Account

Posts of MADDA BEEKKUMSAA🌳

newest first

#10612Text

#Dudhaalee Jireenyaa         👉Principles of Life              የህይወት መርሆች 1.Of Fudhachuu(simachuu)       👉Self Acceptance            ራስን መቀበል 2.Kaayyoo jireenyaaf jiraachuu    👉 Living for life purpose          ለህይወት አላማ መኖር 3. Dorgommii irraa fagaachuu       👉 Avoiding competition            ከዉድድር መራቅ 4. Yaada qajeelaa(Gaarii) yaaduu       👉Positive Thinking            ቀና ማሰብ 5. Barachuuf fedhii qabaachuu       👉Being willing to learn            ለመማር ፍቃደኛ መሆን 6. Ogummaadhaan deddeebi'uu      👉Walking with wisdom             በጥበብ መመላለስ 7. Gamna(qaxalee) Ta'uu       👉Being Intelligent            ብልህ መሆን 8. Salphaatti mufachuu dhiisuu      👉Taking no offence easily            በቀላሉ አለመቀየም 9. Jireenya ofii galateeffachuun gaggeessuu        👉Leading a life with gratitude             የምስጋና ህይወት መኖር 10. Waan gaariidhaaf(Fooyya'aadhaaf) deemuu        👉Going for the best             ምርጡን  መፈለግ 11. Yeroo  hubachuu       👉Understand the timing            ግዜውን  ማወቅ 12. Waan jijjiiruu hin dandeenye fudhachuu      👉 Accept what you can't change          መለወጥ የማይችሉትን መቀበል 13. Waraana  kee filadhu        👉 Chose your Wars              የሚዋጉትን ጦርነት መምረጥ 14. Hundaaf dhiifama gochuu fi haaloo bahuu irraa fagaachuu       👉Forgiving all and avoiding vengeance            ሁሉን ይቅር ማለትና በቀልን መተው 15. Gidiraa keessatti cimanii dhaabbachuu        👉Preserve in suffering              በመከራ ዉስጥ መፅናት 16. Gammachuu fi boqonnaa qulqulluu qabaachuu       👉Pure joy and rest            ንፁህ ደስታና እረፍት 17. Bareedina keessaaf iddoo guddaa kennuu       👉Value inner beauty             ለዉስጥ ዉበት ዋጋ መስጠት 18. Gad ofqabuu fi nama tuffachuu dhiisuu        👉Being humble and not despising others            ትሁት መሆንና ሌሎችን አለመናቅ 19. Jireenya keessatti naamusa qabaachuu        👉Being disciplined in life             በስነ ስርአት መኖር 20. Kennuu fi fudhachuu baruu       👉Giving and receiving          መስጠትና መቀበል 21. Onnee  kee hordofi.       👉Follow your heart (Instinct)             ልብን መከተል 22. Kabajni kan  maluuf kabaja  kennuu    👉 Give  due honor          ክብር ለሚገባው ክብር መስጠት 23. Cimanii kadhachuu      👉Pray seriously         ተግቶ መፀለይ 24. Seenaa hojjechuuu, yaadannoo(ashaaraa) kaa'anii darbuu     👉Make history, leave legacy @OROMOTOO

Open in Telegram
Views300−46%vs avg
Forwards—
Reactions6
Comments—
#10611Text
Views288−49%vs avg
Forwards—
Reactions3
Comments—
#10609Text
Views1,090+95%vs avg
Forwards—
Reactions13
Comments—
#10608Text
Views7,260×13vs avg
Forwards—
Reactions11
Comments—
#10607Text
Views1,920+243%vs avg
Forwards—
Reactions12
Comments—
#10606Text

Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA

𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗮𝘁𝗶 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗳𝗮𝗴𝗮𝗮𝘁𝘁𝘂, 𝗱𝗮𝗮𝗻𝗱𝗶𝗶𝗻 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝗶𝗻𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘁𝗶𝗶𝘀 𝗶𝗳𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗯𝗮𝗹’𝗮𝘁𝗮𝗮 𝘁𝗮’𝗮𝗮 𝗱𝗲𝗲𝗺𝗮. 𝗫𝘂𝗺𝘂𝗿𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗵𝘂𝗺𝗻𝗶 𝗴𝗮𝗮𝗿𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗵𝘂𝗺𝗻𝗮 𝗹𝗮𝗮𝗳𝗮𝗮 𝗺𝗶𝘁𝗶; 𝗵𝘂𝗺𝗻𝗮 𝘀𝗮𝗺𝗺𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝗾𝗮𝗹𝗯𝗶𝗶 𝗰𝗶𝗺𝗮𝗮 𝗱𝗵𝗮. 𝗔𝘁𝗶 𝘆𝗼𝗼 𝗼𝗳𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗮𝗺𝗮𝗻𝘁𝗲𝗲, 𝗼𝗯𝘀𝗶𝘁𝗲𝗲, 𝗺𝘂𝗿𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗳𝗶 𝗰𝗶𝗰𝗵𝗼𝗼𝗺𝗶𝗻𝗮𝗮𝗻 𝗮𝗱𝗲𝗲𝗺𝘁𝗲, 𝗵𝗮𝗺𝗺𝗲𝗲𝗻𝘆𝗶 𝗻𝗮𝗺𝗮 𝗯𝗶𝗿𝗮𝗮 𝘀𝗶 𝗱𝗵𝗮𝗮𝗯𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮’𝘂. 𝗚𝗮𝗮𝗿𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲 𝗲𝗲𝗴𝗶, 𝘀𝗮𝗺𝗺𝘂𝘂 𝗸𝗲𝗲 𝗾𝘂𝗹𝗾𝘂𝗹𝗹𝘂𝘂 𝘁𝘂𝗿𝘀𝗶, 𝗻𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝘀𝗶𝗿𝗿𝗶𝗶 𝗵𝗶𝗻 𝘁𝗮𝗮𝗻𝗲𝗲 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗳𝗮𝗴𝗮𝗮𝗱𝗵𝘂. 𝗔𝗸𝗸𝗮𝘀𝗶𝗶𝗻, 𝗱𝗮𝗮𝗻𝗱𝗶𝗶𝗻 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝗶𝗻𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘁𝗶𝗶𝘀 𝗴𝗮𝗹𝗺𝗮 𝗶𝘀𝗮𝗮 𝘀𝗶 𝗴𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮. @JECHOOTAHAYYOOTA

Open in Telegram
Views1,540+175%vs avg
Forwards—
Reactions10
Comments—
#10605Text

Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA

Miira Ofii Too’achuun Humna; Dubbachuu Malee Callisuun Ogummaa Dha ⚖️ Namni miira isaa too’achuu hin dandeenye, salphaatti warra miira isaanii to’atan jala gala. Kanaaf, yeroo hunda dubbachuun osoo hin taane, bakka sirrii irratti callisuun murteessaadha. 1. Callisi , yeroo aariin kee ol ka’u Yeroo aariin si keessaa ka’u, dubbii ati dubbattu hedduun isaanii boodarra si gaabsiisu danda’u. Kanaaf, yeroo sana callisuun of eeggannoo fi ogummaa agarsiisa. 2. Callisi , yoo ragaa hin qabne Waan sirriitti hin mirkaneessin dubbachuun nama dogoggorsuu danda’a. Callisuun immoo soba irraa si eega, kabaja kees ni tiksa. 3. Callisi , yoo dubbii kee nama miidhu ta’e Jecha tokko qofatu garaa namaa madeessuu danda’a. Kanaaf, yoo dubbii kee namatti ulfaatu ta’e, callisuun filannoo gaarii dha. 4. Callisi , yeroo dhaggeeffachuun barbaachisu Yeroo hunda dubbachuu osoo hin taane, yeroo tokko tokko dhaggeeffachuun hubannoo guddaa siif kenna. Callisuun barnoota. 5. Callisi , yoo dhimmichi kee hin taane Dhimmoota si hin ilaallanne keessa seenuun rakkoo siif fida. Kanaaf, bakka si hin barbaachifne callisuun nagaa siif eega. 6. Callisi , yeroo soba dubbachuuf qoramtu Yeroo tokko tokko dhugaa dhiisnee soba dubbachuuf ni qoramna. Garuu callisuun cubbuu sana irraa si baraara. 7. Callisi , yoo booda gaabbuu dandeessu Jecha tokko dubbachuun dura, “kana booda ni gaabba?” jedhii of gaafadhu. Yoo eeyyee ta’e, callisuun murtii sirrii dha. 8. Callisi , yeroo qeeqni sitti dhaga’amu Qeeqa hundaaf deebii kennuun hin barbaachisu. Yeroo tokko callisuun of kabajuu fi bilchina agarsiisa. 👉 Xumura irratti callisuun dadhabina miti; ogummaa, of-to’annoo fi bilchina sammuu agarsiisa. Namni callisuun isaa yeroo sirrii beeku, jireenya isaa keessatti milkaa’ina guddaa argata. @JECHOOTAHAYYOOTA

Open in Telegram
Views1,960+250%vs avg
Forwards—
Reactions16
Comments—
#10599Text
Views2,200+293%vs avg
Forwards—
Reactions7
Comments—
#10598Text
Views1,950+249%vs avg
Forwards—
Reactions7
Comments—
#10597Text
Views1,720+208%vs avg
Forwards—
Reactions17
Comments—
#10596Text

Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA

💢 DHIBEE KINTAAROTII (Hemorrhoids) ⚠️ Mallattoolee Kintaarotii 🤕 Dhukkubbii yeroo baay'ee 🔥 Hooksisuu fi gubuu 🌵 Naannoo munnee dhiita’uu 🩸 Dhiiguu danda’a 📊 Sadarkaa Dhiitoo 1️⃣ Sadarkaa 1: Meeshadhaan malee hin mul’atu. 2️⃣ Sadarkaa 2: Yeroo hagan ykn ittanuu gadi baha, ofumaan ol deebi’a. 3️⃣ Sadarkaa 3: Yeroo harkaan ol deebisan ni deebi’a. 4️⃣ Sadarkaa 4: Ol hin deebi’u, gadi baheetuma hafu. 🎯 Sababoota Nama Saaxilan 👵 Umuriin ol siquu 🚽 Yeroo baay’ee ittanuu 💺 Yeroo Dheera mana fincaanii irra turuu 🍔 Furdinaa Dabaalu 🧳 Ba’aa ulfaataa yeroo dheeraa ol fuudhuu 🧼 Hudduu akka malee riguu 🧍‍♀️ Dhaabbannaa fi taa’umsa yeroo dheeraa 🤰 Ulfa 🚨 Rakkoolee Hordofsiisuu Danda’u 🩸 Hir’ina dhiigaa 🧱 Dhiigni dhiita keessatti itituu 🦠 Dhiitan 'infection' ta’uu 🩹 Madaa’uu ❌ Sagaara qabachuu dadhabuu ✅ Maloota Ittisa Kintaarotii 💧 Bishaan gahaa dhuguu 🥗 Soorata faayibarii (fiber) qaban fayyadamuu 🚽 sagaran yoo si qabee yeroo dhufu, tursisuu dhisuu ⚖️ Ulfaatina hir’isuuf yaali 🏃‍♂️ Sochii qaamaa gochuu 📦 Ba’aa ulfaataa yeroo dheeraa ol fuudhuu dhiisuu 🩺 YAALA KINTAAROTII 🥦 Soorata gogiinsa garaa ittisan fayyadamuu 💧 Bishaan sirritti dhuguu 🚽 Yeroo baay’ee ittanuu dhiisuu 🛁 Bishaan hoo’aa keessa taa’uun madaa tasgabbeessuu 🧼 Hagan booda bishaan ho’aan dhiqachuu 🚫 Gogaan hudduu akka hin haqamne eeggachuu 💊 Qoricha dhukkubbii hanbisu – ajaja ogeessa fayyaa irratti 💉 Qoricha buubbu keessatti kaa’amu 🌿 Qoricha naannoo buubbu dibamu 🏥 Yeroo barbaachisaa ta’ee yaala baqaqsaa (surgery) gochuu – ogeessa waliin mari’achuun gaariidha! Dr. Mohammed Kedir ~~ #share #Subscribe #YouTube 👇👇👇 @JECHOOTAHAYYOOTA

