Account

Hambisaa@Aroo

Karaa sarara channel kanaa: *Jechoota gorsaaf oolan, *Barreeffamoota bashannansiisoo, *Jechoota onnachiisoo fi afoola.

Username
@hamboofaroon1
Subscribers2,310
Avg views per post, 7d91−52.7% vs prev 7d
ERR3.92%last 7 days

Average views per post by day

By publication day

Show as table
DateAvg views per post
Nov 5, 2026297
Nov 18, 2026198
Nov 22, 2026186
Nov 27, 202690

Most viewed this month

  1. Views297
    Forwards—
    Reactions1
    Comments—
  2. Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 94ffaa 👉 Kan ijaaru dhabne malee kan diigu baay'eedha. Kunoo itti dhiyaadhaa. Mana ijaaruuf jalqaba sammuu keessatti yaaduun, boca manichaa lafa kaa'uun isas ijaaruuf muka/dhagaa/bilookkettii, citaa/qorqorroo, bu'uura manichaa, keenyan, baataafi utubaa, dareeraafi saagaa, maagaraafi hidda ykn mismaara, utubduu, balbalaafi ulaa, goorroof sooyyoma ykn shonbooqqoo, diinqaafi gorduubatti qooduun taa'umsa, girgijjii , saafoofi sataatee, huubboofi gaanii, distiifi eelee, qadaada eeleefi distii, cilfaafi boojitoo, gabatee buddeeni, mooyyee bunaafi kan midhaanii, muktumaa mooyyee, dhagaa daakuufi majii, gindoo/moofara, babattee, loloosoo, dhiitaa, qonyee, maarashaa, muka funyaanii, hudhaa, harkiftuu, qanceefi kan biroo qabaachuun ijaaree, miidhagsee, kotee, baratee, daldalee, daakee, lanqatee, tolchee, waxeessee nyaatee oolee buluuf humni namaa, baasiin maallaqaafi yeroo salphaa miti. Kana hunda kan godhu nama sammuu qabu, safuun dhalatee kan guddate, ofii hubatee, baratee, beekee gahoomee sabaafi biyyasaaf kan yaaduufi kan jaallatutu raawwata. Dafqa bishaaniiti hanga dhiiga lolaasuutti, lafee meelachuu hanga caccabuutti dadhabani hanga lubbuu dhabuutti aarsaa barbaachisu kaffalanii ofirra darbanii dhalootaaf biyyaaf kan jiraatan namoota qubaan lakkaa'amanidha. Kaan isuma namoonni muraasi itti badadanii, mankaraaranii, wargamanii, itti sardamanii, qofaatti gatamanii, dhiibamanii, ari'atamaniifi itti eelanii dhalchanii guddisan, ijaaranii dhalootaaf kaa'an mancaasa, diiga, qoqqooda, bittinneessaafi barbadeessaa oola. Isaan kana hundaaf seenaan galmeessitee olkeessee dhalootaaf dubbisti. Guyyaa dhokatte calliftee, guyyaa mul'atte immoo afaan baafattee dubbatti. Kan jiraatee hiika qabu yaraa, kan jiraatee hiika hinqabne danuudha. Namuu ija hojiisaa ni argata. Isa facaases ni haammata. Hojiifi gochi abbaa akkuma kan isaatti guyyaa itti abbaaf deebi'u jira. Egaa, kan ijaarutu nurraa yarate, kan diiggutu baay'ate. Kun fuggisoodha. Abaarsaafi ulfa seexanaa nutti ta'e. Mee ijaaruu malee diiguu haa dhiifnu. Galatoomaa. Kun girinshuu yaadotaati malee bulgaafannaa miti. 👉Yoo dubbistanii xumurtaniittu ta'e yaada keessan naaf barreessaa. Hiriyyoota keessaniif immoo qoodaa. 👉 Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati Suuraan oolmaa guyyaa har'aa eebba kitaaba "Imala Guddina Tekinooloojiifi Itoophiyaa" irratti hayyuufi barreessaa buleessaafi hangafaaf abbaa keenya Obbo Isaayyaas Hordofaafi barattoota koo wajjin.http://t.me/HamboofAroon1

