HAALLI YEROO TA'UUS JABAA... Haalli yeroo gudii qaba Isa bareef tottolee laba Isa hin beeynetti cima tabba Kanaa waliin taa'ee jibba Inni beeku beekee dabre Inni hin beeyne taa'ee aare Haalli yeroo ta'uus jabaa Namni obse Rabbi qabaa Hundarra caalaa obsa filadhu Obsaan waan hunda argadhu Namni arge rakkoo rakkatee Obsa qabaannaan isaadabarte Rakkoon sitti hammaattee Jiruun yoo sitti dhiphatte Dhagayi waan siif himaa Fudhu siifan tilmaamaa Jiruuf jireenya siif laate Nama godhee si filatee Galata gal-chiif rabbii kankee Fudhu narraa siif akeekee... Na-ofkolchaa an dhaabbadhee Galatoomaa niis fixadhee. Koo kanuma dhaamsi Share godhii facaasi...๐ Kan barreesse Hamza Hassan Share haa goonuu hundi keessan... ๐ https://t.me/hamzahassen1
Open in TelegramPosts of ๐ก๐๐๐ซ๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐ ๐๐๐ฆ'๐๐ญ๐ฎ๐ฅ ๐ค๐ก๐๐ฒ๐ซ๐ข๐ข๐ก
๐๐ฎ๐ป๐ด๐ฎ๐บ ๐ฎ๐ธ๐ธ๐ฎ ๐ป๐ ๐ต๐ผ๐ฟ๐ฑ๐ผ๐ณ๐ฎ๐ฎ ๐ท๐ถ๐ฟ๐๐ฎ๐ป ๐ฏ๐ฎ๐ฟ๐๐ ๐ฏ๐ฎ๐ฟ๐ฏ๐ฎ๐ฎ๐ป๐ป๐ฎ, ๐๐ฎ๐ป๐ฎ๐ฎ๐ณ ๐ฎ๐น-๐๐ผ๐ธ๐ธ๐ผโ๐ฅ๐ฒ๐ฎ๐ฐ๐โ (๐) (โค๏ธ) ๐ด๐ผ๐ฑ๐ต๐ฎ๐ฎ ๐ด๐ฎ๐น๐ฎ๐๐ผ๐ผ๐บ๐ฎ๐ฎ๐
Open in TelegramRijaalul Fajr (ุฑุฌุงู ุงููุฌ) Maali? โ Sochii Dhiheenya kana Biyyoota Islaamaa keessaatti eegale keessaattuu Aljeeriyaa irraa ka'uun Duula Daa'immaniif dargaggoota Ganama Salaata Subhii masjiidatti Akka salaataniif Jajjabeessuufi kan eegaleemeedha. Nuti Duula kana ifatti itti Makanneerra. Isin hoo? https://t.me/hamzahassen1
Open in TelegramViews growthHide views growth
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 8 h | 57 |
| 25 h | 143 |
- After 6 hours57
- After 24 hours143
- Total to date143
Afaan Arabaatiin โJabalโ jachuun gaara, tabba jachuudha. Gaara jachuun lafa olkaatuu laatanii hin dhaqqabne, humna jabduu sossoosuun hin dandayamne jachuudha. Jabal jachuun Kan hin dhiibamne jachuudha. แ แ แจแฅแ แแแ 'แแ แ' (Jabal) แแแต แฐแซแซ แแแต แแแข แฐแซแซ แแแต, แ แแแ, แแฐแจแตแ แต แจแแญแปแ แจแ แซแ แฆแณแฃ แ แ แแซแซ แแญแ แแแแแ (แแแแณแแต) แจแแญแปแ แแแต แแแข แแ แ แแแต, literally, แจแแญแแ (แจแแญแแแแ ) แแแต แแแข https://t.me/hamzahassen1
Open in Telegram๐๐ฎ๐ป๐ด๐ฎ๐บ ๐ฎ๐ธ๐ธ๐ฎ ๐ป๐ ๐ต๐ผ๐ฟ๐ฑ๐ผ๐ณ๐ฎ๐ฎ ๐ท๐ถ๐ฟ๐๐ฎ๐ป ๐ฏ๐ฎ๐ฟ๐๐ ๐ฏ๐ฎ๐ฟ๐ฏ๐ฎ๐ฎ๐ป๐ป๐ฎ, ๐๐ฎ๐ป๐ฎ๐ฎ๐ณ ๐ฎ๐น-๐๐ผ๐ธ๐ธ๐ผโ๐ฅ๐ฒ๐ฎ๐ฐ๐โ (๐) (โค๏ธ) ๐ด๐ผ๐ฑ๐ต๐ฎ๐ฎ ๐ด๐ฎ๐น๐ฎ๐๐ผ๐ผ๐บ๐ฎ๐ฎ๐
Open in Telegram๐ ๐ผ๐ธ๐ธ๐ผ๐ฟ๐ฎ๐บ๐๐๐ป, ๐ฆ๐๐ป๐ป๐ฎ๐ฎ๐ฑ๐ต๐ฎ ๐ข๐ฏ๐๐๐๐ป ๐ด๐ฎ๐ฟ๐๐, ๐ ๐ถ๐ป๐ฑ๐ฎ๐ฎ๐ฑ๐ต๐ฎ!๐
