#RAKKOO_HIN_QABU Guyyaa 1 qofatu hafe. Meeksiikoo, Sangaataraa Zaman Baankii Duuba Galma #Addis_ Cinema keessatti👋
Open in TelegramPosts of Finfinnee Post
Qophooftanii? #RAKKOO_HIN_QABU Guyyaa 3 qofatu hafe. Meeksiikoo, Sangaataraa Zaman Baankii Duuba Galma #Addis_ Cinema keessatti👋
Open in TelegramRAKKOO HIN QABU Guyyaa 4 qofatu hafe. Meeksiikoo, Sangaataraa Zaman Baankii Duuba Galma #Addis_ Cinema keessatti👋
Open in TelegramIndee🥺 Beela'een amma laaqana nyaachuuf kaaffee taa'e. Dargaggeessa tokkotu "kitaaba 'RAKKOO HIN QABU' jedhu situ barreesse mitii? Dilbata dhufeen sagantaa eebbaa irratti hirmaadha" naan jedhe. Tole'n jedheen. Kana gidduutti nyaannikoo dhufnaan 'haa nyaannu'n ittiin jedhe. Takkumaan "Tole" jedhee utaalee dhufe. Shamizii isaa hanga hirree isaatti ol dachaafate. Maali yaa gooftaa nyaachuuf moo na dhahuufi jedheen ija keessa ilaale. Nyaachuu jalqabne. Takkaa qofan afaan kaa'adhe. Sana booda taa'een fiilmii ilaaluu jalqabe. Harka baata miti bar, #eksikaavaatarii isa lafa qotu sanatu nama ta'ee dhufe. Si'a 3 qofa fudhatee saayinii sana istaadiyeemii magaalaa Gimbii fakkeesse. "Thank u brother!" jedhee harka dhiqachuu deeme. Gaafa nyaatu hin dhiqanneem, nyaatee dhiqachuu deeme. Gaafa deebi'u "si dabbaremoo?" naan jedhe🥺 'Rakkoo Hin Qabu garuu eebba kitaabaa akka hin hafne' jedheen herrega kaffalee ba'e😂 Dilbata fuldura keenya jiru Meeksiikoo, Zaman Baankii duuba Galma Addis Cinema'tti wal argina🥰
Open in Telegram#Taajjabbii_Irreechaa ✋ ⭕️ Nuti Waaqa caalaayyuu warra waldaa sodaannee konsartii Daawwitee hafne. Garuu paastarii waldaa keenyaa Live irratti argine. Keessumaa sirba 'Soolanee' jedhu sana irratti utuu inni hirqinfatee boo'aa ture. Nu dhoksee deemuu isaa malee boo'uu isaa irraa komii hin qabnu. Paasteriin Ex hin qabu eenyu jedhe? 💔 ⭕️ Oromoo miiliyoona meeqatu walitti dhufee haasa'aa ture. Garuu hanga ammaa jecha '#Sherereree' jedhuuf hiikni sirriin hin argamne 🤷♂️ ⭕️ Gurbaan shamarran gola hunda irraa 'Irreecha irratti wal argina' jedhee beellamaa ture sun, hundi isaanii wal qabatanii bakka inni jirutti itti dhufnaan Irreechas isaaniis dhiisee gara Mojootti baqate jedhan. Argitee Oromoo? Tokkummaa gaafa qabaattu diinakee miti firrikeeyyuu si jala hin dhaabatu 😊 ⭕️ Dhuma irratti Waaqa nagaan baasee nu galche, akkasumas mootummaa uummata hamma kana baay'atuuf eegumsa addaa godhe galateeffachuu barbaanna 🙏 @waaqooF @waaqooF @waaqooF Join godhaa
Open in Telegram⭕️Jaalalleekoo wajjin 'hamattuuf goomattuun addaan nu hin baastu' jechaa wajjin gudannee abbaan ishee addaan nu baase. ⭕️ Namichi balbala #anbassaa_bus utuu hintaane, balballi jannataa itti cufamnaan seenuuf waan dhiibu fakkaata. ⭕️ Isheen Tiktok ilaalti. Ani isheen ilaala. Mucaan ishee anaan ilaala. Sadan keenyayyuu kaayyoo manaa baaneef daganneerra. ⭕️ Gooftaa Maccaa qofa miti, gooftaan Tuulamaas yoo na gargaare malee amalli Turungoo Mazgabuu baayyee ulfaata. ⭕️ Gurbaan sunis dorgommii bishaan daakuudhaan biyyakoon meedaaliyaa nyaachisa jedhee deemee bishaan of nyaachisee oole. @wakumafekadu @wakumafekadu @wakumafekadu @wakumafekadu #RAKKOO_HIN_QABU #Kitaaba_haaraa #Yeroo_dhiyootti
