Forwarded from Quality Button Bot
Badhaasa kaardii 450 irratti hirmaadha!! 🏃♂🏃♂ Nama 20 dursee chaanalota armaan gadii join godhe qofaaf!! 👇👇
Open in TelegramForwarded from Quality Button Bot
Badhaasa kaardii 450 irratti hirmaadha!! 🏃♂🏃♂ Nama 20 dursee chaanalota armaan gadii join godhe qofaaf!! 👇👇
Open in TelegramForwarded from Quality Button Bot
🙏Ijoollen ortodoksi qofa✅ 👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿 👉🏿👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👈🏿 👉🏿👉🏾👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽👈🏾👈🏿 👉🏿👉🏾👉🏽👇🏼👇🏼👇🏼👇🏼👇🏼👈🏽👈🏾👈🏿 👉🏿👉🏾👉🏽👉🏼👇🏻👇🏻👇🏻👈🏼👈🏽👈🏾👈🏿 👉🏿 👉🏾👉🏽 As Tuqaa 👈🏽👈🏾👈🏿 👉🏿👉🏾👉🏽👉🏼👆🏻👆🏻👆🏻👈🏼👈🏽👈🏾👈🏿 👉🏿👉🏾👉🏽👆🏼👆🏼👆🏼👆🏼👆🏼👈🏽👈🏾👈🏿 👉🏿👉🏾👆🏽👆🏽👆🏽👆🏽👆🏽👆🏽👆🏽👈🏾👈🏿 👉🏿👆🏾👆🏾👆🏾👆🏾👆🏾👆🏾👆🏾👆🏾👆🏾👈🏿 👉🏿👆🏿👆🏿👆🏿👆🏿👆🏿👆🏿👆🏿👆🏿👆🏿👈🏿
Open in TelegramForwarded from Quality Button Bot
Filmii Waregamtoota Liibiyaa Afaan Oromotin Qopha'ee Channel Asiin Gadii jOin Gochuun Argadha👇👇👇 🥰Channel afaan oromoo🥰
Open in TelegramForwarded from 1137439312:AAGumjHJ7pzA6vrrfVMlKoqTUsCs59GySrg
✅Data Tola Fayyadama hin jirtaan tanan amumma Bakka Start jedhuu tuqa fayyadama 👇👇👇
Open in TelegramForwarded from Promotion
Ijollen ortodoksi qofaf °°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°° ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️ play▶️ ⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ _ Ijollen ortodoksi qofaf °°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°° ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️ play▶️ ⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ Ijollen ortodoksi qofaf °°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°° ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️ play▶️ ⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ _ Ijollen ortodoksi qofaf °°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°° ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️ play▶️ ⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
Open in Telegram⚜️ Sooma Raajotaafi Kiristaanummaa ⚜️ ➠Qulqulloonni Raajonni dhalachuu Ilma Waaqayyoo fi abdii fayyina ilma namaa raajii isaaniin arganii guyyaa isaa eeggachuurra osoo jiranii yeroo garaagaraatti soomaa turaniiru. ➠Eebbi isaanii har'as nu qaqqabee, akka isaanii guyyaa dhalachuu Ilma Waaqayyoo sana fulduratti arguuf osoo hin taane, abdii isaanii kan ture Ilmi Abbaa Ilmi Dubroo Maariyaam Kiristoos inni addunyaa hunda fayyisuuf dhalatee nu gidduu deddeebi'e sun, dhugumatti jireenya tokko tokkoo keenya keessatti akka dhalatuuf (dhalachuu isaatti amanuutti akka cimnuuf), akkasuma eebbi Qulqulloota Raajotaas akka nu qaqqabuuf har'as kakuu haaraatti ni soomna; sooma kana manni kiristaanaa 'Sooma Raajotaa' jetti! Jireenya tokko tokkoo keenya keessatti dhuguma Kiristoos yoo dhalate, jechuunis unuuf jedhee bifa garbicha isaan mul'achuu isaa yoo amanne, cuuphaadhaan mucaa isaa taaana; barumsa inni barsiisetti jiraanna; akka inni nuuf du'es amanna; nuuf du'uu isaa yoo amanne Foonii fi Dhiiga isaa isa dhugaatti amanna; yeros ni fudhanna; Kiristoos waliin tokko taana! Isa waliin tokko yoo taane du'aa ka'umsa inni hangafa nuuf ta'ee ka'e sanaan ni kaana; mootummaa isaa keessa bara baraan ni jiraanna! Kiristaanummaan kanumadha! Sooma Eebba nuuf haa taasisu!🙏 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
Open in Telegram⚜️Baga Geessan⚜️ #Hub: Soomni raajotaa yeroo hunda #sadaasa 15 eegala! ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
