Переслано из JECHOOTA HAYYOOTA
Yeroo dhiibbaan si mudatu tasgabbaa'uu barachuun, yeroo murteessaa ta'etti murtoo sirrii fi ogummaa irratti hundaa'e akka gootu si gargaara. ━━━━━━━━━━━ @Jechootahayyoota
Открыть в TelegramПереслано из JECHOOTA HAYYOOTA
Yeroo dhiibbaan si mudatu tasgabbaa'uu barachuun, yeroo murteessaa ta'etti murtoo sirrii fi ogummaa irratti hundaa'e akka gootu si gargaara. ━━━━━━━━━━━ @Jechootahayyoota
Открыть в TelegramПереслано из JECHOOTA HAYYOOTA
𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼𝗻 𝗦𝗮𝗱𝗶𝗶, 𝗕𝗮𝗿𝗻𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗞𝗮𝗹𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮, 𝗛𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗛𝗮𝗿’𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗞𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝗕𝗼𝗿𝘂𝘂 𝟭. 𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗱𝗮𝗿𝗯𝗲 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂: 𝗡𝗮𝗺𝗻𝗶 𝗼𝗴𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗺𝘂𝘂𝘅𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗻 𝗮𝗿𝗴𝗮𝘁𝘂, 𝘄𝗮𝗻𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗱𝗮𝗿𝗯𝗮𝗻 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻𝗶𝗱𝗵𝗮. 𝗗𝗼𝗴𝗼𝗴𝗴𝗼𝗿𝗿𝗶 𝗸𝗮𝗹𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮 𝗿𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝘁𝗮𝗺𝗲 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗱𝗲𝗲𝗯𝗶’𝗮𝗺𝗲𝗲 𝗵𝗶𝗻 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗲𝘁𝗮𝗺𝗻𝗲𝗲𝗳, 𝗶𝘁𝘁𝗶 𝘆𝗮𝗮𝗱𝘂𝘂𝗻 𝗳𝗶 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝗺𝘂𝗿𝘁𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮. 𝗔𝗸𝗸𝗮𝘀𝘂𝗺𝗮𝘀, 𝘄𝗮𝗻𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗴𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶 𝗱𝗮𝗿𝗯𝗮𝗻 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗿𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝘁𝗮𝗺𝗮𝗻 𝘆𝗮𝗮𝗱𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻, 𝗼𝗳𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗮𝗺𝗮𝗻𝗮𝗺𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗱𝗮𝗯𝗮𝗹𝘂𝘂𝗳 𝗴𝗮𝗿𝗴𝗮𝗮𝗿𝗮. 𝗞𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳𝘂𝘂, 𝘆𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗱𝗮𝗿𝗯𝗲 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗻𝗼𝗼𝘁𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗳𝘂𝗱𝗵𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝗴𝗮𝗿𝗮 𝗳𝘂𝘂𝗹𝗱𝘂𝗿𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗻𝗮𝗺𝗮 𝗾𝗮𝗷𝗲𝗲𝗹𝗰𝗵𝗮. 𝟮. 𝗛𝗮𝗿’𝗮 𝘀𝗶𝗿𝗿𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂: 𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼𝗻 𝗮𝗺𝗺𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗿𝘂 𝗸𝘂𝗻 𝗶𝗱𝗱𝗼𝗼 𝗺𝘂𝗿𝘁𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮. 