Open in Telegram#Tigist_Shallee 💃 Gurbaa hiriyaakoo dur wajjin baranne tokkotu hanga ammaa lakkoofsa bilbilakoo 'Waaqoo Mucaa Class' jedhee save godhatee jira. Ammayyuu mucaa class🤔 Waanti kun sirrii miti. Fakkeenyaaf gurbaan dur baajaajii oofaa ture tokko guddatee taaksii bituu danda'a. Sin garuu ammayyuu lakkoofsa bilbila isaa 'Gammee Baajaajii' jettanii qabachaa jirtu taanaan guddachuu isaa hin jaallanne jechuudha😂 Intalli isin yeroo wayii wal bartanii lakkoofsa bilbilaa ishee 'Tigist Shallee' jettanii save gootan sunis, gooftaan ishee gargaaree mana ijaarrattee ijoollee 2 godhatteetti ta'a😂 Yoo xiqqaate waggaa waggaan contact keenya haa sakattaanu jechuumaafi😋 @waaqooF @waaqooF @waaqooF
Open in TelegramDur dur baradhee yeroon hojii qabadhu namoota naannoo keenyaa gargaaruun qaba jedhee yaadu nama 15 galmeeffadheen ture. Galata rabbii amma 16'ffaa irratti maqaakoo barreesseen taa'aa jira 😂
Open in Telegram#Intala_Ilkaan_Bireesii 💃😂 Haati manaakoo Turungoo Mazgabuu waggaa 3 dura ilkaan ishee #bireesii'dhaan hidhattee turte. Garuu ilkaan ishee bireesiidhaan hidhamee haa hafuu, milishaatiin utuu hidhameyyuu waan sirraa'u miti. Dhiyoo kana wal lollee isumaan na ciniinte. Tarii dhukkuba #teetaanesii na qabsiisuu danda'a jedheen mana yaalaa deeme. Dookterichi "laabraatoorii ilaaleera nagaakeeti" nan jedhe. Ani garuu hin amanne. "Yaa dookter! Laabraatooriidhaan ilaaluu qofa miti, maaloo VAR'dhaan naaf ilaali" jedheen dubbii kaase😂 Sirbi nuti dur beeknu tokko... "Magaalleen bifaan boonti Diimtuun konkonaan boonti, Kam jaalleen kam dhiisa Lachuu garaa na nyaatti!" Jedha. Utuu bara kana ta'e garuu... "Magaalleen #human_hair'n boonti Diimtuun #bireesii'n boonti, Kam qabeen kam gadhiisa Lachuu kaaffeerra joortii!" Waan jedhu natti fakkaata😂 @waaqooF @waaqooF @waaqooF Hordofaa✌️
Open in Telegram#Jinjanaa_Durba_Horroo_Wajjin💃 Isa: Hi Ishee: Eenyu'a ati? Isa: Wal haa barru Ishee: Eenyu'an je'eem, maqaakee hima'u Isa: Suuta jedhi maal taate? Ishee: Maqaakee hima'u yookaan bilbilakee cufa'u Isa: Tole, Olqabaan jedhama. Ishee: Bakki alootakee eessa'a? Isa: Naannooma ati jirtu Ishee: Shaambuu'aa? Isa: Lakki Ishee: Guduruu'aa? Moo Fincaa'aa'a? Isa: Lakki achis miti Ishee: Haratoo'aaree? Moo Saqalaa'a? Isa: Lakki achis miti. Ishee: Yoo dubbatte dubba'u. Kana caalaa nan amaasiin Isa: Tole nan dubbadha. Ishee: Dubba'ukaa. Moo Jaartee, Jaardagaa yookaan Amuruu'a? Isa: Lakki. Ishee: Maa'a je'a kunimmoo?! Gurbee yoo dubbatte dubba'u yookaan bilbilakoon cufa'a Isa: Anoo Dongoroodha Ishee: Ati Dongoroo miti Donqoroo'a malee. Lammaffaa akka natti hin bilbille tortoraa. Bilbila gura irratti cufte! Part 2 itti fufa...
