Posts of Hambisaa@Aroo
Carraa ofii yaaluun gaaruma. Warra digirii duraan boodaa (MA, PhD) barachuu barbaaddan hundaaf. Galmeen qormaata seensa barnoota digirii duraan boodaa (NGAT) jalqabee waan jiruuf galmaa'uu dandeessu. Odeeffannoo dabalataa suuraa armaan gadii irraa dubbisaa. https://t.me/HamboofAroon1
Open in TelegramHasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 94ffaa 👉 Kan ijaaru dhabne malee kan diigu baay'eedha. Kunoo itti dhiyaadhaa. Mana ijaaruuf jalqaba sammuu keessatti yaaduun, boca manichaa lafa kaa'uun isas ijaaruuf muka/dhagaa/bilookkettii, citaa/qorqorroo, bu'uura manichaa, keenyan, baataafi utubaa, dareeraafi saagaa, maagaraafi hidda ykn mismaara, utubduu, balbalaafi ulaa, goorroof sooyyoma ykn shonbooqqoo, diinqaafi gorduubatti qooduun taa'umsa, girgijjii , saafoofi sataatee, huubboofi gaanii, distiifi eelee, qadaada eeleefi distii, cilfaafi boojitoo, gabatee buddeeni, mooyyee bunaafi kan midhaanii, muktumaa mooyyee, dhagaa daakuufi majii, gindoo/moofara, babattee, loloosoo, dhiitaa, qonyee, maarashaa, muka funyaanii, hudhaa, harkiftuu, qanceefi kan biroo qabaachuun ijaaree, miidhagsee, kotee, baratee, daldalee, daakee, lanqatee, tolchee, waxeessee nyaatee oolee buluuf humni namaa, baasiin maallaqaafi yeroo salphaa miti. Kana hunda kan godhu nama sammuu qabu, safuun dhalatee kan guddate, ofii hubatee, baratee, beekee gahoomee sabaafi biyyasaaf kan yaaduufi kan jaallatutu raawwata. Dafqa bishaaniiti hanga dhiiga lolaasuutti, lafee meelachuu hanga caccabuutti dadhabani hanga lubbuu dhabuutti aarsaa barbaachisu kaffalanii ofirra darbanii dhalootaaf biyyaaf kan jiraatan namoota qubaan lakkaa'amanidha. Kaan isuma namoonni muraasi itti badadanii, mankaraaranii, wargamanii, itti sardamanii, qofaatti gatamanii, dhiibamanii, ari'atamaniifi itti eelanii dhalchanii guddisan, ijaaranii dhalootaaf kaa'an mancaasa, diiga, qoqqooda, bittinneessaafi barbadeessaa oola. Isaan kana hundaaf seenaan galmeessitee olkeessee dhalootaaf dubbisti. Guyyaa dhokatte calliftee, guyyaa mul'atte immoo afaan baafattee dubbatti. Kan jiraatee hiika qabu yaraa, kan jiraatee hiika hinqabne danuudha. Namuu ija hojiisaa ni argata. Isa facaases ni haammata. Hojiifi gochi abbaa akkuma kan isaatti guyyaa itti abbaaf deebi'u jira. Egaa, kan ijaarutu nurraa yarate, kan diiggutu baay'ate. Kun fuggisoodha. Abaarsaafi ulfa seexanaa nutti ta'e. Mee ijaaruu malee diiguu haa dhiifnu. Galatoomaa. Kun girinshuu yaadotaati malee bulgaafannaa miti. 👉Yoo dubbistanii xumurtaniittu ta'e yaada keessan naaf barreessaa. Hiriyyoota keessaniif immoo qoodaa. 👉 Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati Suuraan oolmaa guyyaa har'aa eebba kitaaba "Imala Guddina Tekinooloojiifi Itoophiyaa" irratti hayyuufi barreessaa buleessaafi hangafaaf abbaa keenya Obbo Isaayyaas Hordofaafi barattoota koo wajjin.http://t.me/HamboofAroon1
Open in TelegramHasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 92ffaa 👉Namoota dubbiin isaanii dhaabbataa hinqabne irraa of eeggadhu. Sababnisaa, namni baay'een waan si biratti dubbatuufi si biraa deemee dubbatu garaagara waan ta'eef, ati ogummaadhaan waan dubbattu beekuu qabda. 👉Guddummaa namaa kan madaalamu, guddina qaamaafi umriidhaan osoo hintaane, yaada ijaarsaafi hojii gaarii inni hojjetuunidha. Gurguddaa namaa waan kanaan madaallee dhabne. 👉Hojiikee baay'ee isaa namatti hinhimiin. Sababnisaa, namni baay'een hojii kee kan deeggaru osoo hintaane hojii kee jechaan faaluu, hojiidhaan si dura kan dhaabbatutu jira. Of malee nama waan hinbeekneef nama hinamaniin. Kanuma. 👉 Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati. Please join me. https://t.me/HamboofAroon1
Open in TelegramNamoonni hojii dataa walitti qabuu hojjechuu barbaaddan unkaa kanarratti odeeffannoo keessan barreessaa naaf deebisaa.
