Forwarded from Ombori Mentormind
Today will never come again. Be a blessing. Be a friend. Encourage someone. Take time to care. Let your words heal and not wound.✨ - Anonymous #ombori_mentor_mind
Open in TelegramForwarded from Ombori Mentormind
Today will never come again. Be a blessing. Be a friend. Encourage someone. Take time to care. Let your words heal and not wound.✨ - Anonymous #ombori_mentor_mind
Open in TelegramForwarded from FairWay Library 📚
Hammuma umriin lafa guurte, gorora liqimsita; achii gororri si fe’a. Gororri ammas ammas si feenaan dullumatu sitti gaaddiddeessaa jira.🧖♀ Akkam seeta....Nama hunda wajjin daandii dheeraa deemuu akka hin dandeenye hubatta. Daandii filatta. Daandiin filatte qoraattii qabamoo hin qabuun si hin yaaddessu. Sababni isaa umriin akkuma deeme waraansa hedduu darbee gogaan kee qoree dhaqna godhateera. Hundeen jecha “qorumsa” jedhuuyyuu “qoree”dha jettee falmuu abbalta. Hammuma lafa kana irra bubbulte … Galata barta. “Mee turi… akkamiinan as ga’ee amma ani?”jetta. Waan dhabde caalaa waan argatte ilaaltee hojii Waaqaaf safuu jetta. Dheerina umrii kee caalaa, tira raawwatte lakkoofta. Tulluun gaara akka hin taane, miirri qofti jaalala akka hin taane, dhabuu qofti rakkachuu akka hin taane hubatta. Fageenya caalaa galma akeekta. https://t.me/Fairway_Library
Open in TelegramForwarded from Ombori Mentormind
Lafa hunduma waan hunda fakkaattee kan qubattu yoo ta’e ati madda furmaataa osoo hin taane madda rakkooti. Sareen re’ee fuuldura ishee adeemtuun "eegee kee gad qabi" jette jedhaan mitiree? 𝗢𝗳 𝗵𝗶𝗻𝗮𝗿𝗴𝗶𝗻𝗲𝗲𝗻 𝗴𝗮𝗹𝗴𝗮𝗹𝗹𝗶 𝗴𝗮𝗻𝗮𝗺𝗮 𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮. Of beekuufi eessa akka deemnu beekuun ogummaadha. 𝗦𝗮𝗿𝗮𝗿𝗿𝗶 𝗱𝗵𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮𝗻 𝗶𝘆𝘆𝘂𝘂 𝘁𝘂𝗾𝗮𝗮 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗲𝗲𝗴𝗮𝗹𝗮; 𝗸𝘂𝗻 𝗶𝗺𝗺𝗼𝗼 𝘁𝗮𝗮𝘁𝗲𝗲 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗶𝗻𝗮 𝘂𝘂𝗺𝗮𝗺𝗮𝗮𝘁𝗶. Humna xinnoo qabduun fuulduratti tarkaanfadhu. Waaqayyo immoo si gargaara. 𝗗𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲𝘁𝘁𝗶𝗶𝗻 𝘀𝗶 𝗺𝗼𝗼𝘀𝗶𝘀𝗮; 𝗼𝗴𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗻 immoo si jiraachisaa! Ombori_mentor_mind
Open in TelegramForwarded from Ombori Mentormind
