Account
Dhaamsa Jaalalaa 💝

Dhaamsa Jaalalaa 💝

"Ganama hunda yeroon hirriba irraa dammaqu garaakoo jalaa yoon sidhabe silkii koo keessan 'text' kee barbaada". 👆 Haala kanaan ergaa jaalalaa waan garaa kan keetii nama akka lubbutti jaalattu afaan feeteen argachuu ni dandeessa!. @samii_koo

Username
@orolovechats
Category
Quotes
Country
EthiopiaEthiopia
Subscribers9,999
Avg views per post, 7d—last 7 days
ERR27.35%30-day average

Average views per post by day

By publication day

Show as table
DateAvg views per post
Oct 31, 20262,780
Nov 1, 20262,690

Latest posts

#1490Photo
Views2,690−2%vs avg
Forwards—
Reactions33
Comments—
#1487Text

Dhiirti irra hedduun haadha manaa isaanii dura du'an. Uumama, hortee ykn sanyirraahii miti. Dhiironni hedduun ifumaaf suuta suutaan if ajjeesu. Gaafa dura Jaarsa tahu sanirraa eegalee; Dhiheessaan isa. Ka rakkoo furu isa. Kan eegu isa. Gaafa kana ilma namaa tahuu isaa firraa dhiisa. -Dhiibbaa hunda callisee fudhatee deema -Cinqama (stress) akkuma normal tahee tokkotti deemaan. -Sodaa waan jedhamu dirqama isaa godhateeti osoo maatiin hin geenye qabatee deemaan. Aadaa hawaasa keenyaatu dhiirti dhugaa tan komataa ooltu akka hin taane barsiise. Dhiirti dhugaa; Ni qamaati. Ni aarsiti. Waan argate nyaata. Halkan tureeti rafa. Humna isaatii ol hojjata. Hogguu "mirqaanan qaba" ifiin ja'a Garuu keessatti hedduu miidhamaa jira. Dhiirti yeroo baayyee lubbuun hafnaan gayaadha (suvival mode) irra waan jiraatuuf dafee du'a. Rakkooleen maatii kanneen akka; -Kafaltii barumsaa -Buusaa Gonofaa -Gibira mana keessa jiraatuu -Gibira waan nyaatee dhuguu -Kafaltii ifaa fi bishaanii -Dhiibbaa hojii -Yaaddoo diinagdee -Liqii -Huccuu milishaa -Deeggarsa adda addaa... waan isarra jiraachuu beekuuf survival mode irra jiraatti. Ta nama gaddisiiftu, gaafa dhiirti tokko yaaddoo seenu namni tokko ka "hoo areera" ja'uun hin jiru. Kan "boo hiraar kana ammallee hin fixannee ja'uun malee. Tokko kan; fayyaa sammuu isaa, miira isaa, dadhabbii isaa dantaa irraa qabu hin jiru. Sababni, dhiirti dhiira tahuu qofaf hin jaalatamtu. Dhiirti waan dhiheeysiteen jaalatamti. Kanaaf dhiirti hanga qaamni isaa; -dhiibbaa dhiigaa -dhukkuba onnee -kaleen dalagaa dhaabuu -dhiiyni mataa seenuun lubbuun isaa dabartutti hojjata. Gaafas namni "Ahh, yeroo Rabbiitu itti gahe" jedhu. Garuu isa; -hiraar bultii -dhiibbaa jiruudhaa fi -rakkoo duniyaa dila amata meeqa osoo na gargaaraa hin jenne matarratti ba'atee deemuun santu laaffisee kufe. Bultii irraahin yoo dubbanne. Dhiironni ammaa hedduun dubartii emotionally (yaadaan) isaan xuuxxu manaa qaban. Hogguu; -Hiraar -Kabaja dhabuu -Dantaa dhabummaa -Guyyarraa falmii baayyisuu -Teenshina guyyuutiin hiraarsiti. Dhiirti waraanarraa kan galtu waraana biraati kan mana keessa qabutti galuufi. Hiraar akkasii xiyyitii caala saffisaan nama ajj£esa. Kanaatu dhiira dhalaa dura ajjeesa. @orolovechats

