No text
Open in TelegramPosts of ABDII SABAA
AMMEE: Caffeen Oromiyaa Caasaa Haaraa Naannichi Godinaalee Jaha (6) Qofa Akka Qabaatu Taasisu Raggaasise Yaa'ii hundeeffamaa Caffeen Oromiyaa har'a gaggeesseen, labsiin haaraan caasaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa bifa haaraan gurmeessuu fi godinaalee digdamii tokko (21) turan gara godinaalee jaha (6) qofaatti dachaasu sagalee guutuun ragga'eera. Labsiin kun seenaa bulchiinsa naannichaa keessatti yeroo jalqabaatiif godinaaleef raamii seeraa fi angoo murtoo kennuu guutuu kan kenne ta'uun ibsameera. Haaluma kanaan, caasaan haaraan kun kallattii irratti hundaa'uun naannicha deebisee kan gurmeessu yoo ta'u, godinaaleen haaraan kunis Godina Bahaa, Dhihaa, Giddugaleessaa, Kibbaa, Kibba Lixaa fi Kibba Bahaa jechuun maqaan kennameeraaf. Labsiin kun gurmaa'insa, angoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu godinaalee, aanaalee fi gandootaa ifatti murteessuuf kan bahe akka ta'e ifoomeera. Wixinee labsii haaraa kana ilaalchisuun miseensota Caffeetiif ibsa bal'aa kan kennan Hogganaa Biiroo Haqaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo, labsiin kun riifoormiiwwan hunda-galeessa naannicha keessatti eegalaman itti fufsiisuuf kan qophaa'e ta'uu hubachiisaniiru. Tajaajiloonni naannoo Oromiyaa keessatti kennaman gara caasaa gadiitti bu'aa jiraachuu kan eeraan hogganichi, caasaan godinaalee haaraan kun haala gurmaa'insaa, to'annoo fi hordoffiitiif baay'ee mijaawaa ta'uu ibsaniiru. Dabalataanis, labsiin kun waajjiraalee godinaalee jahan kana jalatti argaman ifatti kan kaa'ee fi angoo murteessummaa olaanaa godinaaleef kan kennu yoo ta'u, sirna mootummaan naannichaa ijaaru deeggarsa seeraatiin guutummaatti akka cimu kan taasisu akka ta'e eeraniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramEeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS 🤖 https://t.me/Asbeksbot/start ⚡️ @AsbeksPlatform
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 3,704 |
| 2 h | 9,867 |
- After 1 hour3,704
- Total to date9,867
No text
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 6,732 |
| 5 h | 23,698 |
- After 1 hour6,732
- After 6 hours23,698
- Total to date23,698
Tigraayitti Akkawontii Cufame Akkamitti Banattu: Baankiin Daldalaa Itoophiyaa Maamiltoota Herreegni Baankii Isaanii Naannoo Tigraayitti Cufameef Dameewwan 12 Finfinneetti Ramade Sababa rakkoo nageenyaa kaaba biyyattiitiin wal qabatee herreegni baankii maamiltootaa dameewwan Baankii Daldalaa Itoophiyaa naannoo Tigraayitti argaman keessatti ugguramee ykn cufamee ture akka gadhiifamuu fi tajaajila kennu, baankichi dameewwan filataman kudha lama (12) magaalaa Finfinnee keessatti qopheessuu isaa ifoomseera. Akka ibsa baankichaatti, tarkaanfiin kun maamiltoota sababa dhabamuu tajaajilaatiin rakkachaa turaniif furmaata hatattamaa kennuu fi gara tajaajila idilee isaaniitti akka deebi'an taasisuuf kan yaadamedha. Haaluma kanaan, maamiltoonni kanaan dura naannoo Tigraayitti herreega baankii banatanii turan hundi, tajaajila herreega isaanii uggurame kana bansiifachuu fi sochoosuuf qaamaan argamuun dameewwan magaalaa Finfinnee keessatti ramadaman kanneen akka damee Finfinnee, Qaallittii, Taklahaymaanoot, Nifaas Silk, Sharaatan, Kiiloo Ja'a (6 Kilo), CMC, Tafarraa Daggifee, Marii, Xamanjaa Yaazhii, Teelee Madhaani'aalamii fi damee Xoor Hayiloochii deemuun tajaajilamuu akka danda'an baankichi hubachiiseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 6,632 |