𝐄𝐞𝐠𝐞𝐞 𝐌𝐨𝐨 𝐇𝐢𝐝𝐡𝐢𝐢 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐮𝐮 𝐖𝐚𝐲𝐲𝐚?🐾 Harreen waraabessaan waliin firummaa akka hin qabne otuma beektuu, mucaan waraabuu du’uu dhageenyaan, " 𝗜𝗹𝗺𝗼𝗼𝗻 𝗮𝗸𝗸𝘂𝗺𝗮 𝗸𝗮𝗻 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝗶, 𝗱𝘂’𝗮 𝗴𝗮𝗵𝗶𝗶 𝗴𝗲𝗲𝗻𝘆𝘂 𝗺𝗮𝗹𝗲𝗲," jechuun ijoollee ishii dirqisiiftee gara du’a gayii ganda waraabessaatti uffata kuula oldachaafattee qajeelte. Ijoolleen tarkaanfii haadha isaaniitti aaran kun karaatti akkam gochuun isaan irra akka jiru yaadaa dhaqan. Akka waraabessi garaa isaanii hin laafne beekkatanii, tooftaa waraabessicha itti harka ba’anii fi haadha isaanii gammachiisan soqaa achi ga’an. Akkuma achi gahanis hoomaa waraabessaa du’a ga’ii taa’u yeroo argan, gurra isaanii qaranii dhaabuun haadha isaanii hordofuun mana jala naanna’anii boo’uutti ka’an. "𝗚𝗮𝗺𝗮 𝘀𝗮𝗻𝗮𝗮 𝘆𝘂𝘂𝘀𝘁𝘂𝘂 𝗴𝗮𝗺𝗮𝗻𝗮 𝗳𝗮𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮 𝘀𝗮𝗴𝗮𝗹𝗲𝗲𝗻 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗻, 𝗱𝗶𝗶𝗺𝗶𝗻𝘂𝗺𝗮 𝗻𝘆𝗮𝗮𝘁𝘁𝘂 𝗮𝗱𝗶𝗶𝗱𝗵𝘂𝗺𝗮 𝗯𝗼𝗼𝗯𝗯𝗮’𝗮𝗮𝗻 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗻𝗶; 𝗶𝘀𝗶𝗻𝗶𝘆𝘆𝘂𝘂 𝗻𝗶 𝗵𝗮𝗺𝗮𝘁𝗮𝗺𝘁𝘂 𝗺𝗮𝗮𝗹𝘁𝘂 𝗻𝘆𝗮𝗮𝘁𝗲 𝗺𝘂𝗰𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗻?…" jedhanii dallaa naanna’anii yeroo isaan iyya kutaa sokkan, haati harree garuu waa osoo hinkennin 𝗮𝗸𝗸𝗮𝗺𝗶𝘁𝘁𝗮𝗻 𝗱𝗲𝗲𝗺𝗮 jettee deebitee teessee yaaduutti kaate. Sabbataatti waa gudunfattee hindhufne; sabbatuma hin qabdu. Haa ta’u iyyuu malee, teessee itti yaaddee, " 𝑬𝒆𝒈𝒆𝒆𝒎𝒐𝒐 𝒉𝒊𝒅𝒉𝒊𝒊 𝒌𝒆𝒏𝒏𝒖𝒖 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒘𝒂𝒚𝒚𝒖," jettee yeroo mari’achuuf of-cinaa ilaaltu ijoolleen ishii hin jiran. " 𝗛𝗶𝗱𝗵𝗶𝗶𝗻 𝗸𝗲𝗻𝗻𝗲𝗲 𝗱𝗲𝗲𝗺𝗮," jette. " 𝗪𝗮𝗿𝗿𝗮𝗸𝗼𝗼 𝗷𝗮𝗯𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮, 𝗮𝗯𝗯𝗮𝗮𝗻 𝗺𝘂𝗰𝗮𝗮 𝗮𝘀 𝗯𝗮’𝗶𝗶 𝗵𝗶𝗱𝗵𝗶𝗶 𝗸𝗶𝘆𝘆𝗮 𝗴𝗮𝗿𝗮 𝗼𝗹𝗶𝗶 𝘀𝘂𝘂𝘁𝗮 𝗷𝗲𝗱𝗵𝗶𝗶 𝗸𝘂𝘁𝗮𝗱𝗵𝘂," ittiin jette. Waraabessis kanatti gammadee, hidhii harree murate; yeroo ishiin baatee qajeeltu, " 𝑯𝒂𝒂𝒅𝒉𝒐𝒐 𝒉𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆 𝒎𝒆𝒆 𝒂𝒔 𝒈𝒂𝒓𝒂𝒈𝒂𝒍𝒊," jedhaniin. Yeroo kana ilkaan ishii irra keessaa qullaadha; waan kofaltu fakkaatti. Waraabessootnis, "Ilmoodhuma hundaatu du’a kan ilmoo keenyaa maaf kolfa ta’ee?" jechuun itti dirrisanii garaa ishii jigsanii nyaatan. 𝗧𝗼𝗹𝗹𝗶 𝗮𝗸𝗸𝗮𝘀𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗶𝘀𝗵𝗶𝗶𝗱𝗵𝗮𝗮𝗳 𝗱𝗲𝗲𝗯𝗶’𝗲. 