😂 Dubbiilee Mugaabee Nama Kolfisiisan, Bohaarsanii Sammuu Nama Bashannansiisan! Mugaabeen nama dubbii isaa keessatti qoosaa, mammaaksa, arrabsoo salphaa fi ergaa jireenyaa makuun nama kofalchiisu fakkaata. Kunoo dubbiilee qoosaa fi bashannanaa Afaan Oromoo keessatti fayyadamuu dandeessu. Guutummaatti dubbisaa 👇 https://dhangaatips.com/dubbiilee-mugaabee-nama-kofalchiisan/
Open in TelegramPosts of Kottaa Kolfaa
Harree gara Harre-didootti jijjiiree hidhame. Mucaan kun nama biyya Keeniyaa ti. Halluu sarara Harre-didoo fakkaatu harreetti dibuudhaan, harrettiin guutummaatti harre-didoo akka fakkaattu gochuu danda'ee jira. Wayita suuraan harree harre-didoo fakkaattu kanaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'uu jalqabetti poolisiin naannoo sana jiru gurbaa harree sana halluu dibe sana qabee to'annaa jala oolchuu danda'eera.
Open in Telegram#Gorsa_gaa'ilaa😃👇 Gaa'ila keessatti #Dhiira_fuuldura isaatu ilaalama. #Dubara immoo #duuba_isheetu ilaalama🤌 Kana jechuun Dhiirri maal qaba fulduratti maaliin jiraachisa jedhamee gaafatama. Dubarri immoo seenaa,hariiroofi gocha isheen dabarsitetu,duuba isheetu deebi'ee qoratama jechuudha. kanaaf dhiirri tokko fuudhuuf Fuldura gaarii fi Dubarri tokko heerumuuf Duuba gaarii qabaachuu qabu jedha. Malee dhiira fuuldura bareedaa hin qabneefi Durba duuba bareedaa hin qabne gaa'ilaaf abdachuun taatiree Orex 👌 Haganuma 😅🤌
Open in TelegramKolfa Duune Hiriyaa gaarii.... Hattoota sadiitu mana namaa seenanii ...inni jalqabaa mi'ooftuu( karamellaa) inni lammaffa, burtukaana ...inni sadaffa ammo buqqee hatan ...sana booda Namtichi itti dhufee Sadan isaanii hidhee akkas jedheen " hundi kessan waan hattan kana ana fuulduratti liqimsitu" jedheen. Sana booda namtichi inni burtukaana hate lafarra gangalatee boo'uu jalqabe Namichis " ati maalif boocha burtukaana liqimsuu dadhabdaa?" Jedheen Hattuchi yoo maal jedhe gaariidha . . . . An isa buqqe hatefin bo'aa jira hin jedhu seetanii 😂😂😂😂😂 Share
Open in Telegram#Namticha tokkotu dhibamee Hospitaala keessatti siree ciisichaa irra ciisee waldhaanamaa ture.Hospitaala keessatti bakka dhibamee ciisaa jirutti karaa fooddaa gola isaa jiruun fagoo irratti mana jireenyaa Hospitaala biratti argamu keessatti guyyaa hunda uffata xuraawaa baay'ee haada irratti fannifamu(bal'ifamu)arga. Baay’ee tokko isa ajaa'ibee,"kun amma maal jechuudha?uffata xuraawaa guyyaa hunda haada irratti fannisuun kun aduun xurii irraa haa dhiquuf moo roobni itti roobee irraa haa qulqulleessuuf ?jechuun raajeffata.dhimmi kun waan gaafii itti ta’ee jiruuf #Doktora isa waldhaanu gaafate. #"Namoonni mana sana galan guyyaa hunda uffata xuraawaa haada irratti maaliif fannisu? jedhee gaafate. #Doktorichis seeqqatee,Ispoonjii fudhatee fooddaa gola namtichi ciisee jiru sana qulqulleessee "amma hoo maaltu sitti mul'ata"?jedheen. Namtichis ni rifate.kan xuraawee ture foodaa namtichi keessaan ilaalaa ture malee uffanni seerumaan miiccamee fannifame. #Kanaafuu,ilaalcha nuti addunyaaf qabnu ykn ija nuti addunyaa ittiin ilaalaa jirrutu sirrii miti malee addunyaan seerumaan deemaa jirti.nutis xurii ija keenyaa ykn daawwitee ija keenya haguugee jiru qulqulleessinee ilaaluu danda'uu qabna.
