Account
GODOLIYAAS

GODOLIYAAS

"Addunyaan hunduu ni darba; fedhiin fooniis ni bada; seera Waaqayyoo kan raawwatu garuu bara baraaf ni jiraata!" Yaadaa fi gaaffiif @lamtesh irratti nuuf ergaa! *Godoliyaas-Waaqayyo Guddaadha*

Username
@kalabhiyahu
Category
Religion
Country
EthiopiaEthiopia
Subscribers10,907
Avg views per post, 7d265−75.5% vs prev 7d
ERR2.43%last 7 days

Average views per post by day

By publication day

Show as table
DateAvg views per post
Oct 28, 20261,380
Oct 29, 20261,115
Oct 31, 20261,650
Nov 6, 20261,360
Nov 14, 20261,080
Nov 20, 2026595
Nov 21, 2026645
Nov 22, 2026432
Nov 23, 2026635
Nov 26, 202615

Most viewed this month

  1. 01

    ✅ Qofummaa Dubrittii  ✅ ......Isheen abjuu keessa illee kitaabolee qulqullaa'oo dubbisti turte; nuyi garuu yeroo dubbisuuf jennuyyuu abjuu biraa keessa seenna..... ➻Qulqulluun Ambiroos  kitaaba isaa qarreewwaniif barreesse irratti [waa'ee qofummaa Dubrittii] akkana jedha:- "Dhugummatti yeroo qulqulluu Gabri’eeliin gara Isheetti ol seenu qofaa ishee mana keessa turte. Nama kamiyyuu wajjin hin turre. Eenyuu illee Ishee akka hin jeeqne ni barbaaddi turte. Warreen gita Ishee ta’an inaafsisuuf wanta tokko illee yaaltee hin beektu. Yaadonni Ishee hiriyoota Ishee turan waan ta’eef dubartoota biroo hiriyoota Ishee taasifachuu hin barbaadne. Keessumattuu qofummaan kan Isheetti hin dhaga’amne yeroo qofaa ishee taatudha. Kitaabolee baay’een, raajonni baay’een, ergamoonni baay’een Ishee wajjin osoo jiranii akkamitti qofaa taati? Abjuu isheen illee osoo hin hafiin kitaabolee qulqulloota ni dhageessi turte. Yeroo baay’ee manaa ishee irraa gad hin baatu turte. Qulqulluun Gabri’eelis kan ishee argate osoo mana ishee jirtuu ture" #Madda: Haadha Ifaa; Dn Guutaa Charuu ➻Nuy warreen waa'een Dubroo kanaa afaan keenyarraa hin buune hoo  afaanumaan ishee faarsuu qofamoo jireenya isheerraas barachaa jirra laata? Akka ishee yeroo hundaa ta'uu baatus mee jireenyuma keenya keessatti yeroowwwan nuti qofummaa akkasiitiin dabarsinu hammami laata? Nuyi gaafa nama wajjiniin nama biraa hamannu illee of biraa dhabnu qofummaatu nutti dhagahama; isheen garuu nama wajjin qorumsatti wal galchuurra yaaduma ishee hiriyyaa ishee godhattee yeroo hundaa Waaqayyoo ishee dubbatti turte! ➻Nuyi yammuu teenyee kitaabolee dubbisnu ni mukoofna; qofummanis nutti dhagahama; kanaaf yeroo baay'ee dubbisuu hin feenu;  Isheef garuu hiriyyoonni ishee kitaabolee qulqullaa'oo turan. Isheen abjuu keessa illee kitaabolee qulqullaa'oo dubbisti turte; nuyi garuu yeroo dubbisuuf jennuyyuu abjuu biraa keessa seenna. Jireenyi qofaa ta'uu Kiristaanummaa keessatti baay'ee murteessaadha. Namni eenyummaa isaa sirrii kan argatus  yeroo itti jireenya isaa keessatti qofaa isaa ta'ee of ilaaludha. Waaqayyootiin kan argannus yeroo sanadha! Eebbi fi araarsummaan Dubrittii Haadhaa Waaqaa nurra haa bulu! Ameen! ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮           @Kalabhiyahu           @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══

