaa socho'uun waraana Hamaas kan Rafaah hoogganaa ture. Israa'el akka jettetti, Abuu Yuunis caasaa waraanaa Hamaas deebisee ijaaruu fi haleellaa haaraa qindeessuu irratti bobba'ee osoo jiruu rukutame. Samir Abuu Yuunis bara 1991 damee waraanaa Hamaasitti kan makame yoo ta'u, haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwatame qindeessuu fi hoogganuu keessatti ajajoota ijoo turan keessaa tokko ta'uu Hamaas ibseera. Ajajaan kun hoogganaa Biriigeedii Rafaah ta'ee kan muudame ji'oota lama dura, erga ajajaan isa dura ture Naa'el Abuu Obeeyid Fulbaana 15, 2026 haleellaa qilleensaa Israa'eliin ajjeefamee booda ture. Kunis erga waraanni eegalee asitti ajajaa Biriigeedii Rafaah sadaffaa Israa'el ajjeeste isa taasisa. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Onkoloolessa bara 2025 irra ga'ame waraana guutuu Gaazaa keessatti dhaabsisus, Hamaas hidhannoo hiikkachuu diduu isaa hordofuun Israa'el haleellaa ajajoota garee kanaa irratti raawwachuu itti fufteetti. Akka ragaan Biiroo Fayyaa Gaazaa agarsiisutti, erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu sun mallatteeffamee asitti qofa lammiileen Falasxiin 1,600 ol haleellaa Israa'eliin kan ajjeefaman yoo ta'u, gama Israa'eliitiin loltoonni 5 ajjeefamaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Открыть в Telegram
Просмотры31 889−36%к среднему
Пересылки4
Реакции213
Комментарии0
Динамика просмотровСкрыть динамику

Рост просмотров

Часов после публикации

Показать таблицей
Часов после публикацииПросмотры
0 ч0
4 ч17 918
18 ч31 889
  1. Через 24 часа31 889
  2. Всего сейчас31 889
#21126Текстизменён
Просмотры31 215−38%к среднему
Пересылки1
Реакции28
Комментарии42
Динамика просмотровСкрыть динамику

Рост просмотров

Часов после публикации

Показать таблицей
Часов после публикацииПросмотры
0 ч0
5 ч19 718
18 ч31 215
  1. Через 6 часов19 718
  2. Через 24 часа31 215
  3. Всего сейчас31 215
#21125Фото
Просмотры39 629−21%к среднему
Пересылки27
Реакции207
Комментарии49
Динамика просмотровСкрыть динамику

Рост просмотров

Часов после публикации

Показать таблицей
Часов после публикацииПросмотры
0 ч0
4 ч12 728
16 ч27 745
30 ч39 629
  1. Через 24 часа39 629
  2. Всего сейчас39 629
#21124Фото

