Tulluu ifee mullatu Gamanaafi gamatti Jabaluu gaara guddaa Hayyuu seenaaf amantii Goota ejjannoon cimaa Ittin qixxaanne kormi Beekaa dandeettii isaa Firarra beeku ormi, Tiksaa seenaa kaleessaa Sirreessaa haqa dabdee Leenca diinni morkitee Moo'achuuf akka dhabde. ... Falmaa mirga namoomaa Sagalee ummata bal'aa Tirikaa Islaamummaa Daa’ii sirreessu jal'aa Hammina Asteewwanii Baroota dheeraa kaasee Seenaa jarri dhoksitu Iftoominaan as baasee, Afaan jarri dhageessuun Ijasiitti malaasee Hayyuu kitaabban qaalii Dhaloota ammaaf galaase. Sodaaf bir'annaa male Dhugaadhaaf falmee kalee Goota aarsaa kaffale Ma'aakkalaawwii galee.. Hayyuu maraan guutee Nu badhaase Rabbi Jabaluun tabbadha - Qilleensaa fi bubbeen Hin raafamu tabbi! .... Eeyyee.... Sagaltama iyyitee Hangam wocitus jarri Kaleessa miti harri Dhugaa hin moo'u dharri! Riyaad Raayyaaa
Open in TelegramPosts of Riyaad Raayyaa
Baadiyyaattin dhaladhe Qe'ee qananiif quufaa Loon tiksaatan guddadhe Urgaa jabbilee suufaa Jaalala waakkii malee Kan na badhaase Rabbi Ilma qotee-bulaati Seeqataa ilkaan cabbii... Dhugaatiinkoo aannani Nyaanni qamadiif garbuu Gorsi maatiis hapheedha Tasa nabira hin darbu, Boroo ba'een kutadha Burtukaanaafi Maangoo Gulufsiisaan guddadhe Yaabee Fardaafi Gaangoo Eeyyee..... Boqonnaa sammuufuu Gaafa feenu bakka Kan baadiyyaa gitu Jiraachuu nan shakka. Qilleensi qulqulluudha Bosonni magariisa Madda aara-galfiiti Qalbii goggogde jiisa. Sagalee kilooleen Simbiraaf bineensaa “Hin deemin” siin jedhu “Nuuf ta'i miseensa" Yaa'iinsi qilleensaa Mukkeen gaafa raasu Sammuu si sooranii Dharraakee sibaasu. Wiirtuuf utubduu biyyaa Soortuuf wabii magaalaa Baadiyyaa deessee kiyya Mee maaltu si madaalaa..? ✍️... Riyaad Raayyaa
Open in TelegramBullee barii argina Nuuf tola jennaan barri Nurra qubattee, nutti Albee qarattee jarri Har'allee nu woraante Warri Sumaalee Garrii Abdii egeree sabaa Dubree Diqqoo Jaatanii Kichuu dhala Oromoo Har'as xiqqoo nyaatani. Handhuuraa Boorantichaa Mooyaalee biyya Abbaasii Faajjii keenya mirmisuuf Fanniftee alaabaasii... Isheedhaa olkaasaa jirtuu Dahatanii eeganii Gootittii intala biyyaa Lubbuushii woreegani. Diqqoo diqqa nyaatamnee Dhabne qaalii akkakee Anaa nyaatu haadhookoo An haa du'u bakkakee. ... Godaannisni kaleessa Kumaatamaan yaasanii Ajjeesanii ari'aa Of keessaa nu baasani, Ammallee osoo nun qoorin Madaan buqqaatii sanaa Qe'eetti nu adamsuu? Har'as dhufanii mana... Mooyyaalee biyyi Oromoo Handhuurri ulaa kibbaa Dureettiin seenaan dheeraa Baroota kuma dhibbaa Araddaa warra hangafaa Oromoota Booranaa Seenaa fi seera kamiin Ormi dhaala boodana? ... Hallayyaan tulluu ta'ee Osoo diriiree tabbi Uumaatu nu badhaasee Hin