Кабинет

Посты канала GODOLIYAAS

сначала новые

#2456Текст
Просмотры6−99%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#2453Текст
Просмотры22−97%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#2427Фото
Просмотры635−11%к среднему
Пересылки—
Реакции11
Комментарии—
#2425Фото

⚜️Kattaan Sun Kiristoos Ture⚜️ 👉Guyyaa kana (Sadaasa 12)tti, ergamaan Waaqayyoo Qulqulluu Mikaa'el Israa'eloota gaggeessee gara biyya isaaniitti akka isaan galchetu yaadatama; mee deemsa Israa'elootni yeroo sana taasisaniin walqabsiisee waan qulqulluun Phaawuloos Israa'elota kakuu haaraa warra taane nuyi kiristaanotatti waan dubbate tokko waliin haa dubbisnu.            1Qor. 10:1-11👇 "Yaa obboloota koo! Abboonni keenya hundinuu (Israa'eloonni), [utubaa] duumessaa sana jala akka turan, hundumti isaaniis galaanicha akka ce'an akka beektan nan barbaada.  Hundumti isaaniis kan Musee ta'uudhaaf duumessichaa fi galaanicha keessatti cuuphamaniiru;  hundumti isaanii nyaata afuuraa isa tokkicha sana nyaataniiru;  hundumti isaanii dhugaatii hafuuraa isa tokkicha sana dhuganiiru; isaan kattaa hafuuraa isa guddicha, isa isaanii wajjin adeemaa turettii dhuganiiru; kattaan guddichi sun immoo Kiristoos ture.  Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo isaan keessaa namoota baay'eetti waan hin gammadiniif, lafa duwwaatti (gammoojjiitti) in gataman. Wanti kun hundinuu immoo, nus (Israa'elonni kakuu haaraa) akkuma isaan sanaa waan hamaa akka hin hawwineef of nu eeggachiisu.  ►Isaan keessaa kaan waaqayyolii tolfamaniif akka sagadan, isin warra waaqayyolii tolfaman waaqessan hin ta'iinaa! Akkuma caafame, “Jarri gar-malee nyaachuu fi dhuguuf taa'anii, gar-malee sirbuuf immoo ka'an” jedhe. ►Isaan keessaa kaan gaalamootummaatti (ejjatti)gad of dhiisanii, guyyaa tokkotti namoonni kumni digdamii sadii akka dhuman, kottaa nu immoo gaalamootummaatti gad of hin dhiifnu!  Isaan keessaa kaan aangoo gooftichaa qoranii, bofni akka isaan balleesse, nu immoo aangoo gooftichaa qoruun nuuf hin ta'u.  ►Isaan keessaa kaan gungumanii, ergamaa isa nama balleessuun akka balleeffaman, isinis hin gungumiinaa! 👉Wanti kun hundinuu warra kaan qoqqobachuudhaaf isaanitti dhufe, nuyi warra dhumni barichaa irra ga'eef immoo barumsa akka nuuf ta'uuf caafame" Mana isaa keessa nu dhaabee nama waggaa nu haa taasisu. Ameen!🙏 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮             @Kalabhiyahu             @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══

Открыть в Telegram
Просмотры645−10%к среднему
Пересылки—
Реакции10
Комментарии—
#2424Фото
Просмотры595−17%к среднему
Пересылки—
Реакции7
Комментарии—
#2404Фото
Просмотры1 080+51%к среднему
Пересылки—
Реакции9
Комментарии—
#2384Фото
Просмотры1 340+87%к среднему
Пересылки—
Реакции11
Комментарии—
#2383Фото

