Koreen Fatwaa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa Hundeeffame. *** KEEBOR MEDIA | Sadaasa 14/2019 *** Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Godina Kibba Baha Oromiyaa hojii qorannoo, qajeelfama amantii fi deebii gaaffilee hawaasa Muslimaa irratti xiyyeeffatuuf Koreen Fatwaa Godinaa hundeesse. *** Koreen Fatwaa Godinaa kun Ulmaa'ota Gurguddaa Miseensa 11 kan of keessatti hammatuudha. Miseensota Koree Fatwaa Godinaa 1. Sheekh Abduljaliil H. Aliyyii. 2. Sheekh A/Hakiim Bashiir. 3. Sheekh Mahmud Abdaa Baraartii 4. Sheekh Siraaj Roobaa. 5. Sheekh Abdullaahii Biiftuu 6. Sheekh Muhiddiin H. Nashaa 7. Sheekh Muhammad Nuur Gammachuu 8. Sheekh Abdurrahmaan Abdallaa 9. Dr. Muhammad Amiin Qaasim 10. Sheekh Hasan Qamar. 11. Sheekh Muhammad Suruur Aadam. Hundeeffamni Koree Fatwaa Godinaa kun hojii da'awaa, qorannoo fi tajaajila hawaasa Muslimaa sadarkaa godinaatti cimsuuf shoora olaanaa qaba jedhamee eegama. KEEBOR MEDIA Ibsaa Daandii Dhugaa ✍Ukaashaa Sheek Abdulqaadir Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308 👇 https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947 YouTube ??👇👇 https://www.youtube.com/@kebormultimedia3 Telegram 👇👇👇 https://t.me/KeborMedia TikTok 👇👇👇 tick.com/@keebor.multimedia
Open in TelegramKeebor Media 1
#KEBORMEDIA #Ibsaa_Daandii_Dhugaa Tajaajila Keenna •Odeeffannoo Qulqulluu •Buhaartii •Dinqisiisoo •Barnoota Adda addaa •Gaafi fi Deebii Nu Hordofaa. Facebook 👇👇👇 https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308 YouTube 👇👇👇 https://www.you
Average views per post by day
By publication day
Show as table
| Date | Avg views per post |
|---|---|
| Nov 21, 2026 | 137 |
| Nov 22, 2026 | 170 |
| Nov 23, 2026 | 187 |
Most viewed this month
- 01Views203Forwards—Reactions1Comments—
- 02Views187Forwards—Reactions—Comments—
- 03Views164Forwards—Reactions1Comments—
- 04Views160Forwards—Reactions—Comments—
Latest posts
Majlisni Godina Kibba Bahaa Oromiyaa Hoogganaa FI Itti Aantota Eddoo Teessumaa Waliin Ramadde. ********************* Keebor Media Sadasa 13/2019 *** Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa Hoogganaa Majlisa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa Akkasuma itti aantota hoogganaa afur dameewwan hojii adda addaatiin ramadamaniru. *** Ramaddii Hooggansa Majlisa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa Fi Eddoo Teessuma Isaanii Akka Armaan Gadiitti Mirkanaa'eera. Haaluma Kanaan 1. Sheekh Abdulhakiim Huseen Badhaasoo Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Majlisa Oromiyaa fi Hoogganaa Majlisa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa. Teessoon Magaalaa ROOBEE ti. 2. Sheekh Muhammad Aliyyii Kadir Itti Aanaa Hoogganaa Majlisa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa fi Itti Gaafatamaa Dhimma Babal'ina Islaamaa fi Qorannoo. Teessoon Magaalaa GINDHIIR. 3. Sheekh Jamaal Bashiir Itti Aanaa Hoogganaa Majlisa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa fi Itti Gaafatamaa Dhimma Hawaasummaa fi Barnootaa. Teessoon ASALLAA. 4. Sheekh Habiib Huseen Sheekaa Itti Aanaa Hoogganaa Majlisa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa fi Itti Gaafatamaa Dhimma Bulchiinsaa fi Ga'umsa Dhaabbilee. Teessoo: SHAASHAMANNEE. 