Ogeeyyiin Fayyaa Aanaa Zuwaay Dugdaa Kaffaltiin ‘Night Duty’ Gurraandhala 2018 Irraa Eegalee Nuuf Hin Kaffalamne Jechuun Komii Kaasan; Bulchiinsi Aanichaa Yeroo Gabaabaa Keessatti Ni Kaffalama Jedhe! Godina Kibba Baha Oromiyaa Aanaa Zuwaay Dugdaatti ogeeyyiin fayyaa kaffaltii hojii halkanii (Night Duty) ji’a Gurraandhalaa bara 2018 irraa eegalee hanga har’aatti nuuf hin kaffalamne jechuun komii qaban Miidiyaa Abdii Sabaatti himataniiru. Komii ogeeyyii fayyaa kana bu’uura godhachuun Miidiyaan Abdii Sabaa ogeeyyii komii dhiyeeffatanii fi hoggantoota mootummaa sadarkaa aanichaatti dhimmichi kallattiin ilaallatu bilbilaan quunnameera. Akka ogeeyyiin fayyaa Aanaa Zuwaay Dugdaa Miidiyaa Abdii Sabaatti himanitti, kaffaltiin ‘Night Duty’ ji’a Gurraandhalaa bara 2018 irraa eegalee osoo hin kaffalamin kan ture yoo ta’u, rakkoo kana furuuf Waajjira Fayyaa, Waajjira Bulchiinsaa fi Waajjira Maallaqaa aanichaatti, akkasumas yeroo garaagaraatti hanga sadarkaa godinaatti deemuun iyyachaa turaniiru. Qaamoleen kunis dhuma ji’a Onkoloolessaatti kuufamni isaanii guutummaan guutuutti akka kaffalamuuf waadaa galaniifii gara hojii idilee isaaniitti deebi’anis, hanga ammaatti kaffaltiin ji’a lamaa qofti raawwatamuun waadaan galame guutummaatti osoo hin kabajamin hafuu ibsaniiru. Haalli kunis mirga isaanii gaafachuuf ammas irra deebiin gara bulchiinsa aanichaatti akka deddeebi’an isaan dirqisiisuu dubbatu. Miidiyaan Abdii Sabaa komii ogeeyyii fayyaa kana qulqulleeffachuuf Itti-aanaa Bulchaa Aanaa Zuwaay Dugdaa Obbo Jamaal Badhaasoo fi Itti-gaafatamaa Waajjira Fayyaa Aanichaa Obbo Muhammad Qaasim bilbilaan quunnamee gaafateera. Hoggantoonni kunis komiin ogeeyyii fayyaa kun dhugaa ta’uu mirkaneessuun, bara 2018 keessa rakkoon nageenyaa naannawa sana turee fi danqaaleen hojii biroo mudatan kaffaltiin kun yeroodhaan akka hin raawwatamneef gufuu ta’uu ibsaniiru. Gaaffii Miidiyaan Abdii Sabaa “rakkoon ogeeyyii fayyaa amansiisaa waan ta’eef guyyaa hangamii keessatti furmaata waaraa argatu?” jechuun dhiyeesseef, hoggantoonni aanichaa deebii kennaniin yeroo ammaa qaamolee dhimmichi ilaallatu mara waliin ta’uun xiyyeeffannoo olaanaadhaan qabatanii hojjetaa jiraachuu himaniiru. Dabalataanis, ogeeyyii fayyaa aanichaa waliin mari’achuun waliigalteerra ga’amuu fi turtii yeroo gabaabaa keessatti kaffaltii ‘Night Duty’ kuufamee jiru hundaa waliin kaffaluuf haaldureewwan barbaachisan mijeessanii xumuruu isaanii Miidiyaa Abdii Sabaatti himaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Открыть в Telegram
Просмотры38 318−24%к среднему
Пересылки9
Реакции113
Комментарии8
Динамика просмотровСкрыть динамику

Рост просмотров

Часов после публикации

Показать таблицей
Часов после публикацииПросмотры
0 ч0
5 ч15 611
17 ч28 567
31 ч38 318
  1. Через 6 часов15 611
  2. Через 24 часа28 567
  3. Всего сейчас38 318
#21123Фото