cabu seerri Rabbii Lakki kuni hin ta'u Waa keenya'n dhaalu hambi Akka Finfinneef Dirree Akka Walloo'f Kiiramuu Gamtaan kaanee falmanna Lafti keenya'n ciramu Irratti dhumna malee Alagaaf hin hiramu! .... Eeyyee.... Kaabaafi Kibba'n qabu Oromoon Bahaa; Lixaa Hunduu qaama tokkicha Dhaanamu woliin citaa Diqqoo'f ari'ee qabee Gumaa baafata sirraa Malee 'kka durii'n taa'uu Siin dirmammaa'ee dirra Qomoo keenya Booranaa Mooyyaalee waliin jirraa...... Ilmaan Alaakee Guyyoo Ijoolleen Jaatanii Alii Biyyakee ormaa'n kennin Falmadhuu mirgaan gali! ✍️... Riyaad Raayyaa
Open in TelegramBeekumsa keenya caala Beekamuuf ol hiixannee, Ulfa garaa nu'n jirre Da’uuf sagal miixannee, Morkataa keenya danuu Moonee, boquu gad-qabuuf Guddannee nama caallee Xurree milkii qaqqabuuf, "Ana" jennee an-jabaan Dhaadannus dhiibnee qoma Fedha Rabbiitiin malee Gochuu'n dandeenyu homaa. ... Hangamiyyuu guddannee Geenyullee hanga arbaa Addunyaan hoo ergisa Umriin namarraa darbaa Du’aa halkanii guyyaa Nutti as adeemuu fardii Maaf bor nu dagachiisa? Milkeenyi dirra ardii.... Akka waan uumaa taanee "Ta’i" jennee waa goonuu Maalumaaf barbaachise? Of arguudhaafi boonuu. ... Elaamee.... Xoolaguun waan hin oolle Gad hin fagaatu hiddi, "Na argaa"n yoo baay'atte Booda "na dhoksaa" fiddii Hangamuu humna baaftee Gaarreen waliin kabaltu, Hiree siif murtaa’erra Copha tokko-n dabaltu. Eeyyee.... Uumaa samiifi dachii Jiraataa zalalaamaa "Ana" kan jedhu, Rabbi Isa mootii aalamaa. Milkiin keetuu abjuudha Gargaarsa isaatiin ala, "Ana" jedhee mootomuun Dhaadachuun isaan malaa, Jabaan Rabbumaan qofa Lafa kaa’i "an-jabaa" Qixa keetti jiraadhu Gad-jedhi; ol si qabaa! ✍️.... Riyaad Raayyaa
Open in TelegramDhugaa ati dhokattun Sittima gadi dhoosee Ilma miti, haraamuudha Kan Biyyaaf Haadhaan qoose. Dhiigaafi lafee keenya Lubbuudhaafi qabeenya Maaliinuu'n madaalamu Gatiin biyyaa jabeenya. Gootni meeqa itti du'ee Meeqa itti dararamee Lafee abbootii keenyaatiin Daangaansii sararame. Itoophiyaan yoon jirre Oromiyaan hin jirtu, Birmadummaa biyyakoof Garaan qalbii nan hirtu. .... Eeyyee..... Sanuu diinni kaleessa Mataa nurraa kutatte Handhuura nu kajeellaan Qomatti gad butattee Erga harkaan tuttuqxee Jarri ofitti nu kaaftee, Nuyiif carraa gaariidha ~ Nutti nyaachifatteetu Jarri ofitti dhukaaftee... Abjuu keenya fagootu As nutti siqatee Isa caalu ta'e Hora nuuf dhiqatee Haaloo garaa keenyee Baraaf obsaa baane, Malkaa shiraan dhabnee 'Landlocked' taane Karra nutti cufte Balbalicha niimaa Deemnee deebifanna Nus Galaana Diimaa ! ✍️.... @Riyaad_Raayyaa