Open in TelegramBaadiyyaattin dhaladhe Qe'ee qananiif quufaa Loon tiksaatan guddadhe Urgaa jabbilee suufaa Jaalala waakkii malee Kan na badhaase Rabbi Ilma qotee-bulaati Seeqataa ilkaan cabbii... Dhugaatiinkoo aannani Nyaanni qamadiif garbuu Gorsi maatiis hapheedha Tasa nabira hin darbu, Boroo ba'een kutadha Burtukaanaafi Maangoo Gulufsiisaan guddadhe Yaabee Fardaafi Gaangoo Eeyyee..... Boqonnaa sammuufuu Gaafa feenu bakka Kan baadiyyaa gitu Jiraachuu nan shakka. Qilleensi qulqulluudha Bosonni magariisa Madda aara-galfiiti Qalbii goggogde jiisa. Sagalee kilooleen Simbiraaf bineensaa โHin deeminโ siin jedhu โNuuf ta'i miseensa" Yaa'iinsi qilleensaa Mukkeen gaafa raasu Sammuu si sooranii Dharraakee sibaasu. Wiirtuuf utubduu biyyaa Soortuuf wabii magaalaa Baadiyyaa deessee kiyya Mee maaltu si madaalaa..?
Open in TelegramSababa dogongora qubee tokkootiif fuulli isaa akkana ta'e!! Namni isin argitan kun jaartii isaatii xalayaa โYaa haadha manaa koo ajaa'ibasiistu sin jaaladha โ ergaa jette yemmuu barreessu. Jecha afaan arabaa โุฑุงุฆุนุฉโ jechu barreessati qubee tokko qofa dogongoruun โ ุฑุงุจุนุฉ โ kan jedhu barreesse. Hiikkaan jecha jalqabaa โajaa'ibsiistuu โ jechuu yemmuu ta'u, hiikni jecha lammaffaa immoo โafraffaaโ jechuu dha. Maarree โjaartii too ajaa'ibsiistuu si jaaladhaโ jechuutti โjaartii too afraffaa si jaaladha โ jedhee barreesse, sana booda bifa kana fakkaatuun booksii dhuge. Jarattiin bakka kanatti qoosaa fi dogangoras hin beekan jechuu dha. ๐ Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan ๐ ๐ https://t.me/hamzahassen1
Open in TelegramTokko lama jedhaniin ๐ค Kumaaf kitila laakka'uu Ifaajanii yoo hojjatan โจ Shakkii malee milkaa'uu Qananiin biyya lafaa ๐ Aarsaa kaffallaan dhufaa Ta'uu baannaan beeloftee Manni sirratti kufaa ๐๏ธ Garbaaf galaana cee'uuf ๐ Bidiruuf doonii yaabbatuu Gaaddisa egeree ta'uuf Har'a biqiltuu dhaabbatuu ๐ฑ Xiqqaaf guddaa hin qabuu Hojiin hunduu kabajaa ๐ Gaafa garaan beeloftee Sammuunuu nu ajajaa
Open in TelegramHIRKOON KIYYA SUMA. Asiif achi jooree Nama kadhaa hin labuu.. Rabbii koon abdadhe Abdadhees hin dhabuu.. Inni danda'aadha Isan dhabe naaf laataa.. Rakkadhuus nan obsa Balloottis na baaftaa.. Hir-koon kiyya suma Ilaahii koo yoomuu.. Namni si qabaate Inuma hin hiyyoomu..