| 5 h | 22,228 |
- After 1 hour6,632
- After 6 hours22,228
- Total to date22,228
Raayyaan Ittisa Biyyaa Magaalaa Alaamaaxaa Qaxxaamuruun Gara Makoonii fi Maayicaawutti Imalaa Jiraachuu Ibsame Viidiyoon socho'aan dhiheenya bahe akka agarsiisutti, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kaleessa magaalaa Alaamaaxaa qaxxaamuruun gara kallattii magaalaa Makoonii fi Maayicaawutti socho'aa jira. Jiraattonni magaalaa Alaamaaxaa humnoota nageenyaa mootummaatiif simannaa ho'aa kan taasisan yoo ta'u, raayyichi magaalattii keessa yeroo dheeraaf osoo hin turin qaxxaamuree gara fuulduraatti imala isaa itti fufuu isaa gabaafameera. Yeroo ammaa kana walitti bu'iinsa haaraa kaaba Itoophiyaatti deebi'ee dhalate hordofuun, naannichatti dhiphinnii fi yaaddoon nageenyaa hamaan uumamee akka jiru maddeen ni eeru. Gama biraatiin, humnoonni TPLF iddoowwan to'atanii turan gadhiisuun gara naannoo Tigraay, keessumaa kallattii magaalaa Maqaleetti deebi'aa fi socho'aa akka jiran ragaaleen ni agarsiisu. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 10,189 |
| 5 h | 23,127 |
- After 1 hour10,189
- After 6 hours23,127
- Total to date23,127
No text
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 631 |
| 5 h | 24,193 |
- After 6 hours24,193
- Total to date24,193
Obbo Shimallis Abdiisaa Irra Deebi'uun Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Ta'uun Muudaman; Caffeen Muudama Kaabinee Haaraa Raggaasise Yaa'iin idilee 1ffaa waggaa 1ffaa bara hojii 7ffaa Caffee Oromiyaan taa'amaa jiru, Obbo Shimallis Abdiisaa irra deebi'uun Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa taasisuun filatee muudeera. Yaa'iin kun haasawaa fi gabaasa dhiyaate hordofuun, muudama qaamolee raawwachiiftuu naannichaa haaraa pirezidaantichaan dhiyaate hunda guutummaatti raggaasiseera. Akkaataa labsii haaraa bahe lakkoofsa 267/2019 bu'uura godhachuun, namoonni ja'a (6) sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti muudamaniiru. Isaanis; Obbo Abduurahmaan Abdallaa, Obbo Masfin Malaakuu, Dr. Rashaad Kamaal, Dr. Mangistuu Baqqalaa, Obbo Ahimad Idiriis fi Obbo Ahimad Haajii ta'uun Caffeef dhiyaatanii ragga'aniiru. Gama biraatiin, muudamtoonni sadarkaa hogganaa biirootti muudaman; Dr. Tolaa Bariisoo Hogganaa Waajjira Pirezidaantii, Obbo Guyyoo Waariyoo Hogganaa Biiroo Haqaa, Dr. Abdulaaziiz Daawud Hogganaa Biiroo Maallaqaa, Obbo Tasfaayee Tuluu Hogganaa Biiroo Galiiwwanii, Dr. Abdii Yuuyaa Hogganaa Biiroo Karooraa fi Misoomaa, Dr. Bultoosaa Hirkoo Hogganaa Biiroo Barnootaa, akkasumas Piroofeesar Natsaannat Warqinah Hogganaa Biiroo Fayyaa ta'uun muudamaniiru. Dabalataanis, Obbo Tashoomaa Booggaalaa Hogganaa Biiroo Qonnaa, Dr. Namarraa Gabayyoo Hogganaa Biiroo Misooma Albuudaa fi Inarjii, fi Obbo Taarraqanyi Bulultaa Hogganaa Biiroo Intarpiraayizii fi Indastirii ta'uun ragga'aniiru. Akkasumas kaabineewwan hafan; Dr. Adaaree Asaffaa Hogganaa Biiroo Daldalaa fi Inveestimantii, Aadde Masarat Asaffaa Hogganaa Biiroo Lafaa, Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan Hogganaa Biiroo Dubartootaa fi Hawaasummaa, Obbo Xilaahuun Warquu Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa, Dr. Aayaantuu Guuttataa Hogganaa Biiroo Kalaqaa fi Teeknooloojii, Aadde Ildaanaa Suleeymaan Hogganaa Biiroo Tuurizimii, Obbo Tijaanii Naasir Hogganaa Biiroo Nageenyaa, Aadde Roozaa Biyyaa Hogganaa Biiroo Aadaa fi Ispoortii, Injiinar Girmaa Raggaasaa Hogganaa Biiroo Jallisii fi Horsiisee Bulaa, Injiinara Habiib Qumbii Hogganaa Biiroo Daandii fi Loojistiksii, fi Injiinara Maariyaa Gutaa Hogganaa Biiroo Bishaanii ta'uun guutummaatti Caffeetiin mirkanaa'eera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 601 |