𝐎𝐠𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐨𝐟𝐞𝐞𝐠𝐠𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 🔑✨ Kanaaf, karaa fi bara keessa deemtu keessatti 𝗼𝗴𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗯𝗮𝗮𝗱𝗵𝘂. Duubaa fi fuuldura kee ilaala adeemi. Bara kana firaa fi aantee gaarii fakkaatee kan boolla nama buusu hedduudha. Keessumaa immoo nama irraa ofeegi; 𝗻𝗮𝗺𝗮 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗮 𝗷𝗮𝗮𝗹𝗮𝗱𝗵𝘂, 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗮 𝗴𝗮𝗿𝘂𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗮𝗺𝗮𝗻𝗶𝗶𝗻. Mul’ata mataa keetiin yoo gaggeeffamte iyyuu 𝗴𝗼𝗿𝘀𝗮 𝗱𝗵𝗮𝗹𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗳𝘂𝗱𝗵𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝘀 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗮𝗴𝗮𝘁𝗶𝗶𝗻. Sababni isaa, kan ati hin beeknee fi hin argine dhaloota biraa irraa argatta. Harreen sunis gorsa ijoollee ishee osoo fudhatte ta’e ni’oolti ture. Hunda caalaa eenyurraa yaada akka fudhattu adda baasi. Gorsi gaariidha, garuu hundi immoo akka si hin fayyadne beeki. 𝗔𝗸𝗸𝘂𝗺𝗮 𝘅𝗮𝗮𝗳𝗶𝗶 𝗴𝗶𝗻𝗴𝗶𝗹𝗰𝗵𝗶𝘁𝗲𝗲 𝗱𝗮𝗮𝗸𝘀𝗶𝗳𝘁𝗲𝗲 𝗻𝘆𝗮𝗮𝘁𝘁𝘂, 𝗱𝘂𝗯𝗯𝗶𝗶 𝗳𝗶 𝗴𝗼𝗿𝘀𝗮𝘀 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮 𝘀𝗲𝗲𝗰𝗰𝗮’𝘂𝘂𝗻 𝗴𝗮𝗿𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘁𝘁𝗶 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗷𝗶𝗷𝗷𝗶𝗶𝗿𝗶. 𝐃𝐮𝐫𝐬𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐝𝐢𝐫𝐪𝐚𝐦𝐚 🌍 Eessaa fi maaliif akka fiignu beekuun gaariidha. Haati ibidda iyyuu ofirraa buuftee itti aansuun mucaa ishii irraa buufti. 𝗔𝗻𝗶 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗻𝗮𝗺𝗮 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼𝗼𝘁𝘁𝗶 𝗮𝗱𝗱𝘂𝗻𝘆𝗮𝗮𝗳 𝘁𝗮𝗮’𝘂𝘂𝗻 𝗱𝘂𝗿𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝗸𝗼𝗼𝗳 𝘁𝗮’𝘂𝘂𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗮.Yoon ofiikoof ta’e maatiikoof nan ta’a; maatiikoof yoon ta’e sabakoof nan ta’a; sabakoof yoon ta’e biyyakoof nan ta’a; yoon biyyaaf ta’e immoo addunyaaf ta’uun salphaadha. Dubbichis kanumadha: 𝗞𝗮𝗻 𝗱𝘂𝗿𝘀𝗶 𝗸𝗲𝗻𝗻𝗮𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝘁𝘂 𝘆𝗼𝗼𝗺𝗶𝘆𝘆𝘂𝘂 𝗱𝘂𝗿𝘀𝘂𝘂 𝗾𝗮𝗯𝗮. Osoo namni na biraa beela’uu nama biraa afaan kaa’uuf fiiguun maraatummaadha. Rakkoo harkatti baattee rakkoo nama biraa furuuf hinkaatiin; rakkoo qaama biraa kan furtu kankee yoo furte qofaadha. Osoo ofii hin beekiin nama biraa gorsuuf hin ariifatiin. Nama hatuun hattuu jettee waamuun sin barbaachisu sababni isaas namichi iyyuu hojii isaa beeka.
