Кабинет
Ortoodoksii ishee dhugaa

Ortoodoksii ishee dhugaa

"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16 👉 Join telegram channel https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT

Юзернейм
@ortodoksiidhugaa
Категория
Религия
Страна
ЭфиопияЭфиопия
Подписчики17 347
Просмотров на пост, 7 дн.83за 7 дней
ERR0,48 %за 7 дней

Средние просмотры поста по дням

По дню публикации

Показать таблицей
ДатаПросмотров на пост
6 нояб. 2026 г.1 650
23 нояб. 2026 г.245
25 нояб. 2026 г.29
26 нояб. 2026 г.10

Самые просматриваемые за месяц

  1. 01
    Просмотры1,65 тыс.
    Пересылки—
    Реакции4
    Комментарии—
  2. 02

    𝐒𝐎𝐎𝐌𝐀 𝐑𝐀𝐀𝐉𝐎𝐓𝐀𝐀 ━━━━━⊱/-/⊰━━━━━ 𝑤𝑎𝑎𝑞𝑎𝑦𝑦𝑜 𝑔𝑎𝑟𝑢𝑢, “𝑎𝑚𝑚𝑢𝑚𝑎 𝑖𝑦𝑦𝑢𝑢 𝑔𝑎𝑟𝑎𝑎 𝑘𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑛 𝑔𝑢𝑢𝑡𝑢𝑢𝑑ℎ𝑎𝑎𝑛, 𝑠𝑜𝑜𝑚𝑢𝑢𝑑ℎ𝑎𝑎𝑛, 𝑏𝑜𝑜'𝑖𝑐ℎ𝑎𝑎𝑛, 𝑔𝑎𝑑𝑑𝑢𝑢𝑑ℎ𝑎𝑎𝑛𝑖𝑠 𝑔𝑎𝑟𝑎 𝑘𝑜𝑜𝑡𝑡𝑖 𝑑𝑒𝑒𝑏𝑖'𝑎𝑎” 𝑗𝑒𝑑ℎ𝑎! (𝖞𝖔'𝖊𝖑 2፥12) ⚠️ #Sooma jechuun:- yeroo murtaa’eef nyaataawwanii fi dhugaatiiwwan bu’aa beeyladaa ta’anii fi nama macheessan irraa lagachuu ykn of dhorkuu; akkasumas immoo yeroo hundaa cubbuu irraa of fageessuu jechuu dha. Qulqullichi Yaareedis ይጹም ዐይን፥ ይጹም ልሳን፥ ዕዝንኒ ይጹም እምሰሚዐ ሕሱም በተፋቅሮ /jaalala bu’uureffachuun ijji waan hamaa arguurraa haa soomu, arrabni waan hamaa dubbachuurraa haa soomu, gurris waan hamaa dhagahuurraa haa soomu jechuun ibseera (tsooma Digguwaa) irratti. Nyaatonnii fi dhugaatiwwan kunis foon namaa gabbisuun cubbuutti kan nama oofanii fi mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf kan uumamte lubbuu keenya kan daandii isaa irraa fageessan waan ta'eef soomamu /lagatamu jechuudha. Kunis bu'uura Gooftaan keenya "𝑊𝑎𝑟𝑟𝑖 𝑤𝑎𝑎𝑛 𝑞𝑎𝑗𝑒𝑒𝑙𝑎𝑎 𝑎𝑘𝑘𝑎 𝑚𝑖𝑑ℎ𝑎𝑎𝑛𝑖𝑖 𝑏𝑒𝑒𝑙𝑎'𝑎𝑛𝑖𝑖, 𝑎𝑘𝑘𝑎 𝑏𝑖𝑠ℎ𝑎𝑎𝑛𝑖𝑖 𝑑ℎ𝑒𝑒𝑏𝑜𝑡𝑎𝑛 ℎ𝑎𝑎 𝑔𝑎𝑚𝑚𝑎𝑑𝑎𝑛" jedhee (𝕞𝕒𝕥 5፥6) irratti barsiiseen; soomiin osoo waan nyaatanii fi dhugan qabanii, osoo nyaatanii dhuganii bashannanuudhaaf haalli mijataan jiruu, waa'ee qajeelummaatiif jedhanii of beelessuu fi of dheebossuu jechuudha. Qulqulloonni qaama isaanii dadhabsiisuuf kan soomaa turan, nyaanni biyya lafaa foon namaa gabbisuuf malee lubbuuf akka faayidaa hin qabne hubataniiti. Kanumaafi qulqullichi Daawitis faarsaa isaa keessatti "𝑆𝑜𝑜𝑚𝑎𝑛 𝑜𝑓𝑎𝑛 𝑑𝑎𝑑ℎ𝑎𝑏𝑠𝑖𝑖𝑠𝑒; 𝑞𝑎𝑎𝑚𝑛𝑖 𝑘𝑜𝑜𝑠 𝑑ℎ𝑎𝑑ℎ𝑎𝑎 𝑑ℎ𝑎𝑏𝑢𝑢𝑑ℎ𝑎𝑎𝑛 ℎ𝑢𝑢𝑞𝑞𝑎𝑡𝑒" jechuun kan inni barreesseef (𝔽𝕒𝕒𝕣 109፥24) ➤ #Soomni