𝗠𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝗶𝗻𝗻𝗶 𝗯𝗼𝗿𝘂𝘂 𝗸𝗮𝗻 𝗺𝘂𝗿𝘁𝗮𝗮’𝘂 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗵𝗮𝗿’𝗮𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗮𝗮’𝗮. 𝗡𝗮𝗺𝗻𝗶 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗶𝘀𝗮𝗮 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮𝗮𝗻, 𝗼𝗳 𝗲𝗲𝗴𝗴𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼𝗻 𝗳𝗶 𝘅𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗴𝘂𝘂𝘁𝘂𝘂𝗻 𝘆𝗼𝗼 𝗿𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝘁𝗲, 𝗯𝘂’𝗮𝗮 𝗴𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶 𝗮𝗿𝗴𝗮𝘁𝗮. 𝗛𝗮𝗿’𝗮 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗱𝗵𝗶𝗶𝘀𝘂𝘂𝗻 𝘆𝗸𝗻 𝘁𝘂𝗳𝗳𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻, 𝗰𝗮𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗯𝗼𝗿𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗹𝗹𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮. 𝗞𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳𝘂𝘂, 𝘆𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗮𝗺𝗺𝗮 𝗷𝗶𝗿𝘂 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗰𝗮𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗮𝗹𝗶𝗶 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼𝗼𝘁𝘁𝗶 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮. 𝟯. 𝗕𝗼𝗿𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗿𝘂𝘂: 𝗞𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝗺𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗷𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗶 𝗸𝗮𝗹𝗹𝗮𝘁𝘁𝗶𝗶 𝗵𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗮𝗮𝘁𝘂. 𝗡𝗮𝗺𝗻𝗶 𝗯𝗼𝗿𝘂 𝗶𝘀𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗲𝗲 𝗸𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗿𝗲, 𝗴𝗮𝗹𝗺𝗮 𝗶𝘀𝗮𝗮 𝗯𝗶𝗿𝗮 𝗴𝗮’𝘂𝘂𝗳 𝗰𝗮𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗯𝗮. 𝗞𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝗷𝗲𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝘄𝗮𝗻𝘁𝗮 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗻𝗻𝘂 𝗱𝘂𝗿𝘀𝗶𝗻𝗲𝗲 𝘆𝗮𝗮𝗱𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝘁𝗮𝗿𝘁𝗶𝗶𝗯𝗮𝗮𝗻 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝘂𝘂𝗱𝗵𝗮. 𝗞𝘂𝗻𝗶𝘀 𝘆𝗲𝗿𝗼𝗼, 𝗵𝘂𝗺𝗻𝗮, 𝗳𝗶 𝗾𝗮𝗯𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮𝗮𝗻 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝗻𝘂 𝗻𝘂 𝗴𝗮𝗿𝗴𝗮𝗮𝗿𝗮. 𝗞𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳𝘂𝘂, 𝗯𝗼𝗿𝘂 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗶𝗳𝗮 𝗴𝗼𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳, 𝗸𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝘀𝗶𝗿𝗿𝗶𝗶 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗿𝘂𝘂𝗻 𝗯𝗮𝗮𝘆’𝗲𝗲 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮. @Jechootahayyoota @Jechootahayyoota
