“Maaltu isaa fi Rabbii isaa jidduu jira ?” Umar Iisaawii ja’ama barsiisaa Qur’aana nama haffaziisu kan biyya Al jeeriyaati. Mata duree Dhiira Fajrii (رجال الفجر) jattu kaasuun joollee fi Shabaabni akka Salaata Fajrii Jam’aan Masjiidatti Salaatan kakaase. Qur’aanatti akka isaan hidhamanii fi Naamusa Islaamummaa akka eeggatan isaan jeeynoomse. Jalqaba joollee waaxiqqoon eegalamte baatii “November” tana keessa biyya Islamaati fi biyya Islaama hin tahin akka Awurooppaa fi Ameerkaa keessattillee babal’atte. Masjiida heddutti Salaanni Subhii akka Salaata Jum’aa tahe. Foqileen Masjiidaa tan duraan Ramadaana fi guyyaa Jum’aa malee hin banamne namni guutuuf jacha Salaata Subhii irratti banamuu eegalte. Oggaa kheeyrii guddoo tana argine jacha Rasuula keenyaati ﷺ yaadanna.. “Namni Islaamummaa keessatti Sunnaa gaarii karaa godhee itti hojjate sawaaba isiitii fi sawaaba akka nama waan sanitti hojjateetu isaaf jira.” Ammaas Ergamaan Rabbii ﷺ akkana ja’a “Namni kheeyrii Takka irratti nama qajeelcha ,Sawaaba akka nama hojjateetu isaaf jira.” Oggaa Rabbiif ati dalagaa Takka qulqulleeysite akkanatti Rabbiin dalagaa tee keessa barakhaa siif kaayee sawaaba guddaa kanaan si gammachiisa. Sharif Abdumalik
Open in TelegramPosts of PEACE MESSAGE 📡🛰️🔊📜
የፈጅር ወንዶች በኢትዮጵያ አላችሁ? Dhiironni Fajrii Itoophiyaa jirtuu? 🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥 የማለዳውን ብርድና እንቅልፍ አሸንፎ ወደ መስጂድ የሚወጣ ትውልድ የነገዋን ኢትዮጵያና የዑማውን ከፍታ ይሠራል። ነቢያችን (ሰ.ዐ.ወ) በጨለማ ወደ መስጂድ ለሚመላለሱ በትንሣኤ ቀን ሙሉ ብርሃን መኖሩን አብስረዋል። #የሪጃሉልፈጅር ንቅናቄም ፈጅርን መነሻ አድርጎ ኒያን ለአላህ በማጥራት፣ «እኔስ ከማን አንሳለሁ?» በሚል ወኔና ቆራጥነት ወደ ተግባር የምንገባበት ነው። ግባችን መነሻውን መስጂድ ያደረገ፣ በየመስጂዱ ተሰባስቦ በጀመዓ የሚሰግድ፣ ዲኑን የሚማርና በወንድማማችነት የሚጠናከር ትውልድ ማፍራት ነው። «እኔ ለዲኔ» ብለው የአቅማቸውን የሚወጡ፣ ቃላቸውንና እምነታቸውን በተግባር የሚያጸኑ የፈጅር አርበኞችን ማብዛት ነው። አባቶችና ታላላቅ ወንድሞች ታዳጊዎችንና ወጣቶችን በቅርበት እየቀሰቀስን፣ ሁለት ሁለት ሆነን እየተነቃቃን እንድንቀጥል ማገዝ አለብን። እያንዳንዱ ከተማ፣ ሰፈርና መስጂድ የፈጅር ወንዶቹን እንቅስቃሴ በፎቶና በቪዲዮ በየቀኑ ይለጥፍ፤ ኒያችን ግን ለይዩልኝ ሳይሆን ሌሎችን ለማነሳሳት ይሁን። ከሱብሂ በኋላ የሚደረጉ አጫጭር ዳዕዋዎች፣ ቁርዓን መቅራትና የኪታብ ንባብ የተማሪዎችን ሰዓት ከግምት ያስገቡና ከአስር እስከ አስራ አምስት ደቂቃ ያልበለጡ ይሁኑ። እስከ ረመዳን መግቢያ ድረስ ሳያቋርጡ ለጸኑ፣ በየአካባቢው ባሉ መስጂዶች፣ ጀመዓዎችና በጎ አድራጊ ባለሀብቶች አማካኝነት ዑምራን ጨምሮ የተለያዩ የሽልማት ውድድሮች ተዘጋጅተው ወንዶቹ ታውቀው ይሸለሙ። የየመስጂዱ ኢማሞች፣ ዓሊሞች፣ ዳኢዎችና ኮሚቴዎች እንደ ሁልጊዜው ከጎናችን ቁሙ። የጸጥታ ስጋት ወይም የመንገድ ትራፊክ ባለበት አካባቢ ወላጆች አብራችሁ ወደ መስጂድ ውጡ። ወላጆች «እኛ ጀግኖቻችንን ወደ መስጂድ ልከናል፤ እናንተስ ጀግኖቻችሁን ላካችሁ?» በማለት ተጠያየቁ። እያንዳንዱ ቤተሰብ ከጎረቤቱ ጋር እየተባባለ ይጠያየቅ፣ ይበረታታ። ይህን መልዕክት ቢያንስ ለአምስት የሰፈርዎ ወጣቶችና ቤተሰቦች ያጋሩ፤ ከየትኛው ከተማና መስጂድ እንደሆናችሁም ኮሜንት ላይ ጻፉ። አላህ ቀጥታውን ይምራን፤ የፈጅር ሰዎች ያድርገን! Dhiironni Fajrii Itoophiyaa jirtuu? 🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥 Dhaloonni qorraafi hirriba ganamaa moo’atee gara masjiidaa bahu boru biyya keenyaafi olka’iinsa ummata keenyaa ni ijaara. Ergamaan Rabbii (SAW) warra dukkana keessa gara masjiidaa deddeebi’aniif Guyyaa Qiyaamaa ifa guutuun akka jiru nu gammachiisaniiru. Sochiin #RijaalulFajrii salaata Fajrii ka’umsa godhatee, niyyaa Rabbiif qulqulleessuun, «Ani eenyuun gadi?» jedhee onneefi kutannoon gara hojiitti seenuudha. Kaayyoon keenya dhaloota ka’umsa isaa masjiida godhate, masjiida naannoo isaatti walitti qabamee jama’aan salaatu, diinii isaa baratuufi obbolummaa Islaamaan wal jabeessu horachuudha. Akkasumas «Ani diinii kootiif» jedhanii waan danda’an bahatan, jechaafi amantii isaanii hojiin mirkaneessan gootota Fajrii baay’isuudha. Abbootiifi obboloonni hangafaa dargaggootaafi ijoollee dhiyeenyaan dammaqsuun, lama lama ta’anii wal kakaasaa akka itti fufan haa gargaarru. Magaalaan, gandiifi masjiidni hundi sochii dhiironni Fajrii taasisan suuraafi viidiyoodhaan guyyaa guyyaan haa maxxansu; niyyaan keenya garuu na argaaf osoo hin taane warra kaan kakaasuuf haa ta’u. Da’awaan gabaabaan, Qur’aana qara’uufi kitaaba diinii dubbisuun salaata Subii booda taasifamu yeroo barattootaa tilmaama keessa kan galcheefi daqiiqaa kudhan hanga kudha shanii kan hin caalle haa ta’u. Warra hanga Ramadaanni seenutti addaan osoo hin kutin jabaataniif, masjiidota naannoo, jama’aafi abbootii qabeenyaa tola ooltotaan dorgommiin badhaasaa Umraa dabalate qophaa’ee dhiironni kun beekamtii argatanii haa badhaafaman. Imaamonni, aalimonni, daa’iiwwaniifi koreewwan masjiidaa hundi akkuma yeroo hunda nu cinaa dhaabbadhaa. Bakka sodaan nageenyaa ykn tiraafikaa jirutti maatiin ijoollee keessan waliin gara masjiidaa bahaa. Maatiin «Nuti gootota keenya gara masjiidaa ergineerra; isinoo gootota keessan ergitanii?» jechun wal gaafadhaa. Maatiin hundi ollaa isaa waliin kana wal haa yaadachiisu, wal haa jajjabeessu. Ergaa kana yoo xiqqaate dargaggootaafi maatii naannoo keessanii shaniif dabarsaa; magaalaafi masjiida kam irraa akka taatanis yaada jalatti nuuf barreessaa. Rabbiin karaa qajeelaa nu haa qajeelchu; warra Fajrii nu haa taasisu! #RijaalulFajrii #DhiironniFajrii #RijalulFajrEthiopia #የፈጅር_ወንዶች https://t.me/peacetv0 https://t.me/peacetv0 https://t.me/gumaataislaamummaa https://t.me/gumaataislaamummaa
