Seenaa Guddaa Irraa Gara Lakkoofsa Guddaatti *** Lakkoofsi Musliimota Itoophiyaa Bara 2070tti Miliyoona 128 Ga'uun Biyyattii Tarree Biyyoota 10n Addunyaa Muslimota Baay'ee Qabanii Keessaa Galchuufi - Qorannoo Seenaa Islaamaa keessatti bakka addaa kan qabdu Itoophiyaan, bara 2070tti lakkoofsi Musliimota ishee miiliyoona 128 ga'uun biyyoota addunyaa hordoftoota amantaa Islaamaa baay'ee qaban kurnan keessaa tokko ta'uuf jirti. Gabaasni haaraan Wiirtuu Qorannoo Pew (Pew Research Center) akka mirkaneessutti, Itoophiyaan bara 2020tti tarree biyyoota kurnanii kana keessa kan hin turre ta'ullee, Muslimni biyyattii guddina saffisaa argisiisaa jiruun tarree kurnan addunyaa keessa seenti. Kunis Afrikaa Bahaa keessaa biyya lakkoofsa Musliimaa olaanaa qabdu ishee taasisa. Akka qorannoon kun mul'isutti, bara 2070tti Musliimota addunyaa keessaa dhibbeentaan 27 Afrikaa Sahaaraa gadii keessa jiraatu. Haala kanaan bara 2070tti biyyoonni addunyaa baay'ina Muslimaan duursan 1–10 walduraa duubaan Paakistaan (miiliyoona 461), Hindii (miiliyoona 334), Naayijeeriyaa (miiliyoona 282), Indooneezhiyaa (miiliyoona 274), Baanglaadeesh (miiliyoona 218), Masrii (miiliyoona 167), Itoophiyaa (miiliyoona 128), Sudaan (miiliyoona 116), Turkii (miiliyoona 96) fi Afgaanistaan (miiliyoona 94) ta'u. © Amar Temam Spider Media
Open in TelegramAL-RISALA HUMANITY CENTER
#Kaayyoo channel Al-RISALA HUMANITY CENTER, 1- #Odeeffannoo waytaawaa kennuu 2- #Da'awaa gabaabaa fi barsiisaa ta'e laachuu 3- #Seenaa babbareedaa 4- #Dhaamsa fayyaa fii kkf Ergaa fii dhaamsa keenya #Follow #share gochuun nufaana turaa
Average views per post by day
By publication day
Show as table
| Date | Avg views per post |
|---|---|
| Oct 29, 2026 | 767 |
| Nov 2, 2026 | 513 |
| Nov 4, 2026 | 477 |
| Nov 5, 2026 | 652 |
| Nov 8, 2026 | 591 |
| Nov 11, 2026 | 482 |
| Nov 13, 2026 | 485 |
| Nov 17, 2026 | 441 |
| Nov 19, 2026 | 417 |
| Nov 23, 2026 | 227 |
Most viewed this month
- 01Views767Forwards—Reactions3Comments—
- 02Views673Forwards—Reactions—Comments—
- 03Views652Forwards—Reactions—Comments—
- 04Views592Forwards—Reactions1Comments—
Latest posts
Waan nama Ajaa'ibu! Yoo sirritti ilaaltanii jiraattan kanuma haalli mijjaawaan jiru Biyya teenya keessatti Da'awaan hedduu laaftee jirti! Sheekkan Da'awaa fi Darsiin beekkaman dhimma gara garaatiin qabamuun isaanii qaawa guddaa nutti bane! Majlisni namoota Da'awaa fi Barsiisa irratti bobba'an duuba dhaabbatee waan hundaan gargaaruu qaba ture. Garuu godhaa jiraa? Allaahu A'alam! Dabree dabree wal gahiin ijaarsa masjiidaa fi madrasaa ni gaggeeffama. sheekkan 20 ykn 30 tu irratti afeerama. Daqiiqaa lama lamaatu kennamaaf. "Jirtuu! Ummata Guddaa ummata kabajamaa godina kanaa... isiniin wal