Open in Telegram"Hanga lubbuun jirtutti waan gaarii hojjedhu!" — Abrahaam Linkan "Yeroo dabarsuurra guyyaa beellamaa dabarsuu wayya!" — Abrahaam Linkan "Beekaa jedhamuuf barumsa keessa darbuu osoo hin taane baruumsi si keessa darbuu qaba." — Abrahaam Linkan "Sammuun qullaa ta'uu irra kiisiin qullaa ta'uu wayya." — Sheekispiir "Boru kaleessaaf karoorfachuu hin dandeessu." — Edmand Bark "Yeroo hunda tarkaanfii tokko yoo yaaddu qormaanni gufuun miilla kee irratti ni mul'ata." — Antoon Cheevak "Nama irra yaaduf yaali! Garuu namarra beekadha ofiin hin jedhin!" — Wiiliyaam Jaamsi "Horii kee waan barbaaddetti jijjiiruu dandeessa! Biyya kee garuu hin dandeessu." — Joon F. Keneediin "Bareedinni sammuudhaa umurii wajjiin dabalaa yoo adeemu kan bifaa immoo hir'achaa deema." — Joon F. Keneediin "Humna agarsiiftuu ol qabaadhu! Hamma beektu dubbadhu!" — W. Sheekispiir Share @imaltu_guddina✨
Open in Telegram#Dudhaalee Jireenyaa 👉Principles of Life የህይወት መርሆች 1.Of Fudhachuu(simachuu) 👉Self Acceptance ራስን መቀበል 2.Kaayyoo jireenyaaf jiraachuu 👉 Living for life purpose ለህይወት አላማ መኖር 3. Dorgommii irraa fagaachuu 👉 Avoiding competition ከዉድድር መራቅ 4. Yaada qajeelaa(Gaarii) yaaduu 👉Positive Thinking ቀና ማሰብ 5. Barachuuf fedhii qabaachuu 👉Being willing to learn ለመማር ፍቃደኛ መሆን 6. Ogummaadhaan deddeebi'uu 👉Walking with wisdom በጥበብ መመላለስ 7. Gamna(qaxalee) Ta'uu 👉Being Intelligent ብልህ መሆን 8. Salphaatti mufachuu dhiisuu 👉Taking no offence easily በቀላሉ አለመቀየም 9. Jireenya ofii galateeffachuun gaggeessuu 👉Leading a life with gratitude የምስጋና ህይወት መኖር 10. Waan gaariidhaaf(Fooyya'aadhaaf) deemuu 👉Going for the best ምርጡን መፈለግ 11. Yeroo hubachuu 👉Understand the timing ግዜውን ማወቅ 12. Waan jijjiiruu hin dandeenye fudhachuu 👉 Accept what you can't change መለወጥ የማይችሉትን መቀበል 13. Waraana kee filadhu 👉 Chose your Wars የሚዋጉትን ጦርነት መምረጥ 14. Hundaaf dhiifama gochuu fi haaloo bahuu irraa fagaachuu 👉Forgiving all and avoiding vengeance ሁሉን ይቅር ማለትና በቀልን መተው 15. Gidiraa keessatti cimanii dhaabbachuu 👉Preserve in suffering በመከራ ዉስጥ መፅናት 16. Gammachuu fi boqonnaa qulqulluu qabaachuu 👉Pure joy and rest ንፁህ ደስታና እረፍት 17. Bareedina keessaaf iddoo guddaa kennuu 👉Value inner beauty ለዉስጥ ዉበት ዋጋ መስጠት 18. Gad ofqabuu fi nama tuffachuu dhiisuu 👉Being humble and not despising others ትሁት መሆንና ሌሎችን አለመናቅ 19. Jireenya keessatti naamusa qabaachuu 👉Being disciplined in life በስነ ስርአት መኖር 20. Kennuu fi fudhachuu baruu 👉Giving and receiving መስጠትና መቀበል 21. Onnee kee hordofi. 👉Follow your heart (Instinct) ልብን መከተል 22. Kabajni kan maluuf kabaja kennuu 👉 Give due honor ክብር ለሚገባው ክብር መስጠት 23. Cimanii kadhachuu 👉Pray seriously ተግቶ መፀለይ 24. Seenaa hojjechuuu, yaadannoo(ashaaraa) kaa'anii darbuu 👉Make history, leave legacy @imaltuu_guddinaa
Open in Telegram"Mul'atni waan namni si keessatti hin agarre, kan ati qofti of keessatti agartuu dha" — Albert E.
