Account
Ifargan Technologies

Ifargan Technologies

Visit our website - https://ifargantech.com

Username
@ifargantech
Category
Technologies
Country
EthiopiaEthiopia
Subscribers2,112
Avg views per post, 7d—last 7 days
ERR7.10%30-day average

Latest posts

#879Text

------------- SEENAA DUBBIFAMUU QABU --------- [DUBARTII GARRAAMII TOKKOO FI NAMTICHA] ( share share share share share ) =\\= Guyyaa tokko dubartiin #kaasey jedhamtu tokko kaaffee keessa teessee shaayii dhugdi ture. Osuma karaa foddaa ala ilaaltuus waan ajaa'ibaa tokko argite. Nama uffata ciccitaa uffatu, nama fuullisaa baay'ee daalachaa'e, saantimni boorsaa isaa keessaa dhangala'ee yoo gadi jedhee guurratu argite. Ol kaatee yoo ilaaltus, bakkee tokko taa'ee, namoonni saantima hihiixatuuf ture kan argite. Kaasey, itti siqxee yoo ilaaltu namtichi nama beela'ee jiru itti fakkaate. Isheenis, "koottu lafan ani jiru na duukaa dhaqimee", jettee gara kaaffee taa'aa turteetti geessite. Achiis shaayii fi sandiwiichii bittee kenniteef. Namni sunis waan baay'ee beela'eef daddafee nyaate. Kaasey baay'ee rifatte. Yoo inni nyaatee ka'u. " Teessoo kana bira kophaa koon taa'aa jira, dhuftee na bira taa'uu dandeessa" jetteen. Innis gochaa isheetti humnaa ol gammadhuun dhaqee bira taa'e. Isheenis maaltu akka isa mudatee fi maalif akka daandiirra taa'ee saantima kadhatu gaafatte. Innis akkasiin deebiseef... "Yeroon ani xiqqaa turetti, abbaan koo machaa'ee galuun anaa fi haadha koo nu reeba ture. Yeroo hundaa akkasuma godha. Anis guyyaa tokko reebichaa fi dheekkamsa isaa nuffeen, manaa bahee lafan hin beeknetti bade. Achiis daandiirra jiraachuun eegale. Daandii sanarrattis daa'immaniin nan doorsifame, nan reebame. Hojii barbaaddachuuf yaalus, fuulli koo fokkisee waan jiruuf, namni hojii naaf laatu ni dhabame. Kanarraa ka'uunis #araada garaagaraa keessan seene. Kunimmoo ittuu akka namoonni na jibban godhe. Hojii barbaaduuttis abdiin kutadhe. Haati koos osuun ani deebi'ee ishee hin argiin duutee awwaalamte" jedheen. Kaasey baay'ee laphee cabuun imimmaaniin tumsite. Onnee isheerraa gadditeef. Isheenis, "asumatti na eegi, nan dhufaa", jettee yoo gara keessaatti seentu, namtichi sun waraqaa fi qalama #kaasherii(qabduu herreegaa) harkaa fudhachuun barreeffama wayii barreesseef. Barreeffamichis akkas jedha, "Barreeffamni harkaa koo waan hin bareedneef dhiifama - ani hin baranne. Affeerraa naaf gooteef guddaan si galateeffadha. Har'a of balleessuuf( #sucide) karoorseen ture. Garuu sababiin jaalala fi oo'a kee argadheef amma of ajjeesuu dhiiseera. Waaqayyo si haa eebbisu. Oolmaa kee gonkumallee hin irraanfadhu" kan jedhu barreessuun, akka isheetti kennaniif nama bakka dalagaa turetti kennee bahe. Kaasey dhuftee yoo barreeffamichi dubbifte, baay'ee itti dhagahame. Waan gaarii shaayii fi sandiwiichii sanarra caalu akka kaffaltetu itti dhagahame. Namichi of balleessuuf karoorsee ture sababii isheetiin yaadasaa jijjiirrate. #Qalbifannoo:- [1] Yeroo tokko tokko gargaarsi - hagam xiqqoo taatullee - nuti namaaf goonu, guyyaa nama sanaa bareechuu qofa osuu hin taane, guutummaa jireenya nama sanaa bareechuu danda'a. Gargaarsi ati akka salphaatti namaaf gootu nama sanaaf oolmaa guddaa ta'ee keessa isaatti barreeffama. Namoota lapheen isaanii cabe, garaan isaanii duwwaa ta'e, fuulli isaanii daalachaa'eef garaa laafuun gargaaruun fuula namaattis fuula waaqayyoottis gatii guddaa namaaf kennisiisa. Namummaa gaariin isa kana. [2] Maatiiwwan ijoollee cunqursan, ijoollee isaanii fuulduratti wal jeeqan egeree daa'imman isaaniif summiidha. Daa'imman qofa osuu hin taane miira hawaasaa fi dinagdee biyyaas ni hubu. Sababni ka'umsa araadaa, fi daa'imman yakka garaagaraa keessatti hirmaataniis maatii akkasiiti. Ijoollee fuulduratti jaalala, kabaja, kutannoo fi miira abdii qofa calaqqisiisuutu eeyyamama. Ijoollee fuulduratti jeequmsa, araada, jibba, cunqursaa shaakaluun namaanis waaqayyoonis ni ceepha'ama. [3] Namootni rakkoo garaagaraa keessa yeroo seenan yeroo jalqabaaf furmaatni isaanitti mul'atu araada keessatti kufuu qofa. Araada keessatti kufuun garuu furmaata osuu hin taane, madda rakkoo isa olaanaadha. Yoo dandeesse araada kamiyyuu hin shaakaliin.

Open in Telegram
Views1,110+640%vs avg
Forwards—
Reactions5
Comments—

All posts

Connections