ajaja jalqabaa ta’uun abbaa keenya Addaamii fi haadha keenya Hewaanitti kan himamee dha. Bara Jannata keessa turan sana firii ykn ija mukaa ishee du’aaf isaan saaxiltu sana akka hin nyaanne itti himamee ture. Yoo ishee irraa nyaatan du’a akka du’an dhaga'anii turan, garuu isaan ajajjicha darbanii nyaachuun duuti isaan booji’e (𝕊/𝕦𝕞 2፥16). ✅ #Soomni_Raajotaa yeroo mara waggaa waggaadhaan #Sadaasa_15 kan eegalu yoo ta’u, bara Yohaannis (muddee 28) irraa kan hafee hanga muddee 29𝑡𝑡𝑖 ykn jala bultii dhalachuu gooftaa keenyaatti guyyoota 44(43)'f kan lagatamu ykn kan soomamuudha. Soomni kun soomiiwwaan gurguddoo ykn soomiiwwan labsii 7'n mana kiristaanaa keenya keessaa isa tokkoodha. 👉 sababni inni sooma raajotaa jedhame immoo gabaabumatti raajonni waan soomaniifi. Raajonni maaliif sooman kan jedhuuf immoo akka armaan gadiitti moggaasa soomii kanaa keessaa maqaa sooma raajotaa jedhu jalatti waliin ilaalla ⤵️ ⚠️ 𝐌𝐨𝐠𝐠𝐚𝐚𝐬𝐚 𝐒𝐨𝐨𝐦𝐚 𝐑𝐚𝐚𝐣𝐨𝐭𝐚𝐚 1✍️ 𝐒𝐨𝐨𝐦𝐚 𝐀𝐝𝐝𝐚𝐚𝐦:- Abdiin/waadaan Addaamiif galame kan "𝑑ℎ𝑎𝑙𝑎 𝑑ℎ𝑎𝑙𝑎 𝑘𝑒𝑒 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑑ℎ𝑎𝑙𝑎𝑑ℎ𝑒𝑒𝑛 𝑠𝑖 𝑓𝑎𝑦𝑦𝑖𝑠𝑎" jedhu kan itti raawwaatame waan ta'eef sooma Addaam jedhamee wamama. 2✍️ 𝐒𝐨𝐨𝐦𝐚 𝐑𝐚𝐚𝐣𝐨𝐭𝐚𝐚:- Kuni maqaa isaa walii galaa yoo ta'u, kunis akkuma dura jenne raajonni waan soomaniif maqaa kanaan waamama. Raajonni maaliif sooman kan jedhuufis abdii Addaamiif kenname yaadachuudhaan "Waaqni samii samiiwwanii irraa ni bu'a, qulqulleettii dubree Maariyaam irraa ni dhalata, waa’ee keenyaaf jedhee ni dhiphata, ni fannifama, ni du’a, du'a isaatiinis ilmaan namootaa warra duuti itti murtaa'ee ture bilisa ni baasa, du’a moo’ee ka'uudhaanis gara samiiittis ol ni ba'a, deebi’ees murtiidhaaf ni dhufa...." jedhanii abdiidhaan eeggachaa "ℎ𝑢𝑚𝑛𝑎 𝑘𝑒𝑒 𝑘𝑎𝑎𝑠𝑖, ℎ𝑎𝑟𝑘𝑎 𝑘𝑒𝑒𝑠 𝑎𝑎𝑟𝑖𝑦𝑎𝑎𝑚 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑒𝑟𝑔𝑖" jedhanii kadhachuudhaan (𝔽𝕒𝕒𝕣 144፥8) soomaa turan. Abdiin isaaniis osoo hin fashalaa'iin akkuma qalbii qulqullummaatiin soomaa turan sana Gooftaan keenyas isaan hin qaanessine, kadhannaan isaanii dhagahamee guyyaa dhumaa baatii Mudde, Beeteliheem dallaa Loonii keessatti dhalate. Raajonni baatii tokkoo fi bultii kudhaniif ykn guyyoota 40'f soomaa dhalachuu Gooftaa keenyaaf mi’aa addunyaa kana irraa of lagan.