| 5 h | 22,506 |
- After 6 hours22,506
- Total to date22,506
No text
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 5,827 |
| 3 h | 19,015 |
| 21 h | 47,664 |
- After 24 hours47,664
- Total to date47,664
No text
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 5,836 |
| 3 h | 19,034 |
| 21 h | 48,210 |
- After 24 hours48,210
- Total to date48,210
No text
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 5,796 |
| 3 h | 18,880 |
| 21 h | 47,662 |
- After 24 hours47,662
- Total to date47,662
Kaffaltiin Qormaata Ba'iinsa Yuunivarsiitii Qarshii 750 irraa gara Qarshii 2,000tti Ol Guddate Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa kaffaltiiwwan tajaajila adda addaatiif kaffalaman fooyyessuun danbii haaraa baaseera. Haaluma kanaan, kaffaltiin qormaata ba'iinsa yuunivarsiitii (Exit Exam) kanaan dura qarshii 750 ture gara qarshii 2,000tti ol guddateera. Kaffaltii kana keessaa qarshiin 500 kaffaltii galmeef, qarshiin 1,500 immoo kaffaltii qormaataatiif kan oolu yoo ta'u, lammiilee biyya alaatiif immoo doolaarii 100 akka kaffalan murtaa'eera. Dabalataanis danbii haaraa kanaan, kaffaltiin qormaata seensa sagantaa digrii lammaffaa (NGAT) lammiilee Itoophiyaatiif qarshii 3,500 (galmeef 500 fi qormaataaf 3000), lammiilee alaa immoo doolaarii 100 akka ta'u murtaa'eera. Galmeen qormaata kutaa 12ffaa lammiilee biyya keessaaf qarshii 950 fi lammiilee alaaf doolaarii 100 ta'eera. Akkasumas, madaalliin gahumsaa fi heyyama ogummaa lammiilee Itoophiyaatiif qarshii 3,500 (galmeef 1,000 fi qormaataaf 2,500), lammiilee biyya alaatiif immoo doolaarii 150 akka kaffalan ta'eera. Tajaajilawwan ragaa barnootaa waliin wal qabatanis fooyya'iinsi kaffaltii taasisameera. Ragaa barnootaa bakka buusuuf lammiilee biyya keessaaf qarshii 600 fi alaa doolaarii 115, ragaa bakka buusuu fi mirkaneessuuf qarshii 900 fi doolaarii 170, ragaa qulqulleessuuf ykn mirkaneessuuf qarshii 400 fi doolaarii 75, dogoggora qubee maqaa sirreessuuf qarshii 700 fi doolaarii 130, akkasumas tiraanskiriipii ofiishiaalaa erguuf lammiilee biyya keessaaf qarshii 750 fi lammiilee alaaf doolaarii 50 akka kaffalan murtaa'eera. Kana malees, ragaa bu'aa qormaataa dhimma qorannoof dhaabbilee barbaadaniif qorannoo tokkoof qarshii 10,000 (dhaabbilee biyya alaatiif doolaarii 1,875), namoota dhuunfaaf immoo lammiilee biyya keessaaf qarshii 1,000 fi alaa doolaarii 190 akka kaffalamu ifoomeera. Meeshaalee madaallii tajaajilaniin irra deebi'anii fayyadamuuf baasii waliigalaa irraa dhibbantaa 5, meeshaa madaallii haaraa qopheessuuf immoo dhibbantaa 10 kaffaltiin akka raawwatamus danbichi ni agarsiisa. Tarreeffamni kaffaltii haaraa kun Danbii lakkoofsa 593/2018 ttiin kan ifoome ta'uun ibsameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 5,795 |
| 3 h | 18,862 |
| 21 h | 47,454 |
- After 24 hours47,454
- Total to date47,454
Eeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS 🤖 https://t.me/Asbeksbot/start ⚡️ @AsbeksPlatform
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 7,839 |
| 6 h | 28,221 |
- After 1 hour7,839
- After 6 hours28,221
- Total to date28,221
