Abdullaah Ibn Mas’uud (R.A) barakhaa fuudhaaf heerumaa irraa yeroo dubbatu:- "Odoo jireenya khoo irraa guyyaan kudhan qofti hafee, qophaa khoo Rabbiin dura dhaabbachuu jibbuu khootiif jecha, fuudhatti seenuun filadha." Dhaamsa Ibnul Qayyim Al-Jawzi (Rahimahullaah) kitaaba isaanii Rawdatul Muhibbiin keessatti:- "Jaalalli dhugaa kan wal fuudhuun xumuramuudha. Fuudhaa fi heerumni foon lama walitti fiduu qofa osoo hin taane, qalbii fi ruuhii lama tan gara Aakhiraatti waliin deeman walitti qabuu dha." 😊
Открыть в Telegram
ÃL~Fãlâh Dãwã grøúp
👈"لانريدمنكم جزآءولاشكورا"👉 Kootta Diinii Faaya Kana Wal Haa Barsiifnuu Galata Walirraa Barbaaduun Maletti. "Aayaata tokkollee yoonif tahe narraa geeysaa" Dhaamsa rasuulati(Sallallaahu Aleeyhi wa sallam)
Средние просмотры поста по дням
По дню публикации
Показать таблицей
| Дата | Просмотров на пост |
|---|---|
| 30 окт. 2026 г. | 385 |
| 4 нояб. 2026 г. | 340 |
| 7 нояб. 2026 г. | 349 |
| 14 нояб. 2026 г. | 268 |
| 20 нояб. 2026 г. | 130 |
Самые просматриваемые за месяц
- 01Просмотры385Пересылки—Реакции—Комментарии—
- 02Просмотры349Пересылки—Реакции—Комментарии—
- 03Просмотры340Пересылки—Реакции—Комментарии—
- 04Просмотры268Пересылки—Реакции—Комментарии—
Новые посты
☆☆❤️🔥☆☆ Seenaa namoota jireenya keessatti hedduu miidhamanii jiruu isaanii keessatti gufatanii duuba, yeroo hedduu hiriyyaa summiitu jira. ❣Khanaafuu, marsaan (circle) khee warra milkaa'uu kheetitti gammadanii siin boonanimoo, warra siif hinaafanii yeroo hunda siin of dorgamsiisuu keessatti "busy" tahanii jiran, warra si caaluun qofti isaaniif gammachuu kannu. Warra kufuun kee milkaa'uu isaaniitiin wal qixa isaan gammachiisu tahuu adda baafadhu. 👀 Ijji hin kijibdu 🤔 • Umar ibn khaxxaab (RA): "Gargaarsaa fi qajeelfama Rabbii booda, wanti caalaan nama tokkoof khannamu hiriyyaa gaarii dha." Hiriyyaan gaariin kannaadha akka laafatti hin laalin. ●Imaamu shaafi'ii (RA): "Hiriyyaan si hin gargaarree fi si hin jajjabeeysine, diina kee dhokhataa irraa addaa miti." Ja'e. ●Aliyyi ibn Abi Xaalib (RA): "Hiriyyaa khee gaarii irraa hin fagaatin, sababni isaas inni addunyaa fi Aakhiraattiis siif fira. Hiriyyaa hamaa(badaa) irraa immoo fagaadhu, inni akka ibidda if nyaatuuti." Buquqa dhibba takka wajjiin boqonnaa if dhoorkuu irra tokkoofii lamaa wajjiin nagiyaan jiraachuun irra caala. Hawaasummaaf hiriyyummaan wal adda ! @AlfalahDawagrp.
