#Dudhaalee Jireenyaa 👉Principles of Life የህይወት መርሆች 1.Of Fudhachuu(simachuu) 👉Self Acceptance ራስን መቀበል 2.Kaayyoo jireenyaaf jiraachuu 👉 Living for life purpose ለህይወት አላማ መኖር 3. Dorgommii irraa fagaachuu 👉 Avoiding competition ከዉድድር መራቅ 4. Yaada qajeelaa(Gaarii) yaaduu 👉Positive Thinking ቀና ማሰብ 5. Barachuuf fedhii qabaachuu 👉Being willing to learn ለመማር ፍቃደኛ መሆን 6. Ogummaadhaan deddeebi'uu 👉Walking with wisdom በጥበብ መመላለስ 7. Gamna(qaxalee) Ta'uu 👉Being Intelligent ብልህ መሆን 8. Salphaatti mufachuu dhiisuu 👉Taking no offence easily በቀላሉ አለመቀየም 9. Jireenya ofii galateeffachuun gaggeessuu 👉Leading a life with gratitude የምስጋና ህይወት መኖር 10. Waan gaariidhaaf(Fooyya'aadhaaf) deemuu 👉Going for the best ምርጡን መፈለግ 11. Yeroo hubachuu 👉Understand the timing ግዜውን ማወቅ 12. Waan jijjiiruu hin dandeenye fudhachuu 👉 Accept what you can't change መለወጥ የማይችሉትን መቀበል 13. Waraana kee filadhu 👉 Chose your Wars የሚዋጉትን ጦርነት መምረጥ 14. Hundaaf dhiifama gochuu fi haaloo bahuu irraa fagaachuu 👉Forgiving all and avoiding vengeance ሁሉን ይቅር ማለትና በቀልን መተው 15. Gidiraa keessatti cimanii dhaabbachuu 👉Preserve in suffering በመከራ ዉስጥ መፅናት 16. Gammachuu fi boqonnaa qulqulluu qabaachuu 👉Pure joy and rest ንፁህ ደስታና እረፍት 17. Bareedina keessaaf iddoo guddaa kennuu 👉Value inner beauty ለዉስጥ ዉበት ዋጋ መስጠት 18. Gad ofqabuu fi nama tuffachuu dhiisuu 👉Being humble and not despising others ትሁት መሆንና ሌሎችን አለመናቅ 19. Jireenya keessatti naamusa qabaachuu 👉Being disciplined in life በስነ ስርአት መኖር 20. Kennuu fi fudhachuu baruu 👉Giving and receiving መስጠትና መቀበል 21. Onnee kee hordofi. 👉Follow your heart (Instinct) ልብን መከተል 22. Kabajni kan maluuf kabaja kennuu 👉 Give due honor ክብር ለሚገባው ክብር መስጠት 23. Cimanii kadhachuu 👉Pray seriously ተግቶ መፀለይ 24. Seenaa hojjechuuu, yaadannoo(ashaaraa) kaa'anii darbuu 👉Make history, leave legacy @OROMOTOO
Open in Telegram
MADDA BEEKKUMSAA🌳
"Abdii uummata bal'aa!" -dhimma oromoo fi oromiyaaf -galaa jireenyaaf -seenaa qabsawotaaf -imanaa beektotaaf -Madda beekkumsaf ▷kayyoodhaf hojanna ☆Waliintaanee seenaa galmeessin! YOUTUBE KEENYAF👇 https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Average views per post by day
By publication day
Show as table
| Date | Avg views per post |
|---|---|
| Nov 5, 2026 | 1,090 |
| Nov 24, 2026 | 294 |
Most viewed this month
- 01Views1.09KForwards—Reactions13Comments—
- 02Views300Forwards—Reactions6Comments—
- 03Views288Forwards—Reactions3Comments—
Latest posts