Open in Telegram"Dogna namaa jechuun nama maqaan koo isa biratti waamamee narratti Salawaata hin buusinidha" Nabi Muhammad صلى الله عليه وسلم
Open in TelegramForwarded from PEACE MESSAGE 📡🛰️🔊📜
📜 Sunnaawwan jaallatamoo guyyaa jum'aa...15 ⌛⌛⌛⌛⌛⌛⌛⌛ ➊➾Jalqaba rabbumaaf jecha jum'a kana dhaqa jedhanii niyachuu. ➋➾Qaama dhiqachuu. ➌➾ uffata bareeda uffatuu 👖 ➍➾Shittoo/urgooftuu dibachuu{dhiiraaf}⚱ ➎➾ilkaan siwaakachuu. ➏➾Gara masjidaa yeroodhaan deemuu. ➐➾saffaawwan duraa qabachuu. Garuu nama irraan tarkanfachuufi nama cinquun hin ta'u. ➑➾raka'a lamaa tahiyyaa masjida salaatuu. ⑨➾suuratul kahfiin qara'uu. ①0➾ fuulaan gara imaamaa garagaluu. ①①➾kuxbaa callisaan dhaggeeffachuu. ①②➾Yeroo du'aa'iin itti qeebalmtu sana niyyaan eegachuu. ①③➾ salawaata nabiin irratti baay'essu guyyaaf halkanis. ①④➾ibaadaawwan akka sadaqaa,salaata sunnaa,zikrii,wal ziyaaruu, qur'aana qara'uu baay'isuu fi k.k.f. ①⑤➾salaanni jum'aa erga xumuuramee booda rabbiin zakkara gara dalagaa. #⃣ rabbiin hundaa walitti nuu haa qabu 🕋የጁሙዐ ቀን ሱናዎች🕌 1-ነቢዩ(صلى الله عليه وسلم)ላይ ሶለዋት ማውረድን ማብዛት 2- 📖 ሱረቱ–ከህፍን መቅራት 3-🚿 ሸዋር መውሰድ 4-👚 ካለው ሻል ያለውን ልብስ መልበስ 5-🦷ሚስዋክ መጠቀም(ጥርስን መፋቅ) 6-🌹 ሽቶ መቀባት 7-🌅 ወደ መስጂድ አበክሮ መሄድ 8- ወደ መስጅድ በግር መሄድ 9-📿 ከጁሙዐ ሶላት ቡሃላ 4 ረከዓ(2+2) መስገድ 10- ዱዓ ተቀባይነት ያላትን ሰዓት መጠባበቅ Ergamaa Rabbii irratti salawaata buusaa Irra caaltuun hojii ajaja Rabbii fi Malaa'ikaan akkasuma Mu'mintoonni irratti waliif galani. Sunis Muhammad irratti Salawaata buusuudha. Mee Aayata Suuraa al Ahzaab kana qalbisaa. *إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا* *Dhugumatti, Rabbii fi Malaa'ikoonni Isaas Nabiyyii irratti Rahmata ni buusan. Yaa warra amantan, (isinis) Rahmata isarratti buusaa. Nagayaas akkaan (isarratti) buusaa.* Nagayaafi Rahamanni Ergamaa Rabbii Muhammad irratti haa bu'u. ﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺ https://t.me/peacetv0
Open in Telegram1. Of-daangessuu 🍎🍎🍎🍎🍎 Bu'aan jalqabaa kan maqaa maxxansuu lammiin Muslimaa "finxaaleyyii, Wahaabii yookaan akraarii naan jedhu" jedhee sodaachuun ofii fi yaada isaa akka daangessu gochuudha. Fakkeenyaaf፦ Muslimni tokko bakka hojii, yuunivarsiitii yookaan waltajjii siyaasaa irratti mirga bu'uuraa yeroo kabachiisu yookaan dandeettii ogummaa yeroo agarsiisu "maqaa naa maxxansu" jedhee sodaachuun akka rifatu taasifama. Laamsheffamuun xiinsammuu kun nama dhuunfaa adeemsa jijjiiramaa fi misooma biyyattii keessatti hirmaattuu cimaa akka hin taane gochuun, gumaacha biyyaalessaa hawaasichaa laaffisa. 2. Miidhaa bifa/maqaa 📣📣📣📣📣 Gaaffilee haqa-qabeessa fi sababa-qabeessa hawaasni Muslimaa kaasu dhugaan deebisuun yeroo dadhabamu, iddoon dhokannaa isaanii inni qofti gaaffii sana osoo hin taane nama gaafatu miidhuudha. Kunis Ustaazotaa fi gaggeessitoota irratti odeeffannoo summii qabu facaasuun maqaa isaanii xureessuudha. Kaayyoon ijoo tooftaa ajjeechaa bifa kanaa "riqicha wal-amantaa" gaggeessaa fi hordoftoota gidduu jiru cabsuun, hawaasicha gaggeessaa fi kallattii malee hambisuudha. 3. Qoqqoodinsa keessaa (Divide and Rule) ♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦ Hawaasicha gareewwan "dhaloota/kan durii" fi "kan dhufe" yookaan "Suufii" fi "Wahaabii"/«Salafii» jedhamanitti wal-qooduun wal-mormii keessaa irratti akka xiyyeeffatu gochuuf fedhii fi adeemsa akka qaban yeroo baay'ee mul'ateera. Dhimmoota Muslimootaa ilaalcha kanaan qofa akka ilaalaman miidiyaaleen deeggartoota isaanii carraaqqii cimaa yeroo godhan hubanneerra. Fedhiin kun yeroo hin guutneef ammoo garee tokko deeggaruun dhimma Majlisaa fi dhimmoota biroo irratti nu ilaallata jedhanii ifatti yeroo qabsaa'an mul'ataniiru. Yeroo hawaasni garaagarummaa keessaa irratti xiyyeeffatu, roorroo fi balaa tarsiimoo waloon irratti dhufu irratti waliin dhaabbachuuf dandeettiin isaa laafata. Qoqqoodinsi keessaa kun hawaasicha miidhaa alaaf fi itti fayyadama siyaasaaf saaxilaa fi mijataa godha. Walumaagalatti, yeroo tooftaaleen kun walitti qindaa'an, hawaasni biyya ofii irratti akka ormaatti akka itti dhaga'amu, bu'aa waloo isaaf akka hin dhaabbanne fi xiinsammuun mo'amee fedhii qaamolee birootiif bitamaa akka ta'u kan qophaa'an agarsiistuu siyaasa kiyyooti. "Yakki" Hin Murtoofne fi Laaboraatoorii Jechootaa 💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢 Seera yakkaa Ityoophiyaa keessatti gosti yakkaa yookaan tumsi "Wahaabii", "finxaaleyyii" yookaan "shororkeessaa" jedhamu hin jiru. Jechonni kun kitaabota