Открыть в TelegramПереслано из JECHOOTA HAYYOOTA
ILAALCHAA ( ATTITUDE) ################# Ilaalchii riqicha milkaa'inati Jireenyaa gaarii qabachuurraa ilaalchaa gaarii qabachuu wayya. Ilaalchaa jechuun waan alaa nutti dhufuu osoo hin taane waan keessaa keenyaa maddudha. Ilaalcha namni siif qaburra ilaalchaa ati ofii keetif qabduttu sii milkeessaa kanaaf jecha namaaf iddoo itti hin laatin Amma yeroo bara haaraa kabajnu, barri kun kan nagaa, jalaala, milkaa'ina isinif haa ta'u jedhama garuu akkas miti yoo ilaalchaa nagaa, ilaalchaa jalaala, ilaalchaa milkaa'ina qabannee Malee barri haaraan deebi'e isuma kalessa ta'a ✓ moofaa Kanaaf ilaalchaa keenyaa har'a kanaa haa dhaggeeffannu, ilaalchaa boodatti hafaa of keessaa baasnee isaa gaariin bakka haa buusnuu "KALEEESSI DU'EERA, BOR HIN DHALANNE; JIRAACHUUF GUYYAAN NUTTI QABNU HAR'A DUWWAADHA" Jechan baayyee jaalladhuu Forward gochu hin dagatiin JOIN 👇 @JECHOOTAHAYYOOTA @JECHOOTAHAYYOOTA GALATOOMA🙏🙏
Открыть в TelegramПереслано из JECHOOTA HAYYOOTA
oromoof waan baayyee taateetaa oromoof jiratee darbiteetaa seenaan sin-dagatuu ilfeekoo. nagaan boqadhuu🥲 @JECHOOTAHAYYOOTA
Открыть в TelegramПереслано из JECHOOTA HAYYOOTA
🌟 Bu'aa Qormaataa Keessan Ilaalchisee Ergaa Barattootni tokko tokko bu'aa olaanaa galmeessitanii jirtu 👏🥳. Kaan immoo milkaa'ina gaarii irra geessanii jirtu 😊❤️. .. Kaan keessan garuu... bu'aan isin argattan akka isin yaaddan hin taane ta'uu danda'a 💔. Garuu maaloo, Sammuun keessan akka isin miidhuuf hin hayyaminaa ! 🫶 Of fooyyeessuuf carraan lammaffaan ammallee jira - Remedial 📚✨. 📖 Yaadadhaa: Bu'aan qormaata kanaa dhuma jireenya keessanii miti. Imalli keessan ammallee dheeraa dha. Abjuun keessan ammallee jiraataa dha, akkasumas gatiin keessan lakkoofsa waraqaa irratti barreeffame caalaa baay'ee guddaa dha 🫶❤️. 🔜 Sababni isaas, gara fuulduraatti balbaloonni haaraan hedduun isin eeggatu 🚪✨. Boqonnaawwan jireenyaa keessan keessaa kanneen hundarra bareedoon ammallee hin barreeffamne 🫴✍️💬. 🔗 Dhumarrattis, Ministeerri Barnootaa qabxii seensa Remedial fi ramaddii Yunivarsiitii yeroo beeksisu, odeeffannoo barbaachisaa ta'e hordofnee isin biraan ni geenya 🤚📢. ❤️ Hunda keessaniif milkaa'ina guddaa hawwina! Har'a bu'aan keessan maaliyyuu haa ta'u, boruuf abdii hin kutatinaa! 💪🔥 Join 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 @JECHOOTAHAYYOOTA @JECHOOTAHAYYOOTA
Открыть в TelegramПереслано из JECHOOTA HAYYOOTA
