Account

Posts of TIKVAH AFAAN OROMOO

newest first

#10965Text

Dhimma Boba’aa ​"Dhaabbanni Dhiyeessaa Boba’aa ji’oota ja’aa fi torban darban qofa keessatti gara Birrii biiliyoona 480 idaa dabalataa baateera" - Muummee Ministiraa Abiy Ahimad (Dr.) ​👉 "Hanga tokko gatii gara uummataatti gadi buusuun yoo hin danda’amne, liitira tokko irratti Birrii 90 deeggaraa itti fufsiisuuf ni rakkanna" ​Sababa walitti bu’iinsa sadarkaa addunyaatti uumameen qaala’iinsa gatii alaa dhufeen gara dijiitii tokkootti gadi bu’ee kan ture qaala’iinsi gatii Itoophiyaa deebi’ee gara dhibbeentaa 14.7 gahuu isaa Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad (Dr.) beeksisaniiru. ​Sababa kanaan gabaa addunyaa irratti boba’aan liitiraan hanga Birrii 90 naannoo daballii agarsiisuu isaa kan eeraan Muummeen Ministiraa, Itoophiyaan buufata doonii kan hin qabne taatus biyyoota Baha Afrikaa jiran irraa gatii baay’ee gadi aanaa ta’een boba’aa dhiyeessaa jiraachuu ishee wal-bira qabuun ibsaniiru. ​Baha Afrikaa keessatti boba’aan liitirri tokko Keeniyaatti Doolaara 1.7, Jibuutiitti Doolaara 1.77, Ugaandaatti Doolaara 1.57, Taanzaaniyaatti Doolaara 1.53 akkasumas Ruwaandaatti naannoo Doolaara 2tti gurguramaa yeroo jirutti, Itoophiyaatti gatiin mootummaa Doolaara 1.04 qofa ta’uu Muummeen Ministiraa ibsaniiru. ​Gatii gadi aanaa kana itti fufsiisuuf deeggarsa mootummaan taasiseen, Dhaabbanni Dhiyeessaa Boba’aa ji’oota ja’aa fi torban darban qofa keessatti gara Birrii biiliyoona 480 idaa dabalataa baachuu isaa Muummeen Ministiraa Abiy dubbataniiru. ​#TikvahAfaanOromoo Sadaasa 17, 2019 Finfinnee @tikvahethafaanoromoo

Open in Telegram
Views2,260−38%vs avg
Forwards—
Reactions17
Comments—
#10962Text

Gibira ​Muummee Ministiraa Abiy Ahimad (Dr.) ፦ ​"Biyya uummanni miliyoona 100 ol keessa jiraatu keessatti, biyya namni kuma kudhan hin guunne gibira itti kaffalu keessatti, gibirri namoota kuma kudhanii fedhii uummata miliyoona 100 akkamitti guutuu akka danda’u tilmaamuun isiniif ulfaataa hin ta’u. ​Itoophiyaa keessatti humnoonni gibira kaffalan baay’ee muraasa. Bu’uura gibiraa (tax base) bal’isuun barbaachisaa dha yeroo jedhamu, namni hojii hojjete keessaa sadarkaa sadarkaan gibira madaalawaa kaffaluu yoo hin dandeenye, bu’uuraalee misoomaa fiduun hin danda’amu. ​Dameen qonnaa guddachaa jira, qonnaan bulaa irratti jijjiirama fidaa jirra jedhamullee, qonnaan bultoonni keenya hanga ammaatti gibira gahaa jedhamu hin kaffalan. Deeggarsa xaa’oo ni eegu, xaa’oon yeroon naannoo maasaa isaaniitti akka qaqqabu ni eegu; garuu gibirri bu’uura misoomaa sana ijaaruuf dandeessisu yoo hin dhufne, mootummaan waan irraa eegamu gahumsaan raawwachuuf ni rakkata. ​Namoonni hojii hojjetanii gibira kaffalan gama tokkoon gibira kaffaluun boonsaa ta’uu isaa beekuu qabu; gama biraatiin immoo hojii hojjenne hundaan hamma qabeenyaa waliif qoodnu akka qabnu beekuun barbaachisaa dha. ​Daldaltoonni Itoophiyaa keessa jiran gibira kaffaluu irratti rakkachuu isaanii malee, karaa adda addaatiin deeggaraa yoo jedhaman, karaalee mootummaan herrega keessa hin galchineen maallaqa baay’ee ni baasu; fedhiin gibira kaffaluu hojjettoota mootummaa waliin yoo madaalamu, kaffalaan gibiraa amanamaan baay’ee murtaa’aa dha. ​Namoonni yaadanii kaffalan baay’ee muraasni akka jiran ni beekama. Irra caalaan isaa garuu gibira dhoksuu (seera malee hambisuu) irratti yeroo isaa qisaasessa. Kana fooyya’iinsa hojimaataatiin to’achuun barbaachisaa dha." #TikvahAfaanOromoo Sadaasa 17, 2019 Finfinnee @tikvahethafaanoromoo

