Intalli haati ishee qooxii yaabdee yemmuu boqqoolloo buustu balbala ishee argitee Intala:- Harmee balballi suni maalii? Harmee:- Balbala miti Afaani Intala:- Maaliree innoo ilkaan hin qabu. Harmee:- Abbaa keetu rigaadhan irraa fixe Intala:- Amma akkamitti nyaataree? Harmee:- Amma mooqa dhuga Intala:- kan koo yoom mooqa dhuguu jalqabaree? Harmee:- kan kee amma beela’uu hin jalqabne afcufa qofa tufa. Maaltuu ishee jarjarse amma dhiyootti gaafa rigattu viidiyoo of waraabdi motii. Ijoolleen bara kanaamoo… Mee #share
Open in TelegramPosts of Qoosa
Jaartiin tokko adurreen ishee jalaa dhukkubee nama yaalaa bineeldotaa naannoo isheetti argamu yaaliif geessite. Doktoriinis erga sirritti qorateen booda, dhuma irratti bu’aa isaa baasa. Doktora:- Adurreen teessan ulfa kanaaf mallattoo addaa argisiifti. Jaartii:- Akkamitti ta’a kun? Doktora:- Maalif hin ta’u? Jaartii:- Adurree biraan wal bira geessee hin beektu manaa baatees hin beektukaa Doktora:- Tarii adurreen ollaa mana keessan dhufee yoo ta’e hoo? Jaartii:- Abadan adurreen mana keenya dhufee beeku hin jiru. Gidduudhumaan adurreen kormaan biraa laphee isaa dhiibaa dhufee tafa jaartii isaarra ciisa. Doktora:- Adurreen kuni hoo kan eenyuti? Jaartii:- kan kooti Doktora:- Maarree isadha kaa abbaan ulfaa. Jaartii:- Lakki inni hin ulfeessu. Doktora:- Akkamitti? Maalif? Jaartii:- Obboleessa ishee Lakkuudha. Namootni tokko tokko bee…. Mee #Share
Open in TelegramQaroo dhabeessa👨🏽🦯 tokkotu karaa qaxxaamuruuf jedhee na gaafate. “Gara harka mirgaatti deemi”n jedheen. Tole jedhee dhaqee mukatti bu’e👨🏾🦯➡️Edaa harki mirgaa anaafidha malee isaaf karaa faallaa harka bitaa ture. Dhuma irratti “Ana moo situ jaamaadha?” naan jedhee deeme🧑🏼🦯🥺
Open in TelegramForwarded from Hojii 🦾
Beeksisa qaxarrii OBN #share gochuun namoota barbaadan biraan gayaa. Hojiiwwan qabatamoo ta’an argachuuf chaanaala keenya hordofaa. @Hojiiwwwan
Open in TelegramTokkommoo Lola deemi jennaa “Ani ulfaatinni koo baay’ee dabalee jira; 84kg dha. Qawwee mitii borcii kooyyuu danda’ee baadhee deemaa hinjiru. Hamma akka dur utaalee sport hojjadha yoon jedhes daqiiqaatti dafqa narra kuta. Lolichi booksiidhaani yoo ta’e qofan deema. Kanaachi fiiguu dadhabee harkaan qabamee misxira biyyaa baasuurra, asumaa qabeenya magaalaa keessaa yoon eege wayya. Kunis jaalaluma biyyaati; biyyaaf jedheeni!🍷🚶” 🤣 #funny @Qoosa432
Open in TelegramNamichi ganaman ka’ee buna dhuguu barbaadee alwaada seene. Sukkaara yemmuu dhabu sagalee ol kaasee haadha warraa isaan “Bareedduu koo shukkaarri eessa jira?” “Achuma cina kee meeshaa ashaboo keessa jira” “Meeshaa ashabootti shukkaara naquun maalif barbaachise?” “Goondaan qucaaciin ashaboodha jedhanii akka yaadaniifi” “Ati bar abshaala bareedduu tiyya” “Eeyyen akkuma kee” “Akkam?” “Akkuma bilbila kee irratti bilbila Biqiltuu Biqilaa jettee qabatte sana kaa” 😂 #Funny @Qoosa430
Open in TelegramNamichi mana fincaanii keessatti udaan isaatin keenyan mana fincaanii irratti “Jaalalli kee teessisee na fincoofsisa” jettee barreessite sun! Intalittiin mana fincaanii keessa jiraattimoo akkami waansaa? 😂 #funny @Qoosa430