arguuf gammachuun qaba...." hoggaa inni hangana jedhetti daqiiqaan lamaan dhumte! Abbaan Waltajjiitis Sheeka bira dhaabbate! Darsiin gaafa nuti ijoollee masjida adda addaarraa kennamaa turtes xiqqo malee amma hin jirtu! Kuxbaan Jum'aatis kuxbaa qabbanaawaa, xiqqollee nama hin sochoofne Erga tehee bubbulee jira! Bakka heddutti Masjiidni Rabbii onee jira! Salaata qofaatu itti gaggeeffamaa jira! Da'awaan Qalbii nama jiiftu tan Magriibaa fi ishaa'ii jidduu ykn Guyyaa Alhadaa (Dilbataa) gaggeeffamaa turtes amma hedduu hin mul'attu! Xiyyeeffannoon barbaachisaan Dhaloota lafaa ol dhufuufis kennamaa hin jiru! Wagguma shaniif Haala kanaan yoo itti fufne Fuuldurri da'awaa biyya teenyaa hedduu nama sodaachisa! Gaafiin kiyya: Naannoo keessan Rakkinni kun ni jiraa? Furmaanni hoo maali jettan?
Open in Telegram''Barri Atseewwanii Darbeera'' Jechuun Miidhaan Isaan Raawwatan Dagatameera Jechuu Miti - Ustaaz Ahmaddin Jebel Spider Media: Jumada II 6, 1448 AH Ustaaz Ahmedin Jebel Seenaa duraanii kaasuun dogoggora darbe irraa barachuuf barbaachisaa ta'uu ibsuun, badii isaan raawwatan irraa akka baratamuuf kaasuun mormii kaasuu hin qabus jedhan. ''Barri Atseewwanii Darbeera'' Jettu, yeroo seenaan isaanii ka'u garuu ni oriitu/dheekkamtu, marree maaltu darberee?" mataduree jedhuun gaaffiin eegalanii barruu fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti maxxansaniin, seenaa astoota/mootota durii ilaalchisee yaada wal faallessu jiru irratti xiyyeeffachuun, gochoota isaanii keessaa kan garee tokkoof ulfina kennu qofa yaadachuun, kanneen biroo immoo dhiisuun sirrii akka hin taane ibsan Ustaaz Ahmaddiin Jabal. Barreeffama isaanii keessatti, namoonni barri Atseewwanii darbeera jedhan tokko tokko, yeroo seenaa bara sanaa keessatti raawwatame kaasan garuu mormuun isaanii wal faallessa jedhaniiru. Akka Ustaaz Ahmaddin ibsanitti, waan seenaa darbe keessatti raawwatame kaasuun dhaloota har’aa yakka warra darbeen darbeef itti gaafatamaa gochuuf osoo hin taane, dhugaa darbe hubachuu, irraa barachuu fi loogiifi hammeenyinakkasii akka hin deebineef barbaachisaa ta'uu ibsu. Seenaa mootota durii keessatti raawwatame keessaa kan gaarii qofa yaadachuun, miidhaa fi loogii yeroo sana raawwatame garuu akka waan darbeetti dhiisuun ilaalcha walqixa hin taane ta’uu kaasaniiru. Seenaa fi yaadannoo hawaasota garaagaraa kabajaan dhaggeeffachuunis barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis, seenaa keessatti loogii fi yaadawwan hawaasa tokko kan biraa caalaatti fayyadan, kaan ammoo miidhan sirnaan qorachuu dhabuun, rakkooleen duraan turan bifa haaraan akka deebi’an carraa uumuu danda’as jedhaniiru. Dhuma irratti, seenaa hawaasa biyyattii hunda ragaa irratti hundaa’uun qorachuun, shiraafi haqa dabe hubachuu fi lammiileen hundi mirgaafi carraa walqixa akka qabaatanii ijaarsa biyyaafi hawaasummaa keessatti hirmaatan dandeessisuuf murteessaa ta’uu Ustaaz Ahmedin Jebel ibsaniiru. © Amar Temam Spider Media