seeraa keessatti kan hin argamne, garuu laaboraatoorii daldaltoota piroopaagandaa keessatti meeshaa waraanaa xiinsammuu ta'uuf maqaa ittiin nama gurraachessuuf kan uumamanidha. Kaayyoon isaanii hawaasicha eeggumsa seeraa jalatti osoo hin taane jibbiinsa piroopaagandaa jalatti akka kufu gochuun olaantummaa naamusa isaa tuquudha. Shallaggii Yeroo Tamsa'uu Odeeffannoo Jibbiinsaa 🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴 Yeroowwan daldaltoonni piroopaagandaa summii jibbiinsaa isaanii itti facaasan tasuma hin filataman; rifaatuu xiinsammuu guddaa uumuuf yaadamee shallaggii sadii kanneeniin qophaa'u: 1. Rakkina nageenyaa kiyyoof fayyadamuu 🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀 Naannoo biyyattii kamittiyyuu jeequmsi nageenyaa yeroo uumamu, ragaa tokko malee "harki Wahaabii keessa jira" jedhanii odeeffannoo tamsaasuun Muslimoota balaa waliin wal-qabsiisuun uummata keessatti shakki facaasuu. 2. Dhiibbaa siyaasaa 📦📦📦📦📦 Yeroo wal-dhabdeen siyaasaa biyyaalessaa cimaa dhufuu fi gaaffiin uummataa guddatu, xiyyeeffannoo uummataa gara biraatti jallisuuf hawaasa Muslimaa akka meeshaa ittiin oolanitti fayyadamuun addabaabayii jibbiinsaa banuu. 3. Miidhaa ayyaanota amantii irratti raawwatamu 📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶 Mormii Jum'aa, hojiiwwan tola ooltummaa yeroo ayyaanota guguddaa akka Ramadaanaa fi Iidaa raawwataman illee akka waan "filannoo finxaalummaaf" oolanitti fakkessuun, miidhagina ayyaanota irratti haala shakki fi sodaa uumuu. Galmee miseensummaa Kaawunsilii Dargaggoo fi Iftaarota addabaabayii irrattis akkanuma maqaa maxxansaniiru. Tooftaalee "hatuu xiyyeeffannoo" kana hubachuun, yeroo miidhaan raawwatamu m
Open in TelegramQaamoleen odeeffannoo jibbiinsaa kana oomishan, jumlaadhaan maqaa maxxansanii fi guyyaa guyyaan diina uuman karaa kamiinuu deeggaramuu, jajjabeeffamuu yookaan kutaa qabsoo ta'uu hin qaban. Gochi isaanii rakkina uummataa kan dheeressu malee furmaata waan hin fidneef, adeemsichi gocha diinaa malee tarkaanfii michuu jedhamuu hin danda'u. Kana malees, gaggeessitoota dhiibbaa amantii biroo, dhaabbilee fi sochiiwwan irratti xiyyeeffachuun isaan miidhuuf yeroo gubuun karaa sirrii ta'uu hin danda'u. Sababni isaas yeroo ati warra biroo irratti xiyyeeffattu, warri biroonis si irratti akka xiyyeeffatan balbala banaa jiraachuu kee dagachuu hin qabdu. Addabaabayii warra biroo irratti bante irratti deebiin gara keetti akka deebi'uu fi dhaabbilee fi duudhaa ofii keetiif balaa akka ta'u beekamaadha. Xiyyeeffannoo Miidhaa fi Milkaa'ina Tarsiimoo 🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴 Duulli qindaa'aan kun tasuma kan geggeeffamu miti; hawaasicha 'gaggeessaa malee' gochuun, hayyoota fi dhaabbilee irratti amantaa dhabsiisuun badii tarsiimoo geessisuuf kan kaayyeffatedha. Daldaltoonni piroopaagandaa milkaa'ina guguddaa sadii argachuuf yaalu: 1. Kiyyoo akka kan dhufeetti fakkessuu 🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺 Islaamummaa akka 'yaada ormaa'tti fakkessuun walitti dhufeenya Muslimoonni seenaa biyya isaanii waliin qaban addaan kutuuf hojjetu. Kaayyoon isaa hawaasicha bittimsuun biyya ofii irratti akka keessummaa lakkaa'amu gochuudha; kunis Muslimni mirga bu'uuraa yeroo gaafatu akka 'ajandaa alaa'tti lakkaa'amee akka kufuu fi tokkummaa hawaasummaa irratti gufuu akka ta'uuf yaadamee hojjetama. 2. Maqaa maxxansuu irraa gara hayyama baasuutti 🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻 Miidhaa suukanneessaa Muslimoota nagaa irratti raawwatamu akka 'tarkaanfii finxaaleyyii qulqulleessuu'tti dhiyeessuun, jibbiinsa fi miidhaaf hayyama hawaasummaa argachuuf yaalama. Rorroon seera-qabeessa ta'uu isaa dura, jibbiinsi fudhatama hawaasummaa akka argatu taasifama. Miidhaan raawwatamuu isaa dura namni miidhamu shakkii keessa akka galu taasifama. 3. Meeshaa gurgurtaa deeggarsa addunyaa Jechoota miira kakaasan kanneen akka 'Wahaabizimii' fi 'shororkeessummaa' akka meeshaa gurgurtaatti fayyadamuun, qaamolee dhihaa fi addunyaa biraa irraa deeggarsa siyaasaa fi maallaqaa argachuuf odeeffannoo sobaa uumu. Shallaggii kun hayyoota fi dhaabbilee biyya keessaa irratti dhiibbaan addunyaa akka uumamu gochuun, kallattii amansiisaa hawaasichi ittiin gaggeeffamu baasuun fedhii siyaasaa dhokataa daldaltoota jibbiinsaaf bitamaa akka ta'u taasisa. Adeemsichi karaa armaan gadiitiin sadarkaa balaa qabutti darba: > Himannaa irra deddeebii → Wal-baruu hawaasummaa → Doomsa naamusa → Hayyama moggeeffamuu > Adeemsi badii kun sadarkaawwan kanneen qaba: 1. Himannaa irra deddeebii ✅✅✅✅✅✅ Garee tokko kan xiyyeeffatan odeeffannoon sobaa fi maqaa maxxansuun miidiyaa hawaasaa fi karaalee garaagaraatiin irra deddeebiin maxxanfamu. 