Open in Telegram⚜️Kattaan Sun Kiristoos Ture⚜️ 👉Guyyaa kana (Sadaasa 12)tti, ergamaan Waaqayyoo Qulqulluu Mikaa'el Israa'eloota gaggeessee gara biyya isaaniitti akka isaan galchetu yaadatama; mee deemsa Israa'elootni yeroo sana taasisaniin walqabsiisee waan qulqulluun Phaawuloos Israa'elota kakuu haaraa warra taane nuyi kiristaanotatti waan dubbate tokko waliin haa dubbisnu. 1Qor. 10:1-11👇 "Yaa obboloota koo! Abboonni keenya hundinuu (Israa'eloonni), [utubaa] duumessaa sana jala akka turan, hundumti isaaniis galaanicha akka ce'an akka beektan nan barbaada. Hundumti isaaniis kan Musee ta'uudhaaf duumessichaa fi galaanicha keessatti cuuphamaniiru; hundumti isaanii nyaata afuuraa isa tokkicha sana nyaataniiru; hundumti isaanii dhugaatii hafuuraa isa tokkicha sana dhuganiiru; isaan kattaa hafuuraa isa guddicha, isa isaanii wajjin adeemaa turettii dhuganiiru; kattaan guddichi sun immoo Kiristoos ture. Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo isaan keessaa namoota baay'eetti waan hin gammadiniif, lafa duwwaatti (gammoojjiitti) in gataman. Wanti kun hundinuu immoo, nus (Israa'elonni kakuu haaraa) akkuma isaan sanaa waan hamaa akka hin hawwineef of nu eeggachiisu. ►Isaan keessaa kaan waaqayyolii tolfamaniif akka sagadan, isin warra waaqayyolii tolfaman waaqessan hin ta'iinaa! Akkuma caafame, “Jarri gar-malee nyaachuu fi dhuguuf taa'anii, gar-malee sirbuuf immoo ka'an” jedhe. ►Isaan keessaa kaan gaalamootummaatti (ejjatti)gad of dhiisanii, guyyaa tokkotti namoonni kumni digdamii sadii akka dhuman, kottaa nu immoo gaalamootummaatti gad of hin dhiifnu! Isaan keessaa kaan aangoo gooftichaa qoranii, bofni akka isaan balleesse, nu immoo aangoo gooftichaa qoruun nuuf hin ta'u. ►Isaan keessaa kaan gungumanii, ergamaa isa nama balleessuun akka balleeffaman, isinis hin gungumiinaa! 👉Wanti kun hundinuu warra kaan qoqqobachuudhaaf isaanitti dhufe, nuyi warra dhumni barichaa irra ga'eef immoo barumsa akka nuuf ta'uuf caafame" Mana isaa keessa nu dhaabee nama waggaa nu haa taasisu. Ameen!🙏 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
Open in Telegram✝️Mikaa'el✝️ "Yeroo sanatti Mikaa'el ergamaa inni guddichi ijoollee saba keef dhaabatu in ka'a..." Dan. 12:1 "Kana booddees samii keessatti lolli in ka'e. Mikaa'el, ergamoota isaa wajjin bineensa akka jawwee sana in lole; bineensichi akka jawwee sunis ergamoota isaa wajjin deebisee isa in lole. Bineensichi mirga hin arganne, deebi'ees isaaf ergamoota isaatiif samii keessatti iddoon hin argamneef" -Mul. 12:7-6 Isa nuuf dhaabbatu, Isa diina keenya irra immoo dhaabbatu ergamaa guddicha Mikaa'el! Baga guyyaa kabaja ayyaana yaadannoo Isaa kan waggaa geessan!🙏 Eegumsi Ergamichaa nurraa adda hin bahiin! Ameen! ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
Open in Telegram🙏 Baga Geessan🙏 ✔️Maariyaamii Qusquwaam✔️ "Ati yaa Sulaamaaxiis, deebi'i; deebi'i; akka si ilaalluuf deebi'i...." Weedduu 6:13 "Yaa Dubroo sitti boonya. Diinni si'ii fi Jaalatamaa Ilma kee arii'ate yammuu du'etti Qulqulluun Gabrii'eel akka Iyyerusaalemitti deebitu sitti himee ture. Har'a garuu, gara ijoollee kee jal'inni laphee keenyaa Heroodsi nutti ta'ee jireenya keenya keessaa si fi Ilma kee godaansisnetti deebi'uuf hamma Qulqulluun Gabri'eel sitti himutti nu jalaa hin turiin. Sababni isaa Heroodsi kan nutti ta'e jal'inni laphee keenyaa du'uu didee kunoo hamma har'aatti nu rakkisaa jira waan ta'eef Yaa Sulaamaaxiis godaansi si'i gaha; jaalatamaa ilma kee wajjin gara keenyatti, gara biyya keenyaatti nuuf deebi'i. Ilmi kee xaa'ootiiwwan Gibtsi akkuma burkuteesse hawwii lafa kanarraa isa xaa'otii nutti ta'ee jiru nuuf burkuteessuun isaaf ni danda'ama waan ta'eef" 🙏 Ayyaana Gaarii🙏 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