💢 DHIBEE KINTAAROTII (Hemorrhoids) ⚠️ Mallattoolee Kintaarotii 🤕 Dhukkubbii yeroo baay'ee 🔥 Hooksisuu fi gubuu 🌵 Naannoo munnee dhiita’uu 🩸 Dhiiguu danda’a 📊 Sadarkaa Dhiitoo 1️⃣ Sadarkaa 1: Meeshadhaan malee hin mul’atu. 2️⃣ Sadarkaa 2: Yeroo hagan ykn ittanuu gadi baha, ofumaan ol deebi’a. 3️⃣ Sadarkaa 3: Yeroo harkaan ol deebisan ni deebi’a. 4️⃣ Sadarkaa 4: Ol hin deebi’u, gadi baheetuma hafu. 🎯 Sababoota Nama Saaxilan 👵 Umuriin ol siquu 🚽 Yeroo baay’ee ittanuu 💺 Yeroo Dheera mana fincaanii irra turuu 🍔 Furdinaa Dabaalu 🧳 Ba’aa ulfaataa yeroo dheeraa ol fuudhuu 🧼 Hudduu akka malee riguu 🧍♀️ Dhaabbannaa fi taa’umsa yeroo dheeraa 🤰 Ulfa 🚨 Rakkoolee Hordofsiisuu Danda’u 🩸 Hir’ina dhiigaa 🧱 Dhiigni dhiita keessatti itituu 🦠 Dhiitan 'infection' ta’uu 🩹 Madaa’uu ❌ Sagaara qabachuu dadhabuu ✅ Maloota Ittisa Kintaarotii 💧 Bishaan gahaa dhuguu 🥗 Soorata faayibarii (fiber) qaban fayyadamuu 🚽 sagaran yoo si qabee yeroo dhufu, tursisuu dhisuu ⚖️ Ulfaatina hir’isuuf yaali 🏃♂️ Sochii qaamaa gochuu 📦 Ba’aa ulfaataa yeroo dheeraa ol fuudhuu dhiisuu 🩺 YAALA KINTAAROTII 🥦 Soorata gogiinsa garaa ittisan fayyadamuu 💧 Bishaan sirritti dhuguu 🚽 Yeroo baay’ee ittanuu dhiisuu 🛁 Bishaan hoo’aa keessa taa’uun madaa tasgabbeessuu 🧼 Hagan booda bishaan ho’aan dhiqachuu 🚫 Gogaan hudduu akka hin haqamne eeggachuu 💊 Qoricha dhukkubbii hanbisu – ajaja ogeessa fayyaa irratti 💉 Qoricha buubbu keessatti kaa’amu 🌿 Qoricha naannoo buubbu dibamu 🏥 Yeroo barbaachisaa ta’ee yaala baqaqsaa (surgery) gochuu – ogeessa waliin mari’achuun gaariidha! Dr. Mohammed Kedir ~~ #share #Subscribe #YouTube 👇👇👇 @JECHOOTAHAYYOOTA
Открыть в TelegramПереслано из JECHOOTA HAYYOOTA
#DHUKKUBA_NERVII ☆☆☆☆☆ Dhukkubni narvii gosoota hedduu fi bal'aa of keessa qaba. Kana keessaa garuu kan yeroo baay'ee nama dhibuu fi kanan har'a kaasuu barbaade dhukkuba narvii kan gara alaa (peripheral neuropathy) kan jedhamudha. Dhukkubni kun erga nama qabatee mallattoo akkamii argisiisaa? ✍Qaama keenya keessumaa miilaa fi harka keenya gubuu ✍Miira gara garaa kan akka dhukkubbii qaamni keenya dabarsuu dadhabuu ykn hadooduu. ✍Dhukkubbiin akka waraansa miila fi harka keessaa nama dhukkubuu ✍Qaamni keenya keessumaa miilaa fi harki keenya humna guutuun socho'uu dadhabuu ykn nuuf abboomamuu diduu. ✍Dhukkuboota kana yeroo hedduu maaltu nutti fidaa? ✍Dhukkuboota biroo keesumaa dhukkuba sukkaaraa ✍Hir'ina nyaataa keessumaa vitaaminoota B1 B6 B12 ✍Sanyiidhaan ykn genetics ✍Alkoolii hedduu dhuguu ✍Miidhama qaamaa kanneen akka kufaatii, caba fi kkf kan narvii qaama keessaa kutuu cafaquu fi miidhuu danda'an. ✍Cafaqamuu (compression) narvii qaama keessaa kan sababa gara garaa akka dhukkuba dhiitaa qaama keessaa fi miidhama alaan nurra ga'urraa dhufu ✍Qorichoota dhukkuba biraaf fudhataman kan akka kaanserii; HIV fi kanneen biroo #Akkamiin ofirraa ittisuu ykn gargaaruu dandeenyaa? 