    Текст
    Просмотры270
    Пересылки—
    Реакции3
    Комментарии—
  3. 03

    Sababuma kanaaf Phaaphaasiin kun guyyoonni kun sadan sooma raajotaa irratti dabalamanii akka soomamaniif ajaje. ✍️ #Gaadiin immoo gannaan ykn guyyaan dhaloota gooftaa roobii ykn jimaata irra yoo bu'e/oolee guyyaan sun ni nyaatama, bakka isaa immoo kibxata ykn kamisatu dachaa ta'ee sa'aa 18'f soomama jechuudha. Bu'uuruma kanaan manni kiristaanaa guyyoota 44/43 akka soomnu kan ajajje yoo ta'u, kunis seensi soomii kanaa yeroo hunda walakkaa ji'a sadaasaa ykn sadaasa 15 yoo ta'u, kan inni xumuramu immoo baroota sadan muddee 29, bara Yohaannis garuu mudde 28 dha. Akka barsiisa mana kiristaana Ortodoksii Tawaahidootti, baatiin sooma Raajotaa kutaalee adda addaa ni qaba. Keessumaayyuu, torbeewwan sadan guyyaa Dhalootaa dura jiran moggaasa adda addaa ni qabu:- • #Lallaba (ስብከት) 𝔽𝕒𝕒𝕣 143፥7 • #Ifa (ብርሃን) • #Tiksee (ኖላዊ) 𝔽𝕒𝕒𝕣 79/80፥1 Jechi "ኖላዊ/Noolaawii" jedhu jecha afaan gi’iizii yoo ta'u, hiikni isaa immoo tikee/eegduu jechuu dha. Kunis Gooftaan keenya halkaniifi guyyaa osoo hin mugiin hamaa hunda irraa kan nu tiksu ta’uu isaa kan itti lallabamuudha. 🤲 Akkuma Raajonni waan gaarii barbaachaaf soomanii Waaqayyo fuulduratti eebba argatan sana, nutis sooma dhugaa soomnee akka eebba Gooftaa keenyaa argannu inni nuhaa gargaaru. Sugnii fi Eebbi Raajotaa hunduma keenya irra haa bulu. Waaqayyoo sooma fayyinaa nuuf haa taasisu Ameen! 𝑺𝒐𝒐𝒎𝒂 𝑮𝒂𝒂𝒓𝒊𝒊🥀 𝗚𝗮𝗹𝗮𝗻𝗻𝗶 𝘄𝗮𝗮𝗾𝗮𝘆𝘆𝗼 𝘂𝘂𝗺𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗳 𝗗𝗲𝗲𝘀𝘀𝘂𝘂 𝗵𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮 𝗶𝘀𝗮𝗮𝗳 𝗨𝗹𝗳𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗶𝘀𝗮𝗮𝗳 𝗘𝗿𝗴𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮𝗳 𝘄𝗮𝗿𝗲𝗲𝗴𝗮𝗺𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗶𝘀𝗮𝗮𝗳 𝗛𝗮𝗮 𝘁𝗮'𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗮𝗻 𝗔𝗺𝗲𝗻 🙏 ==============//==============