AMMEE: Samii Ameerikaa Irratti Sochiin Xiyyaaraa Guutummaatti Dhaabbate! Seenaa geejjiba qilleensaa Ameerikaa keessatti taatee hin baratamneen, Jimaata kaleessaa sa'aatii 3:54 waaree booda irraa eegalee xiyyaaronni Ameerikaa keessaa ka'an hundi—xiyyaara xiqqaa irraa kaasee hanga xiyyaarota imaltootaa idil-addunyaa gurguddootti—lafa irraa akka hin kaane ajajni hatattamaa (nationwide ground stop) darbeera. Abbaan Taayitaa Geejjiba Qilleensaa Federaalaa Ameerikaa (FAA) tarkaanfii kana kan fudhate "haala addaa mudatee fi nageenya imaltootaa eeguuf" jedhee kan ibse yoo ta'u, murteen kun buufata xiyyaaraa tokko ykn daandii qilleensaa tokko qofa osoo hin taane, guutummaa Ameerikaa al-tokkotti kan dhaabe ta'uun gabaafameera. Akka ibsa FAA fi Ministira Geejjibaa Ameerikaa Shaan Daafiitti, balaan kun kan mudate wiirtuuwwan to'annoo tiraafika qilleensaa Ameerikaa (Air Route Traffic Control Centers) hunda irratti citiinsi quunnamtii telee-komiyunikeeshinii cimaan waan uumameefidha. Wiirtuuwwan kunniin xiyyaaronni kumaatamaan lakkaa'aman samii keessatti akka walitti hin buune to'achuu fi kallattii agarsiisuu keessatti gahee murteessaa qabu; quunnamtiin isaanii yeroo addaan citutti tarkaanfiin nageenyaa inni filatamaan sochii xiyyaaraa hunda dhaabuudha. Xiyyaaronni durumaan samii irra turan akka qubatan kan eeyyamame yoo ta'u, xiyyaaronni biyya alaatii dhufanis of-eeggannoon keessummeeffamaniiru; garuu xiyyaarri haaraan kamiyyuu lafa irraa akka hin kaane dhorkameera. Taatee kanaan walqabatee hanga galgala kaleessaatti guyyaa tokko qofatti imalli xiyyaaraa 10,000 ol kan harkifame yoo ta'u, imalli 2,000 ta'an immoo guutummaatti haqamuun buufataaleen xiyyaaraa Ameerikaa bakka kuufama imaltootaatti jijjiiramaniiru. Sababni citiinsa quunnamtii kanaa maal akka ta'e hanga ammaatti qulqullaa'ee kan hin beekamne yoo ta'u, Ministeerri Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa (Department of Homeland Security) hanga ammaatti mallattoon haleellaa saayibarii kan hin argamne ta'us, garuu wanti kamuu qorannoo keessaa kan hin baane ta'uu akeekkachiiseera. Haleellaa Fulbaana 11 (9/11) bara 2001 fi rakkoo bara 2023 mudateen booda, waggoota 25 darban keessatti sochiin geejjiba qilleensaa Ameerikaa guutummaatti yeroo dhaabbatu kun yeroo sadaffaadha. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Открыть в Telegram
Просмотры38 250−24%к среднему
Пересылки4
Реакции272
Комментарии8
Динамика просмотровСкрыть динамику

Рост просмотров

Часов после публикации

Показать таблицей
Часов после публикацииПросмотры
0 ч0
12 ч23 827
38 ч38 250
  1. Всего сейчас38 250
#21122Фотоизменён
Просмотры32 626−35%к среднему
Пересылки10
Реакции73
Комментарии17
Динамика просмотровСкрыть динамику

Рост просмотров

Часов после публикации

Показать таблицей
Часов после публикацииПросмотры
0 ч0
4 ч8 207
16 ч26 264
28 ч32 626
  1. Через 6 часов8 207
  2. Через 24 часа32 626
  3. Всего сейчас32 626
#21121Фото
Просмотры35 304−30%к среднему
Пересылки4
Реакции99
Комментарии1
Динамика просмотровСкрыть динамику

Рост просмотров

Часов после публикации

Показать таблицей
Часов после публикацииПросмотры
0 ч0
5 ч12 506
17 ч28 612
29 ч35 304
  1. Через 6 часов12 506
  2. Через 24 часа35 304
  3. Всего сейчас35 304
#21120Фото
Просмотры60 314+20%к среднему
Пересылки217
Реакции363
Комментарии19
Динамика просмотровСкрыть динамику

Рост просмотров

Часов после публикации

Показать таблицей
Часов после публикацииПросмотры
0 ч0
6 ч15 364
23 ч39 988
29 ч46 500
67 ч60 314
  1. Через 6 часов15 364
  2. Через 24 часа39 988
  3. Всего сейчас60 314
#21118Фото

