Кабинет

Посты канала Galmee Seenaa Qulqulloota!

сначала новые

#1346Текст
Просмотры6−97%к среднему
Пересылки—
Реакции1
Комментарии—
#1343Текст
Просмотры21−90%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#1257Текст
Просмотры1 250+474%к среднему
Пересылки—
Реакции8
Комментарии—
#920Фото
Просмотры3 980×18к среднему
Пересылки—
Реакции11
Комментарии—
#918Текст
Просмотры1 770+713%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#917Текст
Просмотры1 740+699%к среднему
Пересылки—
Реакции3
Комментарии—
#916Текст

+++Uffata qabachuun himannaa+++ Namni yeroo hunda waa'ee bakka hunda jiraachuu Waaqayyoo beekuu qaba. Kanaafis, waan badaa ta'ee hundaa hojjechuun duratti "Akka ani Waaqaa duratti waan hamaa akkanaa akkamitti hojjedha?” jechuu qaba. Barumsa keenya har'aa keessatti, Haadha manaa Phixfaaraa yommuu hawwiin Yooseefi ilaaltu, garaa isaa mo’achuuf yaaltus, inni garuu, “Akka ani Waaqaa duratti waan hamaa akkanaa akkamitti hojjedha?” jedhee didde. Isheen harka ishee diriirsitee uffata isaa yommuu qabdu, inni garuu qulqullina isaa qabatee uffata isaa ishee harkatti dhiisee baqate. Isheen immoo uffata Yooseef harkatti qabattee maatii mana sanaa walitti qabdee akkana jette: “Inni akka na wajjin rafu gara koo dhufe; anis sagalee koo ol kaasee iyyadhe. Uffata isaa na bira dhiisee baqate!” (Uum. 39:14). Himanni kun garuu qulqullina Yooseef kan raggaasuu ture. “Akkamitti fi maaliif uffanni isaa si bira hafe?” jedhamee yoo gaafatamtee ta’ee, deebiin ishee icciitii ishee of saaxila ture. Dhugumaan, yoo haleellaan isa irraa dhufe ta’ee, uffanni ishee cittee, qaamni ishees yeroo walqabsiifamtu dhiiga dhangala’aa ture. Isheen garuu nama homaa hin miine, nama qajeelaa uffata ofii isaa hammatteetti himatte. Seenaa durii kun har’as balbala keenya irratti irra deebi’amee mul’ata. Namoonni garaa Mana Kiristaanaa keessaa bahanii, uffata Mana Kiristaanaa uffatanii, faaruu ishee faarfataa, kabaroo ishee rukutaa, bakka ishee irratti dhaabatanii ishee irratti himannaa dhiyeessan yommuu ilaallu, haadha manaa Phixfaar ni yaadanna. Wanti nama dinqisiisu immoo, waan isaan himannaa fakkeessanii dhiyeessan hundi, dhugumaan “dubrummaa qulqulluu” fi qulqullina Mana Kiristaanaa kan raggaasuu ta’uu isaanii hubachuu dhabuu isaanii ti. Duraanis jiraannaan mormitootaa kan hundaa’e, qaama isaan morman jiraachuu isaa qofaan. Of danda’anii dhaabbachuu kan hin dandeenye, bu’uura of irra dhaabbatan diiguudhaan mul’achuuf kan yaalan uumamoota hiyyoota dha. Akkuma gaaddidduu qaama ofii hin qabne, ifa fi wanta irratti bu’u malee jiraachuu hin dandeenye sana, akkasuma mormitoonni kunneenis Mana Kiristaanaa malee jiraannaa hiika qabu hin qaban. Yoo qaamni isaan morman hin jiraanne ta’ee, haasawni isaanii, kitaabni isaan barreessan, lallabni isaan lallaban hundi duwwaa ta’a ture. Jiraachuun isaanii fi beekamtiin isaaniis maqaa Mana Kiristaanaa wajjin walitti hidhame waan ta’eef, yeroo ishee balleessuuf tattaafatanitti illee, madda jiraannaa isaanii ishee ta’uu irraanfatu. Namni bilisummaa fedhii isaa fayyadamuun karaa barbaade deemuu ni danda’a; garuu yaadni “akka wal qabannee walii gad buunu” jedhu maaliif? Ishee malee jiraachuu kan hin dandeenye, keessa jiraatanii nyaata isaanii itti bilcheessan, alatti ba’aniis maqaa ishee itti daldalan namoonni baay’een jiru. “Mee kan ishee ta’e dhiisaa; waa’ee ishee hin kaasin; daqiiqaa kudhan hanga ta’utti waa’ee ofii keessanii barsiisaa dubbadhaa” jedhamee yoo jedhaman, hafuura dhiphisu kan ta’an muraasni miti. Mana Kiristaanaa isheen akka isaan hawwanitti yoo baddee ta’ee, lallabni isaanii fi haasawni isaanii dhaabbatee, kaayyoo dhabu. Yookaan immoo, “dura dur…” jedhanii waa’ee Mana Kiristaanaa qofa lallabu ta’a. Yoo kana hunda dhiifne illee, uffata ishee dhiisaa, ishee irratti himannaa dhiyeessaa! D.n Guta Cheru !

Открыть в Telegram
Просмотры1 870+759%к среднему
Пересылки—
Реакции5
Комментарии—
#754Текст
Просмотры4 400×20к среднему
Пересылки—
Реакции16
Комментарии—
#697Текст
Просмотры3 140×14к среднему
Пересылки—
Реакции5
Комментарии—
#639Текст
Просмотры2 450×11к среднему
Пересылки—
Реакции5
Комментарии—
#629Фото
Просмотры2 850×13к среднему
Пересылки—
Реакции13
Комментарии—
#602Текст
Просмотры2 560×12к среднему
Пересылки—
Реакции12
Комментарии—
#550Текст
Просмотры2 990×14к среднему
Пересылки—
Реакции11
Комментарии—
#546Текст
Просмотры2 190×10к среднему
Пересылки—
Реакции17
Комментарии—