Abdii kuttee dhiistee akanuma jiraata taanaan yoom iyyuu hin mo'attu, siif hin dabartu. ️Abrahaam Linken Maal Jedhe:- Kaayyoo keetti cichi! Har'a hin milkoofne jechuun bor hin milkooftu jechuu miti! Har'a yoo hin taane bor ni ta'a! Har'a yoo hin mijanne bor ni mijata! Har'a yoo kufte bor ni mo'atta! Har'a waan barbaaddu argachuu yoo baatte bor ni argatta. Bor guyyaa birooti. Waan inni qabatee siif dhufu hin beektu. Dalagaadhuma kaleessaa, karaadhuma kaleessaa fi akkaataadhuma kaleessaan hojjechuun mul'ata osoo hin taane maraatummaadha." — Albert Inisteeyan "Namni tokko dhimma dhuunfaa isaa dhiphoo keessaa ba'ee dhimma namoomaa isa bal'aa irratti hamma hojjetutti, jireenya jiraachuu hin eegalle!" — Maartiin Luuter Kiingi Namni furmaataa rakkoo kudhan karaa tokko hiika utuu hin ta'in, rakkoo tokkoof karaa kudhaniin tooftaa barbaada. Share @OROMOTOO
Open in TelegramHammuma umriin lafa guurte, gorora liqimsita; achii gororri si fe’a. Gororri ammas ammas si feenaan dullumatu sitti gaaddiddeessaa jira.🧖♀ Akkam seeta....Nama hunda wajjin daandii dheeraa deemuu akka hin dandeenye hubatta. Daandii filatta. Daandiin filatte qoraattii qabamoo hin qabuun si hin yaaddessu. Sababni isaa umriin akkuma deeme waraansa hedduu darbee gogaan kee qoree dhaqna godhateera. Hundeen jecha “qorumsa” jedhuuyyuu “qoree”dha jettee falmuu abbalta. Hammuma lafa kana irra bubbulte … Galata barta. “Mee turi… akkamiinan as ga’ee amma ani?”jetta. Waan dhabde caalaa waan argatte ilaaltee hojii Waaqaaf safuu jetta. Dheerina umrii kee caalaa, tira raawwatte lakkoofta. Tulluun gaara akka hin taane, miirri qofti jaalala akka hin taane, dhabuu qofti rakkachuu akka hin taane hubatta. Fageenya caalaa galma akeekta. @Oromotoo @Oromotoo
Open in Telegram✧ MILKAA'INA Jechuun:✧ You can see the definition of SUCCESS! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ SUCCESS "S" - See your Goal! "U" - Understand the obstacles! "C" - Create a positive mental picture! "C" - Clear your mind of self doubt! "E" - Embrace the challenge! "S" - Stay on the track! "S" - Show the world you can do it! ✧ MILKAA'INA Jechuun: ➊. Galma ofii arguudha! ➋. Rakkoolee mudachuu danda'an beekuu! ➌. Fakkii yaada qulqullaa'aa uumuu! ➍. Dhiibbaa hamaa sammuu keessaa haxaa'uu! ➎. Jijjiiramaaf hojjechuu! ➏. Jabaatanii itti fufuu! ➐. Akka dandeessu addunyaatti argisiisudha! sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈ ➛ @oromotoo ➛ @oromotoo 🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Open in TelegramOF AMANSIISUU( CONVINCE YOUR SELF) ✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓ Of amansiisuu jechuun kayyoo ofii, abjuu ofii, mul'ata ofii qabattan biraan gaha jedhani sammuu ofitti fudhachuu jechudha. Samii gaditti aangoon kamiyyuu dhalaa namaaf kan kennamedha, kanaa jechuun dhalli nama waan yaadee kamuu bira gahuu akka danda'uu agarsiisaa. Tommy lasordan akkas jechuun waa'ee of amansiisuu dubbata "The difference between impossible & possible lies on a man's determination" jedha Waan samii gadii tokkolle wantii hin danda'amne hin jiruu waan ta'eef abjuu keerra yommuu abdi hin kutaatiin Deemsa Kee itti fufi, milkaa'ii "Kaleessii du'eera, bor hin dhalannee jiraachuuf guyyaan nutti qabnu har'a duwwaadha" Share akka gootu abdin qaba Join 👇 @OROMOTOO