2. Wal-baruu hawaasummaa 📶📶📶📶📶📶📶 Himannaan guyyaa guyyaan yeroo irra deddeebi'u, hawaasni jalqaba irratti "dhugaa miti" jedhee mormaa ture jechoota fi odeeffannoo sana akka oduu salphaatti baruu jalqaba. 3. Doomsa naamusa 🌲🌲🌲🌲🌲 Hawaasni yeroo maqaa maxxansuu sana baratu, gara laafina roorroo fi moggeeffamuu garee miidhamu irratti raawwatamuuf qabu hir'achaa deema. "Waan irratti raawwatamuu qabudha" jedhu keessa gala. 4. Hayyama moggeeffamuu 📦📦📦📦📦📦 Dhuma irratti nama dhuunfaa yookaan hawaasa hirmaannaa biyyaalessaa fi hawaasummaa keessaa moggeessuu, darbees miidhaa raawwachuun callisuu fi deeggaramuu "fudhatama uummataa" argata. Laamsheffamuu Xiinsammuu fi Qoqqoodinsa Keessaa 🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴 Kaayyoon duula tarsiimoo kanaa kan hidda gadi fageeffate hawaasa Muslimaa xiinsammuu irratti dadhabaa, keessatti kan qoqqoodame fi dhimma biyyaalessaa irratti sagalee kan hin qabnee fi kan moggeeffame (Marginalized) gochuudha. Kaayyoon kun kan milkaa'u dhiibbaa balaa qaban sadii kanneeniif dabarsanii kennuudhaani:
Open in TelegramKanaan wal-qabatee maqaawwan «Oromummaa» fi «Silxee» jedhan maxxansuun yeroo maqaa maxxansanis mul'ata. 2. Finxaaleyyii maqaa amantiitiin socho'an fi፦ 🚀🚀🚀🚀🚀🚀🚀🚀🚀🚀🚀🚀🚀 Qaamoleen kun mallattoowwan amantii Ortoodoksii Tawaahidoo kanneen akka fakkii qulqullootaa fi fannoo akka haguuggiitti fayyadamuun, jibbiinsa siyaasaa kan duudhaa nagaa fi waliin jireenya amantichaa hin bakka buune facaasu. Kaayyoon isaanii ijoo olaantummaa seenaa eegsisuuf jecha gaaffii mirga bu'uuraa hawaasa Muslimaa akka "soda jireenyaa"tti dhiyeessuudha; kunis Muslimoota akka "kan dhufe" yookaan "ergamtuu yaada ormaa"tti maqaa maxxansuun abbummaa biyyaa keessaa baasuuf tooftaa qindaa'aadha. Odeeffannoon summii qabu kan qaamoleen kun Mana Kiristaanaa akka abbaa biyyaa qofaatti fakkessuun facaasan, namni nagaa ergaa jibbiinsaa akka dhugaa amantiitti akka fudhatu gochuun, waliin jireenya uummataa waggoota hedduu ture kan laaffisuu fi gidduu lammiileetti dallaa shakkii kan ijaaru tooftaa balaa qabudha. 3. Namoota dhuunfaa fi herrega dhiibbaa uuman ፦ 🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎 Biyya alaatti argamanii hordoftoota hedduu kan qaban TikTok, Telegram fi Facebook irratti kanneen «barsiisaa» fi «qabsaa'aa» jedhaman motoroota duulichaa ti. Qaamoleen kun xiyyeeffannoo hordoftootaa fi hawaasa addunyaa harkisuuf "Ityoophiyaa keessatti finxaalummaan Islaamaa balaa uumeera" jedhanii ajandaa uumuun haasaa jibbiinsaa qindeessuun Muslimoota irratti shakki fi sodaa akka babal'atu cimanii hojjetu. Warshaa Diina Uumuu፦ Kasaaraa Tarsiimoo fi Shira Moggeeffamuu 🏡🏡🏡🏡🏡🏡🏡🏡🏡🏡🏡🏡🏡 Amalli balaa qabu kan biraa qaamolee kana irratti mul'ata. Namni kamiyyuu marsariitii hawaasaa keessatti waan isaan faarsan yoo hin faarsine, siyaasa booyichaa isaanii irratti waliin hin booyne, yookaan gammachuu fi gadda isaa karaa isaan sararan irraa ba'ee karaa ofii isaatiin dhimma sanarratti ilaalcha isaa yoo ibse yookaan gaaffii yoo kaase, yookaan tooftaa fi kiyyoo isaanii yoo hubatan yookaan deeggarsa yoo dhabsiisan, battalumatti maqaan "Diina Amaaraa" yookaan "Diina Ortoodoksii" jedhamu harkifamee itti maxxanfama. Sababa tooftaa kanaatiin uummata Amaaraa fi hordoftoota Ortoodoksii Tawaahidoof halkanii guyyaa «diinota» hedduu uumaa jiru. Waggoota torban darban qofa keessatti duula miidiyaa hawaasaa isaanii irraa akkan hubadhetti qaamolee hedduu diina jedhanii irratti duulaniiru. Naannoo Amaaraa keessatti Qimaantii, Agawuu, Oromoo Walloo, Muslima Amaaraa fi mootummaa naannichaa (maqaa ADP/BADEEn); qaamolee dhimma uummata Wallootiin socho'an; naannoo alatti ammoo Muslimoota Ityoophiyaa guutuu (maqaa "Wahaabii"tiin), elitee fi paartii Tigraay, akka uummataatti uummata Oromoo fi Silxee, Matakkal keessatti miseensota saba Beeniishaangul; paartii keessaa ammoo Paartii Badhaadhinaa, IZEEMAa diinummaatti moggaasaniiru. Sadarkaa dhuunfaatti ammoo Muummee Ministiraa, Jawaar Mahaammad, ana Ahmediin Jabal dabalatee namoota hedduu yeroo farrajan hubadheera. As irratti gaaffii bu'uuraa tokko kaasuun barbaachisaadha. Dhuguma sa'aatii 24 keessatti arrabsoo, maqaa maxxansuu fi diina oomishuun uummata Amaaraa yookaan hordoftoota amantii Ortoodoksii warra isaan dhaabbanneef jedhaniif bu'aa maalii fida? Rakkoo waaraa uummataa furuu moo caalaatti hammeessa? Michuu caalaa diina oomishuun bilchina siyaasaa osoo hin taane kasaaraa tarsiimooti. Uummata Amaaraa fi hordoftoota Ortoodoksii Tawaahidoof bu'aan tarsiimoo dhugaa kan argamu hawaasota biroo waliin tumsa fi wal-deeggarsa uumuun, deeggarsa walitti qabuun malee diina baay'isuu yookaan herrega miidiyaa hawaasaa kan arrabsoo bu'aa qabu uumuun miti. Miidhaa karaa kamirraayyuu dhufu ofirraa qolachuuf fi gaaffiin isaan kaasan xiyyeeffannoo fi furmaata waaraa akka argatu tumsa fi deeggarsa qaamolee biroo argachuun baay'ee murteessaadha. Dabalataanis, qaama hunda diinummaatti maqaa maxxansuu fi moggeessuun gaaffiin haqaa isaanii deeggarsa akka hin arganne gochuun, kophaa isaanii adda baafamanii miidhaaf akka saaxilaman gochuun balaa guddaa fida.
