"Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana ja’an: 'Ummata kiyya keessaa namni qalbii isaa irraa qulqulleessee (iklaasaan) salawaata Tokko narratti buuse; Rabbiin sababa saniin rahmata (salawaata) kudhan isarratti buusa, sadarkaa kudhan ol isa kaasa, Sawaaba kudhan isaaf barreessa, akkasuma dilii kudhan irraa haqa.'" (Madda: Sahiih Al-Targheeb wa Al-Tarheeb) Allahumma Salli Wa Sallim Wabaarik Aleyhi. Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4
Открыть в Telegram
Bisharo Abdi official
Baga Gara Maatii Telegram Bisharo Abdi Dhuftan! 🌸 Asitti gammachuu, Qoosaa, jaalala fi waan qalbii nama hawwatu qoodanna. Yoo na dhabdan, du’aaii naaf godhaa..!
Средние просмотры поста по дням
По дню публикации
Показать таблицей
| Дата | Просмотров на пост |
|---|---|
| 31 окт. 2026 г. | 1 110 |
| 13 нояб. 2026 г. | 496 |
Новые посты
«Rabbi biratti diliin eega shirkiitii ulfaatoo ta'an dilii Lamaa ol hin jirtu; Takka : Salaata fardii Tokko beekaa hanga yeroon isaa baatuu lakkisuu. Lamma ;Gurbaa Mu’uminaa ykn dubartii Mu’uminaa Takka haqaan maleetti ajjeessuu dha.» Ibnu Hazmii Rabbiin Rahmata haa godhuuf..! Salaata Tokko beekaa yeroo irraa booda aansuun oggaa diliin isaa akkanatti guddoo yoo taate guututti lakkisuu maal gaafatta ?! Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4
Открыть в TelegramYeroo rakkoo keessa turetti na cinaa dhaabbatte, yeroo ani nama na deeggaru barbaadetti na bira turte. Akka ani nama naaf dhaabbatu, na eeguufi na jajjabeessu qabu na agarsiifte. Kana gonkumaa hin irraanfadhu, Heddu Takka Galatoomi. 🤍 "Ja'iin nama jechuuni qabduun..! Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4
Открыть в TelegramGara adunyaa tana gaafa dhuftu yeroo filatteeti miti ; akkasuma biyya itti dhalattees hin filanne. Lammii fi gosa irraa dhalattees hin filanne.. ammallee , sa'aatii itti duniyaa irraa deemtuu fi bakka itti duutus mataa keetiin hin filattu. وَمَا تَدْرِي نَفْسٌ بِأَيِّ أَرْضٍ تَمُوتُ "(Lubbuun tokkolleen lafa kam irratti akka duutu hin beektu." Gara adunyaa kanaa qadaraan dhufte; beellama murtaa'aa taheniis deemuuf jiraatta. Duniyaa irra dhufuu fi godaanuu kee jidduutti , akka kheeyrii fi hamtuu addaan filattee gaarii hojjettuuf umuriin siif kennameeti jira. Waan asirratti hojjattee fi ol kaayatte irrattiis guyyaa qiyaamaa qoratamuuf jiraatta. Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4
Открыть в Telegram“Ganama salaata subhiitiif hin azaanamne “ Guyyaa Tokko oggaa gabroottan kamisa oolanii galgalli jimmataa gahe subhiif hin azaanamu sababni isaatiis qiyaaman dhaabbatteeti jirti.!! Guyyaa san mu’azzinni gama salaata nama yaamu hin ja’u.!! •Salaanni rawwatamte jirti ,salaattuus sirraa hin qeebalamu..!! •Ibaadaanis dhumte ,hanga feetellee ibaadaa gootu sirraa hin qeebalamu.!! Inni ganama san subhii azaanu Malaa’ikaa Rabbii “Israafiilii” wanni inni ja’e lallabu : yaa lafee biyyetti jijjiramte,yaa foon addaan faca’e ka’ii Rabbii Aalamaa dura dhaabbadhu akka inni sirratti murteeysuuf je’a.!!” Wayta rabbiin keenya ja’u ; { وَنُفِخَ فِي الصُّورِ فَجَمَعْنَاهُمْ جَمْعًا } {Garrii kheysatti afuufame uumama keenya hundaahu wali qabaminsa isaan wali qabna.} Yaa Rabbi Rahmata nuuf godhi guyyaa san.!! Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4
Открыть в TelegramSomeone said : umriin shamarraniiti fi salaatni magriibaa dafeeti dabra me : salaataa na dabra ja'anii wudu'a malee hin salaatan 🙄