Viidiyoo Ediitingii (Video Editing) Bilbila Harkaa Qofaan Baradhaa! Viidiyoowwan qulqullina olaanaa qaban bilbila harkaa keessan qofaan akkamitti akka 'edit' gootan barachuu ni barbaadduu? Carraa gaarii dhiyaate kana fayyadamaa! Dandeettii kana horachuuf ulaagaan barbaadamu bilbila harkaa (Smartphone) qabaachuu qofa yoo ta'u, kaffaltii baay'ee xiqqaa ta'e, qarshii 199 qofaan barnoota kana guutummaatti argachuu ni dandeessu. Ogummaa yeroon kun barbaadu kana horachuuf carraa kanaan fayyadamaa! Barnoota kana amma eegaluuf liinkii asii gadii kana tuqaa: 👇👇👇 https://fulbek.com/learn/video-editing-f9b9b1ef barnooti kun @Abdii_Sabaa_University tiin isniif qophaa'e. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 7,934 |
| 6 h | 28,166 |
| 24 h | 44,714 |
- After 1 hour7,934
- After 6 hours28,166
- After 24 hours44,714
- Total to date44,714
Abbaan Obbo Geetaachoo Raddaa, Obbo Raddaa Kaahsaay Du'aan Boqotan Pirezidaantii duraanii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay fi yeroo ammaa Gorsaa Muummee Ministiraa Dhimmoota Baha Afrikaa kan ta'an Obbo Geetaachoo Raddaa, abbaan isaanii Obbo Raddaa Kaahsaay addunyaa kanarraa du'aan boqochuun isaanii dhaga'ameera. Boqochuu maanguddoo kanaatiin wal qabatee maatii, firoottan fi firoota dhihoo biratti gaddi cimaan uumamee jira. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 9,829 |
| 8 h | 34,758 |
| 26 h | 47,694 |
- After 1 hour9,829
- After 6 hours34,758
- After 24 hours47,694
- Total to date47,694
ODUU AMMEE: Magaalaa Maqaleetti Buufanni Tamsaasa 'Tigray TV' Dirooniin Rukutamuu Gabaafame; Magaalaa Allaamaaxaatti Tajaajilli Neetwoorkii Cite Walitti bu'iinsa fi waraana kaaba biyyattii keessatti haareffame hordofuun, ganama har'aa magaalaa Maqalee keessatti giddu-galli tamsaasa miidiyaa 'Tigray TV'—kan dhiheenya kana Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaatiin tamsaasni isaa dhorkamee ture—haleellaa dirooniitiin rukutamuu isaa maddeen gabaasaniiru. Haleellaan kun dhiphinaa fi sodaa nageenyaa naannicha keessa jiru daran kan hammeesse yoo ta'u, miidhaa qaqqabe ilaalchisee odeeffannoon dabalataa qulqullaa'aa jiraachuu beekameera. Gama biraatiin, magaalaa Allaamaaxaa keessatti tajaajilli neetwoorkii fi bilbilaa guutummaatti addaan cituu isaatiin, qunnamtiin bilbilaa bakkeewwan muraasa filataman qofatti hojjetaa akka jiru jiraattonni ibsaniiru. Haaluma kanaan wal qabatee, miseensonni humnoota nageenyaa mootummaa magaalattii keessatti socho'aa jiru. Waraanni fi walitti bu'iinsi uumame kun hatattamaan akka dhaabbatuuf qaamoleen garaa garaa fi hawaasni waamicha dhiyeessaa jiru. Waraanni obbolummaa kun du'aa fi miidhaa lammiilee nagaa kan baay'isu, mancaatiin qabeenyaa akka hammaatu kan taasisuu fi guddina biyyaa boodatti kan harkisu waan ta'eef, waldiddaan jiru hundi karaa nagaa fi araaraatiin akka furamu hawwii uummata bal'aati. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 7,188 |
| 10 h | 40,221 |
| 28 h | 51,160 |
- After 1 hour7,188
- After 24 hours51,160
- Total to date51,160
Eeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS 🤖 https://t.me/Asbeksbot/start ⚡️ @AsbeksPlatform
Open in TelegramEeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS 🤖 https://t.me/Asbeksbot/start ⚡️ @AsbeksPlatform
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 7,503 |
| 11 h | 21,802 |
- After 1 hour7,503
- Total to date21,802
No text
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 9,707 |
| 11 h | 23,721 |
| 28 h | 56,289 |
| 46 h | 65,335 |
- After 1 hour9,707
- After 24 hours56,289
