
Biiroo Industiriifi Intarpiraayizii Oromiyaa
Средние просмотры поста по дням
По дню публикации
Показать таблицей
| Дата | Просмотров на пост |
|---|---|
| 19 нояб. 2026 г. | 1 007 |
| 23 нояб. 2026 г. | 590 |
| 24 нояб. 2026 г. | 156 |
Самые просматриваемые за месяц
- 01Просмотры1,06 тыс.Пересылки—Реакции3Комментарии—
- 02Просмотры954Пересылки—Реакции—Комментарии—
- 03Просмотры590Пересылки—Реакции5Комментарии—
- 04Просмотры161Пересылки—Реакции—Комментарии—
Новые посты
Karoora Of-danda’uu hojiitti hiikuun hiyyummaa injifachuun Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf humna namaa qabnu ogummeessuufi gahoomsuu keessatti industiriiwwan hundi giddugala leenjii ta’uu qabu. Obbo Habtaamuu Kaasaa. Sadaasa 15, 2019 (Komn.BIIO)- Biiroon Industiriifi Intarpiraayizii Oromiyaa leenjii leenjistootaa Ogummaalee bu’uuraa guddisuu irratti xiyyeeffate leenjistoota Dhaabbilee Leenjii Teekiniikaafi Ogummaaf giddugaloota afuri irratti guyyoota jahaaf kennaa ture goolabe. Guduunfaa leenjichaa kan Giddugala Adaamaarratti argamuun kallattii hojii fuula duraa kan kennan Ittaanaan Hogganaa Biiroo Industiriifi Intarpiraayizii Oromiyaa Obbo Habtaamuu Kaasaa: Karoora Of-danda’uu hojiitti hiikuun hiyyummaa injifachuun Badhaadhina mirkaneessuuf humna namaa qabnu ogummeessuufi gahoomsuu keessatti industiriiwwan oomishaafi tajaajilaa hundi akka giddugala leenjiitti tajaajiluu qabu jedhan. Kaayyoofi barbaachisummaa leenjichaa irratti ibsa kan kannaniin Obbo Habtaamuun, namoota hojii qofa hojjetan osoo hin taane, namoota yaaduu, rakkoo furuu, itti gaafatamummaa fudhachuufi hojii uumuun biyya isaanii jijjiiruu danda'an horachuun imala badhaadhinaa milkeessuuf dandeettii ogummaa, gahumsaafi beekumsa leenjistootaa guddisuun qulqullina leenjii mirkaneessuun humna namaa ogummaan gahoomee Karoora of- danda'uu milkeessuu danda’u horachuun dhimma murteessaa ta’uu himan. Leenjiin leenjistootaa kennamaa tures ogummaalee bu’uuraa (Foundational Skills) guddisuu irratti kan xiyyeeffatu ta’ee matadureewwn; ogummaa dandeettii addaa (human Edge Skills), barnoota lammumaafi amala gaarii (Civic & Ethics) fi dhaweessummaa (entrepreneurship) kan hammatuufi ogummaa namni tokko jireenya dhuunfaa, hawaasummaa akkasumas hojii uummachuun diinagdeen of-danda’uu keessatti milkaa'ina argachuuf isa dandeessisu waan ta’eef dorgomtummaa biyyaafi nama dhuunfaa kan cimsu ta’uun ibsameera. Daarekterri daariktoreetii Misooma leenjistootaa BIIO aadde Biraanee Dafarshaa gama isaaniin dhaamsa dabarsaniin, dhaloonni nuharka jiru kuni egeree guddina biyyaa murteessuu keessatti qooda guddaa kan qabu waan ta’eef, leenjistoonni yaadrimee jiru hubachuun leenjifamtoota qabsiisuun qaawwa ogummaa isaanii guutuun bu'a qabeessa taasisuufi dandeettiiwwan bu’uuraa kanneen irratti xiyyeeffatanii hojjechuun murteessaadha jedhan. Leenjichis gidugala Adaamaa, Jimma, Naqamteefi Shaashamannee irratti kennamaa kan ture yoota’u, leenjitoonni beekumsaafi hubannoo argatan muuxannoo isaaniin walitti qindeessuun dhaloota ogummaa gonfateen hojii uummatuufi Ce’umsa gara industiraalummaatti taasifamu mirkaneessuu Badhaadhina hunda galeessa dhugoomsu horachuuf gahee isaanii akka bahatan ibsaniiru.