    Текст
    Просмотры259
    Пересылки—
    Реакции—
    Комментарии—
  4. 04

    Waan gaarii hawwuun, foon isaanii abboomaa badhaasa afuuraa bor argachuu danda’aniif of qopheessaa turan jechuudha. Nyaata foonii beela’uun dhalachuu fi nama ta’uu fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos arguuf ija afuuraan ilaalaa turan; booda irra isaan du’aan daangeffamanillee dhalachuun isaa dhugaa ta’eera. Kan isaan daawwitii raajiitiin gaaddidduu isaa arganii dubbatan sun qaama godhatee ifa bahee mul’ate; dirreen Beeteliheemis ilillee fi gammaachuudhaan guutamte. 3✍️ 𝐒𝐨𝐨𝐦𝐚 𝐅𝐢𝐥𝐢𝐢𝐩𝐡𝐨𝐨𝐬:- Bartuu gooftaa keessaa tokko kan ta’e Filiiphoos gara Afrikaa deemee barsiisaa ture. Ardii kana keessattis warreen hin amanneen ajjeefame. Barattoonni isaa reeffaa isaa awwaallachuuf yoo ka'an reeffi isaa waan isaan jalaa dhokateef sadaasa 15 irraa eegalanii soomanii Waaqayyoon kadhachuu eegalan. Guyyaa sadii booda reeffa isaa argatanii erga awwaallatanii booda hanga guyyaa yaadannoo dhaloota gooftaa keenyaatti itti fufanii waan soomaniif sooma Filiiphoos jedhame jechuudha. 4✍️ 𝐒𝐨𝐨𝐦𝐚 𝐃𝐮𝐮𝐤𝐚 𝐁𝐮'𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚:- Kunis immoo duuka bu’oonni “Guyyaa du'aa ka'umsa Gooftaa sooma faasikaa soomnee kabajna, guyyaa dhaloota isaawoo maaliif osoo hin soomiin kabajna?" jedhanii akkuma raajotaatti soomuu waan eegalaniif sooma duuka bu’ootaas ni jedhama. 5✍️ 𝐒𝐨𝐨𝐦𝐚 𝐋𝐚𝐥𝐥𝐚𝐛𝐚𝐚:- Waa'een nama ta'uu Waaqayyoo bal'inaan kan keessatti lallabamee fi lallabamu ta'uu isaatiin sooma lallabaa jedhamees ni beekama. 6✍️ 𝐒𝐨𝐨𝐦𝐚 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚/𝐠𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚:- Xumura sooma kanaa irratti ayyaanni dhaloota Gooftaa kan kabajamu ta'uu isaatiin immoo sooma dhalootaa/gannaa jedhamee ni beekama. 7✍️ 𝐒𝐨𝐨𝐦𝐚 𝐌𝐚𝐚𝐫𝐢𝐲𝐚𝐚𝐦:- Kun immoo qulqulluun ergamaa Gabri’eeliin, Afuura Qulqulluun gara durboo Maariyaamiitti ergamuun akka isheen Waaqa deessu yemmuu misiraachoo itti dubbatu, "Waaqa samii fi lafaa akkamittiinan da'aa?" jechuun gooftaa keenya da’uun dura soomaa waan turteef sooma Maariyaamii jedhamee waamama jechuudha. ✅ Egaan kanneen armaan oliitti caqasne kun sababa soomaniif kan mataa mataa isaanii qabu, nuti immoo maaliif soomna? yoo jedhame; nuti kan soomnuuf akka raajotaa "Gooftaan ni bu'a, ni dhalata......." jennee osoo hin taane, sooma kanaan eebbaa fi suga foonii fi lubbuu argachuuf, fayyina foonii fi lubbuu argachuuf,... dhalachuu gooftaa keenyaa yaadachaa abdii keenya kan taasifannee mootummaa Waaqayyoo akka dhaalluuf fayyina foonii fi lubbuu ittiin argachuuf soomna jechuudha! 👉 Raajonni guyyaa 40 qofa soomanii nuti maaliif guyyaa 44/43 soomnaa? yoo jedhame; ✅ Sababbiin 44/43 soomnuuf immoo guyyaan 40 kan raajotaa, guyyaan 3 kan Abrahaam isicha Sooriyaa, guyyaan tokko immoo yoo gannaan roobii fi jimaata irra bu'eef gaadii jedhamee kan dabalameedha. ✍️ Kan Abrahaam isa Sooriyaa kan jedhamu, biyya Gibtsiitti bara Abbaan Abrahaam kun hangafa phaaphaasii turetti ormoonni warri hin amanne caqasa "Amantii hamma ija sanaaficaa geessu utuu qabaattanii gaara kanaan "Asii ka'ii achi butadhu' in jettu, gaarichis asii ka'ee achi in butata; wanti isiniif hin danda'amnes hin jiru” (𝕞𝕒𝕥 17፥20) isa jedhu caqasaniif ittiin mormanii, phaaphaasii kanas waamanii "dhuguma kana gochuu ni dandeessuu?" jedhanii gaafatan. Hangafti phaaphaasii kunis 'eeyyee' jedhee deebiseef. Innis sana booda sooma guyyaa sadiif labsee ofii isaatiis si'iilii qulqulleettii dubree Maariyaam fuulduratti kufee sagaduun soomee yoo kadhatu, isheenis "Kana kan gochuu danda'u Simi'oon isa gogaa duugu/isa kophee hodhu isa ija tokkooti" jetteen. (#Hub Simi'oon kun isa sagalee 𝕄𝕒𝕥 5፥29) irra jiru hojiitti kan hiikedha jechuudha. ✅ Abbaan Abrahaamis akkuma isheen jettetti Simi'oon kana waamsisee yoo gaafatu, Simi'oonis kasoominaan "Yaa Abbaa eeyyee ni danda'ama, garuu ati labsii labsiitii saboota hundumaa waami, ormoonni warri si gaafatanis haa dhufanii, ati immoo isaan fuulduratti ba'iitii kadhannaa godhi, ani immoo uummata keessa taa'een kadhadhaa yeroos tulluun ni buqqa'aa" jedheen. Phaaphaasichis akkuma Simi'oon jedhe yoo godhu, tullichis ni buqqa'e, ormoonni hedduunis guyyicha sana amananii ni cuuphaman.

    Текст
    Просмотры206
    Пересылки—
    Реакции3
    Комментарии—

Новые посты

#5806Текст
Просмотры20−91%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#5802Текст
Просмотры36−83%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#5789Текст

Открыть в Telegram
Просмотры259+21%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#5788Текст

Просмотры206−4%к среднему
Пересылки—
Реакции3
Комментарии—

Все посты

Связи