Open in Telegram“Goota gaafa xiiqii Hiriyaa ganamaa Duutikee akkamiin Anaaf amanama? Hollachiiftuu diinaa Woraantuu akka xiyyaa Onnachiiftuu firaa Jaala qabsoo kiyyaa.. "Shekispiir Oromoo" Dhufee na dubbisi Mee ka'ii geeraarii Baroodii; shubbisi. Roorroodhaaf adeemee Si dhiisee jiraatti Deebiyee faanakee Maa'n dhaba ciraatti? Dhiira onneen gaaraa Dhukaatuu akka qawwee "Jirtuu?" nuun jedhimee Sagaleekeen hawwee... Anatti ballisuuf Ofiif aarsaa taatee? Waan nagattee deemteef Natti'n himtuu kaatee... Jaala qabsoo kootii Yaa waahila aartii Yaa booji'aa diinaa Yaa gaachana aantii Siif gameeti malee Hacee yaa dhiirakoo Anatti hin calliftuu Agartee miirakoo Hanga dur halaalaa Du'akee nan shakkaa Edaa ati dhugumaan Woreegamte lakkaa!!” Waan jedhu fakkaata Garaadhaa gubatee Miidhamasaa lakkuu Eenyu isaaf hubate? Ijji gubbaa malee Gubaa keessaa'n gartuu Anaakee haadhookoo Anaan Kedir Martuu! ✍️.... Riyaad Raayyaa tiin
Open in TelegramFaajjii sabboonummaa Gootittii dubartii Haadha Oromootaa Jaalannu nu marti Dungoo bar' dukkanaa Guca qabsoo sabaa Guddittii akka gaaraa Haadha seenaa jabaa Sagalee kilooleen Mi'eessitee aartii Hidhattees nuuf loltee Si'eessitee aantii Qaanqee qabsoo taatee Bar dukkanaa keessa Gubattee nuuf iftee Akka gubaalessaa Oromummaan boonnee Akka nu of taanuu Osoo wal hin qoonne Akka nu wol taanuu Tokkummaan roorrootti Akka nu ol kaanuu.... Anniisa nuuf taatee Saba rafe kaaftee Aarsaa jechi'n gitne Barakee nuuf baaftee Halkaniifi guyyaa Osoo hin boqatin Gootummaan hojjattee Seenaa hin dhokatin Ayyaanakee guutuun Osoo'n dhabin surraa Biyya hin oolamnetti Godaantekaa nurraa! .... Ilfuu Haadha Oromoo Harmee keenya maraa Seenaakee dhaloonni Jaarraaf taree baraa, Nuti ilmaan kankee Irbuukee ni baannaa Galmaan geenya ykn Labatatti laannaa... Silas sin deebisuu Sabni hagamuu iyyee Waaqni guddaan sitti Haa salphisu biyyee! @Riyaad_Raayyaa tiin. Gaggeessaa Gootittii Oromoo Artist Ilfinesh Qannoo tiif.
Open in TelegramBUNA ☕ Si’eessituu sammuu Burqisiistuu yaadaa Dhangaa jaallatamtuu Addunyaaf araadaa. Qorsa dhibee mukuu Dawaa qaamaa-qalbii Simboo Eebbaan uumee Nu badhaase Rabbi... Urgaa funyaan taree Ruuhiin nama suufu Dhugaa kan si bare Unatee sin quufu. Albuuda mi’ooftuu Nu keessaa magartee Miidhagdee qaaloftee Aalamaaf dabarte. Bu’uura dinagdee Biyyaaf wabii taatee Afrikaa, Ameerkaa Biraaziliin baate. 'Shammattuu' doolaarii Hammattuu mooraalii.... Marartuu faannikee Addunyaa weerare, Meeqatu siif sirbee Maqaa keen geerare. Namaaf firii laatta Kanniisaaf daraaraa, Guca nagaa ollaa Yaa faajjii araaraa... Silas gaafa sibinnu Gatiidhaan warqii gittaa Gaafa si gurgurannu Nuuf hin jijjiirtuu kittaa, Ta’us yaa suusiikoo Ulfoo haadha sugaa, Jiraadhu bunakoo Jiraadheen si dhugaa! ✍️.... @Riyaad_Raayyaa tiin
Open in Telegram