Open in TelegramForwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗮𝘁𝗶 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗳𝗮𝗴𝗮𝗮𝘁𝘁𝘂, 𝗱𝗮𝗮𝗻𝗱𝗶𝗶𝗻 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝗶𝗻𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘁𝗶𝗶𝘀 𝗶𝗳𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗯𝗮𝗹’𝗮𝘁𝗮𝗮 𝘁𝗮’𝗮𝗮 𝗱𝗲𝗲𝗺𝗮. 𝗫𝘂𝗺𝘂𝗿𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗵𝘂𝗺𝗻𝗶 𝗴𝗮𝗮𝗿𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗵𝘂𝗺𝗻𝗮 𝗹𝗮𝗮𝗳𝗮𝗮 𝗺𝗶𝘁𝗶; 𝗵𝘂𝗺𝗻𝗮 𝘀𝗮𝗺𝗺𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝗾𝗮𝗹𝗯𝗶𝗶 𝗰𝗶𝗺𝗮𝗮 𝗱𝗵𝗮. 𝗔𝘁𝗶 𝘆𝗼𝗼 𝗼𝗳𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗮𝗺𝗮𝗻𝘁𝗲𝗲, 𝗼𝗯𝘀𝗶𝘁𝗲𝗲, 𝗺𝘂𝗿𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗳𝗶 𝗰𝗶𝗰𝗵𝗼𝗼𝗺𝗶𝗻𝗮𝗮𝗻 𝗮𝗱𝗲𝗲𝗺𝘁𝗲, 𝗵𝗮𝗺𝗺𝗲𝗲𝗻𝘆𝗶 𝗻𝗮𝗺𝗮 𝗯𝗶𝗿𝗮𝗮 𝘀𝗶 𝗱𝗵𝗮𝗮𝗯𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮’𝘂. 𝗚𝗮𝗮𝗿𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲 𝗲𝗲𝗴𝗶, 𝘀𝗮𝗺𝗺𝘂𝘂 𝗸𝗲𝗲 𝗾𝘂𝗹𝗾𝘂𝗹𝗹𝘂𝘂 𝘁𝘂𝗿𝘀𝗶, 𝗻𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝘀𝗶𝗿𝗿𝗶𝗶 𝗵𝗶𝗻 𝘁𝗮𝗮𝗻𝗲𝗲 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗳𝗮𝗴𝗮𝗮𝗱𝗵𝘂. 𝗔𝗸𝗸𝗮𝘀𝗶𝗶𝗻, 𝗱𝗮𝗮𝗻𝗱𝗶𝗶𝗻 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝗶𝗻𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘁𝗶𝗶𝘀 𝗴𝗮𝗹𝗺𝗮 𝗶𝘀𝗮𝗮 𝘀𝗶 𝗴𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮. @JECHOOTAHAYYOOTA
Open in TelegramForwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Miira Ofii Too’achuun Humna; Dubbachuu Malee Callisuun Ogummaa Dha ⚖️ Namni miira isaa too’achuu hin dandeenye, salphaatti warra miira isaanii to’atan jala gala. Kanaaf, yeroo hunda dubbachuun osoo hin taane, bakka sirrii irratti callisuun murteessaadha. 1. Callisi , yeroo aariin kee ol ka’u Yeroo aariin si keessaa ka’u, dubbii ati dubbattu hedduun isaanii boodarra si gaabsiisu danda’u. Kanaaf, yeroo sana callisuun of eeggannoo fi ogummaa agarsiisa. 2. Callisi , yoo ragaa hin qabne Waan sirriitti hin mirkaneessin dubbachuun nama dogoggorsuu danda’a. Callisuun immoo soba irraa si eega, kabaja kees ni tiksa. 3. Callisi , yoo dubbii kee nama miidhu ta’e Jecha tokko qofatu garaa namaa madeessuu danda’a. Kanaaf, yoo dubbii kee namatti ulfaatu ta’e, callisuun filannoo gaarii dha. 4. Callisi , yeroo dhaggeeffachuun barbaachisu Yeroo hunda dubbachuu osoo hin taane, yeroo tokko tokko dhaggeeffachuun hubannoo guddaa siif kenna. Callisuun barnoota. 5. Callisi , yoo dhimmichi kee hin taane Dhimmoota si hin ilaallanne keessa seenuun rakkoo siif fida. Kanaaf, bakka si hin barbaachifne callisuun nagaa siif eega. 6. Callisi , yeroo soba dubbachuuf qoramtu Yeroo tokko tokko dhugaa dhiisnee soba dubbachuuf ni qoramna. Garuu callisuun cubbuu sana irraa si baraara. 