    Photo
    Views1.65K
    Forwards—
    Reactions14
    Comments—
  2. 02

    🙏Baga Geessan🙏 ✔️‼️Jaalala Akkamiiti‼️✔️ ✍️Hunda kan qabe qaban; hunda kan bitu hidhan; Ilma Waaqa jiraataa hidhan; dheekkamsaan harkisan; Innis jaalalaan duukaa bu'e; warra qalaniin duratti akka hoolaa garraammii hin dubbanne; fuula jaalala gad of qabummaan guutamee booda isaanii hordofsiisanii fudhatan! ✍Angafoonni ergamootaa sodaa fi hollannaadhaan fuula isaa dura kan dhaabbatan waltajjiirra dhaaban; Dhiifama cubbuu kan taasisuun cubbamaadha jedhan; Warreen murteessan irratti kan murteessu isa irratti murteessan; Suraafeliif gonfoo kan gonfachiisu gonfoo qoree gonfachiisan; Kiruubeliif uffata kabajaa/surraa kan uwwisu uffata diimaa itti uwwisan; tuutni ergamootaa sodaa gonkaan kan sagadaniif, dorsisuudhaaf fuldura isaatti jilbeeffatan! ✍Gad of qabuun akkasii gad-of-qabummaa akkamiiti? Obsi kun hundi obsa akkamiiti? Kana hunda callisuunis callisa akkamiiti? Hamma kana hunda nama jaalachuunis jaalala akkamiidha? Jaalalli Ilma Waaqayyoo teessoo isaa irraa gadi buuse hanga du'aattis geessise! ✍Isa yakka hin qabne akka yakkamaatti fannisan. Isa madda jireenyaa ta'e cubbamoota wajjin lakkaa'an! Harkawwan Addaamiin hojjetan fannoorratti mismaaraan waqaraman! Maaloo miilonni gannata keessa deddeebi'an fannoorratti waqaraman! ✍Maaloo! Afaan fuula Addaamitti afuura jireenyaa 'if' jedhe homxaaxxee dhangaggaa'aa hadhooftuun makame dhuge! Maaloo! Gidiraa Waaqa Ilmaa kan dubbatu afaan akkamiiti? Hidhii akkamiiti? Laphee akkamiiti? ✍Dhukkubbiin gooftaa jaalalaa yammuu dubbatamu lapheen gargar hirama; yaadnis ni rukutama; lubbuunis ni raafamti; foonis ni dadhaba. Kan hin duune du'e; du'a balleessuuf du'e; du'oota fayyisuuf du'e! Namoomni isa jaallattan bo'aafii! [Madda: Qiddaasee Yohaanis Afaan warqee] ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮           @Kalabhiyahu           @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══

    Photo
    Views1.38K
    Forwards—
    Reactions8
    Comments—
  3. 03
    Views1.38K
    Forwards—
    Reactions5
    Comments—
  4. 04
    Views1.34K
    Forwards—
    Reactions11
    Comments—

Latest posts

#2456Text
Views6−99%vs avg
Forwards—
Reactions—
Comments—
#2453Text
Views22−97%vs avg
Forwards—
Reactions—
Comments—
#2427Photo
Views635−11%vs avg
Forwards—
Reactions11
Comments—
#2425Photo

⚜️Kattaan Sun Kiristoos Ture⚜️ 👉Guyyaa kana (Sadaasa 12)tti, ergamaan Waaqayyoo Qulqulluu Mikaa'el Israa'eloota gaggeessee gara biyya isaaniitti akka isaan galchetu yaadatama; mee deemsa Israa'elootni yeroo sana taasisaniin walqabsiisee waan qulqulluun Phaawuloos Israa'elota kakuu haaraa warra taane nuyi kiristaanotatti waan dubbate tokko waliin haa dubbisnu.            1Qor. 10:1-11👇 "Yaa obboloota koo! Abboonni keenya hundinuu (Israa'eloonni), [utubaa] duumessaa sana jala akka turan, hundumti isaaniis galaanicha akka ce'an akka beektan nan barbaada.  Hundumti isaaniis kan Musee ta'uudhaaf duumessichaa fi galaanicha keessatti cuuphamaniiru;  hundumti isaanii nyaata afuuraa isa tokkicha sana nyaataniiru;  hundumti isaanii dhugaatii hafuuraa isa tokkicha sana dhuganiiru; isaan kattaa hafuuraa isa guddicha, isa isaanii wajjin adeemaa turettii dhuganiiru; kattaan guddichi sun immoo Kiristoos ture.  Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo isaan keessaa namoota baay'eetti waan hin gammadiniif, lafa duwwaatti (gammoojjiitti) in gataman. Wanti kun hundinuu immoo, nus (Israa'elonni kakuu haaraa) akkuma isaan sanaa waan hamaa akka hin hawwineef of nu eeggachiisu.  ►Isaan keessaa kaan waaqayyolii tolfamaniif akka sagadan, isin warra waaqayyolii tolfaman waaqessan hin ta'iinaa! Akkuma caafame, “Jarri gar-malee nyaachuu fi dhuguuf taa'anii, gar-malee sirbuuf immoo ka'an” jedhe. ►Isaan keessaa kaan gaalamootummaatti (ejjatti)gad of dhiisanii, guyyaa tokkotti namoonni kumni digdamii sadii akka dhuman, kottaa nu immoo gaalamootummaatti gad of hin dhiifnu!  Isaan keessaa kaan aangoo gooftichaa qoranii, bofni akka isaan balleesse, nu immoo aangoo gooftichaa qoruun nuuf hin ta'u.  ►Isaan keessaa kaan gungumanii, ergamaa isa nama balleessuun akka balleeffaman, isinis hin gungumiinaa! 👉Wanti kun hundinuu warra kaan qoqqobachuudhaaf isaanitti dhufe, nuyi warra dhumni barichaa irra ga'eef immoo barumsa akka nuuf ta'uuf caafame" Mana isaa keessa nu dhaabee nama waggaa nu haa taasisu. Ameen!🙏 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮             @Kalabhiyahu             @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══

Open in Telegram
Views645−10%vs avg
Forwards—
Reactions10
Comments—
#2424Photo
Views595−17%vs avg
Forwards—
Reactions7
Comments—
#2404Photo
Views1,080+51%vs avg
Forwards—
Reactions9
Comments—

All posts

Connections