Открыть в TelegramBalaa koonkoolaataatin nama 50 du'e Ameerikatti jennaan! Gurbaan akka Itoophiyatti meeqa jechuu dha, je'ee gaafate 🤭😂
Открыть в TelegramOggaan dubbisu dafeetiin irraanfadha, furmaatni isaa maali? Irraanfachuun ilma namaa biratti hanqina miti; inumaa umama fi xabi’aa Rabbiin sammuu namaa irratti uume keessaa isa tokkodha. Odoo namni waan irra dabre hunda qalbii fi sammuutti hambisee yaadatu ta'ee, gadda fi dhukkubbii irra dabraan sammuu isaa cufu kana wajjin jiraachuu hin danda'u ture. Xiinsammuu dubbisaa keessatti ammoo, hiikni guddaan irraanfii kana hubatanii tooftaadhaan irra aanudha malee, irraanfiif jacha dubbisuu dhaabuu miti. Tooftaalee irraanfii dubbisaa ittiin hir'isnu: 1.Qalbii fi aqlii dubbisa bira jirtuun dubbisuudha.. 2.Yaada bareeda fi jacha bareeda booda yaadachuu feetu daftara xiqqaa Tokko qopheeyfattee gubbatti barreeysuudha..qalamni yaadachiisaa sammuuti. 3.waan dubbifne daftara sanirraa yeroo hanga Takka booda irra daddeebi’udha..irra daddeebiin akka gad jabeeysutu gooti. 4.oggaa dubbifnu kitaaba namaaf ifa bahu dubbisuudha..yaadni dafee namaaf galu yaada namarratti wal fakkaatu irra namaaf tura. 5.ka barbaachisu ammoo waan baranne hojitti hiiku dandahuudha..yaadni oggaa jireenya keenya keessa seene nama jala baduu irraa ni fagaata. Yeroo garii kitaaba eega fixne booda mee maaliin yaadadha ifiin janna..ammoo kitaaba dubbisuun kee qoftiinu hangam akka jireenya kee jijjiru ati hin beeytu malee faayidaa guddaa siif argamsiiseeti jira. Waan irraanfatte yeroo waan si yaadachiisu argite yaadatta ittin rakkatin. Wanni beekuu qabnu kaayyoon waa dubbifnuuf waan dubbifnu san qomarraa haffazuufii miti ,ammoo faanta hubannaa teenya keessatti hanbisuu fi karaa nu fayyadu irratti nu qajeelchuufi. Sammuun waan dubbifne ni doomti. Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4
Открыть в TelegramYoo Zikrii ganamaa fi galgalaa guututti jechuu irraa dadhabde, Zikrii torban laaftuu, Faayidaa fi faanti isii guddoo taate tana irraa hin dadhabin: 1. Bismillaahillazii laa yadurru ma'asmihii shay'un fil-ardii wa laa fis-samaa'i wa huwas-samii'ul-'aliim (si'a sadi). 2. A'uuzu bi-kalimaatillaahit-taammaati min sharri maa khalaq (si'a sadi). 3. Radiitu billaahi Rabban wa bil-Islaami diinan wa bi-Muhammadin ﷺ Nabiyyan wa Rasuulaa (si'a sadi). 4. Suuraa (Al-Ikhlaas, Al-Falaq, An-Naas) (si'a sadi). 5. Salawaata Rasuulaa irratti buusuu (si'a kudhan). 6. Aayatal-Kursiyyii (si'a tokko). 7. Subhaanallaahi wa bi-hamdihii 'adada khalqihii wa ridaa nafsihii wa zinata 'arshihii wa midaada kalimaatih (si'a sadi). Ibnul-Qayyim akkana ja’a: "Osoo beekte, hanga nyaataa fi dhugaatiitti haajamtu daran Zikriitti haajamta." Sheekhul-Islaam Ibnu Taymiyyaan salaata Fajrii booda taa'ee Zikrii qara'a; eegasii akkana ja’a: "Tuni afaan-hiikkanna (faxara) kiyya; yoon isii dhiise humnaan dhaba." Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4
Открыть в TelegramСвязи
Похожие каналы
𝐄𝐂𝐂𝐋𝐄𝐒𝐈𝐀 - 𝐓𝐔𝐁𝐄 ✞@ecclesia_tubeРелигия3,29 тыс.
ASTU ECSF@astuecsfРелигия3,2 тыс.
♡በረካ♡ መልቲ ♡ሚድያ♡@barkamaltmadyaРелигия3,11 тыс.
አምላከ ብርሀን@amlake_birhanРелигия3,08 тыс.
AS-HABULE YEMINE@ashabuleyamineРелигия3,49 тыс.
የጎ/ሕ/ጤ/ሳ/ኮ ግቢ ጉባኤ /GC_GG@gc_gibigubaeРелигия3,53 тыс.
ሕይወተ መነኮሳት ወመነኮሳይያት@hiwotemenekosatРелигия2,98 тыс.
የአንዋር መስጂድ ደርሶች@anwardersРелигия2,98 тыс.