🙏Baga Geessan🙏 ✔️‼️Jaalala Akkamiiti‼️✔️ ✍️Hunda kan qabe qaban; hunda kan bitu hidhan; Ilma Waaqa jiraataa hidhan; dheekkamsaan harkisan; Innis jaalalaan duukaa bu'e; warra qalaniin duratti akka hoolaa garraammii hin dubbanne; fuula jaalala gad of qabummaan guutamee booda isaanii hordofsiisanii fudhatan! ✍Angafoonni ergamootaa sodaa fi hollannaadhaan fuula isaa dura kan dhaabbatan waltajjiirra dhaaban; Dhiifama cubbuu kan taasisuun cubbamaadha jedhan; Warreen murteessan irratti kan murteessu isa irratti murteessan; Suraafeliif gonfoo kan gonfachiisu gonfoo qoree gonfachiisan; Kiruubeliif uffata kabajaa/surraa kan uwwisu uffata diimaa itti uwwisan; tuutni ergamootaa sodaa gonkaan kan sagadaniif, dorsisuudhaaf fuldura isaatti jilbeeffatan! ✍Gad of qabuun akkasii gad-of-qabummaa akkamiiti? Obsi kun hundi obsa akkamiiti? Kana hunda callisuunis callisa akkamiiti? Hamma kana hunda nama jaalachuunis jaalala akkamiidha? Jaalalli Ilma Waaqayyoo teessoo isaa irraa gadi buuse hanga du'aattis geessise! ✍Isa yakka hin qabne akka yakkamaatti fannisan. Isa madda jireenyaa ta'e cubbamoota wajjin lakkaa'an! Harkawwan Addaamiin hojjetan fannoorratti mismaaraan waqaraman! Maaloo miilonni gannata keessa deddeebi'an fannoorratti waqaraman! ✍Maaloo! Afaan fuula Addaamitti afuura jireenyaa 'if' jedhe homxaaxxee dhangaggaa'aa hadhooftuun makame dhuge! Maaloo! Gidiraa Waaqa Ilmaa kan dubbatu afaan akkamiiti? Hidhii akkamiiti? Laphee akkamiiti? ✍Dhukkubbiin gooftaa jaalalaa yammuu dubbatamu lapheen gargar hirama; yaadnis ni rukutama; lubbuunis ni raafamti; foonis ni dadhaba. Kan hin duune du'e; du'a balleessuuf du'e; du'oota fayyisuuf du'e! Namoomni isa jaallattan bo'aafii! [Madda: Qiddaasee Yohaanis Afaan warqee] ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮           @Kalabhiyahu           @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══

Открыть в Telegram
Просмотры1 380+93%к среднему
Пересылки—
Реакции8
Комментарии—
#2354Фото

✅ Qofummaa Dubrittii  ✅ ......Isheen abjuu keessa illee kitaabolee qulqullaa'oo dubbisti turte; nuyi garuu yeroo dubbisuuf jennuyyuu abjuu biraa keessa seenna..... ➻Qulqulluun Ambiroos  kitaaba isaa qarreewwaniif barreesse irratti [waa'ee qofummaa Dubrittii] akkana jedha:- "Dhugummatti yeroo qulqulluu Gabri’eeliin gara Isheetti ol seenu qofaa ishee mana keessa turte. Nama kamiyyuu wajjin hin turre. Eenyuu illee Ishee akka hin jeeqne ni barbaaddi turte. Warreen gita Ishee ta’an inaafsisuuf wanta tokko illee yaaltee hin beektu. Yaadonni Ishee hiriyoota Ishee turan waan ta’eef dubartoota biroo hiriyoota Ishee taasifachuu hin barbaadne. Keessumattuu qofummaan kan Isheetti hin dhaga’amne yeroo qofaa ishee taatudha. Kitaabolee baay’een, raajonni baay’een, ergamoonni baay’een Ishee wajjin osoo jiranii akkamitti qofaa taati? Abjuu isheen illee osoo hin hafiin kitaabolee qulqulloota ni dhageessi turte. Yeroo baay’ee manaa ishee irraa gad hin baatu turte. Qulqulluun Gabri’eelis kan ishee argate osoo mana ishee jirtuu ture" #Madda: Haadha Ifaa; Dn Guutaa Charuu ➻Nuy warreen waa'een Dubroo kanaa afaan keenyarraa hin buune hoo  afaanumaan ishee faarsuu qofamoo jireenya isheerraas barachaa jirra laata? Akka ishee yeroo hundaa ta'uu baatus mee jireenyuma keenya keessatti yeroowwwan nuti qofummaa akkasiitiin dabarsinu hammami laata? Nuyi gaafa nama wajjiniin nama biraa hamannu illee of biraa dhabnu qofummaatu nutti dhagahama; isheen garuu nama wajjin qorumsatti wal galchuurra yaaduma ishee hiriyyaa ishee godhattee yeroo hundaa Waaqayyoo ishee dubbatti turte! ➻Nuyi yammuu teenyee kitaabolee dubbisnu ni mukoofna; qofummanis nutti dhagahama; kanaaf yeroo baay'ee dubbisuu hin feenu;  Isheef garuu hiriyyoonni ishee kitaabolee qulqullaa'oo turan. Isheen abjuu keessa illee kitaabolee qulqullaa'oo dubbisti turte; nuyi garuu yeroo dubbisuuf jennuyyuu abjuu biraa keessa seenna. Jireenyi qofaa ta'uu Kiristaanummaa keessatti baay'ee murteessaadha. Namni eenyummaa isaa sirrii kan argatus  yeroo itti jireenya isaa keessatti qofaa isaa ta'ee of ilaaludha. Waaqayyootiin kan argannus yeroo sanadha! Eebbi fi araarsummaan Dubrittii Haadhaa Waaqaa nurra haa bulu! Ameen! ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮           @Kalabhiyahu           @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══

