Кабинет

Посты канала Biiroo Industiriifi Intarpiraayizii Oromiyaa

сначала новые

#214Текст

Karoora Of-danda’uu hojiitti hiikuun hiyyummaa injifachuun Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf humna namaa qabnu ogummeessuufi gahoomsuu keessatti industiriiwwan hundi giddugala leenjii ta’uu qabu. Obbo  Habtaamuu Kaasaa. Sadaasa 15, 2019 (Komn.BIIO)- Biiroon Industiriifi Intarpiraayizii Oromiyaa leenjii leenjistootaa Ogummaalee bu’uuraa guddisuu irratti xiyyeeffate leenjistoota Dhaabbilee Leenjii Teekiniikaafi Ogummaaf giddugaloota afuri irratti guyyoota jahaaf kennaa ture goolabe.    Guduunfaa leenjichaa kan Giddugala Adaamaarratti argamuun kallattii hojii fuula duraa kan kennan Ittaanaan Hogganaa Biiroo Industiriifi Intarpiraayizii Oromiyaa Obbo Habtaamuu Kaasaa: Karoora Of-danda’uu hojiitti hiikuun hiyyummaa injifachuun Badhaadhina mirkaneessuuf humna namaa qabnu ogummeessuufi gahoomsuu keessatti industiriiwwan oomishaafi tajaajilaa hundi akka giddugala leenjiitti tajaajiluu qabu jedhan. Kaayyoofi barbaachisummaa leenjichaa irratti ibsa kan kannaniin Obbo Habtaamuun, namoota hojii qofa hojjetan osoo hin taane, namoota yaaduu, rakkoo furuu, itti gaafatamummaa fudhachuufi hojii uumuun biyya isaanii jijjiiruu danda'an horachuun imala badhaadhinaa milkeessuuf  dandeettii ogummaa, gahumsaafi beekumsa leenjistootaa guddisuun qulqullina leenjii mirkaneessuun humna namaa ogummaan gahoomee Karoora of- danda'uu milkeessuu danda’u horachuun  dhimma murteessaa ta’uu himan.    Leenjiin leenjistootaa kennamaa tures ogummaalee bu’uuraa (Foundational Skills) guddisuu irratti kan xiyyeeffatu ta’ee matadureewwn; ogummaa dandeettii addaa (human Edge Skills), barnoota lammumaafi amala gaarii (Civic & Ethics) fi dhaweessummaa (entrepreneurship) kan hammatuufi ogummaa namni tokko jireenya dhuunfaa, hawaasummaa akkasumas hojii uummachuun diinagdeen of-danda’uu keessatti milkaa'ina argachuuf isa dandeessisu waan ta’eef  dorgomtummaa biyyaafi nama dhuunfaa kan cimsu ta’uun ibsameera.     Daarekterri daariktoreetii Misooma leenjistootaa BIIO aadde Biraanee Dafarshaa gama isaaniin  dhaamsa dabarsaniin, dhaloonni nuharka jiru kuni  egeree guddina biyyaa murteessuu keessatti qooda guddaa kan qabu waan ta’eef,  leenjistoonni yaadrimee jiru hubachuun leenjifamtoota qabsiisuun qaawwa  ogummaa isaanii guutuun bu'a qabeessa taasisuufi dandeettiiwwan bu’uuraa kanneen irratti xiyyeeffatanii hojjechuun murteessaadha jedhan.   Leenjichis gidugala Adaamaa, Jimma, Naqamteefi Shaashamannee irratti kennamaa kan ture  yoota’u,  leenjitoonni beekumsaafi hubannoo argatan  muuxannoo isaaniin walitti qindeessuun  dhaloota ogummaa gonfateen hojii uummatuufi Ce’umsa gara industiraalummaatti taasifamu mirkaneessuu Badhaadhina hunda galeessa dhugoomsu horachuuf  gahee isaanii akka bahatan ibsaniiru.

Открыть в Telegram
Просмотры161−72%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#213Фото
Просмотры590+1%к среднему
Пересылки—
Реакции5
Комментарии—
#203Текст
Просмотры954+64%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—