Open in TelegramBeeksisa Hojii Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Namoonni isin ilaallatuufi fedhii qabdan dorgomuu dandeessu. Odeeffannoo dabalataaf Hambisaa Sanbatoo follow godhaa. Karaa sarara telegram channel kanaan nu hordofaa.https://t.me/HamboofAroon1
Open in TelegramBeeksisa Hojii Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Namoonni isin ilaallatuufi fedhii qabdan dorgomuu dandeessu. Odeeffannoo dabalataaf Hambisaa Sanbatoo follow godhaa. Karaa sarara telegram channel kanaan nu hordofaa.https://t.me/HamboofAroon1
Open in Telegram5. Obbo Badhaasaa Dhaabaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Lixa Oromiyaa 6. Obbo Dassuu Lammii sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Lixa Oromiyaa ➡️ Godina Kibba Baha Oromiyaa: 1. Obbo Ahimad Idriis Sadarkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Godina Kibba Baha Oromiyaa Teessoo: Roobee 2. Obbo Asaffaa Tolasaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Misoomaa Godina Kibba-Baha Oromiyaa Teessoo: Gindhiir 3. Obbo Abdurrazaaq Huseen Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Kibba-Baha Oromiyaa Teessoo: Asallaa 4. Obbo Ibraahim Kadiir Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba-Baha Oromiyaa Teessoo: Shaashamannee 5. Obbo Izzaddiin Abuubakar Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba-Baha Oromiyaa 6. Obbo Birhaanuu Arfaasaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Baha Oromiyaa Via Oromia Communication Bureau https://t.me/HamboofAroon1
Open in TelegramSirriitti hubachaa deemuuf: Mootummaan Naannoo Oromiyaa murtee seena qabeessa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu danda'u murteessuun rifoormii haaraa ijaarsa sirna cimaafi mootummaa jabaa bu’uuressuuf ooluu taasiseen caasaa Godinaalee Oromiyaa 21 gara caasaa Godinaalee 6tti fiduun hundeesseera. Haaluma kanaan koreen hooggansa olaanaa Godinaalee kanaas ramadamaniiru. ➡️ Godina Baha Oromiyaa 1. Obbo Abdurrahmaan Abdallaa Sadarkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Godina Baha Oromiyaa Teessoo: Harar 2. Aadde Miski Muhammad sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aantuu Bulchaa Damee Misoomaa Godina Baha Oromiyaa Teessoo: Ciroo 3. Obbo Anas Aliyyii Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Baha Oromiyaa Teessoo: Galamsoo 4. Obbo Jaarsoo Boruu Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Baha Oromiyaa Teessoo: Gurawaa 5. Obbo Fiqaaduu Miiliyoon Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Baha Oromiyaa 6. Aadde Saamiyaa Abdallaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Baha Oromiyaa ➡️ Godina Giddu galeessaa Oromiyaa 1. Dr. Mangistuu Baqqalaa Sadarkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Bulchiinsa Godina Giddu galeessaa Oromiyaa Teessoo: Shaggar fi Adaamaa 2. Obbo Abbaabbuu Waaqoo Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Misoomaa Godina Giddu-galeessaa Oromiyaa Teessoo: Waliso 3. Obbo Kifalaw Adaree Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Giddu galeessaa Oromiyaa Teessoo: Fiichee 4. Obbo Makkonnin Baay'isaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Giddu galeessaa Oromiyaa Teessoo: Ambo 5. Obbo Ashannaafii Ajjamaa sadarkaa hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Giddu galeessaa Oromiyaa 6. Obbo Taaddalaa Diriirsaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Giddu galeessaa Oromiyaa ➡️ Godina Kibba-Lixa Oromiyaa 1. Dr. Rashaad Kamaal sadarka itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Teessoo: Jimma 2. Obbo