🙏Boqonnaa ga'aa fi sochii qaamaa ga'aa walitti fufaa ta'e gochuudhaan 🙏Nyaata madaalamaa ta'e haga dandeenye keessumaa kuduraaf muduraa nyaachuu qabna. 🙏Alkoolii kan dhugnu yoo ta'e xiqqeessuu ykn dhaabuu -🙏Dhukkubsataa/ttuu sukkaaraa yoo taane qoricha nuuf kennamu seeraan fudhachuun giluukoosii qaama keenya keessaa bakka barbaadametti eeguu 🙏Dhangala'aa ga'aa dhuguudhaan hirriba ga'aa rafuu 🙏Yoo kana hundaan nutti fooyya'uu baate gara mana yaalaa deemuun qoricha fudhachuu qabna. ✍️ Dr. Mohammed Kedir ~~~~ @JECHOOTAHAYYOOTA @JECHOOTAHAYYOOTA
Открыть в TelegramПереслано из JECHOOTA HAYYOOTA
#Wantoota_6_har'a_ofitti_himi! *** 1.Ani qaaliidha. 2.Haala har'aa keessaa boru nan baha. 3.Ani miidhagaa/miidhagduu dha. 4.Jaalatamuun naaf mala. 5.Nagaafi gammachuun barbaada. 6.Ani dandeettii gahaa nan qaba. ☆☆☆☆☆ © Dr. Bulti Likisa (Bultoo),2023 #JOIN & #SHARE🙏 👇👇👇 @Jechootahayyoota
Открыть в TelegramПереслано из JECHOOTA HAYYOOTA
Namicha tokkotu osoo karaa deemuu ibidda haalaan boba'aa jiru tokkotti dhufa. Akkuma ibidda boba'aa jiru kanatti dhiyaateen, bofa ibidda sana keessatti gubachaa, lubbuuf watwaachaa jiru argee, bofa kana ibidda kana keessaa baasuun qaba jedhee murteesse. Osoo baasuuf yaaluu bofni sun harkasaa iddee dhiigsee, deebi'ee ibidda sana keessa of buuse. Ammas namichi kun, sibiila ittiin lubbuu bofa kanaa oolchu barbaadee baaseen. Namni biroon namicha kanatti dhufee, ''bofni kun osoo si iddee jiruu maaliif lubbuusaa oolchitee?'' jedhee gaafate. Namichis, ''bofti nama idduun amalumasaati, waan na iddeef, kennaakoo ganamaa ilaalcha gaarii sana na jijjiirsisuu hin danda'u!''jedhee deebiseef. 👉Ilaalcha gaarii Uumaan ganama siif kenne, sababa miidhaa sirra gaheef hin jijjiiriin. Onneekee gaarii sana akka si jalaa hin banneef, of eeggannoo gaarii taasisi. ~~~~~~~ © Bulti Likisa Muleta, 2025 👉Kanan dubbiserraa, gara Afaan Oromoottin hiike! #Share 👇👇👇 @JECHOOTAHAYYOOTA
Открыть в TelegramSAMMUU KEESSAA JALQABAA. Wanti namni sirraa fudhachuu hin dandeenye tokko bilisummaa sammuu keetii ti. Sammuu kee jabeessi, dursa sammuu kee cimsi...sana booda wanti kamiyyuu ni danda'ama. ━━━━━━━━━━━ @JECHOOTAHAYYOOTA
Открыть в TelegramПереслано из JECHOOTA HAYYOOTA
QULLUBBII ADII FI FAYYAA Faayidaawwan qullubbii adii kan qorannoon mirkanaa'e keessaa muraasa; ❶.Ol ka'insa dhiibbaa dhiigaa hir'isuuf ❷.Hamma koolestiroolii(cooma) qaama keessa to'achuuf ❸.Kaansarii tokko tokkoon carraa qabamuu ni hir'isa ❹.Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa dabaluuf,keessattu atileetotaaf ❺.Madda viitaminii C,B,manganeezii fi faayibariiti ❻.Carraa dhukkuba alzimeerii fi dementia n qabamuu ni hir'isa ❼.Xura'aa qaama keessaa qulqulleessuf ❽.Fayyaa lafeetiif ❾.Ga'umsa qaama dabaluuf keessattu atileetotaaf ❿.Mi'eessituu nyaatati Galatoomaa!!! Fayyaan faaya!!! Fayyaa ta'aa!!! @Jechootahayyoota