- Total to date65,335
No text
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 9,710 |
| 11 h | 23,613 |
| 28 h | 56,595 |
| 46 h | 66,532 |
- After 1 hour9,710
- After 24 hours56,595
- Total to date66,532
No text
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 8,745 |
| 11 h | 20,755 |
| 28 h | 50,751 |
| 46 h | 60,617 |
- After 1 hour8,745
- After 24 hours50,751
- Total to date60,617
No text
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 8,724 |
| 11 h | 20,436 |
| 28 h | 49,413 |
| 46 h | 58,046 |
- After 1 hour8,724
- After 24 hours49,413
- Total to date58,046
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Hundaaf Baga Ayyaana Masqalaa Damaraatiin Isin Gahe! Miidiyaan Abdii Sabaa hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga ayyaana Damaraa bara 2019tiif nagaan geessan jechuun hawwii qabu dabarsa. Ayyaanni kun amantoota biratti mallattoo ifaa fi abdiitiin kan kabajamu yoo ta'u, dhaloota irraa dhalootatti aadaa, safuu fi tokkummaan kan dabarfamaa dhufe ta'uun isaa ni beekama. Guyyaan ifti dukkanarratti injifannoo argate jedhamee amanamu kun, biyya keenya Itoophiyaafis nagaa waaraa, araara, tasgabbii fi badhaadhina kan fidu akka ta'u hawwina. Yeroo ayyaana kana kabajan, aadaa wal-kabajuu, jaalala, waldanda'uu fi wal-gargaarsaa calaqqisiisuun lammiilee harka-qalleeyyii fi rakkatan gargaaruun aadaa keenya isa bu'uuraati. Kanaafis, amantoonni hunduu miira obbolummaa fi gargaarsaan ayyaana kana akka dabarsan dhaamama. Dhumarrattis, ayyaanni Damaraa bara kanaa kan nagaa, fayyaa, gammachuu fi eebbaa akka isiniif ta'u hawwina. Baga ittiin isin gahe! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 8,730 |
| 11 h | 20,548 |
| 28 h | 48,259 |
| 46 h | 56,434 |
- After 1 hour8,730
- After 24 hours48,259
- Total to date56,434
Eeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS 🤖 https://t.me/Asbeksbot/start ⚡️ @AsbeksPlatform
Open in TelegramViidiyoo Ediitingii (Video Editing) Bilbila Harkaa Qofaan Baradhaa! Viidiyoowwan qulqullina olaanaa qaban bilbila harkaa keessan qofaan akkamitti akka 'edit' gootan barachuu ni barbaadduu? Carraa gaarii dhiyaate kana fayyadamaa! Dandeettii kana horachuuf ulaagaan barbaadamu bilbila harkaa (Smartphone) qabaachuu qofa yoo ta'u, kaffaltii baay'ee xiqqaa ta'e, qarshii 199 qofaan barnoota kana guutummaatti argachuu ni dandeessu. Ogummaa yeroon kun barbaadu kana horachuuf carraa kanaan fayyadamaa! Barnoota kana amma eegaluuf liinkii asii gadii kana tuqaa: 👇👇👇 https://fulbek.com/learn/video-editing-f9b9b1ef barnooti kun @Abdii_Sabaa_University tiin isniif qophaa'e. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 4,172 |
| 14 h | 34,217 |
- After 1 hour4,172
- Total to date34,217
No text
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 6 h | 20,885 |
| 22 h | 43,046 |
| 39 h | 58,253 |
| 58 h | 63,755 |
- After 6 hours20,885
- After 24 hours43,046
- Total to date63,755
Emireetonni Arabaa Gamtooman Haleellaa TPLF Balaaleffachuun Birmadummaa fi Tokkummaa Itoophiyaaf Deeggarsa Hin Qenne Qabaachuu Beeksiste Mootummaan Emireetota Arabaa Gamtoomanii (UAE) birmadummaa Itoophiyaa, tokkummaa uummataa, tasgabbii daangaa fi nageenya biyyattiitiif deeggarsa dhaabbataa fi walirraa hin cinne akka taasisu ifoomseera. Biyyattiin ibsa baasteen, haleellaa humni TPLF humnoota federaalaa irratti raawwate, buufataalee xiyyaaraa naannoo Tigraay keessa jiran humnaan to'achuu isaa, akkasumas walitti