Open in TelegramYeroo tokko Re'een tokko Qonnaan bulaa tokko irraa marga baay'ee liqeeffate, roobni akka rooben liqaa sana akka deebisu waadaa gale. Robni roobee margi yeroo margu deeme gafate. Re'een yeroo dabalataa naaf kenni jette boosse. Hoolaan achiin darbaa osoo jirtuu boo'icha re'ee dhageessee garaa laafinaan gidduu seente. "Guyyoota muraasa kennif" jettee kadhatte. Aariin qotee bulaa qabbanaa’e. "Ati wabii yoo taate malee dhiisee hin deemu jedheen. Yoo Re'een ji'a guutuutti kaffaluu dadhabe kaffaltii sirraan fudhadha."jedheen Hoolaan re'eef garaa laafu irraa kan ka'e tole jedhe. Hoolaan jabeessitee re'ee kana liqaa kana of irraa baasuu akka qabu gorsite. Re'een garuu gorsa hunda tuffate. Yeroo ji'i sun ga'u Re'een osoo aduun hin ba’iin bosona guddaa keessa dhokatte. Qonnaan bulaan sun funyoo isaa qabatee gara mana Hoolaa deeme. Funyoo sana morma Hoolaatti godhee harkisee fudhate. Hubadhu Hiriyyaa siif gatii baase ykn baaftee balaa jalaa si oolche ykn oolchite, Deebistee balaaf hin kenniin. Hiriyyaan kee jaalala keef jedhee miidhama kee ofiitti fudhachuu danda'a irraatti gattee hin dhokatin. Hiriyyaa guyyaa rakkina kee si oolchuuf dhufee rakkina kee hirmaate irraatti dhiiftee hin deemin. Hiriyyaan kee jaalala siif qabuf jedhee yoo gowwoome gowwummaa uumamati jettee hin yaadiin.
Open in TelegramBAACOO AJAA'IBAA Gurbaa dhiiraa tokkotu mucayyoo takka jaalatee manasaanii yoo deemu isiin abbaa waliin mana isaanii bira jirti. INTALA : obboleesso maal barbaada dhufte? GURBAA : kitaaba 'shall we meet' jedhu barbaadeen dhufe, ni qabdaa? INTALA : dhiifama isa hin qabu garuu kitaaba 'wait me at the door i will come' jedhu qaba. GURBAA : garuu isa anillee nin qaba,kitaaba 'ok do it faster please' jedhamuhoo qabdaa? INTALA : eeyyee isaafii kitaaba 'ok my sweet' jedhus nin qaba jetteen. ABBAA ; intala tiyya kitaaba kana mara kan dubbistu taanaan baayyee cimtuudha, barana 1ffaa ba'uu hin ooltu...Garuu kitaaba tokko irraanfatte malee. INTALA : kitaaba kam abbaa koo? Abbaa: kitaaba isa I am not stupid I can understand everything' kan jedhu dagatte malee... ja'een... jedhama... Kottaa Kolfaa😎😂😂
Open in TelegramBAACOO DINQII! ✅ Jaartii tokkotu Baankii dhaqxee qarshii kudhanin(10)baafachuu barbaada jennaan Baankeroonni Harme qarshii kudhan baasuun hin danda'aamu ittiin jedhan maal akkam jennaan? Seeruma Baankii keenyaatu hin hayyamu jedhan... ✅ Harmeen kunis xiqqoo akka Aaruu ykn mufachuu ta'uudhaan tole qarshii koo hundumaa naa baasaa jette Hojjettoonni Baankii kun(Baankeroonni) gaafa lakk.Herrega qusannoo Harmee kanaa ilaalan qarshii kuma dhibba sadii(300,000)tu irra jira Jarri deebisanii Harme qarshii kana hundas baasii gochuunis hin danda'aamu ittiin jedhan. ✅ Harmeen kun ammas Aaruudhaan tole meeqan baafachuu danda'a jettee gaafattee Jennaan hojjetaan isheen itti dhiyaattee qarshii baafachuu akka barbaaddu gaafatte qarshii 2000-3000 baafachuu dandeessu ittiin jedhe Harmeen kunis tole qarshii 3000 naaf baasi jette Hojjetaan sunis unka fuudhee barreessee qarshii Harmeen kun jette irratti guutee mallatteessisee qarshii 3000 kenneef. ✅ Harmeen kunis qarshii 3000 fudhattee qarshii Abbaa dhibbaa tokko itti kennitee, hoo'u kana Abbaa kudhan kudhaniitti naa jijjiiri jette, innis tole jedhee qarshii 100 Abbaa kudhan kudhaniitti jijjiiree kenneef Harmeen kunis qarshii Abbaa kudhan kudhanii keessaa tokko Boorsaashee keessa keewwattee qarshii 2990 ho'ugaa kana herrega qusannoo koo irratti naaf galchi jetten jedhama. Yoo isinitti tole like, share godha. Kottaa Kolfaa😎