Open in Telegram
Views1,890−48%vs avg
Forwards—
Reactions8
Comments—
#10960Text

Gaaffilee Gurguddoo Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Gaafatan 👉Ajjeechaa suukaneessaa Godina Kibba Baha Oromiyaa Arsiitti lammiilee nageerratti raawwatame ilaalchisee mootummaan qaamolee yakka raawwatan seeratti dhiyeessuratti maaltu hojjetamaa jira? 👉Shiraa fi gochaa badii diinootni seenaa Itoophiyaa yeroo garaagaraatti raawwataa jiran qolachuuf mootummaan maal hojjetaa jira? 👉Keessattuu garee seeraan alaa ABUT fi ergamtoota biyya keessaa fayyadamuun Itoophiyaa dadhabsiisuuf shiraa fi yaalii taasifamaa jiruuf mootummaan qophummaa akkamii qaba? 👉 Raayyaa Ittisa Biyyaa caalmaatti ammayyessuu fi hundagaleessa taasiisuuf karoorri mootummaa maali? 👉Hidhannoo ammayyaa guutachuu, humna namaa ga’umsa olaanaa qabu horachuu fi teeknooloojii si’anaa hidhachuuf hojiilee hojjetamaa jiran ilaalchisee ibsi osoo kennamee? 👉 Ijaarsi pirojektoota gurguddoo Labsii Gubaatiin labsaman kanneen akka Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, Warshaa Xaa’oo, Misooma Annisaa Niwukilaraa, ijaarsi manneen jireenyaa fi kanneen biroo yeroo ammaa haala akkamiirra jiru? Tooftaan raawwii isaanii hoo maal fakkaata? 👉 Damee fayyaatiin dhiyeessiin qorichaa fi meeshaaleen yaalaa sadarkaa barbaadameen dhiyaachuu dhabuun komii tajaajilamtootaa ta’aa waan jiruuf, rakkoo kana furuuf maaltu yaadame? 👉Gibira ummanni kaffalu to’achuu fi waliin dhahiinsa mul’atu Mootummaan akkamiin ilaala? 👉Akkaataa walitti qabiinsa galiirratti hojmaata badaa fi hanna mul’atu furuuf maaltu hojjetamaa jira? 👉Sharafa alaa fi qaala’iinsa jireenyaa hir’isuurratti ejjennoon Mootummaan qabu maali? Rakkinicha waaraan furuuf hoo maaltu yaadame? 👉 Sarbama mirga namoomaa lammiilee Itoophiyaarratti qaamolee hidhataniin raawwataman Mootummaan akkamitti ilaala? 👉Keessattuu ajjeechaa, saamichaa fi miidhaa qaamaa fi qabeenyaa naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi naannolee birootti lammiileerratti raawwatamu dhaabsisuuf Mootummaan tarkaanfii akkamii fudhataa jira? 👉Bilisummaa pireesii fi miidiyaa guddisuuf tarkaanfiin Mootummaan fudhataa jiru maali? 👉Misooma koriidarii magaalaa fi baadiyyaatti caalmaatti babal’isuuf karoorri Mootummaa Ida’amuu maali? 👉Hanqina dhiyeessii manneen jireenyaa furuuf murannoon, ejjennoon, akkasumas raawwiin Mootummaa Ida’amuu maal fakkaata? 👉Keessattuu lammiileen galii gadi aanaa qaban sababa hanqina mana jireenyaatiin rakkoo hamaaf saaxilamaa jiru; Mootummaan furmaata hammataa fi hirmaachisaa ta’e kennuuf maal hojjetaa jira? #TikvahAfaanOromoo Sadaasa 17, 2019 Finfinnee @tikvahethafaanoromoo

Open in Telegram
Views1,800−51%vs avg
Forwards—
Reactions4
Comments—
#10955Photo
Views2,500−32%vs avg
Forwards—
Reactions11
Comments—
#10952Photo
Views4,580+25%vs avg
Forwards—
Reactions23
Comments—
#10951Text
Views5,400+47%vs avg
Forwards—
Reactions133
Comments—
#10947Photo
Views8,060+120%vs avg
Forwards—
Reactions36
Comments—
#10946Text
Views7,620+108%vs avg
Forwards—
Reactions36
Comments—