Open in Telegram
Views4,640+70%vs avg
Forwards—
Reactions34
Comments—
#1485Text

MOST MEN DIE BEFORE THEIR WIVES! Pay close attention. It is not natural, destiny, or genetics. Most men are slowly killing themselves, and nobody talks about it. From the day a man becomes a husband, he becomes: A provider. A protector. A problem solver. But he stops being a human being. He carries pressure silently. He carries stress as if it is normal. He carries fear as if it is a responsibility and never releases it. Society has trained men to believe that a real man does not complain. So what does he do? He drinks. He smokes. He eats rubbish. He sleeps late. He wakes up early. He walks like a slave. He keeps telling himself, “I am fine.” But deep inside, he is breaking. Men die early because they are constantly in survival mode. They deal with: Bills. Rent. School fees. Family expectations. Work pressure. Business stress. Debt. The worst part is that when a man is stressed, nobody asks him how he is doing. They only ask one question: “Have you solved it?” Nobody cares about: His mental health. His emotions. Whether he is exhausted. Because men are not loved for who they are. Make no mistake: men are loved for what they can provide. So a man keeps pushing until his body collapses: High blood pressure. Heart attack. Stroke. Kidney failure. Then people say, “Ha! It was God’s time.” No, it is not. It was stress. It was pressure. It was years of carrying the world on his head without rest.. Let’s also talk about marriage itself. Many men today are living with women who drain them emotionally. They experience: Nagging. No peace. No respect. No appreciation. Arguments every day. Tension every day. A man comes back from war outside, only to enter another war inside his own house. That kind of stress kills faster than bullets. The painful truth is that many men today do not even know how to take care of themselves. They: Ignore checkups. Ignore symptoms. Ignore warning signs. Men are proud. A woman will go to the hospital quickly. But a man will say, “It is no"

Open in Telegram
Views5,560+103%vs avg
Forwards—
Reactions18
Comments—
#1483Text

Forwarded from Shamil N Mohammed Officials

Namticha oowwi itti ka'ee mana isaa gubu agarraan, "Maraatummaa nuti amata meeqa dandeenyee ba'annee deemuunitti jirru tana, ati kaleessuma maraattee arra mana gubdaayii" je'een ja'an maraattichi ka ajaa'ibaatii 😂 Kana gaaftokko Maraatichummaan kun inni warra Carcarii bara jijjiiramaa Mootummaan IHADIG Dargii cabsee aangoo qabatu san abbootii aksiyoona Laga raammis walga'ii yaamanii biyyiti wal guurattee walga'iitti kaanaan inninis arra guyyaan nan hambifne je'ee shufeera Kaachamaallii nama walgayiitti deemu fe'u kadhatee dhaqe ja'an Barri bara Ilmi Oromoo kan sammuu qabuufii waa harkaa qabu maqaa garaagaraatiin sababni itti barbaadamee itti adamsamu turee, (Silallettuu midhaan dura bilchaate shinbirumatu nyaata ja'aniimii ree?) Akkuma Galma walga'iin keessatti gaggeeffamaa jirtu ol seeneen Ummata tokko tokkoon harka baasee maayikii afaanitti qabatee itti gaafatamaa Waldaa Laga Raammis kan gaafa sanii, Akkana nu godhe, qarshii teenya nyaate, bu'aa argamerraa qarshiin takka nuuf hin kennamne, seeratti dhihaatee nuuf gaafatamuu qaba..., je'ee tan jirtuufii tan hin jirre hunda irratti ida'ee himatuu fii hawaasa guutuu harka dhahee ililchee sirriidha, ta'u qaba je'ee yaada namootaa deeggaran agarraan inninis yaada kennachuuf harka baase ja'an Akkuma harka ol qabeen carraan laatameefii maayikii itti laannaan;- "Jara keenya mee na dhagayaa yeroo takka, Nama oromoo kan saamame, miidhame, Ajjeefame ja'an malee, ILMA Oromoo tokkootu qarshii fudhate takkaahuu nyaatee kan ja'ame hanga arraa takkaa hin dhageenyee, Ambayyoo maganii dhiisaa tokkichi kun baga nyaatee" je'e ja'an! Galmi duraan akka gabayaa oowwiteetti ziiiz jechaa tures hamma liphuu takkatti cal ta'ee akka waan namni keessa hin jirree fakkaatee, Aanga'ootaafii Gaggeessitoonni walga'ichaatis dubbiin ajaa'ibaa isaan qabattee waan ja'an wallaalanii cal'isanii fuula keessa wal laaluu jalqaban, Hammanumatti namtichi ganda isaaniirraa wajji dhufan kan isa beeku tokko lafaa ol ka'ee, Hay Aboo kun Maraataadhaa bar dubbii maraataa dhaggeeyfattanii je'eenii maraatticha kabalanii gad baasan ja'an! Dubbiin maraataatiifii Manaamni akkuma abbaan itti hiikkate taatii ja'anii, Haa ta'uu ammoo Maraattuun jara moo namtichaan ofiifuu gaaffii biraati ! Oolle Ooltanii🙏 Jafer Alii @sammuukeef

Open in Telegram
Views5,060+85%vs avg
Forwards—
Reactions13
Comments—
#1482Photo
Views4,880+78%vs avg
Forwards—
Reactions23
Comments—
#1481Photo
Views4,420+62%vs avg
Forwards—
Reactions25
Comments—

All posts

Connections