Open in TelegramFataawaa Haaraa Jumada II 2, 1448 AH Manni Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa, namni erga du’ee booda qaroo ijaa isaa nama biraatiif gumaachuu murtii (fatwaa) dandeessisu dabarsuusaa guyyaa har'aa Sadaasa 3, 2019 A.L.I. ifatti beeksiseera. Murtiin kun kan darbe, Ministeerri Fayyaa fi Tajaajilli Baankii Dhiigaa fi Tishuu Itoophiyaa, dhimma kana irratti murtiin amantii (fatwaa) akka kennamuuf gaaffii gaafa Onkoloolessa 7, 2019 A.L.I Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaatti, Koree Ol’aanaa Fatwaa Yaa’ii Ulamaa'iif dhiyeessan hordofeeti. Itti Aanaan Barreessaa Olaanaa Yaa'ii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa Hajii Mas’uud Aadam akka ibsanitti, koreen kun kaayyoo bu’uuraa seera Shari’aa irratti hundaa’uun qorannoo bal’aa gaggeesse hordofuun, walgahii Onkoloolessa 25 gaggeesseen qaroo ijaa kennuun akka hayyamamu murteesseera. Barreessaan Yaa’ii Ulamaa'ii Mana Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheyik Muhaammad Zeyn Zahraddiin haldureewwan kenniinsi qaroo ijaa itti raawwatamu bal’inaan ibsaniiru. Akka ibsa isaanii kanaatti, qaroo ijaa kennuun kan hayyamamu: 1. Duuti nama qaroo ijaa isaa arjoomuu yoo ogeessota fayyaatiin mirkanaa’e 2. Namni qaroo ijaa arjoomu osoo hin du’in dura yoo fedhii isaatiin qaroo ijaa isaa arjoomuuf hayyama isaa ibse/dhaammate 3. Kenniinsi kun kaffaltii maallaqaa yookaan meeshaa kamiyyuu malee, fedhii tola ooltummaa irratti kan hundaa’e qofa yoo ta'e 4. Qaroon ijaa arjoomamu nama argaa ijaa isaa dhabeef faayidaa qabatamaa akka qabu ogeessota fayyaatiin yoo mirkanaa’e Dabalataanis, adeemsa arjoomaa kana keessatti qaama nama du’ee sana mumm*uruu yookaan bifa qaama isaa balle*essuun cimsamee kan dhorkame ta'uun kan ibsame yoo ta'u, hojiin kunis dhaabbata fayyaa hayyama seeraa qabuufi ogeessota gahumsa qaban qofaan raawwatamuu akka qabu ibsame. https://t.me/Alrisala1
Open in TelegramDu’a Booda Qaroo Ijaa Ofii Arjoomuun Ni Danda'ama, Garuu Kaffaltii Tokkoon Malleetti Bilisan Ta'uu Qaba - Fatwaa
Open in TelegramAkkana jireenyi… Waan hin eegne siif kenniti, Waan yeroo hundaa si bira jiraata jettee yaadde immoo sirraa fudhatti. Waan jechoonni ibsuu dadhaban calluma jettee si barsiisti, Ergasii tarkaanfii tokko tokkoon gara fuulduraatti si geessiti. Hanga ati suuta suutaan isa duraanii caalaa cimaa ta’uu of keessatti argitutti. Sababni isaas, jireenyi salphaa waan taateef miti… Garuu kufaatii hunda booda akkamitti ol ka’uun akka danda’amu waan baratteefi.