Open in Telegram#ObsaWaaqayyoo.....‼️ ⁉️Obsi Waaqayyoo garuu yeroo tokko tokko nama qora, nama callisiisas! Ta'us, dadhabinuma laphee uumamaatu obsa Uumaa baachuu dadhabe malee Inni yeroo hunda, hojii isaa hundaan sirriidha! Hunduma siif dhiisneerra! Haaloo bahuun kan namaa osoo hin taane kan Waaqayyooti waan ta'eef dhiiga bakka garaagaraatti akkanumaan dhangala*u kanaaf Waaqayyoo haa deebisu! ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
Open in Telegram🙏Baga Geessan🙏 ✔️‼️Jaalala Akkamiiti‼️✔️ ✍️Hunda kan qabe qaban; hunda kan bitu hidhan; Ilma Waaqa jiraataa hidhan; dheekkamsaan harkisan; Innis jaalalaan duukaa bu'e; warra qalaniin duratti akka hoolaa garraammii hin dubbanne; fuula jaalala gad of qabummaan guutamee booda isaanii hordofsiisanii fudhatan! ✍Angafoonni ergamootaa sodaa fi hollannaadhaan fuula isaa dura kan dhaabbatan waltajjiirra dhaaban; Dhiifama cubbuu kan taasisuun cubbamaadha jedhan; Warreen murteessan irratti kan murteessu isa irratti murteessan; Suraafeliif gonfoo kan gonfachiisu gonfoo qoree gonfachiisan; Kiruubeliif uffata kabajaa/surraa kan uwwisu uffata diimaa itti uwwisan; tuutni ergamootaa sodaa gonkaan kan sagadaniif, dorsisuudhaaf fuldura isaatti jilbeeffatan! ✍Gad of qabuun akkasii gad-of-qabummaa akkamiiti? Obsi kun hundi obsa akkamiiti? Kana hunda callisuunis callisa akkamiiti? Hamma kana hunda nama jaalachuunis jaalala akkamiidha? Jaalalli Ilma Waaqayyoo teessoo isaa irraa gadi buuse hanga du'aattis geessise! ✍Isa yakka hin qabne akka yakkamaatti fannisan. Isa madda jireenyaa ta'e cubbamoota wajjin lakkaa'an! Harkawwan Addaamiin hojjetan fannoorratti mismaaraan waqaraman! Maaloo miilonni gannata keessa deddeebi'an fannoorratti waqaraman! ✍Maaloo! Afaan fuula Addaamitti afuura jireenyaa 'if' jedhe homxaaxxee dhangaggaa'aa hadhooftuun makame dhuge! Maaloo! Gidiraa Waaqa Ilmaa kan dubbatu afaan akkamiiti? Hidhii akkamiiti? Laphee akkamiiti? ✍Dhukkubbiin gooftaa jaalalaa yammuu dubbatamu lapheen gargar hirama; yaadnis ni rukutama; lubbuunis ni raafamti; foonis ni dadhaba. Kan hin duune du'e; du'a balleessuuf du'e; du'oota fayyisuuf du'e! Namoomni isa jaallattan bo'aafii! [Madda: Qiddaasee Yohaanis Afaan warqee] ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
Open in Telegram✅ Qofummaa Dubrittii ✅ ......Isheen abjuu keessa illee kitaabolee qulqullaa'oo dubbisti turte; nuyi garuu yeroo dubbisuuf jennuyyuu abjuu biraa keessa seenna..... ➻Qulqulluun Ambiroos kitaaba isaa qarreewwaniif barreesse irratti [waa'ee qofummaa Dubrittii] akkana jedha:- "Dhugummatti yeroo qulqulluu Gabri’eeliin gara Isheetti ol seenu qofaa ishee mana keessa turte. Nama kamiyyuu wajjin hin turre. Eenyuu illee Ishee akka hin jeeqne ni barbaaddi turte. Warreen gita Ishee ta’an inaafsisuuf wanta tokko illee yaaltee hin beektu. Yaadonni Ishee hiriyoota Ishee turan waan ta’eef dubartoota biroo hiriyoota Ishee taasifachuu hin barbaadne. Keessumattuu qofummaan kan Isheetti hin