Open in Telegram> Maqaa maxxansuu/farrajuu → Soda → Shakki → Moggeeffamuu → Callisuu → Gara cinaatti dhiibamuu > Adeemsi kun sadarkaawwan kanneen dabarsa: 1. Maqaa maxxansuu ፦ 📺📺📺📺 Jalqaba hawaasa tokko yookaan bakka bu'oota isaa irratti maqaan/mallattoon ni maxxanfama. 2. Soda ፦ 🏡🏡🏡🏡 Maqaan maxxanfame kun hawaasa keessatti soda hidda gadi fageeffate uuma. 3. Shakki፦ 📣📣📣📣 Sodaan sun suuta suuta gara shakki wal-jiddutti fi alatti jijjiirama. 4. Moggeeffamuu ፦ 🎁🎁🎁🎁 Shakkichi walitti dhufeenyi hawaasni garee isa kaanii waliin qabu akka addaan citu fi adda baafamuun hawaasummaa akka uumamu taasisa. 5. Callisuu ፦ 🆔🆔🆔 Moggeeffamuun kun hawaasa keessatti miira of-qusachuu fi sagalee ofii dhabamsiisuu (filannoo callisuu) uuma. 6. Adda baafamuu fi gara cinaatti dhiibamuu ፦ 🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻 Dhuma irratti hawaasni xiyyeeffatame hirmaannaa biyyaalessaa guutuu keessaa dhiibamee gara cinaatti akka ba'u taasifama. Seenaa Duubaafi Adeemsa Haaraa Siyaasa Farrajiinsaa 🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒 Maqaan 'Wahaabiyaa' jedhu kun dirree siyaasaa Ityoophiyaa keessatti tasuma kan uumame miti; itti fufiinsa tattaaffii Muslimoota abbummaa biyyaa keessaa baasuuf maxxanfamaa turaniti. Adeemsichi marsaa guguddaa lama dabarseera: 1. Tooftaa durii kan orma fakkeessuu፦ 🏮🏮🏮🏮🏮🏮🏮🏮🏮🏮 Bara durii Muslimoota akka 'kan dhufe' yookaan 'seensa ormaa'tti fakkessuun ni hojjetama ture. Kaayyoon isaa walitti dhufeenya Muslimoonni biyya isaanii waliin qabanii fi aarsaa biyya isaaniif kaffalan ganuun murtee kennuu biyyaalessaa keessaa baasuudha. 2. Tooftaa maqaa maxxansuu addunyaa waliin walsimsiisuu፦ 🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀 Yeroo ammaa ammoo haala 'waraana farra shororkeessummaa' jedhamee sadarkaa addunyaatti ka'u akka carraa mijataatti fayyadamuun, tooftaan durii 'orma fakkeessuu' sun haala yeroo waliin walsimee 'Wahaabizimii', “finxaaleyyii”, “shororkeessaa”, “ISIS” fi kkf jedhamee jijjiiramee hojjetama. Maqaan kun Muslimoota eenyummaa biyyaa isaanii irraa adda baasuun akka 'ergamtuu ajandaa alaa'tti fakkeessee miidhaaf mijataa gochuuf tattaaffii tarsiimooti. Qaamolee Gaggeessitoota Maqaa Maxxansuu fi Ajandaa Isaanii 🚨🚨🚨🚨🚨🚨🚨🚨🚨🚨🚨🚨🚨 Fuula miidiyaa hawaasaa kanneen jechoota maqaa maxxansuu akka "Wahaabii", "finxaaleyyii" yookaan "shororkeessaa" jedhan irra deddeebiin maxxansan irratti gochi wal-fakkaatu tokko yeroo hedduu mul'ata; kunis qaamoleen qindaa'oon tokko tokko maqaa siyaasa saba fi amantiitiin duula dijitaalaa qindaa'aa yeroo gaggeessan mul'atuudha. Yeroo fuula miidiyaa hawaasaa namoota muraasa jechoota maqaa maxxansuu kana uumanii, ergaa maxxansanii fi qoodan ilaallu, mallattoowwan addaa fi ifaa lama argina: 1. Mallattoo siyaasaa ፦ 🏀🏀🏀🏀🏀 Fuula baay'ee irratti mallattoowwan irra deddeebiin mul'atan jiru; fakkeenyaaf mallattoowwan deeggarsa Faannoo agarsiisanii fi dhaadannoon sabboonummaa finxaalessaa bal'inaan yeroo mul'atan argina. 2. Haguuggii amantii ፦ 🚛🚛🚛🚛🚛🚛 Mallattoowwan amantii Ortoodoksii Tawaahidoo waliin wal-qabatan akka haguuggiitti fayyadamuun, jibbiinsa siyaasaa kan duudhaa nagaa fi waliin jireenya amantichaa hin bakka buune kanneen facaasaniidha. Sochii Uummataa Soda Irratti Hundaa'e 🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴 Mallattoon waloo qaamolee kanaa dhimma miira amantii fi saba kakaasu kamuu fayyadamuun uummata biratti soda uumuu fi soda sana fayyadamuun uummata ajandaa dhokataa isaaniif hiriirsuudha. Adeemsa kana irratti hirmaatanii kan argaman qaamolee sadan kanneeniiti: 1. Siyaasessitoota saba finxaaleyyii ፦ 💥💥💥💥💥💥💥💥💥 Fuula baay'ee irratti mallattoowwan irra deddeebiin mul'atan jiru; fakkeenyaaf: mallattoowwan deeggarsa Faannoo agarsiisan, suuraawwan fi dhaadannoon sabboonummaa finxaalessaa bal'inaan yeroo mul'atan argina. Kunis ajandaa siyaasaa fi maqaa maxxansuu amantii walitti makuun hawaasa Muslimaa miidhaaf xiyyeeffachuu tooftaa qindaa'aa fakkaata. Qaamoleen kun naannoo Amaaraa keessaa, keessattuu dhimma Faannootiin socho'aa jirra jedhanii, hawaasa Muslimaa akka "michuu tarsiimoo sirna Badhaadhina Oromoo"tti maqaa maxxansuun miidhaaf yeroo xiyyeeffatan mul'ata.