    Link preview
    Views234
    Forwards—
    Reactions2
    Comments—
  3. No text

    Photo
    Views188
    Forwards—
    Reactions—
    Comments—
  4. Views183
    Forwards—
    Reactions—
    Comments—

Latest posts

#2205Link preview

Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 94ffaa 👉 Kan ijaaru dhabne malee kan diigu baay'eedha. Kunoo itti dhiyaadhaa. Mana ijaaruuf jalqaba sammuu keessatti yaaduun, boca manichaa lafa kaa'uun isas ijaaruuf muka/dhagaa/bilookkettii, citaa/qorqorroo, bu'uura manichaa, keenyan, baataafi utubaa, dareeraafi saagaa, maagaraafi hidda ykn mismaara, utubduu, balbalaafi ulaa, goorroof sooyyoma ykn shonbooqqoo, diinqaafi gorduubatti qooduun taa'umsa, girgijjii , saafoofi sataatee, huubboofi gaanii, distiifi eelee, qadaada eeleefi distii, cilfaafi boojitoo, gabatee buddeeni, mooyyee bunaafi kan midhaanii, muktumaa mooyyee, dhagaa daakuufi majii, gindoo/moofara, babattee, loloosoo, dhiitaa, qonyee, maarashaa, muka funyaanii, hudhaa, harkiftuu, qanceefi kan biroo qabaachuun ijaaree, miidhagsee, kotee, baratee, daldalee, daakee, lanqatee, tolchee, waxeessee nyaatee oolee buluuf humni namaa, baasiin maallaqaafi yeroo salphaa miti. Kana hunda kan godhu nama sammuu qabu, safuun dhalatee kan guddate, ofii hubatee, baratee, beekee gahoomee sabaafi biyyasaaf kan yaaduufi kan jaallatutu raawwata. Dafqa bishaaniiti hanga dhiiga lolaasuutti, lafee meelachuu hanga caccabuutti dadhabani hanga lubbuu dhabuutti aarsaa barbaachisu kaffalanii ofirra darbanii dhalootaaf biyyaaf kan jiraatan namoota qubaan lakkaa'amanidha. Kaan isuma namoonni muraasi itti badadanii, mankaraaranii, wargamanii, itti sardamanii, qofaatti gatamanii, dhiibamanii, ari'atamaniifi itti eelanii dhalchanii guddisan, ijaaranii dhalootaaf kaa'an mancaasa, diiga, qoqqooda, bittinneessaafi barbadeessaa oola. Isaan kana hundaaf seenaan galmeessitee olkeessee dhalootaaf dubbisti. Guyyaa dhokatte calliftee, guyyaa mul'atte immoo afaan baafattee dubbatti. Kan jiraatee hiika qabu yaraa, kan jiraatee hiika hinqabne danuudha. Namuu ija hojiisaa ni argata. Isa facaases ni haammata. Hojiifi gochi abbaa akkuma kan isaatti guyyaa itti abbaaf deebi'u jira. Egaa, kan ijaarutu nurraa yarate, kan diiggutu baay'ate. Kun fuggisoodha. Abaarsaafi ulfa seexanaa nutti ta'e. Mee ijaaruu malee diiguu haa dhiifnu. Galatoomaa. Kun girinshuu yaadotaati malee bulgaafannaa miti. 👉Yoo dubbistanii xumurtaniittu ta'e yaada keessan naaf barreessaa. Hiriyyoota keessaniif immoo qoodaa. 👉 Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati Suuraan oolmaa guyyaa har'aa eebba kitaaba "Imala Guddina Tekinooloojiifi Itoophiyaa" irratti hayyuufi barreessaa buleessaafi hangafaaf abbaa keenya Obbo Isaayyaas Hordofaafi barattoota koo wajjin.http://t.me/HamboofAroon1

Open in Telegram
Views234+32%vs avg
Forwards—
Reactions2
Comments—
#2203Link preview
Views297+67%vs avg
Forwards—
Reactions1
Comments—

All posts

Connections