Open in Telegramالحمد لله Kalee kanan qabnu, Rabbiin Tola guddaa nutti oole. Jabeeffamuu fi itti fufuu qaba sochiin akkanaa https://t.me/Alrisala1
Open in TelegramGamoon Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa Eebbifame ***** Manni Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa gamoo haaraa ijaarsise eebbisiiseera. Gamoon kun magaalaa Finfinnee naannawa Boolee bulbulaatti keessatti kan argamu yoo ta’u, gamoo abbaa darbii 10 ta’uu ibsameera. Sirna eebba gamoo kanaarratti kan argaman Pirezidaantiin Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa Ustaaz Gaalii Muktaar, gammachuun hawaasni Musliimaa har’a argate kun lubbuu hedduu itti darbee kan argame ta’uu yaadachiisaniiru. Manni marichaa magaalota Oromiyaa 10 keessatti gamoowwan 20 kan qabu yoo ta’u, bara kana kilaastara 5 keessatti pirojektota 205 eebbisiisuuf karoorfateera. Pirojektota misoomaa Birrii biliyoona 6tti tilmaamamanis hojii irra oolchaa jiraachuus ibsameera. Ustaaz Gaaliin, pirojektota kana milkeessuuf qaamoleen fageenya dheeraa imaluun saganticharratti hirmaatan galateeffataniiru. Pirezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Dr. Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa gama isaaniin, misooma hawaasa Musliimaa keessatti hundi gahee isaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru. Dabalataanis, bara kana Naannoo Oromiyaa qofa keessatti pirojektota misoomaa 200 ol eebbisiisuuf karoorfamuu fi yeroo itti aanutti gamoowwan kudhaniin lakkaa’aman ijaaranii eebbisiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Adeemsi misoomaa amma eegale kun xumura osoo hin taane jalqaba milkaa’inaawwan gurguddoo ta’uu kan ibsan Dr. Sheek Hajjiin hawaasni Musliimaa baroota darbanis mirga dhabee malee hoggansaafi beekumsa akka hin dhabne yaadachiisaniiru.
Open in TelegramGuyyaan Qiyaamaa November 13 ykn Jum'aa Dhufu Miti ------------------------------------- Olollii fi Burjaajjiin akkanaa kana jalaa baraaramuuf Nabiyyiin keenna Dursanii guyyaan qiyaamaa Beekumsa rabbii qofa keessatti akka tahe, akkasumas isa Dura mallaattooleen ittin beekamu hedduun akka dhufan Nu barsiisan. Yaada Burjaajjiif Dhiyaate kana Haa ilaallu Dura. Yaadni kun qorannoo herregaa (mathematical model) waa'ee daballii lakkoofsa ummata addunyaa irratti hundaa'e malee, waa'ee baduu lafaa ykn Guyyaa Qiyaamaa miti. 1. Qorannoon saayinsii kun maal jedha? Bara 1960, qorattoonni Yuunivarsiitii Illinois irraa dhufan sadii barruu qorannoo tokko barruu saayinsii Science jedhamu keessatti maxxansan. Mata dureen qorannoo isaanii: “Doomsday: Friday, 13 November, A.D. 2026.” Guyyaa Dhumaa: Jimaata, Sadaasa 13, bara 2026. Qorattoonni sun: 🌱Heinz von Foerster 🌱 Patricia M. Mora 🌱 Lawrence W. Amiot Akka moodeela herrega isaanii tilmaametti, yoo daballiin lakkoofsa ummata addunyaa saffisa duraanii sanaan itti fufe, lakkoofsi ummataa guyyaa Sadaasa 13, 2026tti gara daangaa hin qabneetti (Infinity) dhiyaata jedhanii tilmaaman. 