HAALLI YEROO TA'UUS JABAA... Haalli yeroo gudii qaba Isa bareef tottolee laba Isa hin beeynetti cima tabba Kanaa waliin taa'ee jibba Inni beeku beekee dabre Inni hin beeyne taa'ee aare Haalli yeroo ta'uus jabaa Namni obse Rabbi qabaa Hundarra caalaa obsa filadhu Obsaan waan hunda argadhu Namni arge rakkoo rakkatee Obsa qabaannaan isaadabarte Rakkoon sitti hammaattee Jiruun yoo sitti dhiphatte Dhagayi waan siif himaa Fudhu siifan tilmaamaa Jiruuf jireenya siif laate Nama godhee si filatee Galata gal-chiif rabbii kankee Fudhu narraa siif akeekee... Na-ofkolchaa an dhaabbadhee Galatoomaa niis fixadhee. Koo kanuma dhaamsi Share godhii facaasi...🙏 Kan barreesse Hamza Hassan Share haa goonuu hundi keessan... 👇 https://t.me/hamzahassen1
Открыть в TelegramПосты канала 💡𝐁𝐚𝐫𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐉𝐚𝐦'𝐚𝐭𝐮𝐥 𝐤𝐡𝐞𝐲𝐫𝐢𝐢💡
𝗛𝗮𝗻𝗴𝗮𝗺 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗻𝘂 𝗵𝗼𝗿𝗱𝗼𝗳𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝘁𝗮𝗻 𝗯𝗮𝗿𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗻𝗻𝗮, 𝗞𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳 𝗮𝗹-𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼“𝗥𝗲𝗮𝗰𝘁” (😍) (❤️) 𝗴𝗼𝗱𝗵𝗮𝗮 𝗴𝗮𝗹𝗮𝘁𝗼𝗼𝗺𝗮𝗮👌
Открыть в TelegramRijaalul Fajr (رجال الفج) Maali? ● Sochii Dhiheenya kana Biyyoota Islaamaa keessaatti eegale keessaattuu Aljeeriyaa irraa ka'uun Duula Daa'immaniif dargaggoota Ganama Salaata Subhii masjiidatti Akka salaataniif Jajjabeessuufi kan eegaleemeedha. Nuti Duula kana ifatti itti Makanneerra. Isin hoo? https://t.me/hamzahassen1
Открыть в TelegramДинамика просмотровСкрыть динамику
Рост просмотров
Часов после публикации
Показать таблицей
| Часов после публикации | Просмотры |
|---|---|
| 0 ч | 0 |
| 8 ч | 57 |
| 25 ч | 143 |
- Через 6 часов57
- Через 24 часа143
- Всего сейчас143
Afaan Arabaatiin ‘Jabal’ jachuun gaara, tabba jachuudha. Gaara jachuun lafa olkaatuu laatanii hin dhaqqabne, humna jabduu sossoosuun hin dandayamne jachuudha. Jabal jachuun Kan hin dhiibamne jachuudha. በአረብኛ ቋንቋ 'ጀበል' (Jabal) ማለት ተራራ ማለት ነው። ተራራ ማለት, በቀላሉ, ሊደረስበት የማይቻል ከፍ ያለ ቦታ፣ በጠንካራ ኃይል ሊነቃነቅ (ሊንቀሳቀስ) የማይቻል ማለት ነው። ጀበል ማለት, literally, የማይገፋ (የማይነቃነቅ) ማለት ነው። https://t.me/hamzahassen1
Открыть в Telegram𝗛𝗮𝗻𝗴𝗮𝗺 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗻𝘂 𝗵𝗼𝗿𝗱𝗼𝗳𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝘁𝗮𝗻 𝗯𝗮𝗿𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗻𝗻𝗮, 𝗞𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳 𝗮𝗹-𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼“𝗥𝗲𝗮𝗰𝘁” (😍) (❤️) 𝗴𝗼𝗱𝗵𝗮𝗮 𝗴𝗮𝗹𝗮𝘁𝗼𝗼𝗺𝗮𝗮🙏
Открыть в TelegramBaadiyyaattin dhaladhe Qe'ee qananiif quufaa Loon tiksaatan guddadhe Urgaa jabbilee suufaa Jaalala waakkii malee Kan na badhaase Rabbi Ilma qotee-bulaati Seeqataa ilkaan cabbii... Dhugaatiinkoo aannani Nyaanni qamadiif garbuu Gorsi maatiis hapheedha Tasa nabira hin darbu, Boroo ba'een kutadha Burtukaanaafi Maangoo Gulufsiisaan guddadhe Yaabee Fardaafi Gaangoo Eeyyee..... Boqonnaa sammuufuu Gaafa feenu bakka Kan baadiyyaa gitu Jiraachuu nan shakka. Qilleensi qulqulluudha Bosonni magariisa Madda aara-galfiiti Qalbii goggogde jiisa. Sagalee kilooleen Simbiraaf bineensaa “Hin deemin” siin jedhu “Nuuf ta'i miseensa" Yaa'iinsi qilleensaa Mukkeen gaafa raasu Sammuu si sooranii Dharraakee sibaasu. Wiirtuuf utubduu biyyaa Soortuuf wabii magaalaa Baadiyyaa deessee kiyya Mee maaltu si madaalaa..?