dhaga’amne yeroo qofaa ishee taatudha. Kitaabolee baay’een, raajonni baay’een, ergamoonni baay’een Ishee wajjin osoo jiranii akkamitti qofaa taati? Abjuu isheen illee osoo hin hafiin kitaabolee qulqulloota ni dhageessi turte. Yeroo baay’ee manaa ishee irraa gad hin baatu turte. Qulqulluun Gabri’eelis kan ishee argate osoo mana ishee jirtuu ture" #Madda: Haadha Ifaa; Dn Guutaa Charuu ➻Nuy warreen waa'een Dubroo kanaa afaan keenyarraa hin buune hoo afaanumaan ishee faarsuu qofamoo jireenya isheerraas barachaa jirra laata? Akka ishee yeroo hundaa ta'uu baatus mee jireenyuma keenya keessatti yeroowwwan nuti qofummaa akkasiitiin dabarsinu hammami laata? Nuyi gaafa nama wajjiniin nama biraa hamannu illee of biraa dhabnu qofummaatu nutti dhagahama; isheen garuu nama wajjin qorumsatti wal galchuurra yaaduma ishee hiriyyaa ishee godhattee yeroo hundaa Waaqayyoo ishee dubbatti turte! ➻Nuyi yammuu teenyee kitaabolee dubbisnu ni mukoofna; qofummanis nutti dhagahama; kanaaf yeroo baay'ee dubbisuu hin feenu; Isheef garuu hiriyyoonni ishee kitaabolee qulqullaa'oo turan. Isheen abjuu keessa illee kitaabolee qulqullaa'oo dubbisti turte; nuyi garuu yeroo dubbisuuf jennuyyuu abjuu biraa keessa seenna. Jireenyi qofaa ta'uu Kiristaanummaa keessatti baay'ee murteessaadha. Namni eenyummaa isaa sirrii kan argatus yeroo itti jireenya isaa keessatti qofaa isaa ta'ee of ilaaludha. Waaqayyootiin kan argannus yeroo sanadha! Eebbi fi araarsummaan Dubrittii Haadhaa Waaqaa nurra haa bulu! Ameen! ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
Open in TelegramTips✅ Dhukkuboota Keenya Gurguddoo: ✍️Of-arguu dhabuu ✍️Fakkeessuufi sobuu ✍️Of-tuulummaafi ofjajuu ✍️Of-bituu dadhabuu ✍️Kaanirratti murteessuu ✍️Kan nu fayyadu wallaaluu ✍️Inaaffaa hamaa fi wal-goomachuu ✍️Qisaasa'uu [Yeroo, humna] ✍️Faayidaa waloo irra kan dhuunfaarratti xiyyeeffachuu ✍️Haaloo qabachuufi yakka namootaa lakkaa'uu ✍️Salphinafi rakkoo namoota biroo keessa kabaja ofii barbaaduu ✍️Filatanii bo'uufi gadduu ✍️Yeroofi haala dubbisuu dhabuu ✍️Akka gaararraa ta'uu ✍️Sassachuu/waakkachuufi na gaha jechuu dadhabuu ✍️Guyyaa du'a ofii yaadachuu dhabuu . . . . Itti dabalaa! Kunneen hunduu dhibee hamoodha! ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
Open in Telegram👏Akkan Si Fakkaadhu👏 Faarfannaa haaraa fi nama boqochiisu, F/taa Habtee G. (Dn) tiin, affeeramtaniittu daawwadhaa👇 https://youtu.be/NOFt2j0Tsgg?si=lFDrrBTo3KwvybZ4
Open in Telegram✔️Waa'ee ofii Dhiisuu [Maarq. 8:34-xum]✔️ ✍Inni [Iyyesuus] tuuta uummataa bartoota isaatii wajjin ofitti waamee, "Namni tokko illee ana duukaa bu'uu yoo barbaade, waa'ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] baatee, ana duukaas haa bu'u! Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; namni anaa fi wangeelaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo isa in oolfata. Namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu'aan isaa maali ree? Namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda'a ree? Nama dhaloota garagaggalaadhaa fi cubbamaa kana keessatti anatti, dubbii koottis yeella'utti, Ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin qulqulloota ergamootaa wajjin yommuu dhufu isatti in yeella'a" jedhe. "Dubbii raajotaa fi Oriitii keessaa tokko baduu isheerra samii fi lafti kun darbuutu salphata" jedhe Gooftaan bartoota isaatiin! ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