Open in TelegramTaaksii keessatti narratti rafte. Narratti rafte jechuurra narratti duute yoon jedhe wayya! Ani nama irratti mitii, siree irratti akkas rafee hin beeku. Bakkan itti bu'u ga'e. Intalli hirribaa hin kaane. Akkam godhuu? Darbeen deeme. Narraa kaati jedhee utuun eeguu sirumaa taa'umsa sirreeffattee jilbakoorra rafte. Amma egaa dirqama narraa ka'uu qabdi. Sababni isaayyuu isheen narraa ka'uu baannaan na biraa waanti ka'u jiraachuu danda'a. Homaa gochuu hin danda'u, seera uumamaati😀 Utuu waantichi hin ka'iin ishee kaasuun yaale. Gad jedhee ilaallaan akkuma silaa of gattee rafaa jirti. Daandii hamma kanaa wajjin deemeen tola deebi'aaree? Gad jedheen maddii ishee dhungadhe. Takkumaan utaaltee kaatee teesse. Ani maddii isheen dhungadhe; isheen garuu maddiikoo kabalte😭 Sana booda rifadheen hirribaa ka'e. Kan rafaa ture ishee utuu hin taane anadha. Kanan jirus taaksii irra utuu hin taane sireekoo irra. Abjuudha 😀
Open in Telegram"Qoraan fixus bilchaateera" jedhe brother inni xiqqaa ministry kutaa 6 darbee😄 Gurbaan kutaa 6'tti qoraan fixe jennaan Yuniversiitii gaafa seenu maal akka bobeessu hin beeknu😄
Open in TelegramTarii jaalala kootu Miidhagakeef sababa Tariis jaalallikoo Miidhagakeen jalqaba Yoona, Simboo dhaabbii keetii Kan na dagu libsuu Bareeda seeqa keetii Kan faara na ibsu Mil'adhee, argeetan Birakee hin dabarre (Miidhagni- hundeen aartii Eenyuun hin mararre?) Yookaas, Miirri bifa gararraa Erga na to'atee Kishaafa miirichaan Ijikoo si do'atee, Jaalalli eenyummaakee Erga na dhuunfatee Biftikees goobanee Anatti mul'ate! Kam akkanni dursee, Kam akka hangafu Ifa naaf hin taane Murteen natti haa hafu! Yoona, Yaa'a dubbannaa keetii, Sagalee gurra hatu Kan caqasuu eegallaaan Qalbiin yeroo dagatu Kan jeeqama furuursu Kan miira na uruursu, Sanafaa dhaggeeffatee Onneen sababeeffate! Yookaas, Mudaa keessaa calalee Gurrakoorraa fageessee Jaalalatu sagaleekee Wallee natti fakkeesse! Kam akkanni dursee, Kam akka hangafu Ifa naaf hin taane Ibsi natti haa hafu! Silas yaa faayatoo, Fuulli seeqa qabaannaan Anaa fi sitti tolee Guyyootni faara laannaan Sababeessee ibsuuf An yaadota hin saadu Takka takka bohaartiin Xiinxala hin barbaadu! Walaloo: Raga Isayas
Open in TelegramGuyyaan dubartootaa march 8 utuu hin taane march 7 akka ta'e dubbatama. Garuu utuu dhiqatanii, dibatanii, uffatanii guyyaan tokko darbe jedhan😂 Happy Woman's Day 🥰
Open in Telegram#Anaa_fi_Marii_Geetaa👨🍳 Group marii-geetaa ani karaa telegram baqadhee dadhabetu karaa TikTok natti dhufuu jalqabe. Mee waanti kun maaluma jedheen dhaggeeffadhe. Gosti dhukkubaa isaan biratti furmaata hin arganne hin jiru😂 Dhukkuba dawwee, teessisaa, kaachisaa, dadhabina wal qunnamtii saalaa, kaanserii, HIV, busaa, taayifooyidii, garaa kaasaa, dugda kutaa, hafuura kutaa, abdii kutaa😂, rakkoo waa dagachuu... Hunda keessaa inni dhumaa kun xiqqoo na ilaallata. Darbee darbee rakkoo waa dagachuun nan qaba. Waan kana deemee ilaalamuun qaba jedheen deeme. Achi ga'ee gaafa dabareenkoo ga'u #Marii_geetaan'faa na waamanii "Maal taatee dhufte?" naan jedhan. Maal jedhee itti himuu? Daqiiqaa 5 keessatti maal ta'ee, maal barbaadee akkan deeme nan dagadhe😭 Taa'ee itti yaadee yaadeen dadhabe. "Baqqaa ka'ii gara manaakeetti deemii, gaafa yaadatte koottu" naan jedhan. Tole jedheen bahee deeme. Gara manaa utuun deemuu karaa walakkaa yoon ga'u dhimman deemeef sanan yaadadhe. Rakkoo waa dagachuukoo...😭 Yerooma sana fiigeen ofirra deebi'e. Garuu maal godha? Gaafan achi ga'ummoo deebi'een bakka manichaa dagadhe 😭
Open in TelegramWaa bituuf suuqii deemnaan abbaan suuqii namicha tokko wajjin wal falmaa jira. Namichi poostaa bituuf dhaqee 'Oriijinaala miti, baayyee haphiidha' jedhee falma. Abbaan suuqii 'Ani ofiikoo hin hojjenne, yoo siif ta'e fudhuu narraa deemi' ittiin jedha. Namichi yookaan fudhatee hin deemu yookaan dhiisee hin deemu, dhaabbatee falma😂 Ani sirumaa waanan bituuf deemeyyuu dagadheen haasaa isaanii dabaree dhaggeeffadha. Achii namicha isa bitu sanatti garagaleen "Fudhu obboleessakoo! Poostaan kanuma' ittiin jennaan "Baayyee haphiidha bar" naan jedhe. "Maal rakkoo qabaree? Waraqaa ittiin baatta malee icciitii ittiin baattamoo?" jennaan abbaa suuqii dhiisee anaan dalga ilaaluu jalqabe🤭
Open in Telegram