Открыть в TelegramSababa dogongora qubee tokkootiif fuulli isaa akkana ta'e!! Namni isin argitan kun jaartii isaatii xalayaa “Yaa haadha manaa koo ajaa'ibasiistu sin jaaladha ” ergaa jette yemmuu barreessu. Jecha afaan arabaa “رائعة” jechu barreessati qubee tokko qofa dogongoruun “ رابعة ” kan jedhu barreesse. Hiikkaan jecha jalqabaa “ajaa'ibsiistuu ” jechuu yemmuu ta'u, hiikni jecha lammaffaa immoo “afraffaa” jechuu dha. Maarree “jaartii too ajaa'ibsiistuu si jaaladha” jechuutti “jaartii too afraffaa si jaaladha ” jedhee barreesse, sana booda bifa kana fakkaatuun booksii dhuge. Jarattiin bakka kanatti qoosaa fi dogangoras hin beekan jechuu dha. 🙄 Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan 🙏 👇 https://t.me/hamzahassen1
Открыть в TelegramTokko lama jedhaniin 🤝 Kumaaf kitila laakka'uu Ifaajanii yoo hojjatan ✨ Shakkii malee milkaa'uu Qananiin biyya lafaa 🌍 Aarsaa kaffallaan dhufaa Ta'uu baannaan beeloftee Manni sirratti kufaa 🏚️ Garbaaf galaana cee'uuf 🌊 Bidiruuf doonii yaabbatuu Gaaddisa egeree ta'uuf Har'a biqiltuu dhaabbatuu 🌱 Xiqqaaf guddaa hin qabuu Hojiin hunduu kabajaa 🙏 Gaafa garaan beeloftee Sammuunuu nu ajajaa
Открыть в TelegramHIRKOON KIYYA SUMA. Asiif achi jooree Nama kadhaa hin labuu.. Rabbii koon abdadhe Abdadhees hin dhabuu.. Inni danda'aadha Isan dhabe naaf laataa.. Rakkadhuus nan obsa Balloottis na baaftaa.. Hir-koon kiyya suma Ilaahii koo yoomuu.. Namni si qabaate Inuma hin hiyyoomu..
Открыть в TelegramAssalaamu aleykum Akkam jirtan hundinuu Isinirraa babbanne Baduu hin shakkinuu Haaluma yerootu Gargar nu fageessee Deebinee wal-garra Gaafa yeroon geessee...
Открыть в TelegramBARA KANA KEESSA! Bara kana keeysa Namni jabaa tahu Miti kan dhugaadhaaf Galma yaade gahu Miti kan dhalootaaf Waa ol kaahu galaa Miti hiyyeeysarraa Kan ittisu balaa Miti kan beekkumsa Dhugaan habbuuqqate Miti kan jeequmsa Dhugaan arguuf gate Miti kan haalli isaa Dhugaan fakkeeyfame Miti kan jaalli isaa Duraaf akkeeyfame Miti kan maalummaa Namummaa hubate Miti kan gaarummaa Aantummaa fudhate Miti kan garaadhaaf Waan sirrii filatu Miti kan karaadhaaf Waan sinqii himatu Miti kan deemsi isaa Kallattiin qajeelu Miti kan keeysi isaa Argaa siif khajeelu Bara kana keeysa Nama jabaa jechuuf Miidiyaa gubbatti Famous tahuudhaan Addunyaan dubbatti Gadhee bakka kee galchuuf Odeeysuu dandahuudha Harree akka kee dhalchuuf Ulfeeysuun wal gahuudha Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan 🙏 👇 https://t.me/hamzahassen1
Открыть в TelegramHidhannoo kee Nabiyyii Muhammad ﷺ godhadhu; namatti hin hidhatin. Sababni isaa, namni dogoggoruu danda’a. https://t.me/hamzahassen1
Открыть в TelegramBariin hafan qabdu Halkanis dheeratu Galma numaan gayaa Karaalleen meeratu Sakaallaan jiruu dhaa Hammamuu jabaatuu Obsaan irra aana Namni taattaafatuu Tattaaffi ittiin jira Bakka galmaa hin geenyee Kufee ka'een yaalaa Abdii muree hin teenyee Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan 🙏 👇 https://t.me/hamzahassen1
Открыть в TelegramKiristaana Dorqommii Qur'aanaa injifate Oduu Ajaa'ibaa 🙌 Namni kun amantiin isaa Kiristaana lammii biyya Masrii yeroo tahu, maqaan isaa Mina ja'ama. Dorgommii Qur’aanaa online irratti namoota hedduu jiddutti gaggeeffame moo’atee, imala Umraa bilisaa badhaafame. Badhaasa argate sanis ollaa isaa Ummu Alii tan Musliima taateef kenne. Ollaan isaa sun waggoota hedduudhaaf Makkaa daawwachuuf (Umraa godhuuf) hawwaa turte. 🇪🇬 Nama ajaa'ibaami? Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan 🙏 👇 https://t.me/hamzahassen1
Открыть в TelegramERGA ISIN DEEMTAN!😭 Isiniin yaadadha An yeroo hundumaa Osoon isin yaaduu Coraan koo na dhuma! Erga isin deemtan Jiruun natti hin tolle An takkaa gammadee Sesseeqee hin kofalle Silaa naaf turtanii, Lubbuun too ni feetii Waaniin godhun qabu Dirqama Rabbiitii. Ni dandeessa ati, Yaa mootii moototaa Isaan naaf qubsiisi Ollaa anbiyootaa 🤲 https://t.me/hamzahassen1
Открыть в TelegramYAA ABBAA RAHMATAA. Jireenya jaannataa Yaa jiruu qananii Yaa laga jaannataa Kan dammaaf aannanii Rabbiin abbaa fedhe Kanaan qananiisaa Daandiin achi geessuu Quraanaf hadiisaa Yaa mootii ol ta'e Yaa abbaa rahmataa Atummaan nuuf bani Balbala jaannataa...🤲 Share Godhaa Ajajaamiti Khabajaan 🙏 👇 https://t.me/hamzahassen1
Открыть в TelegramDhalootasaa khabajuuf, Ni soomane rasuulli.. SAW Foon bakka buufatte Wal-geessee jaahilli..
Открыть в Telegram