Open in TelegramTuu! Wahaabiyaa!፦ Kiyyoo Piroopaagandaa Sobaa Dhugaa Fakkeessuu 💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢 Barreessaan: Ahmediin Jabal ✅✅✅✅✅✅ Ergaan kun bal'inaan akka dhaqqabu karaa hundaan qoodaa. 📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶 Marsariitii hawaasaa Ityoophiyaa irratti jechoonni akka 'Wahaabiyaa', 'finxaaleyyii' fi 'shorkeessaa' jedhamanii uummata irratti maxxanfaman arrabsoo salphaa qofa miti; qorannoo irratti kan hundaa'anii fi sammuu to'achuuf kan qophaa'an meeshaa waraanaa xiinsammuuti. Tooftaan qindaa'aan kun gaaffii mirgaa seera-qabeessaa fi abbummaa seenaa Muslimoota Ityoophiyaa xureessuudhaan, hawaasicha ijaarsa biyyaa keessatti akka dhiibamu, akka afaan qabamu (Marginalized) fi abbaa hin qabne akka ta'u gochuuf yeroo hedduu bal'inaan kan mul'atu tarsiimoodha. Dhugaan as irratti cimee ibsamuu qabu፦ xiinxalli kun wal-dhabdee yaadaa bilisaa amantii gidduu jiru yookaan falmii barumsaa hin mormu. Kanaa mannaa, xiyyeeffannoon isaa jechoonni hiika hafuuraa isaanii irraa baafamanii akka maqaa siyaasaa ittiin nama gurraachessanii fi meeshaa waraanaa xiinsammuutti yeroo oolan balaa geessisu irratti. Kaayyoon ijoo duula tarsiimoo kanaa kanneen armaan gadiiti: 1. Dandeettii yaaduu laamshessuu 🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲 Uummanni odeeffannoo dhiyaateef sababaan xiinxaluu isaa dura, sodaa fi 'soda jireenyaa' hidda gadi fageeffate keessa isaa galchuun yaada isaa doomsudha. Tooftaa kanaan, namni piroopaagandichaaf saaxilame dhugaa caalaa odeeffannoo miira kakaasuuf bitama. 2. Miidhaa mirkaneessuu fi hayyama hawaasummaa argachuu፦ ♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦♦ Nama miidhamu akka 'balaa'tti fakkessuun, yeroo roorroo fi miidhaan irratti raawwatamu uummanni akka callisu yookaan deeggaraa miidhaa akka ta'u kan godhu doomsa naamusaati. 3. Ofitti amanamummaa xiinsammuu hawaasaa laaffisuu፦ 🔀🔀🔀🔀🔀🔀🔀🔀🔀🔀🔀🔀🔀 Lammiin Muslimaa yeroo mirga bu'uuraa gaafatu 'maqaa naa maxxansu' jedhee sodaachuun of akka moggeessuu fi hirmaannaan dhimma biyyaalessaa irratti qabu akka xiqqaatu kan godhu hidhaa gabrummaa dhokataadha. Siyaasni maqaa maxxansuu kun har'a Muslimoota irratti haa xiyyeeffatu malee, miidhamtoota dhugaa uummata Ityoophiyaa guutuu fi tokkummaa biyyattiiti. Sababni isaas, lafa jibbiinsii fi maqaa maxxansuun iddoo argatanitti mirgi lammummaa fi olaantummaan seeraa kabajamuu hin danda'u. Kanaaf, mormuu fi fashaleessuu odeeffannoo sobaa kanaa gahee hawaasa Muslimaa qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa lammummaa waliinii hordoftoota amantii hundaa fi Ityoophiyaanota haqaaf fi kabaja namaaf dhaabbatanii ta'uu qaba. Qabiyyee Tooftaa Miidhaa fi Waraana Mallattoo 🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺 Waraanni xiinsammuu kun adeemsa yaaduu jal'isuun "sobni akka dhugaa fakkaatu" gochuuf gowwoomsa tarsiimoo fayyadama. Adeemsichi ragaa bakka maqaa maxxansuutiin buusuudha; sadarkaawwan badii sadii kanneen hordofa: 1. Odeeffannoo filachuu (Selective Filtering)፦ 🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎🍎 Taatee tokko guutummaatti xiinxaluu mannaa, kutaa maqaa maxxansuuf mijatu qofa adda baasuun hiika jibbiinsaa kennuudha. Kunis dhaggeeffataan walakkaa dhugaa qabatee fakkii guutuu akka argatu kan godhu hatuu sammuuti. 2. Waraana mallattoo ፦ 🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥 Waraana mallattoo keessatti, mallattoowwan amantii kanneen eenyummaa Muslimaa ibsan hiika hafuuraa isaanii irraa baafamanii akka mallattoo "balaa", "finxaalummaa" yookaan "kan dhufe"tti deebisanii hiikamu. 3. Waliigaltee sobaa uumuu ፦ 🍗🍗🍗🍗🍗🍗🍗🍗🍗🍗 Yeroo baay'ee akka mul'atutti, namoonni muraasni herrega miidiyaa hawaasaa hedduu fayyadamuun fi dhiibbaa uumtotaa jalatti odeeffannoo maqaa maxxansuu kana bal'inaan akka tamsa'u godhu. Kunis akka waan uummata bal'aa biratti fudhatama qabuutti akka mul'atu kan godhu duula dijitaalaa qindaa'aa fakkaata; kanaanis warri kaan "uummanni hedduun yoo fudhate dhugaa ta'uu hin oolu" jedhanii miiraan oofamanii qaama jibbiinsichaa akka ta'an balaa bana. Yeroo tooftaaleen piroopaagandaa kun walitti qindaa'anii hojjetan, adeemsichi yeroo baay'ee tartiiba xiinsammuu ifaa ta'e kana hordofa:
