Account

Posts of Sirbootaa fi Walaloo Afaan oromoo

newest first

#732Text
Views1,720+34%vs avg
Forwards—
Reactions15
Comments—
#730Text

Gadda guddaa ta’ee, qeyeen nigoolamee Obbo abba mucatti qabuutu dadhabame! Isa gaddi seene garaan silaa hinobsuu Xuruurfata booyee akka waan imimaan mucattii deebisu Qannoo abbaa ’Xada, eenyu qabee haateesisu?! Manaa gadi utaalee, oobdii keessa ijaajjee Galma Mikaa’elitti asi achi galagalee, aarii dhaan fajajee Battala oljedhee, koomee lafaa kaasee asii ol hiixatee Akka abbaa galfataa qubasaa mirmirsaa, gaafa afaan saaqqate, Galma Mikaa’elitti imimaan facaasee, imimmaan haqachaa “Siyi Mikaa’eli; tarii na dhageessaa? Mikaa’eli Waachaa! Utuun si abdadhuu imaanaakoo gattee? Marartuu xobbeekoo mucaakoo fudhattee? Amanteen siif qabu maaf nashakkisiistaa? Gulantaan si kaa’erra maaliif gadi of buuftaa ? Yoosoo ’xaana miti, ati faandoo ulattaa!” Jedhee itti himee, afuura baaftee, irraa galagale Dhiphuu obbaafatee, akka waan oofkalee “Safuu! Safuu!” jedhee, naasuun diilallaayee Hammi gadda taa’e yeroo kana dhagaye Balaa gadi bu’u, laf-jala sodaatee, qaamisaa suukayee. Qeesii fi diyaqoniin; “Woyi xaaxaa! Woyi xaaxaa! Ere yeqesefallu! Min ainet gud mexxaa? Bekekaadaan gubee, cebbiisaan nu fixaa Maal wuoo abbaa Atsede, gedde kiesseen websaa Igziyoo yeamlaak quxxaa! Igzaabiheer new yesexxe; Igzaabiheer new yenessa Ibaakiwoo yittaagesu, gedde kiesseen websaa" Obboo abbaa xadaas; "Adaraa Waaqayyoo maaloo Abbaate dhiisaa An isan amanee maaliif na gowwoomsa? Sila maaliif saxxee, amma maaliif nassaa?" Jennaan Abbaateenis aariin of finiinsaa; "Indee Igezitwootaallehu bewunet yixenqequ! Ere indhi aaibbaalim, neur new aaibbaalim kettoo yemmayigebba Bemelaake seiyfuu biqerdidootis inde qollaa dubbaa Yiliq nemni mesaryaa fudetee gere awaalaa hadequ Kaan degaa haa guuru, kaan diqdiqa haa muru, kaan buwollee haa qofforu maannewuu? Haa soqu!" Kunoo akkasittiin mucaan geggefamtee Obbo abbaa Xadaas garaasaa kutate Garuu warri gaafa sana Mikaa’eli arrabsuusaa gurrasaan dhagaye Kabaji Mikaa’eli akkas xinnachusaa nayee diilallaayee Danuu quqquqamee, Qannoo balaalfate, Qannoo cubuu faale, ofii qulqullaayee Gidira muddame, muddamee obsa dhabe Jechi Obbo abbaa Xadaa Mikaa’eli caala isaaniin dhukkube “Hammam yoo aarelle, Mikaa’eli arrabsaa? Akka bishaan gaayyaa asi ol odeessaa? Amanteesaatu siluma waan hannisa hin qabne, amantee irraa-keessaa "Situ kennee fudhate, galatni kee hin badin" jedhee maaf hin obsu? Akka isa maraatee waamee hamma salphisu?” Jedhee dubbii hunkuree, warri saatto mootii, warri baaltii baaltu Keessa Obbo abbaa Xadaa akka waan dubbisuu, akka waan hubatuu Warri yaada hanquu, warri amanteen hossee Ofii qulqullaawuf, cubbuu abbaa Xadaa lallabee odeesse Oduu kafandise! Munaaga munaage! Xebena xebene! Yoo Obbo abbaa Xadaa dallansuu gaafasii homaayyuu hin gaabine Waan mucaasaa dhabeef Mikaa’elis hinganne Amantee geeddares kaan hinbarbaaddanne Yookaan Aabboo Diggaa Maaramii Saasiggaa Goorgisi isa Caancoo Maarqosii isa Koomboo Sillaasee isa Koomtoo Garbeelii isa Jaatoo Jedhee labuu hinkaane; Akkuma duriisaa Sanbata, Sanbata Daawwitii butatee Mikaa’eli dhaabata Hamma beekumsasaa "abeetu, abeeta, Isgoo!” jedha, meeqa wareegame Gaafa du'asaatis, akkuma dhaammatetti, achumatti awwaalame!. #Waloo_Guddicha #Zalaalem_Abarraatin #Aaddeef🔥