7. Callisi , yoo booda gaabbuu dandeessu Jecha tokko dubbachuun dura, “kana booda ni gaabba?” jedhii of gaafadhu. Yoo eeyyee ta’e, callisuun murtii sirrii dha. 8. Callisi , yeroo qeeqni sitti dhaga’amu Qeeqa hundaaf deebii kennuun hin barbaachisu. Yeroo tokko callisuun of kabajuu fi bilchina agarsiisa. 👉 Xumura irratti callisuun dadhabina miti; ogummaa, of-to’annoo fi bilchina sammuu agarsiisa. Namni callisuun isaa yeroo sirrii beeku, jireenya isaa keessatti milkaa’ina guddaa argata. @JECHOOTAHAYYOOTA
Open in TelegramForwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
oromoof waan baayyee taateetaa oromoof jiratee darbiteetaa seenaan sin-dagatuu ilfeekoo. nagaan boqadhuu🥲 @JECHOOTAHAYYOOTA
Open in TelegramForwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Namoonni beeksisaa channali kanarratti maxanfachuu barbaadan karaa @Yaadawaljijjiruufbot nu Qunnamuu ni dandeessu🙏
Open in TelegramForwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
🌟 Bu'aa Qormaataa Keessan Ilaalchisee Ergaa Barattootni tokko tokko bu'aa olaanaa galmeessitanii jirtu 👏🥳. Kaan immoo milkaa'ina gaarii irra geessanii jirtu 😊❤️. .. Kaan keessan garuu... bu'aan isin argattan akka isin yaaddan hin taane ta'uu danda'a 💔. Garuu maaloo, Sammuun keessan akka isin miidhuuf hin hayyaminaa ! 🫶 Of fooyyeessuuf carraan lammaffaan ammallee jira - Remedial 📚✨. 📖 Yaadadhaa: Bu'aan qormaata kanaa dhuma jireenya keessanii miti. Imalli keessan ammallee dheeraa dha. Abjuun keessan ammallee jiraataa dha, akkasumas gatiin keessan lakkoofsa waraqaa irratti barreeffame caalaa baay'ee guddaa dha 🫶❤️. 🔜 Sababni isaas, gara fuulduraatti balbaloonni haaraan hedduun isin eeggatu 🚪✨. Boqonnaawwan jireenyaa keessan keessaa kanneen hundarra bareedoon ammallee hin barreeffamne 🫴✍️💬. 🔗 Dhumarrattis, Ministeerri Barnootaa qabxii seensa Remedial fi ramaddii Yunivarsiitii yeroo beeksisu, odeeffannoo barbaachisaa ta'e hordofnee isin biraan ni geenya 🤚📢. ❤️ Hunda keessaniif milkaa'ina guddaa hawwina! Har'a bu'aan keessan maaliyyuu haa ta'u, boruuf abdii hin kutatinaa! 💪🔥 Join 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 @JECHOOTAHAYYOOTA @JECHOOTAHAYYOOTA
Open in TelegramConnections
Similar channels
የንባብ ዓለም /Philosophy/@yenbabalem1Edutainment5.69K
ፈለገ ጥበባት@felegetibebatEdutainment5.29K
ታሪክን ወደኋላ - Tarikn Wedehuala@tariknwedehualaEdutainment10.1K
አስገራሚ እዉነታዎች (Amazing Facts)🌍@amafactsEdutainment3.48K
ɪɴҒɪɴɪᴛʏ ʜᴜʙ@infinity_hub33Edutainment1.72K
4-3-3 አስገራሚ እውነታዎች@amazing_fact_433Edutainment95.1K
Степной суслик@tyrasbaibakEdutainment6.06K
Корисні хитрощі@korusni_hitrochiEdutainment6.06K