Open in TelegramAbbaan manaa fi Haati manaa yeroo hundumaa waan faallaa malee hin godhan. Haati manaa hin ta’u kan jette Abbaan warraa ni ta’a jedha. Guyyaa tokko isheen wadaaja ishee waammatee waliin buluu kajeeltee mala malatte. Guyyaa keessaa guyyaa wayii Wadaajni ishee natti dhiyee na bulchaa jedhee mana isaanitti gore. Haati manaa “hin ta’u manni nuyyuu nun ga’u” yemmuu jettu inni “Seeni manni kan Waaqi” jedheen. Ittoo lukkuu hojjatte Abbaa manaaf dhiyeessitee Wadaaja isheen egaa ati maxinoo nyaadhu yemmuu jettuun abbaan warraa yaa nyaatu jedhe. Dhiyee yeroon hirriibaa yemmuu ga’u, “Jedhi egaa ati hafadhuu rafi, sireerra abbaa warraa kootu rafa” jetteen. Abbaa warraa “Keessummaa koottu ati sireerra rafi ani lafaan rafa” jedheenii iddoo wal jijjiiran. Halkan dubbii yemmuu jalqaban sireen sagalee kennuu jalqabe yeroo kana isheen “Keessuummaa maal taate siree hin urgufin” jennaan abbaa manaa “Keessummaa sirritti urgufi” jedheen jedhama. 🤣 @Qoosa430
Open in TelegramMucaa:- Abbaan har’a maalif otuu nan dhungatin gara hojii deeme? Haadha:- Hojii manaa kee waan hin hojjatiniifi. Mucaa:- Maal jechuudha? Hojjattuun keenya hojii manaa yoom hojjattee beekti kan inni yeroo hunda dhungatuun? Ijoollee bara kanaa 🤣 @Qoosa430
Open in Telegram#Taajjabbii_Irreechaa ✋ ⭕️ Nuti Waaqa caalaayyuu warra waldaa sodaannee konsartii Daawwitee hafne. Garuu paastarii waldaa keenyaa Live irratti argine. Keessumaa sirba 'Soolanee' jedhu sana irratti utuu inni hirqinfatee boo'aa ture. Nu dhoksee deemuu isaa malee boo'uu isaa irraa komii hin qabnu. Paasteriin Ex hin qabu eenyu jedhe? 💔 ⭕️ Oromoo miiliyoona meeqatu walitti dhufee haasa'aa ture. Garuu hanga ammaa jecha '#Sherereree' jedhuuf hiikni sirriin hin argamne 🤷♂️ ⭕️ Gurbaan shamarran gola hunda irraa 'Irreecha irratti wal argina' jedhee beellamaa ture sun, hundi isaanii wal qabatanii bakka inni jirutti itti dhufnaan Irreechas isaaniis dhiisee gara Mojootti baqate jedhan. Argitee Oromoo? Tokkummaa gaafa qabaattu diinakee miti firrikeeyyuu si jala hin dhaabatu 😊 ⭕️ Dhuma irratti Waaqa nagaan baasee nu galche, akkasumas mootummaa uummata hamma kana baay'atuuf eegumsa addaa godhe galateeffachuu barbaanna 🙏 @waaqooF @Qoosa430
Open in TelegramMucaatu mana barumsaatii ariyamee mana gale. Abbaan isaa maal ta’ee akka ariyame yemmuu gaafatu, mucaa gaaffii herreegaa 5x5=40 jedhee deebisee akka ta’e dubbata. Abbaan maalif 5x5=25 jettee hin deebisne yemmuu jedhuun mucaan yoo maal jedhe gaaridha? “Abbaa kan 40 didan 25 tole jedhu jetteetii?” 😂 @Qoosa430
Open in TelegramNamichatu Haati manaa isaa ulfa taate dhukkubsattee Iddirii hafuu hin qabne hafuu dirqamnaan, Akka isheetti uffatee ulfa of fakkeessuf wayyaa garaa jala naqatee Iddirii ishee dhaqe. Iddoo sanatti dubartiin ulfa taate kan biraa isa cina teessee “Hagam taate?” Jettee yemmuu gaafattu namichi deebisee “Ji’a lama guuteera” jedheen. Niitiin guddina garaa isaa ilaaltee, “Maali arba moo kan ulfoofte ammana kan ga’e ji’a lamaan?” Jetteen. Innis deebisee “ Eeyyen Arba Kumbii isaa sitti argisiisuu?” Jedhee maarashaa isaa baasee itti argisiise. 😂 @Qoosa430
Open in TelegramMucaan miilaan irreecha dhaqe sun, daandiin harkaa badeetu Jaardagaa jaarteetti qabanii deebisan jedhan!🤣 @Qoosa430
Open in TelegramGaaffiin uummata Oromoo waggaa 150 iyyuu hin deebine, uffata aadaa kireeffatte hin deebisin! Aadaan waan waliin qabnuudha, kan isaanii kanuma keetii hin deebisin! @Qoosa430
Open in Telegram