2. Maaliif tilmaamni kun amma sirrii hin taane? Sababni isaa haalli tilmaama kanaaf bu'uura ta'e yeroo booda jijjiirameera. ▪️ Biyyoota hedduu keessatti lakkoofsi dhalootaa hir'ateera. ▪️Sadarkaan barnootaa ol guddateera. ▪️ Baay'inni ijoollee maatii tokko keessatti hir'ateera. ▪️ Saffisni daballii ummata addunyaa suuta jedheera. Akka tilmaama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) bara 2024tti, lakkoofsi ummata addunyaa bara 2080moota keessa gara biliyoona 10.3tti ol ka'ee booda gadi bu'uu danda'a. Kanaaf, ummanni addunyaa bara 2026tti daangaa hin qabne ta'a jechuun ragaan saayinsii ammayyaa hin jiru. 3. Ilaalcha Islaamaa Rabbiin Qur'aana keessatti akkana jedha: ﴿يَسْأَلُونَكَ عَنِ السَّاعَةِ أَيَّانَ مُرْسَاهَا ۖ قُلْ إِنَّمَا عِلْمُهَا عِندَ رَبِّي﴾ "Isaan waa'ee Qiyaamaa yoom akka dhaabbattu si gaafatu. Ati akkana jedhi: Beekumsi isii Gooftaa kiyya bira qofa jira." Qiyaamaan yoom akka Buutu Beekumsi isaa Harka rabbii qofa bira jira. Xumura: Sadaasni 13, 2026 guyyaa qorannoo saayinsii bara 1960 keessatti ka'e waliin walqabata. Garuu guyyaan kun guyyaa addunyaan itti baddu ykn Guyyaa Qiyaamaa ta'uu isaa mirkaneessuuf ragaan saayinsii hin jiru. Kanaaf: ▫️Hin rifannu. ▫️Sodaa hin facaasnu. ▫️Waan ragaan hin mirkaneessine akka dhugaa hin tamsaasnu. ▫️ Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin qofa beeka. ﴿إِنَّ اللَّهَ عِندَهُ عِلْمُ السَّاعَةِ﴾ Dhugumatti, beekumsi Sa'aatii (Qiyaamaa) Rabbiin bira qofa jira. Gara Qur'aanaa Deebi'aa Dhaamsa jedhuun Goolabna. https://t.me/Alrisala1
Open in TelegramMajlisni Magaalaa Finfinnee kaarrikulamii barnoota sharii'aa gosa sadiif akka bocamu koree hundeesse. Barnoota halaqaa ilmii, madrasaafi khalaawii Qur'aanaatiif kaarrikulamiin bifa wal fakkaatuun bocamuu waan qabuuf koreen sadii hundaa'e. Koreen halaqaa ilmii ulamoota gurguddoo akka biyya keenyaatti beekaman of keessatti hammate. Kan madrasaa immoo namoota muuxannoo madrasaafi kaarrikulamii bocuu qabaniin ijaarame. Kan khalaawii Qur'aanaas akkasuma. Haasaa saganticha irratti godhameen kaarrikulamiin barnoota kamiituu wantoota armaan gadii hammachuu akka qabu ibsame: 1. Kaayyoo barnootichaa, 2. Qabiyyee barnoota sharii'aa, 3. Akkaataa baruufi barsiisuu, 4. Sirna madaallii of keessatti hammata. Sababni kaarikulamiin barbaachiseef baay'eedha. Inni ijoon 1. Kallattii sirna barnoota sharii'aa kaa'uu, 2. Qulqullina barnootaa eeguu, 3. Barumsi bifa wal fakkaataadhaan akka kennamu godhuu, 4. Yeroo barattootaafi resource qusata, 5. Sirna madaallii kaa'uufi dandeettii guddisuu, 6. Amala gaarii irratti leenjisuu.
Open in TelegramConnections
Similar channels
የኦርቶዶክስ ተዋሕዶ መዝሙር 🇪🇹@orthodox_tewahedo23Religion2.78K
Fursaan Media@fursaan_mediaReligion2.81K- ገድላትና ድርሳናት በእግዚአብሔር ቃል ሲመዘኑ@gedlatnadersanatReligion2.65K
የአንዋር መስጂድ ደርሶች@anwardersReligion2.98K
ሕይወተ መነኮሳት ወመነኮሳይያት@hiwotemenekosatReligion2.98K
Winners Way TV@winnerswaytvReligion2.52K
አምላከ ብርሀን@amlake_birhanReligion3.08K
♡በረካ♡ መልቲ ♡ሚድያ♡@barkamaltmadyaReligion3.11K