5. Sheekh Muhammad Abdulqaadir Aliyyii ( Abuu Maalikaa Itti Aanaa Hoogganaa Majlisa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa fi Itti Gaafatamaa Dhimma Hajjii, Umraa, Zakaa fi Awqaafaa. Teessoo: ROOBE. Haala Kanaan Filatamaniiru. KEEBOR MEDIA Ibsaa Daandii Dhugaa ✍Ukaashaa Sheek Abdulqaadir Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308 👇 https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947 YouTube ??👇👇 https://www.youtube.com/@kebormultimedia3 Telegram 👇👇👇 https://t.me/KeborMedia TikTok 👇👇👇 tick.com/@keebor.multimedia
Open in TelegramGodina Kibba Bahaa Oromiyaatti Koree Huji Raawwachiiftuu Fi caasaan haaraa Majlisaa hundeeffame. ********************* Keebor Media | Sadaasa 13, 2019 *** Magaalaa Roobee, Godina Kibba Baha Oromiyaa keessatti, sirni hundeeffama caasaa haaraa Mana Marii Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa gaggeeffame. *** Sirna kana irratti Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Majlisa Oromiyaa fi Hogganaa Majlisa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa kan ta’an Sheekh Abdulhakiim Huseen Badhaasoo dabalatee hoggantoonni fi qaamoleen dhimmi ilaallatu argamaniiru. *** Sagantaan kun caasaa haaraa Majlisa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa hojii irra oolchuu fi itti gaafatamtoota dameewwan adda addaa filataman hojii isaanii ifatti akka eegalaniif Muudamni Garagaraa Kennameera. *** Koree hojii raawwachiiftuu Majlisa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa keessatti kanneen muudaman: 1. Sheekh Abdulhakiim Huseen Badhaasoo – Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii fi Hogganaa Majlisa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa. 2. Sheekh Muhammad Aliyyii Kadir – Itti Aanaa Hogganaa Dhimmoota, Qorannoo fi Babal’ina Islaamaa. 3. Sheekh Jamaal Bashiir – Itti Aanaa Hogganaa Damee Hawaasummaa fi Barnootaa. 4. Sheekh Abuu MaalikaA – Itti Aanaa Hogganaa Dhimma Hajjii fi Umraa, Zakaa fi Awqaafaa. 5. Sheekh Habiib Huseen Sheekaa – Itti Aanaa Hogganaa Damee Dhimmoota Bulchiinsaa fi Gahumsa Dhaabbilee. 6. Haji Muhammad Hasan Daawwe – Itti Gaafatamaa Misoomaa fi Diinagdee. 7. Sheekh Daddafii Edaasoo – Itti Gaafatamaa Hariiroo fi Nageenyaa ta'uun Filatamaniiru Haaluma kanaan, hoggantoonni fi itti gaafatamtoonni haaraan sadarkaa Godinaatti muudaman Kunniin sirna waadaa galuu raawwataniiru. *** Hundeeffamni caasaa haaraa kun hojiiwwan Majlisaa sadarkaa Godinaa caalaatti qindeessuu, tajaajila hawaasa Muslimaa fooyyessuu fi hojiiwwan dhaabbatichaa bu’a qabeessa taasisuuf shoora olaanaa akka qabu Dubbataniiru. KEEBOR MEDIA Ibsaa Daandii Dhugaa ✍Ukaashaa Sheek Abdulqaadir Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308 👇 https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947 YouTube ??👇👇 https://www.youtube.com/@kebormultimedia3 Telegram 👇👇👇 https://t.me/KeborMedia TikTok 👇👇👇 tick.com/@keebor.multimedia