Open in TelegramDhugaa Seenaa Dhoksuun Haqa Awwaaluudha *** Seenaa qorachuun madaa durii banuu osoo hin taane, dhugaa jiru hubachuu fi dogoggora darbe irraa barachuudha. Qur’aanni seenaa ummatoota durii akka qorannu, irraa barannu fi jireenya keenya keessatti akka itti fayyadamnu nu gorsa. Seenaa irraa yeroo rakkoo obsuu, abdii kutachuu dhiisuu fi karaa haqaa irratti cichuu baranna. Ummatoota durii humna qaban illee cunqursaa, of-tuulummaa fi badii isaaniitiin akkamitti akka badan irraa baranna. Seenaa qorachuun miidhaa darbe adda baasuu, namoota miidhaman dhaggeeffachuu fi itti gaafatamummaa gaafachuuf barbaachisaadha. Seenaa qorachuun ragaa irratti hundaa’uu, odeeffannoo garaagaraa wal bira qabuu fi haqaan murteessuu gaafata. Seenaa keessatti injifannoo, milkaa’ina, bilisummaa fi tola Rabbiin ummata irratti oole yaadachuunis barbaachisaadha. Tokkummaa fi nagaan waaraan dhugaa dhoksuun osoo hin taane, haqaa fi wal kabajuu irratti ijaarama. Seenaa dhoksuun dhugaa hin jijjiiru; irraa barachuun garuu dogoggorri walfakkaataan akka hin irra deebine gargaara. Seenaa qorachuun haaloo ba’uuf miti; dhugaa beekanii haqni akka dhaabbatuu fi dhaloonni dhufu dogoggora kaleessaa akka hin irra deebineefidha. Barreffama ustaaz Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል keessaa kan fudhatame https://t.me/peacetv0 https://t.me/peacetv0
Open in TelegramHalkan juma'aa fii guyyaa juma'aa salawaata Nabiyyii irratti baayyisuun akkaan jaalatamaadha. أكثرُوا من الصَّلاة على النَّبيِّ ﷺ. قَال الشَّافعيُّ : وَأُحِبُّ كَثرةَ الصَّلاة على النَّبِيِّ ﷺ فِي كُلِّ حَالٍ، وَأَنَا فِي يَومِ الجُمعةِ وَليلتهَا أَشَدُّ استحبَابًا، وَأُحِبُّ قِرَاءَةَ الكَهفِ ليلةَ الجُمعةِ وَيومهَا لمَا جَاءَ فِيهَا. اللهمَّ صلِّ وسلِّم وبارك على نبيِّنا محمَّد وعلى آله وأصحابهِ أجمعين. https://t.me/peacetv0 https://t.me/peacetv0
Open in TelegramNamni shakkii keessa yoo jiraate, akka qoratu waama. Namni soba hordofe, soba irraa akeekkachiisa. Namni dhugaa barbaade, gara dhugaatti isa qajeelcha. Namni Rabbii barbaade, gara Rabbii isaatti isa waama. Kanaafuu Qur’aanni: kitaaba qajeelfamaa, kitaaba dhugaa, kitaaba ragaa, kitaaba akeekkachiisaa, kitaaba qalbii namaa jijjiiru, fi kitaaba Uumaa isaa beeksisuudha. Qopheessaan: Xaahir Galatoo https://t.me/peacetv0
Open in TelegramHANGAFA KITAABOTAA Qur'aanni Kitaaba qajeelfamaa, kitaaba dhugaa, kitaaba dorgommii hin qabnee dha. Qur’aanni kitaaba dubbifamu qofaa miti; kitaaba nama jijjiiruudha. Inni sammuu dammaqsa, qalbii qajeelcha, dhugaa fi soba addaan baasa, nama gara Uumaa isaatti deebisa. Kitaabni kun namaaf qajeelfama kennuuf dhufe. Inni nama akkamitti akka Uumaa isaa beeku, akkamitti akka isa gabbaru, akkamitti akka nama waliin jiraatu, akkamitti akka addunyaa fi Aakhiraa isaa tolchu barsiisa. Kanaafuu Qur’aanni ofii isaa akkana jedha: «ذَٰلِكَ الْكِتَابُ لَا رَيْبَ فِيهِ هُدًى لِّلْمُتَّقِينَ» “Kun Kitaaba; isa keessa shakkiin hin jiru; warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama.” (Al-Baqaraa 2:2) Garuu gaaffiin guddaan asitti ka’a: Qur’aanni dhuguma Rabbiin irraa dhufuu isaa akkamitti mirkaneessina? Qur’aanni deebii isaa nama biraa irraa eeguu hin barbaadu. Ragaa of keessaa qaba. Namni tokko, “Qur’aanni kitaaba Rabbii miti” yoo jedhe, Qur’aanni akkana jedha: «وَإِن كُنتُمْ فِي رَيْبٍ مِّمَّا نَزَّلْنَا عَلَىٰ عَبْدِنَا فَأْتُوا بِسُورَةٍ مِّن مِّثْلِهِ» “Yoo waan Nuti gabricha Keenya irratti buufne irraa shakkii qabaattan, suuraa akka isaa tokko fidaa.” (Al-Baqaraa 2:23) Kun qormaata guddaadha. Qur’aanni, “Na amanaa” qofa hin jedhu; akkasumas “Yoo na irratti shakkii qabaattan, ragaa keessan fidaa; kan koo fakkaatu fidaa” jedha. Kana booda akeekkachiisa isaa haa ilaalluu: وَلَن تَفْعَلُوا “Fuuldurattis gonkumaa hin hojjattan.” (Al-Baqaraa 2:24) Kana jechuun qormaanni kun nama tokko, dhaloota tokko ykn bara tokko qofaan kan daangeffamee miti. Dhaloonni dhufu hundi qormaata kana dura dhaabbata. #Qur’aanni wal-faallessuu irraa bilisa. Nama Qur’aana qoratuuf gaaffiin biraa