BILIYEENARA SAGAAGALUMMAAF DHAABBATE OFII KEESSAA ARIYAME: Hoji-Geggeessaan Olaanaan Dhaabbata 'Nvidia' Jensen Huang Sagaagalummaa fi Shakkii Basaasummaa Chaayinaatiin Walqabatee Dhaabbata Ofii Hundeessanii Guddisan Gadiidhiisan; Eelon Maask "Isa Qacaruun Anaaf Kabaja Guddaadha" Jedhan! ⠀ Hoji-geggeessaan olaanaa (CEO) fi hundeessaan dhaabbata teeknooloojii fi 'AI' addunyaa irratti sadarkaa duraa irra jiru 'Nvidia' kan ta'an Jensen Huang, haadha warraa isaanii irratti sagaagaluu (cheating) fi dubartii basaastuu mootummaa Chaayinaati jedhamtee shakkamtu waliin hariiroo iccitii uumuu isaaniitiin walqabatee, dhaabbata waggoota 33'f ofii ijaaranii guddisan har'a ifatti gadiidhiisaniiru. Jensen Huang bara 1993 umrii isaanii waggaa 30tti dhaabbata 'Nvidia' kan hundeessan yoo ta'u, dhaabbaticha gara gatii doolaara tiriiliyoona 4.2 oliitti guddisuun addunyaa teeknooloojii 'Artificial Intelligence' (AI) dhuunfachiisaniiru. Haa ta'u malee, qorannoo fi dhiibbaa boordii dhaabbatichaa hordofuun har'a aangoo isaanii gadiidhiisuuf dirqamaniiru. ⠀ Kufaatiin hoogganaa cimaa kanaa kan eegale, gaazexaan 'The New York Times' fi dhaabbanni FBI Ameerikaa Jensen Huang dubartii 'Alice Huang' jedhamtu, kan dhaabbata 'Megaspeed' keessa hojjettuu fi Ministeera Nageenya Biyyaalessaa Chaayinaatiif basaastuu ta'uun shakkamtu, waliin hariiroo jaalalaa dhoksaa qabaachuu isaanii erga saaxilanii boodadha. Mootummaan Ameerikaa dubartiin kun tooftaa jaalalaatiin (honeytrap) hoogganaa kanatti dhiyaachuun chiipsiiwwan 'AI' Ameerikaan Chaayinaatti akka hin gurguramne dhorkite karaa naannawaatiin argachuuf yaalaa turte jedhee shakka. Jensen Huang Dilbata darbe haadha warraa isaanii irratti dogoggora raawwachuu (cheating) amanuun hojjettoota isaanii dhiifama kan gaafatan yoo ta'u, Pireezidaant Doonaald Tiraampitti garuu dubartiin sun basaastuu ta'uu ishee quba akka hin qabne himanii turan. ⠀ Haa ta'u malee, galgala kaleessaa qorannoo biraa ba'een Jensen Huang dubartii basaastuu Chaayinaa jedhamte sana qofa osoo hin taane, hojjettuu dhaabbata 'Nvidia' isaan jala jirtu kan maqaan ishee Kimberly Powell jedhamtu (Itti-aantuu Pireezidaantii Damee Fayyaa Nvidia) waliinis hariiroo sagaagalummaa lammaffaa qabaachuun isaanii saaxilameera. Saaxilamuu dhimmoota lamaanii kana hordofuun gatiin gabaa dhaabbata 'Nvidia' doolaara biiliyoona 600 oliin kan gadi bu'e yoo ta'u, boordiin dhaabbatichaa walga'ii hatattamaa taa'uun hoogganaa kana aangoo irraa kaasuuf murteessuu hordofee, Jensen Huang har'a ganama fedhii isaaniitiin aangoo gadiidhiisaniiru; bakka isaaniis Colette Kress hoji-geggeessituu yeroo ta'uun muudamteetti. ⠀ Gama biraatiin, hoogganaan cimaan addunyaa teeknooloojii jijjiire kun dhaabbata ofii ijaare keessaa ari'amuuf jedha oduun jedhu akkuma dhaga'ameen, abbaan qabeenyaa addunyaa Eelon Maask deeggarsa guddaa agarsiisaniiru. Fuula 'X' (Twitter duraanii) irratti gaaffii "Eelon maaloo Jensen qacari" jedhuuf Eelon Maask deebii hatattamaa kennaniin, "Isa qacaruun (waliin hojjechuun) anaaf kabaja guddaadha" (That would be an honor) jechuun, ogeessa cimaa kana dhaabbilee isaanii kanneen akka Tesla, SpaceX ykn xAI keessatti simatanii waliin hojjechuuf qophii ta'uu isaanii addunyaaf ifoomsaniiru. ⠀ SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! ⠀ MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Открыть в Telegram
Просмотры49 014−2%к среднему
Пересылки10
Реакции201
Комментарии1
Динамика просмотровСкрыть динамику

Рост просмотров

Часов после публикации

Показать таблицей
Часов после публикацииПросмотры
0 ч0
6 ч14 091
23 ч31 706
29 ч36 974
67 ч49 014
  1. Через 6 часов14 091
  2. Через 24 часа31 706
  3. Всего сейчас49 014

Все посты

Связи