Открыть в TelegramПереслано из JECHOOTA HAYYOOTA
#Itoophiyaa_irraa_yeroo_jalqabaaf:- ============================== 1.Xiyyaara kan balaliise =>Asfawuu Alii 2.Dubartiin Jeettii waraanaa Su-27 balaliiste =>#Asteer_Tolasaa 3.Dubartiin Jeettii balaliisuun jeetti diinaa qilleensa irraa buuste=>Asteer Tolasaa(Addunyaa irraayyis dubartii jalqabaati) 4.Ogeessa fayyaa kan ture =>Warqinaa Isheetee 5.Raadiyoodhaan oduu kan dhiyeesse =>Kabbadaa Mikaa'eel 6.Dubartiin karaa fooddaa Tv oduu dhiyeessite =>Illeenii Makuraa 7.Baankiin dubartootaan huddeeffame =>Baankii Innaat 8.Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa kan ture =>Habta Giyoorgis Dinagdeeti. 9.Abbaa Waraana Ammayyaa =>Meejar J/Mulugeetaa Bulii 10.Mana barumsaa Ammayyaa jalqabaa =>M/B Minilik II 11.Daandiin Asphaaltii jalqabaa =>Finfinnee-Amboo 12.Fiilmiin jalqabaa =>Hiruut,Abbaan ishee eenyu? 13.Fonqolcha mootummaa kan qindeesaan =>Mangistuu Niwaayi fi Girmaamee Niwaayi 14.Abbaa Tiyaatira Ammayyaa kan ture =>Looret Tsaggayee G/Madiin 15.Abbaa ogummaa aartii =>aartist Afawarqi Taklee 16.Dubartiin Hoggaantuu paartii siyaasaa turte =>Burtukaan Miidhaksaa 17.Dubartiin Hoggaantuu Ministeera Barnootaa turte =>Gannat Zawudee 18.Ministiriin kutaa 6 barri eegale =>1938 19.Ministiriin kutaa 8 barri eegale =>1940 20.Qormaanni Maatirikii barri eegale =>1944 21.Muummicha Ministeera kan ture =>Akliiluu Habta Waldi 22.Kantiibaa jalqabaa kan ture =>Bitwaddad W/Tsaadiq 23.Dubartiin xiyyaara balaliiste:Mulu-immabeet Immirruuti(Afrikaa irraas dubartii jalqabaati) 24.Gaazexaan jalqabaa =>A'imiroo(Aimiro) dha. Like,share follow ,waan dabalaata argachuf @Jechootahayyoota @Jechootahayyoota
Открыть в TelegramПереслано из JECHOOTA HAYYOOTA
Nama tokko of dagachiisuudhaaf "busy" tahuun gahaadha, garuu "feeling" kee araada jalatti yoo dhokachuuf yaalte akka nama bishaan sogiddaa dhuguuti. Dandamataa jirta ofi fakkaatta malee bakkaa of haqaa jirta. Araadaafii filmiilee dhuma hin qabne jalatti feeling kee of dagachiisuuf hin yaalin yoo dandamachuu feete ! 💔>💔 @Jechootahayyoota @Jechootahayyoota
Открыть в TelegramПереслано из JECHOOTA HAYYOOTA
Namni tokko dachaa 10n kan nama hawwatu bifa isaatiin osoo hin taane gocha gaarummaa, jaalala, kabaja, fi amanamummaa agarsiisaniin. ━━━━━━━━━━━ @Jechootahayyoota
Открыть в TelegramПереслано из JECHOOTA HAYYOOTA
Namoota jaallattu fi warra si jaallatan waliin jireenya kee iddoo gammachiisaa taasisi. ~Sangeetaa Rana ━━━━━━━━━━━ @Jechootahayyoota
Открыть в Telegram