Открыть в Telegram
Просмотры1 650+131%к среднему
Пересылки—
Реакции14
Комментарии—
#2348Фото
Просмотры1 160+62%к среднему
Пересылки—
Реакции9
Комментарии—
#2342Фото
Просмотры1 380+93%к среднему
Пересылки—
Реакции5
Комментарии—
#2312Фото
Просмотры2 040+185%к среднему
Пересылки—
Реакции22
Комментарии—
#2211Фото
Просмотры2 900+305%к среднему
Пересылки—
Реакции13
Комментарии—
#2210Аудио
Просмотры2 550+257%к среднему
Пересылки—
Реакции3
Комментарии—
#2208Превью ссылки

⚜Ammuma Qotuu Eegali‼️⚜ "የመስቀሉ ቃል ለሚጠፉት ሞኝነት፥ ለእኛ ለምንድን ግን የእግዚአብሔር ኀይል ነውና።"              ~ ፩ኛ ቆሮ ፩÷፲፰ "Jechi Fannoo warra badaniif gowwummaa, nuyi warra fayyinuuf garuu humna Waaqayyooti!"         ~ 1ffaa Qor 1÷18 🎙 Sagantaa ayyaanaa bara darbee keessaa yaadannoof‼️🙌 ✝️ Yoomillee taanaan fannoo fi waa'ee fannoo dubbachuu caalaa kiristaanota kan gammachiisu hin jiru. Faallaa kanaa immoo kana caalaa seexana kan aarsu fi gaddisiisu hin jiru. Kanaaf mitiiree abboonnis seexanni "karaa qaxxaamuraa iyyuu hin jaalatu" kan jedhan. Sababni isaa Fayyisaan tokkichi Iyyesuus Kiristoos fannoo irratti fannifamee seera du'aa seexanni nurratti barreeffamee ture sana balleessee nuyiif jireenya kennuun seexana immoo harka duwwaa waan hanbiseefidha. Kanaaf Phaawuloosis, "Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin toliin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee #fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera. #Fannoo sana irrattis Kiristoos warra qilleensa irraa gooftummaa qabanii fi humna qaban harka duwwaa hambisee bakkeetti isaan mul'isuudhaan salphisee isaan argisiise. (Qol.2:14-15). Seexanni bara isaa keessatti guyyaan inni itti kasaaree fi godaannisa baraan hin badne isatti uume guyyaa Gooftaan fannoorra oole sanadha. Dhalli namaas immoo warri lubbuun jiran Si'ool keessaatti warri fooniin jiran immoo lafarratti missiraachoo nagaan isiniif haa ta'u jedhu kan dhagahan guyyaa kana ture. Guyyicha guyyoota biraa irraa kan adda godhe garuu dubbii fannoo sana ture. Guutuu isaa link gadii "INSTANT VIEW" jedhu tuquun seenaa dubbisaa! 🌻Ayyaana Gaarii🌻 ✍️ @soteriamedia✍️ https://telegra.ph/Ammuma-Qotuu-Eegali-09-27

Открыть в Telegram
Просмотры1 990+178%к среднему
Пересылки—
Реакции8
Комментарии—