Open in TelegramAssalaamu aleykum Akkam jirtan hundinuu Isinirraa babbanne Baduu hin shakkinuu Haaluma yerootu Gargar nu fageessee Deebinee wal-garra Gaafa yeroon geessee...
Open in TelegramBARA KANA KEESSA! Bara kana keeysa Namni jabaa tahu Miti kan dhugaadhaaf Galma yaade gahu Miti kan dhalootaaf Waa ol kaahu galaa Miti hiyyeeysarraa Kan ittisu balaa Miti kan beekkumsa Dhugaan habbuuqqate Miti kan jeequmsa Dhugaan arguuf gate Miti kan haalli isaa Dhugaan fakkeeyfame Miti kan jaalli isaa Duraaf akkeeyfame Miti kan maalummaa Namummaa hubate Miti kan gaarummaa Aantummaa fudhate Miti kan garaadhaaf Waan sirrii filatu Miti kan karaadhaaf Waan sinqii himatu Miti kan deemsi isaa Kallattiin qajeelu Miti kan keeysi isaa Argaa siif khajeelu Bara kana keeysa Nama jabaa jechuuf Miidiyaa gubbatti Famous tahuudhaan Addunyaan dubbatti Gadhee bakka kee galchuuf Odeeysuu dandahuudha Harree akka kee dhalchuuf Ulfeeysuun wal gahuudha Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan ๐ ๐ https://t.me/hamzahassen1
Open in TelegramHidhannoo kee Nabiyyii Muhammad ๏ทบ godhadhu; namatti hin hidhatin. Sababni isaa, namni dogoggoruu dandaโa. https://t.me/hamzahassen1
Open in TelegramBariin hafan qabdu Halkanis dheeratu Galma numaan gayaa Karaalleen meeratu Sakaallaan jiruu dhaa Hammamuu jabaatuu Obsaan irra aana Namni taattaafatuu Tattaaffi ittiin jira Bakka galmaa hin geenyee Kufee ka'een yaalaa Abdii muree hin teenyee Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan ๐ ๐ https://t.me/hamzahassen1
Open in TelegramKiristaana Dorqommii Qur'aanaa injifate Oduu Ajaa'ibaa ๐ Namni kun amantiin isaa Kiristaana lammii biyya Masrii yeroo tahu, maqaan isaa Mina ja'ama. Dorgommii Qurโaanaa online irratti namoota hedduu jiddutti gaggeeffame mooโatee, imala Umraa bilisaa badhaafame. Badhaasa argate sanis ollaa isaa Ummu Alii tan Musliima taateef kenne. Ollaan isaa sun waggoota hedduudhaaf Makkaa daawwachuuf (Umraa godhuuf) hawwaa turte. ๐ช๐ฌ Nama ajaa'ibaami? Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan ๐ ๐ https://t.me/hamzahassen1
Open in TelegramERGA ISIN DEEMTAN!๐ญ Isiniin yaadadha An yeroo hundumaa Osoon isin yaaduu Coraan koo na dhuma! Erga isin deemtan Jiruun natti hin tolle An takkaa gammadee Sesseeqee hin kofalle Silaa naaf turtanii, Lubbuun too ni feetii Waaniin godhun qabu Dirqama Rabbiitii. Ni dandeessa ati, Yaa mootii moototaa Isaan naaf qubsiisi Ollaa anbiyootaa ๐คฒ https://t.me/hamzahassen1
Open in TelegramYAA ABBAA RAHMATAA. Jireenya jaannataa Yaa jiruu qananii Yaa laga jaannataa Kan dammaaf aannanii Rabbiin abbaa fedhe Kanaan qananiisaa Daandiin achi geessuu Quraanaf hadiisaa Yaa mootii ol ta'e Yaa abbaa rahmataa Atummaan nuuf bani Balbala jaannataa...๐คฒ Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan ๐ ๐ https://t.me/hamzahassen1
Open in TelegramDhalootasaa khabajuuf, Ni soomane rasuulli.. SAW Foon bakka buufatte Wal-geessee jaahilli..
Open in Telegram