Open in Telegram
Views5,330+315%vs avg
Forwards—
Reactions19
Comments—
#729Text

Obbo Abbaa Xadaa!.🙌 Durba lama horee, hangafaa fi quxisuu Mikaa’eliif wareege akka isaan guddisu Argaasaani hinquufuu, yeroo hunda do’ata Hamaa akka irraa eeguuf Mikaa’eli kadhata; “Adaraakee...” jedha. “ijoolleekoo tiksi Koo qaroon isaanii, gaaddidduu arjummaakee irra gaaddideessi Nagaakee naagonfiin, balaa irraa ittisi Beekumsaa fi aangookee itti naahuwisi Gooftaa burqaa aangoo, gooftaa abbaa gaachanaa Arfaasaa fi birraa, yeroo bonaa fi gannaa Hoo qubaakeen jedha ani siinan amanaa!” Jedheetu wawwaata, nageenya qeyesaaf Mikaa’eli abdata Tasa oolee hinbeekuu Sanbata, Sanbata Galma Mikaa’eliti, akka warra kaani innis daawwitii baata Garuu dubbisuusaa hinbeeku tabjaaja’aa, doofaa Icciitisaa kana dhoksuuf ka’ee kufaa Hinbeekamu se’a, garuu ollaatu huursee kolfa “Obbo abbaa Xadaa Qannoo ilmi Dhugaasa Gadi galagashee daawwitii dubbisa!" Jedhani itti kolfu, teellaasaan hamachaa Siraabeetii fi tikeen, daaqonii fi qeesiin warri gubbaa Waachaa Guyyaan torbee ta’ee, torbeen baatii ta’ee, walitti eda’amee Baatiin dabareesaa waggaatti jijjiiramee, Jireenyi tarkaanfatee, fuulduratti aggaamee, Ganni roobee caamee, aduun bayee dhiyee Arfasaanis darbee, birraanis bariyee, Jiruun uumaa kanaa silaa hindhaabatu Bara fuulduratti dhangalaasa kaatu Qabanii hindhaabanii bari abbaasaa hanyaatuu! Ammeessi kaan dhalee, ameessi kaan gu’ee Garanaa kaan fuudhee, garasii wal horee, kaan jiraatee du’ee Inni kaan walhiikee, kaanis sirbee fuudhee, tokko naqata guutee Carraan ilma namaa tokko gammachuudhaan, kaan gadadoon simtee Gojomiin egeree, abdii hundaa rarraastee Akkas-akkasittiin jireenyi nama Waachaa boriif si'essite Hintalli abbaa ’Xadaa, isheen quxisuun sun jalaa dhukkubsatte💔 Hinfayyiti jennaan, homaa fayyi dhibee, nama du’aa taate Maatiin abbaa Xada hundinuu wawwaate Garana fi garasiin Waachaa hundi dirmate Kaan qoricha himee, kaan mala dubbate; “Mucaa akka bunuutii, kaleessa ni burraaqxii, Mataa bowwuu hinqabduu, bakkee kana utaaltii Kunoo arraba koo irraa rifeensi haabuqqawu kun ija namaati Nyaara waraabessaa utuu itti ullee silaa nidudubbattii” “Lakki dhiis namana! Toshatu kana godhe, kuni harka namaa ti” “Waawuu tosha miti akka libaa-libbee rukuttaa wayiiti Utuu waancaan butne, yookaan itti koobnee, mucaan nifayyitii Maal Jorgisi Caancoo, gooftaa gumaa bawu Kan jawwee ajeeste, kan gaanfi sagali, kan abidda tufaa huurrii keessa lowu Kana yoo dadhabdee dubbii rogaa hinta’uu! Mucaa kana fayyisi" jedhanii kadahatan Birgaataa dhaa galu! Harmee haati Xilawu! Aadde haati mucattis; “Baala qomonyootiin gatiitii shee kana utuu ho’isnee tarii Eenyu? Maqaan-kee! Bijige! Dinsirii! Qiriirii! Baala bakkaniisaa, babaldhaasaa fidii, dafii waliin dirii Ramacii ho’aasaa mee dafii itti hammaarii; Illee shee garanaa fi illee shee garasii Ittiin naa karkarsi! Ittiin naa ho’isi! Yookaan xabbaa-qiddii, waa akka haadha gijaaree dafaa fiigaa, maaloo Kaan Koombootti kaadhaa, kaan gara Saasiggaa, kaan gara Abaaloo Soonkooraa fi Loomica, garas Laga Gumbii, gama Laga Suuloo Kaan Soorgaatti fiigaa, kaan goodaa Cirrii, achumaanis Boollo Gara Koroommii kanaa, achiis gara Koomtoo, Tuqaa gubbaa Walanee Duuba Jaato kanaa fi gama Migira Adurree, beekaan jira hin jennee? Laga Gurreen bayii, Qesee keessa darbii duuba Caancoo fi Qassoo Beekaa naa barbaadi, qoricha iyyaafadhu maa teessaa Kamiso? Boo! Addana teessanii jechuusaa dhiisaa ti, xannachaa, dhayichaa! Kunoo, garas gara Bendii, gara Diggaa Fodooddo, gara Leeqaa Dullachaa Mee harka-harkaan dafaa, kaadhaa akka billaachaa Dargeetti achi ceyaa, Kurfeetti achi darbaa, dhiiroo sakatta’a, mucaadhaaf qoricha! Isgoo! Abeet! Abeet! Mucaa kana fayyisi Mikaa’eli Waachaa” Jedhani wawwaatani aade haati mucatti Inni rakkoon mudde hincallisaa miti! Hunduu mala hime, dabaree wal saamee, haasa wal harkaa butee Hamma beekumsasaa waan qoricha jedhu, afaan dudubbate Adaraa maal godha Didee itti cimee, ittuma hammaate Nama gaddisiisa; guyyaa xinnoo booda mucaaan badduu baate Kuulleen abbaa Xadaa durbummaadhaan duute😢

Open in Telegram
Views4,100+219%vs avg
Forwards—
Reactions3
Comments—
#728Text
Views3,290+156%vs avg
Forwards—
Reactions10
Comments—
#727Photo
Views5,370+318%vs avg
Forwards—
Reactions52
Comments—