bu'iinsa naannolee Affaarii fi Amaaraa keessatti hammaate cimsitee akka balaaleffattu beeksisteetti. UAE'n cinaa mootummaa Itoophiyaa kan dhaabbattu ta'uu mirkaneessuun, daandii humnaatiin sirna heera mootummaa biyyattii jijjiiruuf yaalii taasifamu kamiyyuu akka hin deggarre ifa gooteetti. Dabalataanis, waraanaa fi walitti bu'iinsi uumame kun hatattamaan akka dhaabbatu, lammiileen nagaa miidhaa irraa akka eegamanii fi Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa guutummaatti kabajamee akka itti fufu waamicha dhiyeessiteetti. Dhumarrattis, rakkooleen jiran hundi karaa marii nagaa fi tasgabbaa'aa ta'een furmaata argachuu akka qaban UAE'n kan hubachiifte yoo ta'u, dhimmi kun nagaa fi tasgabbii Gaafa Afrikaa irratti yaaddoo fi dhiphina dabalataa akka hin uumneef qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi itti gaafatamummaan akka socho'an gaafatteetti. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 6 h | 20,705 |
| 22 h | 42,802 |
| 39 h | 57,588 |
| 58 h | 63,222 |
- After 6 hours20,705
- After 24 hours42,802
- Total to date63,222
Eeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS 🤖 https://t.me/Asbeksbot/start ⚡️ @AsbeksPlatform
Open in TelegramNo text
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 23 h | 57,579 |
| 39 h | 68,614 |
| 56 h | 77,531 |
- After 24 hours57,579
- Total to date77,531
Ministeerri Barnootaa Ramaddii Barattoota Sagantaa Deeggarsaa (Remedial) fi Barattoota Yuunivarsiitiiwwan Tigraay Ifoomse Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatanii qabxii seensa dhaabbilee barnoota olaanoo sagantaa deeggarsaatiin ykn 'Remedial' galmeessisan, akkasumas barattoota haaraa bara 2019tti yuunivarsiitiiwwan mootummaa naannoo Tigraay keessatti argamanitti ramadaman hundaaf ramaddii isaanii ifoomsuu beeksiseera. Haaluma kanaan, barattoonni ulaagaa kana guutan hundi marsariitii 'https://student.ethernet.edu.et/view-placement' jedhamutti fayyadamuun yuunivarsiitii itti ramadaman salphaatti ilaallachuu akka danda'an ibsameera. Gama biraatiin, barattoonni ramaddii taasifame kana irratti komii ykn gaaffii qaban yoo jiraate, marsariitii komii ittiin dhiyeessan 'https://student.ethernet.edu.et/complaints' jedhamutti fayyadamuun iyyannoo isaanii karaa toora interneetii dhiyeessuu akka danda'an ergaan dabarfameera. Dabalataanis, haala yeroo ammaa naannoo Tigraay keessa jiruun wal qabatee, barattoota haaraa ramaddii isaanii yeroof gara yuunivarsiitiiwwan mootummaa naannoo sanaan ala jiranitti jijjiirrataniifis ramaddiin kan ifa ta'e yoo ta'u, isaanis marsariituma 'https://student.ethernet.edu.et/view-placement' jedhamu kanaan seenanii ilaallachuu akka danda'an ministeerichi eereera. Akkasumas, barattoota idilee turan kanaan dura yuunivarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessatti barachaa turanii fi yeroof gara dhaabbilee birootti akka ramadaman iyyannoo dhiyeessanii turaniifis ramaddiin isaanii xumurameera. Barattoonni kunniin ramaddii isaanii haaraa marsariitii 'https://student.ethernet.edu.et/university-transfer/' jedhamu irratti lakkoofsa eenyummaa dijitaalaa ykn 'Faayidaa' isaanii sirriitti galchuun mirkaneeffachuu akka danda'an ifoomeera. Barattoonni hundi of eeggannoodhaan ramaddii isaanii akka ilaallatanii fi qophii barbaachisu akka taasisan dhaamameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 23 h | 57,281 |
| 39 h | 68,421 |
| 56 h | 77,773 |
- After 24 hours57,281
- Total to date77,773