Indaalkaachaw Tafarii Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aantaa Bulchaa Damee Misoomaa Godina Kibba-Lixa Oromiyaa Teessoo: Beddellee 3. Obbo Amaan Danuu Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Teessoo: Limmuu Gannat 4. Obbo Didhaa Guddataa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Teessoo: Mattuu 5. Obbo Muhaammadxaahaa Abbaa Fiixaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Lixa Oromiyaa 6. Obbo Moosisaa Lammeessaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Lixa Oromiyaa ➡️ Godina Kibba Oromiyaa 1. Obbo Ahmad Haajii Sadarkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Oromiyaa Teessoo: Yaabeelloo 2. Obbo Adulaa Hirbaayyee Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Misoomaa Godina Kibba Oromiyaa Teessoo: Adoolaa 3. Obbo Liiban Areeroo sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Kibba Oromiyaa Teessoo: Nageellee Booranaa 4. Obbo Wandimmuu Roobee Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Ol'aanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Oromiyaa Teessoo: Bulee Horaa 5. Obbo Ibraahim Abdii Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Oromiyaa 5. Obbo Isaaq Xaachoo Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Oromiyaa ➡️ Godina Lixa Oromiyaa 1. Obbo Masfin Malaakuu saradrkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Godina Lixa Oromiyaa Teessoo: Naqamte 2. Obbo Mirreessaa Fiixee Sadarkaa oogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Misoomaa Godina Lixa Oromiyaa Teessoo: Gimbii 3. Obbo Gammachuu Gurmeessaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Lixa Oromiyaa Teessoo: Shaambuu 4. Obbo Taliilaa Tarrafaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Lixa Oromiyaa Teessoo: Dambii Doolloo
Open in Telegramአስደሳች ዜና የማሻሻያ ትምህርት (Remedial Program) በሐረማያ ዩኒቨርሲቲ ተከታታይ ትምህርት መርሃ ግብር በግል ለመማር ለምትፈልጉ ተማርዎች በሙሉ፡፡ ሐረማያ ዩኒቨርሲቲ የ12ኛ ክፍል ፈተና ተፈትነዉ ለማሻሻያ ትምህርት (Remedial Program) የማስገቢያ ነጥብ ያገኙ ተማሪዎችን በ2019ዓ.ም. በተከታታይ ትምህርት መርሃ ግብር ለማስተማር ዝግጅቱን አጠናቋል፡፡ በመሆኑም መስፈርቱን የምታሟሉና የማሻሻያ ትምህርት (Remedial Program) ለመማር የምትፈልጉ ተማርዎች ለመመዝገብ ስትመጡ የ12ኛ ክፍል ሰርተፊኬት፣ ከ9-12ኛ ክፍል ትራንስክሪፕትና የ8ኛ ክፍል ሰርተፊኬት ዋናውን ከአንዳንድ ፎቶኮፒ ጋር ይዛችሁ በተከታታይ ትምህርት መርሃ ግብር (በሐረማያ ዩኒቨርሲቲ ዋና ግቢ፤ በሐረር ጤና ሳይንስ ኮሌጅና በድሬ ደዋ በሚገኘዉ) ማሰተባበርያ ቢሮ በአካል በመቅረብ እንድትመዘገቡ ጥሪያችን እናቀርባለን፡፡ አሁኑኑ ይመዝገቡ!
Open in TelegramGood News To all students who want to privately enroll Remedial Program under Continuing Education Program at Haramaya University. Haramaya University has completed its preparations to teach students who have taken the 12th-grade examination and achieved the required admission points for the Remedial Program in the 2019E.C. (Ethiopian Calendar) academic year, under its Continuing Education program. We invite all eligible students who want to enroll in the Remedial Program to register in person at the Continuing Education Program Coordination Office (located at: Haramaya University in Main Campus, HU Harar Health & Medical Science College and Dire Dawa--DD Comprehensive Secondary School), bringing your original grade 12th certificate, grade 9-12th transcript, and grade 8th certificate along with one photocopy of each of them. Apply Now!
Open in TelegramWaamicha Barattoota Buleeyyii Yuunivarsiitii Haramaayaa Hundaaf Barattoota buleeyyii yookaan waggaa 2ffaa olii hundi keessan barnoota bara 2019/2026 tiif Yuunivarsiitiin Haramaayaa Fulbaana 21-24 qaamaan argamuun akka gabaastan waamichi isiniif godhameera. Waliif qoodaa. 👉Please join for more information https://t.me/HamboofAroon1
Open in Telegram