Open in Telegram
Views2,310+313%vs avg
Forwards—
Reactions16
Comments—
#10595Photo
Views2,570+359%vs avg
Forwards—
Reactions17
Comments—
#10593Text

Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA

#DHUKKUBA_NERVII ☆☆☆☆☆ Dhukkubni narvii gosoota hedduu fi bal'aa of keessa qaba. Kana keessaa garuu kan yeroo baay'ee nama dhibuu fi kanan har'a kaasuu barbaade dhukkuba narvii kan gara alaa (peripheral neuropathy) kan jedhamudha. Dhukkubni kun erga nama qabatee mallattoo akkamii argisiisaa? ✍Qaama keenya keessumaa miilaa fi harka keenya gubuu ✍Miira gara garaa kan akka dhukkubbii qaamni keenya dabarsuu dadhabuu ykn hadooduu. ✍Dhukkubbiin akka waraansa miila fi harka keessaa nama dhukkubuu ✍Qaamni keenya keessumaa miilaa fi harki keenya humna guutuun socho'uu dadhabuu ykn nuuf abboomamuu diduu. ✍Dhukkuboota kana yeroo hedduu maaltu nutti fidaa? ✍Dhukkuboota biroo keesumaa dhukkuba sukkaaraa ✍Hir'ina nyaataa keessumaa vitaaminoota B1 B6 B12 ✍Sanyiidhaan ykn genetics ✍Alkoolii hedduu dhuguu ✍Miidhama qaamaa kanneen akka kufaatii, caba fi kkf kan narvii qaama keessaa kutuu cafaquu fi miidhuu danda'an. ✍Cafaqamuu (compression) narvii qaama keessaa kan sababa gara garaa akka dhukkuba dhiitaa qaama keessaa fi miidhama alaan nurra ga'urraa dhufu ✍Qorichoota dhukkuba biraaf fudhataman kan akka kaanserii; HIV fi kanneen biroo #Akkamiin ofirraa ittisuu ykn gargaaruu dandeenyaa? 🙏Boqonnaa ga'aa fi sochii qaamaa ga'aa walitti fufaa ta'e gochuudhaan 🙏Nyaata madaalamaa ta'e haga dandeenye keessumaa kuduraaf muduraa nyaachuu qabna. 🙏Alkoolii kan dhugnu yoo ta'e xiqqeessuu ykn dhaabuu -🙏Dhukkubsataa/ttuu sukkaaraa yoo taane qoricha nuuf kennamu seeraan fudhachuun giluukoosii qaama keenya keessaa bakka barbaadametti eeguu 🙏Dhangala'aa ga'aa dhuguudhaan hirriba ga'aa rafuu 🙏Yoo kana hundaan nutti fooyya'uu baate gara mana yaalaa deemuun qoricha fudhachuu qabna. ✍️ Dr. Mohammed Kedir ~~~~ @JECHOOTAHAYYOOTA @JECHOOTAHAYYOOTA

Open in Telegram
Views3,010+438%vs avg
Forwards—
Reactions13
Comments—