ka’a: Yoo Qur’aanni nama irraa dhufe ta’e hoo? Qur’aanni deebii isaa akkana jechuun dhiyeessa: أَفَلَا يَتَدَبَّرُونَ الْقُرْآنَ ۖ وَلَوْ كَانَ مِنْ عِندِ غَيْرِ اللَّهِ لَوَجَدُوا فِيهِ اخْتِلَافًا كَثِيرًا “Sila isaan Qur’aana hin xiinxalanii? Odoo Rabbiin biraa dhufuu baatee, silaa isa keessatti wal-dhabbii baay’ee argatu turan.” (An-Nisaa 4:82) Kun waamicha xiinxalaati, Qur’aana dubbisuu qofa osoo hin taane, itti yaaduu, gadi fageenyaan qorachuu fi ergaa isaa hubachuudha. Qur’aanni nama tokkoon:“Na qoradhu.” jedha. Namni qoratee yoo dhugaa isaa hubate, itti amana. Yoo shakkii qabaate immoo qorannoo isaa itti fufa. #Kitaaba Rabbiin Eegu Kitaabni harka namaatiin barreeffame yoo yeroo dheeraa keessa darbu, jijjiiramni, hir’inni ykn daballiin isa mudachuu danda’a. Garuu Qur’aanni waa’ee ofii isaa waadaa addaa qaba: إِنَّا نَحْنُ نَزَّلْنَا الذِّكْرَ وَإِنَّا لَهُ لَحَافِظُونَ “Dhugumatti, Nuti Zikrii [Qur’aana] buufne; dhugumatti, Numatu isa eega.” (Al-Hijr 15:9) Kanaafuu, eegumsi Qur’aanaa dhimma nama qofaan hirkatu miti; Rabbiin ofii isaa eegumsa isaa waadaa galeera. Qur’aanni har’a addunyaa Muslimoota miliyoona hedduu biratti afaaniin, qalbiin fi barreeffamaan turaa jira. Namni tokko mushafa isaa dhabee illee, Qur’aana guutuu ykn baay’ee isaa qalbii isaa keessatti qabatee jiraachuu danda’a. Kunis amala kitaaba kanaa keessaa isa ajaa’ibaa dha. #Qormaanni gara addunyaa guutuuti Qur’aanni qormaata isaa suuraa tokko qofarratti hin dhaabne. Inni akkana jedha: قُل لَّئِنِ اجْتَمَعَتِ الْإِنسُ وَالْجِنُّ عَلَىٰ أَن يَأْتُوا بِمِثْلِ هَٰذَا الْقُرْآنِ لَا يَأْتُونَ بِمِثْلِهِ وَلَوْ كَانَ بَعْضُهُمْ لِبَعْضٍ ظَهِيرًا “Jedhi: Odoo ilmi namaatii fi jinniin fakkaataa Qur’aana kanaa fiduuf walitti qabamanii, gariin isaanii gariif gargaaraa ta’anillee, fakkaataa isaa hin fidan.” (Al-Israa 17:88) #Qormaanni kun nama tokkoof qofa miti. Ilmi namaa hundi, jinniinis yoo ta’e, humna isaanii walitti fidanii haa yaalan. Garuu Qur’aanni dandeettii uumamaa fi dandeettii Uumaa gidduu jiru nu yaadachiisa. Ilmi namaa waan uumame qofa. Rabbiin immoo Uumaa waan hundaa ti. Ilmi namaa beekumsa qaba; Rabbiin immoo beekumsa hunda qaba. Ilmi namaa dubbachuu danda’a; Rabbiin immoo kalaama isaa namaaf erga. #Qur’aanni: Qajeelfama qofa moo Ragaadha? Qur’aanni qajeelfama qofa osoo hin taane, ragaa illee dha. Namni karaa dhabee yoo jiraate, qajeelfama isaaf kenna.
Open in TelegramForwarded from PEACE MESSAGE 📡🛰️🔊📜
📜 Sunnaawwan jaallatamoo guyyaa jum'aa...15 ⌛⌛⌛⌛⌛⌛⌛⌛ ➊➾Jalqaba rabbumaaf jecha jum'a kana dhaqa jedhanii niyachuu. ➋➾Qaama dhiqachuu. ➌➾ uffata bareeda uffatuu 👖 ➍➾Shittoo/urgooftuu dibachuu{dhiiraaf}⚱ ➎➾ilkaan siwaakachuu. ➏➾Gara masjidaa yeroodhaan deemuu. ➐➾saffaawwan duraa qabachuu. Garuu nama irraan tarkanfachuufi nama cinquun hin ta'u. ➑➾raka'a lamaa tahiyyaa masjida salaatuu. ⑨➾suuratul kahfiin qara'uu. ①0➾ fuulaan gara imaamaa garagaluu. ①①➾kuxbaa callisaan dhaggeeffachuu. ①②➾Yeroo du'aa'iin itti qeebalmtu sana niyyaan eegachuu. ①③➾ salawaata nabiin irratti baay'essu guyyaaf halkanis. ①④➾ibaadaawwan akka sadaqaa,salaata sunnaa,zikrii,wal ziyaaruu, qur'aana qara'uu baay'isuu fi k.k.f. ①⑤➾salaanni jum'aa erga xumuuramee booda rabbiin zakkara gara dalagaa. #⃣ rabbiin hundaa walitti nuu haa qabu 🕋የጁሙዐ ቀን ሱናዎች🕌 1-ነቢዩ(صلى الله عليه وسلم)ላይ ሶለዋት ማውረድን ማብዛት 2- 📖 ሱረቱ–ከህፍን መቅራት 3-🚿 ሸዋር መውሰድ 4-👚 ካለው ሻል ያለውን ልብስ መልበስ 5-🦷ሚስዋክ መጠቀም(ጥርስን መፋቅ) 6-🌹 ሽቶ መቀባት 7-🌅 ወደ መስጂድ አበክሮ መሄድ 8- ወደ መስጅድ በግር መሄድ 9-📿 ከጁሙዐ ሶላት ቡሃላ 4 ረከዓ(2+2) መስገድ 10- ዱዓ ተቀባይነት ያላትን ሰዓት መጠባበቅ Ergamaa Rabbii irratti salawaata buusaa Irra caaltuun hojii ajaja Rabbii fi Malaa'ikaan akkasuma Mu'mintoonni irratti waliif galani. Sunis Muhammad irratti Salawaata buusuudha. Mee Aayata Suuraa al Ahzaab kana qalbisaa. *إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا* *Dhugumatti, Rabbii fi Malaa'ikoonni Isaas Nabiyyii irratti Rahmata ni buusan. Yaa warra amantan, (isinis) Rahmata isarratti buusaa. Nagayaas akkaan (isarratti) buusaa.* Nagayaafi Rahamanni Ergamaa Rabbii Muhammad irratti haa bu'u. ﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺ https://t.me/peacetv0
Open in Telegram