Открыть в TelegramKaroorri of-danda’uu sadarkaa hundatti adeemsa industiraaloomuu waliin hidhata cimaa qaba- Pirezidaantii MNO obbo Shimallis Abdiisaa. Karoora Of-danda’uu gabaabumatti ibsuuf industiraalummaa waliin walqabsiisuun barbaachisaadha. Sababni isaas, of-danda’uun sirna omishaa jiru fooyyessuu, oomishtummaa guddisuu, teekinooloojii fayyadamuufi dinagdee omisharratti hundaa’e ijaaruu gaafata. Kanaaf, industiraalummaan bu’uura karoora of-danda’uufi ce’umsa dinagdee gara sadarkaa olaanaatti taasifamuuti. Industirii jechuun warshaalee qofa osoo hin taane, sirna omishaafi tajaajilaa sadarkaa olaanaatti ceesisuu jechuudha. Qonna keessatti mala aadaafi humna namaa qofarratti hundaa’uun oomishuurraa gara teekinooloojii, maashinootaafi ogummaa fayyadamuun lafa bal’aa irratti omisha olaanaa argamsiisuutti ce’uun industiraalummaa agarsiisa. Akkasumas, tajaajilli tokko bu’uuraalee misoomaa, ogummaa, teekinooloojiifi sirna hojii ammayyaa’aa fayyadamuun gahumsa olaanaadhaan yoo... https://www.facebook.com/share/1KKB8cqZjS/
Открыть в TelegramBiiroon Industiriifi Intarpiraayizii Oromiyaa raawwii hojii karoora Of-danda’uu baatii afurii qorate. Sadaasa 10, 2019 (Komn.BIIO)- Biiroon Industiriifi Intarpiraayizii Oromiyaa raawwii hojii karoora Of-danda’uu Biirichaa kan baatii afurii maanajimentii isaa sadarkaa biiroo jiran waliin qorate. Kaayyoo gamaaggama kanaa kan ibsan Hogganaan Ittaanaan Biiroo Industiriifi Intarpiraayizii Oromiyaa obbo Habtaamuu Kaasaa; raawwiin keenya kan ilaalamuu qabu lakkoofsaan olitti bu’aafi jijjiiran qabatamaan jireenya lammiilee irratti mul’atuufi miira kallattii karoora of-danda’uu keessatti qabameen ta’uu isaa xiinxaluun sirreeffama barbaachisaa fudhachuuf ta’uu ibsan. Deeggarsaa fi hordoffii garaa hanga gadiitti karoora of dandahuu kallatti fuula duraa harcaatii tokko malee kutannoon hojjechuun caalaatti milkeessuu akka dandahamu manajmenti waliin marii'atameera. Bu’uuruma kanaan gamaggama gaggeeffameen raawwiin dameewwan hundaa dhiyaatee irratti, ciminniifi hanqinaaleen mul’atan adda bahuun kallattiin hojii fuula duraa keessatti ariitiin raawwatamuu qabu kallattiin kannamee jira. Odeeffannoo dabalataa argachuuf: https://www.facebook.com/share/1MqANM7Du8/
Открыть в TelegramСвязи
Похожие каналы
Russian House in Addis Ababa / Русский дом в Аддис-Абебе@rcscethiopiaНовости и СМИ4,56 тыс.
LinkUp Premium@linkuppremiumНовости и СМИ7,51 тыс.
Borkena@borkenaНовости и СМИ7,52 тыс.
GAMTAA SABAA@gamtaa_sabaaНовости и СМИ12,5 тыс.
Ministry of innovation and technology (MinT)@mintethiopiaНовости и СМИ12,9 тыс.
The Reporter (Ethiopian Reporter English)@thereporterethiopiaНовости и СМИ17,2 тыс.
Capitalethiopia@capitalethiopiaНовости и СМИ18,1 тыс.
Addis Standard@addisstandardengНовости и СМИ19,2 тыс.
Кто упоминает
Sanyii Guddataa@segnigudeta1 упоминаниеПоследний пост