Открыть в Telegram☆☆☆☆☆ Dogongora(badii) keessa yeroo seenan fuul duratti deemanii badii gubbaan badii dabalchuu malee badii dhiisuu qaanyii hanga nama fakkaatutti wanti nama oofu. 1, Yeroo iimaanni namaa irrate, yeroo amalli waa qaanfachuu nama irraa deemaa dhufe ija nama hedduu duratti badii dalaguufii dubbachuudhaan badii saniin ija namootaa seenaa dhufuudha. Namni nagiya qabu, kan hojii gaariidhaan barame yeroo iimaanni isaa daangaa malee gad bu'u baditti yoo bobbahe, badii saniin namni hedduun akka isa baran yoo of godhe deebi'uun isaa ulfaataa taha. ☆Badii dalaguun hamtuudha, badii san "normalised" gootee ittii baramaa dhufuun immoo irra hamtuudha. 2, Video qabaachuu. Kuni ka duraa sanii wajjiin tokkuma, tahullee garuu Video guyyaa takka itti gaabbitu baayyistee harka namootaa keessa if galchuun guyyaa takka yeroo gaabbite deebi'uu irratti Rakkoo sitti taha. ✍Hub:- Yoo lubbuun jiraatte! Akkuma haalli iimaanaa sirraa kute sanitti haalli badii si jaalachiisu kuniis guyyaa takka siif gahee "lakki karaan hunda caalu karuma iimaanaa sanii" si jachisiisuuf jira. Gaafaasiif waa dhiifadhu. 3, Hiriyyaa, hiriyyaa gaafa ati hojii gaarii hojjattu qofa si qoosu, kan gaafa badii hojjattu koflee si buhaaru gaafa qabdu bakka itti dhaabbattu hin qabdu. Badii xiqqoo hanga guddootti irratti mootee keessatti if argita. @AlfalahDawagrp
Открыть в Telegram☆☆☆☆☆ Rakkoo xixiqqoo si dhuftu hunda lakkaawaa ooluun, yeruma Rakkatte hunda waan hin dabarre sahaa ooluun, hanga isiin dabartutti hifattee if jibbuun, Rakkina dabalachuudha. Ilmi namaa hundi rakkoolee gurguddo keeysa jira, warri nagiya qabu warra if irraanfachiisaa deemu, kan Rabbi itti kadhachuu beekhu qofa. Yeroo rakkoo if irraanfachiiftu, hiriyyuummaan siifii Rakkoo jidduu jiru xiqqaacha demti isiiniis gara warra isii yayyaadachaa oluu, warra jiruu abaaraa ooluutti sibiraa godaanti. Dheeyxee isaan Rakkifti. Yeroo san ati yoo xiqqaate Rakkinuma san keessattuu qalbiin kee nagiya si qabdi, ilkeen tee ni seeqqatti, Arrabni kee galata galcha, harki kee ol fuudhameeti Rabbi qofa kadhata. Ibn Taymiyyah رحمه الله :- Qalbiin namaa waan hundaan guutamuu hin dandeeysu; Rabbii isiitti yoo irkatte qofa tasgabbooyti. Qur'aan:- Rabbiin lubbuu tokkallee waan isiin hin dandeenye isitti hin fi’u. Rakkina amma sirra jiru ba'achuu akka dandeessu waan beekuuf si fi'e.😊 Saniifuu tasgabbaahi, guddina Rakkina keetii caalaa guddina Rabbii keetii yaadadhuutii haala hunda keessa tasgabbiin dabri.❤️ @AlfalahDawagrp
Открыть в Telegram☆☆☆☆☆ Nama wanti shan isa keessatti walitti qabamte dhumti kan isaati. 1, Nama fadhii isaa bulfachuu dandahu:- -Kha odoo godhuu dandahuu, odoo balleessuu dandahuu if qabu -Kha odoo talisoomee dhiisuu fadhuu hojjatu. 2, Nama odoo naannooyni isaa hundi itti dukkanaaheehiis yeroo cufa arraba isaa irraa abdii qofa dhageessu. 3, Nama haala fadhe keessatti Rabbi yaadachuufii kadhachuu hin dhiisne. 4, Nama haadhaaf abbaa isaa eeggachuu keessatti cimaa. 5, Nama hiree argateen hin dagamne. @AlfalahDawagrp.