Open in Telegram#BAACOO 😁 Namicha tokkotu baadiyyaa irraa Cilee fe'ee magaalaa geessee gurguraa oolee yeroo xumuru, harreen jalaa badde. Osooma barbaaduu lafti itti dhiinaan magaala tokkotti goree buluuf mana siree gaggaafatee argata. Qarshii siree erga kaffalee booda ol seenee yeroo siree ilaalu sireen qulqulluu fi baay’ee miidhagaa ture. Yeroo of ilaalu garuu qaamni isaa cileen balleesseera. Qulqullina waan hin qabneef siree balleessuu irra jedhee siree ol qabee jala seenee lafa rafe. Warri mana siree namicha barbaadanii dhabnaan siree namoota biraatiif kireessu. Namoonni lama kanneen jaalallee walii ta'an dargaggeessi tokkoo fi shamarreen tokko siree namichi jala ciisu irra rafuuf ol seenan. 🥹 Dargaggeessichi daqiiqaa muraasa booda siree irra cisee jaalalleesaa morma jala seenee hammachuudhaan "Yeroon si ilaalu addunyaa kana guutuutu natti mul’ata!” jedheen. Achuman namichi harreen jalaa badde sun siree jalaa as bahee “Erga addunyaan kun hundi sitti mul’ata ta’ee adaraa harree kiyyas keessa naaf barbaadi” jedheen jedhama. 😂😂 Kottaa Kolfaa😎
Open in Telegram#BAACOO GABAABDUU Mootummaatu nama ijoollee 5 qabuuf qarshii miliyoona 1 nan kenna akka jedhe oduunsaa biyya guute. Haaluma kanaan namtichi kana dhagahe tokko fiigee manasaatti galee, haadha warraa isaatiin maaloo mootummaan nama ijoollee 5 qabuuf qarshii miliyoona 1 kennaa jiraa maal wayya? Jedheen. Haati manaas maali nutoo ijoollee 4 qofa qabnaa maal nuuf godharee? Yeroo jettu, namtichi deebisee ilaa yaa giiftii koo kanan duraan si dhoksee ture ilmoo tokkon bakkeedhaa qaba. Amma isan dhaqee fidaa, warra kana arfan manatti naaf eegi jedhee sokke. Mucaasaa kan bakkeedhaa dhalchate harka qabatee yoo dhufu, ijoolleen arfan immoo hin jiranu. Yeroo kana namtichi na'ee "meerre ijoolleen koo arfan? Yeroonni jedhu, haati warraa deebiftee maal jette seeta.. Abbaa isaaniitu dhufee fudhate...🙈🙈😄😄😂😂 Kottaa Kolfaa😎
Open in Telegram#Baacoo 👨💼 Namichatu osoo daandii deemuu 🌙aduun itti dhiinaan mana namaatti gore. Akkuma keessummaa tokkootti, nyaatee dhugee otoo keessumsiifamaa jiruu haadha 👩manaatiin 👁 ijji walirra isaan buute. Karaa ittiin ishee argatu osoo buusee baasuu sa'aatiin irribaa ga'e. Ciisee cinaacha gaggaragalchuu eegale. Otoo yaaduu malli tokko dhufeefii gadi ba'ee, mooraa 🐄 loonii diigee ol deebi'ee ciise. Egaa akkuma beekamu baadiyyaatti namni horii qabu dhaggeeffachaatuma mugaa, shokokii dhageenyaan abbaan manaa gadi ba'e. Yeroo kana deemee ishee dhungatee, deebi'ee ciise. Ammas waantittiin araada itti taatee, ba'e Ioon jalaa banee ol deebi'ee yeroo abbaan manaa ba’u 👄 dhungate. Otoo akkanatti meeqa kaasuu, gara barii namichi ani dadhabee mee atimmoo ba'i jedhee haadha manaa baase. Yeroo kana inni abbaa manaatu ba'e se'ee iddoo ciisaatti namicha dhungoon gaggabse. Namichi rifatee maal taate namichoo yeroo jedhuun, deemuufani nagaatti isiniin jechuu kooti.. hin jedhu seetanii?... 😂😂 Just ፈታ jedha family Kottaa Kolfaa😎
Open in Telegram