Open in TelegramILMII Barsiisuu Irra WAGGAA 35 ol Turan. Sheek Qaasim Kadiiroo Jedhaman Yeroo Ammaa Godina Kibba Baha Oromiyaa Magaalaa Dodolatti ILMII Shari'aa Barsiisuu Irratti Argaman. *** Sheekh Qaasim Waliigalaa waggoota 35 oliif barnoota Shari’aa Islaamaa barsiisuudhaan, Ulmaa'ota, Du'aatota, Imaamman Masjiidotaa Fi Hayyoota Hedduu horatanii dhaloota beekumsa amantii qabu oomishaniiru. *** Namoonni isaan biraa baratan hedduun har’a barsiisota, imaamotaafi tajaajiltoota amantii ta’uun bakka garaagaraatti hawaasa isaanii tajaajilaa jiru. *** Sheek Qaasim Waliigala beekumsa isaanii barsiisuu qofa irratti osoo hin daangessin, barnoota hedduu barsiisuuf haala mijataa uumuufi madda galii tokko malee biyya isaanii fayyaduu qabu jechuun murannoo guddaan magaalaa Dodolaatti halaqaa ilmii gaggeessaa turaniiru. *** Halaqaa ilmii barsiisuu cinaattis, rakkoolee hawaasummaa garaagaraa karaa Islaamummaa, gorsaafi hubannoo hawaasaa Cimsuu keessatti gahee isaanii bahachaa turaniiru. *** Har’a immoo yeroo tajaajilaafi aarsaa waggoota dheeraa kanaaf beekamtii kenninu, hojii isaanii jajjabeessuufi itti fufsiisuun itti gaafatamummaa keenya Dhaloonni Ammaa Barattoonni Isaanii Bahachuu Qabu. *** Kanaafuu, barattoonni isaanii bakka garaagaraa jiraattan, namoonni isaan irraa beekumsa argattan, akkasumas hawaasni keenya hundi deeggarsa barbaachisaa ta’e akka taasisan waamicha Koreen Eebba Konkolaataa Isaanii Waamicha Dhiheesseera. *** Deeggarsi keenya kun nama tokko qofaaf osoo hin taane, dhaloota beekumsa qabu horachuufi hojii barnoota Shari’aa Islaamaa itti fufsiisuuf gumaacha guddaa qabas Jedhaniiru. *** Sheek Qaasim Waliigalaa haa jajjabeessinu! Hojii isaanii haa deeggaru! Beekumsi dhalootaaf haa darbuun Ergaa Koree Irraa Keebor Mediaati. *** KEEBOR MEDIA Ibsaa Daandii Dhugaa ✍Ukaashaa Sheek Abdulqaadir Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308 👇 https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947 YouTube ??👇👇 https://www.youtube.com/@kebormultimedia3 Telegram 👇👇👇 https://t.me/KeborMedia TikTok 👇👇👇 tick.com/@keebor.multimedia
Open in TelegramRoobeetti Simannaan Hooggantoota Majlisa Oromiyaa fi Hoogganaa Godina Kibba Bahaa Sheek Abdulhakiim Huseeniif Taasifame. ********************* Keebor Media | Sadaasa 12, 2019 *** Jilli Hooggantoota Mana Marii Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa fi Hoogganaa Majlisa Godina Kibba Baha Oromiyaa Sheek Abdulhakiim Huseen Badhaasoof Magaalaa Roobeetti simannaan taasifameera. **** Caaseffama haaraa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa hordofee sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Majlisa Oromiyaatti Hoogganaa Godina Kibba Baha Oromiyaa tahuun kan muudaman Sheek Abdulhakiim Huseen Badhaasoo Kan Duraan miseensa Koree Hoji Raawwachiiftuu Majlisa Oromiyaa ta’uun tajaajilaa turan Simannaa Hoo'aan Godinichatti Simatamaniiru. *** Saganticharratti Itti Aanaa Pirezdaantii Oromiyaa Sheekh Taajuddiin Dabalatee Keessummoonni Hooggntoonni Magaalichaa Fi Jaarsoliin Biyyaa Bakka Argamanitti Simataniiru. *** Caaseffamni haaraan kun qindoomina, tumsaafi walitti dhufeenya hooggansa Majlisotaa cimsuun, sirna hooggansa cimaa ijaaruu fi tajaajila hawaasaaf kennamu fooyyessu keessatti gahee olaanaa akka qabaatu Ni Abdatama. *** KEEBOR MEDIA Ibsaa Daandii Dhugaa ✍Ukaashaa Sheek Abdulqaadir Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308 👇 https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947 YouTube ??👇👇 https://www.youtube.com/@kebormultimedia3 Telegram 👇👇👇 https://t.me/KeborMedia TikTok 👇👇👇 tick.com/@keebor.multimedia
Open in Telegram