Открыть в Telegram︎︎︎︎︎︎☆☆☆☆☆☆☆ Dubbii kheeysatti if eeggannoo godhuun, jaalala waliif ibsuufii hariiroo walii kabajuun amantaa faaya nuti harkaa qabnu tana keessatti waan xiyyeeyffannoo guddaan kennameef keesaaa takka. Kana yaadachuu dadhabuun obbolummaa garii yeroo gabaabduu waggaa hin guunne keessatti wal booreeysanii adda fottoquu qofa goote. ● “Yaa warra amantan! Shakkii irraa hedduma takka fagaadhaa. Shakkii irraa gariin isaanii diliidha.” Qur'aan. ~Yoo dubbii ifaan walitti dubbachuun jidduu nama lamaa hin jirre, shakkiin summii jaalalaati taha, dogoggoraafii wal dhabbiin shakkii irraa dhufe immoo gaafa dubbiin adda namaaf baate sheenaa nama keessaa hin banne nama keessatti uuma. 👅Arrabaas.... ●Ibn Mas'uud (Radiyallahu Anhu): “Dachii irratti wanti akka arrabaa hidhamuu haqa godhatu hin jiru.” ja'e. Nama sammuuf arrabni isaa biyya biyya jiraatu hin tahin ! ✍ Waliif ibsuu “Yoo namni tokko obboleessa isaa jaalate, akka isa jaalatu itti haa himu.” Nabi Muhammad(Sallallaahu aleeyhi wasallam). @AlfalahDawagrp
Открыть в Telegram....... Namootatti aarii(hijaa) qabatanii deemuu dhabuu keessa, namootaaf yaada hamaa qabaatanii deemuu dhabuu keessa, namootaaf "positive" yaada tahe qabaatanii waa'ee isaanii khara gaariitti hiikaa deemuu keessa nagiya Akkam nuuf kaaye garuu❤️🤔 Mee practice goonuuu? Nabiin (Sallallaahu Aleeyhi Wasallam) yeroo "irra caalaan namaa eenyu?" je'amanii gaafataman, akkas ja'an: - "Nama (Makhmuum al-Qalb) fi arrabaan dhugaa dubbatuudha." Sahaabonniis "Arraba dhugaa dubbatu ni beeyna, qalbii qulqulleeffamte (makhmuumil-qalb) jechuun maali?" ja'anii gaafatan. Nabiyyiin (Sallallaahu Aleeyhi Wasallam) akkas ja'aniin: "Inni nama Rabbiin sodaatu, khan qulqulluu tahe, kan miidhaan (Daangaa nama dabaruun) keessa isaa hin jirre. Khan haaloon (hijaan) keessa hin jirre, fi kan hinaaffaan keessa hin jirreedha." (Sunan Ibn Majah) Nageenyi caalu keessarraa eegala. @AlfalahDawagrp
Открыть в Telegram"Zamana tokkootu dhufa; kha namni qabeenya akkamitti akka argate hin laalle, halaala irraahi moo haraama irraa tahuu isaa." Nabi Muhammad(sallallaahu aleeyhi wa sallam). ● Namoonni jaalala qarshii fi qabeenyaatiin haala booji'amaniin, daangaa Rabbii fi seeroota amantii guutumaan guututti dagatu. ●Yeroo sanatti namni akkamitti akka qabeenyi san arkame (hanna, bittaa fi gurgurtaa badii, dhala/riba, ykn hojii fakkataa kanaa) tahuu hin gaafatu. Wanti isaaf galma ta'e duroomuu fi qabeenya baayyifachuu qofa. Miidhaa Qabeenya Haraamaa ! Qabeenyi kharaa haraamaatiin arkame jireenya namaa irratti miidhaa guddaa fida:- 1. Du'aa'iin Fudhatama Dhabuu. 2. Barakhaan Dhabamuu: Qabeenyi sun baayyatuus jireenya keessatti gammachuu fi tasgabbii dhugaa hin fidu. 3. Adabbii Aakhiraa: Ibiddi Jahannam sanyii fi foon ykn qabeenya haraamiin gabbateefi jaarame hundaaf haqa ta'a. Kun immoo isa dhumaati ✍
Открыть в Telegram︎︎︎︎︎︎ Hiriyyoota tokko tokkootu jira kan yeroo hunda dogongora irratti miira wal fakkaataa hin qabne. Gaafa tokkoo gara badii afeeru tokko immoo ni dhorga, innummaan arra dhoorku kun boru deebisee gara badii yeroo yaamu isuma kalee dhoorkamaa tureetu arra isa dhoorka. Eenyu akka manager tahe hin beeyytu, eenyu akka irra karaa itti argisiisaa jiru hin beeytu, arra kun yoo manager fakkaate boru santu manager. Hiriyyummaan akkanaa bara hunda keessatti odoo jiruu tokkoo tokkoo nama hundaa keessa jiraatee kufee hin hafu eenyulleen. Energy wal fakkaataafi yaada wal faallaa badii irratti❤️ Hiriyyummaa akkasii san Rabbbi barakhaa keessa isaaniif haa kaayu. @alfalahDawagrp
Открыть в TelegramСвязи
Похожие каналы
ሃይማኖተ አበው ዘኦርቶዶክስ ተዋሕዶ@wweotcРелигия1,5 тыс.
ሔብሮን ቤተክርስቲያን Hebron Church@hebronchurchРелигия1,5 тыс.
💎ቲብያን 💎 የተለያዩ ዳዕዋዎች የሚተላለፉበት ቻናል!@tibyaan54Религия1,62 тыс.
AMU ግቢ ጉባኤ ቤተ-መፅሀፍት@gebigubae_libraryРелигия1,65 тыс.- AL–JUED DAAWA አል–ጁድ ደዕዋ@aljueddaawaРелигия1,43 тыс.
T Z A M A ዛማ צָמָא@tzamamovmentРелигия1,41 тыс.
ፈዋኢድ (فوائد)@ibnmuhaРелигия1,35 тыс.- ፈትህ አባቦራ መስጂድ@fethababoraРелигия1,31 тыс.