Open in Telegram✔️“What God Has Joined Together... ||Kan Waaqayyoo Tokko Godhe...” — Matth 19:6 ✔️ Today, my heart is filled with immense joy as I celebrate the sacred union of DrMotuma Tekalign and Dr Olani Worku two wonderful physicians who are both dear to me. Dr. Moti has been my childhood companion. Witnessing you both united today through the holy sacrament in the Ethiopian Orthodox Tewahedo Church is a truly special blessing. “Therefore what God has joined together, let no one separate.” — Matthew 19:6 May our Lord Jesus Christ bless your holy matrimony, strengthen your love, and guide you throughout your journey together. May your home be filled with faith, peace, mutual understanding, and enduring love. May you continue healing others as physicians while nurturing one another in love and growing together in Christ. Congratulations, Dr. Motuma and Dr. Olani May God bless your sacred union today and forever! Horaa Bulaa; Deebanaa!❤️🙏 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
Open in Telegram✝️Fannoo Qulqulluu || ቅዱስ መስቀል✝️ "Xiyya jalaa akka oolaniif warra si sodaataniif mallattoo kenniteefi!" Faar. 60:4 "ከቀስት ፊት ያመልጡ ዘንድ፥ ለሚፈሩህ ምልክትን ሰጠሃቸው።" መዝ. 60:4 Baga ayyaana Fannoo qulqulluutiin isin gahe || እንኳን ለቅዱስ መስቀል ክብረ በዓል አደረሳችው🙏 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
Open in Telegram🪴BAGA GEESSAN 🪴 Fannoo isaatti kan amantan humna isaattis kan amantan *2 Baga ifa fannoo Gooftaatiin nagaan geessan*4 🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴 በመስቀሉ ያመናችሁ በኃይሉ ያመነናችሁ *2 እንኳን ለብርሃነ መስቀሉ አደረሳችሁ *4 🌼 Ayyaana Eebbaa Nuuf Haa Ta'u 🌼 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
Open in Telegram⚜Ammuma Qotuu Eegali‼️⚜ "የመስቀሉ ቃል ለሚጠፉት ሞኝነት፥ ለእኛ ለምንድን ግን የእግዚአብሔር ኀይል ነውና።" ~ ፩ኛ ቆሮ ፩÷፲፰ "Jechi Fannoo warra badaniif gowwummaa, nuyi warra fayyinuuf garuu humna Waaqayyooti!" ~ 1ffaa Qor 1÷18 🎙 Sagantaa ayyaanaa bara darbee keessaa yaadannoof‼️🙌 ✝️ Yoomillee taanaan fannoo fi waa'ee fannoo dubbachuu caalaa kiristaanota kan gammachiisu hin jiru. Faallaa kanaa immoo kana caalaa seexana kan aarsu fi gaddisiisu hin jiru. Kanaaf mitiiree abboonnis seexanni "karaa qaxxaamuraa iyyuu hin jaalatu" kan jedhan. Sababni isaa Fayyisaan tokkichi Iyyesuus Kiristoos fannoo irratti fannifamee seera du'aa seexanni nurratti barreeffamee ture sana balleessee nuyiif jireenya kennuun seexana immoo harka duwwaa waan hanbiseefidha. Kanaaf Phaawuloosis, "Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin toliin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee #fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera. #Fannoo sana irrattis Kiristoos warra qilleensa irraa gooftummaa qabanii fi humna qaban harka duwwaa hambisee bakkeetti isaan mul'isuudhaan salphisee isaan argisiise. (Qol.2:14-15). Seexanni bara isaa keessatti guyyaan inni itti kasaaree fi godaannisa baraan hin badne isatti uume guyyaa Gooftaan fannoorra oole sanadha. Dhalli namaas immoo warri lubbuun jiran Si'ool keessaatti warri fooniin jiran immoo lafarratti missiraachoo nagaan isiniif haa ta'u jedhu kan dhagahan guyyaa kana ture. Guyyicha guyyoota biraa irraa kan adda godhe garuu dubbii fannoo sana ture. Guutuu isaa link gadii "INSTANT VIEW" jedhu tuquun seenaa dubbisaa! 🌻Ayyaana Gaarii🌻 ✍️ @soteriamedia✍️ https://telegra.ph/Ammuma-Qotuu-Eegali-09-27
Open in Telegram