Open in Telegram𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼𝗻 𝗦𝗮𝗱𝗶𝗶, 𝗕𝗮𝗿𝗻𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗞𝗮𝗹𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮, 𝗛𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗛𝗮𝗿’𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗞𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝗕𝗼𝗿𝘂𝘂 𝟭. 𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗱𝗮𝗿𝗯𝗲 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂: 𝗡𝗮𝗺𝗻𝗶 𝗼𝗴𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗺𝘂𝘂𝘅𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗻 𝗮𝗿𝗴𝗮𝘁𝘂, 𝘄𝗮𝗻𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗱𝗮𝗿𝗯𝗮𝗻 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻𝗶𝗱𝗵𝗮. 𝗗𝗼𝗴𝗼𝗴𝗴𝗼𝗿𝗿𝗶 𝗸𝗮𝗹𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮 𝗿𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝘁𝗮𝗺𝗲 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗱𝗲𝗲𝗯𝗶’𝗮𝗺𝗲𝗲 𝗵𝗶𝗻 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗲𝘁𝗮𝗺𝗻𝗲𝗲𝗳, 𝗶𝘁𝘁𝗶 𝘆𝗮𝗮𝗱𝘂𝘂𝗻 𝗳𝗶 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝗺𝘂𝗿𝘁𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮. 𝗔𝗸𝗸𝗮𝘀𝘂𝗺𝗮𝘀, 𝘄𝗮𝗻𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗴𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶 𝗱𝗮𝗿𝗯𝗮𝗻 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗿𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝘁𝗮𝗺𝗮𝗻 𝘆𝗮𝗮𝗱𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻, 𝗼𝗳𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗮𝗺𝗮𝗻𝗮𝗺𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗱𝗮𝗯𝗮𝗹𝘂𝘂𝗳 𝗴𝗮𝗿𝗴𝗮𝗮𝗿𝗮. 𝗞𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳𝘂𝘂, 𝘆𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗱𝗮𝗿𝗯𝗲 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗻𝗼𝗼𝘁𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗳𝘂𝗱𝗵𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝗴𝗮𝗿𝗮 𝗳𝘂𝘂𝗹𝗱𝘂𝗿𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗻𝗮𝗺𝗮 𝗾𝗮𝗷𝗲𝗲𝗹𝗰𝗵𝗮. 𝟮. 𝗛𝗮𝗿’𝗮 𝘀𝗶𝗿𝗿𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂: 𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼𝗻 𝗮𝗺𝗺𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗿𝘂 𝗸𝘂𝗻 𝗶𝗱𝗱𝗼𝗼 𝗺𝘂𝗿𝘁𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮. 𝗠𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝗶𝗻𝗻𝗶 𝗯𝗼𝗿𝘂𝘂 𝗸𝗮𝗻 𝗺𝘂𝗿𝘁𝗮𝗮’𝘂 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗵𝗮𝗿’𝗮𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗮𝗮’𝗮. 𝗡𝗮𝗺𝗻𝗶 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗶𝘀𝗮𝗮 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮𝗮𝗻, 𝗼𝗳 𝗲𝗲𝗴𝗴𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼𝗻 𝗳𝗶 𝘅𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗴𝘂𝘂𝘁𝘂𝘂𝗻 𝘆𝗼𝗼 𝗿𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝘁𝗲, 𝗯𝘂’𝗮𝗮 𝗴𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶 𝗮𝗿𝗴𝗮𝘁𝗮. 𝗛𝗮𝗿’𝗮 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗱𝗵𝗶𝗶𝘀𝘂𝘂𝗻 𝘆𝗸𝗻 𝘁𝘂𝗳𝗳𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻, 𝗰𝗮𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗯𝗼𝗿𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗹𝗹𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮. 𝗞𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳𝘂𝘂, 𝘆𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗮𝗺𝗺𝗮 𝗷𝗶𝗿𝘂 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗰𝗮𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗮𝗹𝗶𝗶 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼𝗼𝘁𝘁𝗶 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮. 𝟯. 𝗕𝗼𝗿𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗿𝘂𝘂: 𝗞𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝗺𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗷𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗶 𝗸𝗮𝗹𝗹𝗮𝘁𝘁𝗶𝗶 𝗵𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗮𝗮𝘁𝘂. 𝗡𝗮𝗺𝗻𝗶 𝗯𝗼𝗿𝘂 𝗶𝘀𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗲𝗲 𝗸𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗿𝗲, 𝗴𝗮𝗹𝗺𝗮 𝗶𝘀𝗮𝗮 𝗯𝗶𝗿𝗮 𝗴𝗮’𝘂𝘂𝗳 𝗰𝗮𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗯𝗮. 𝗞𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝗷𝗲𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝘄𝗮𝗻𝘁𝗮 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗻𝗻𝘂 𝗱𝘂𝗿𝘀𝗶𝗻𝗲𝗲 𝘆𝗮𝗮𝗱𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝘁𝗮𝗿𝘁𝗶𝗶𝗯𝗮𝗮𝗻 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝘂𝘂𝗱𝗵𝗮. 𝗞𝘂𝗻𝗶𝘀 𝘆𝗲𝗿𝗼𝗼, 𝗵𝘂𝗺𝗻𝗮, 𝗳𝗶 𝗾𝗮𝗯𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝘀𝗶𝗿𝗻𝗮𝗮𝗻 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝗻𝘂 𝗻𝘂 𝗴𝗮𝗿𝗴𝗮𝗮𝗿𝗮. 𝗞𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳𝘂𝘂, 𝗯𝗼𝗿𝘂 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗶𝗳𝗮 𝗴𝗼𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳, 𝗸𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝘀𝗶𝗿𝗿𝗶𝗶 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗿𝘂𝘂𝗻 𝗯𝗮𝗮𝘆’𝗲𝗲 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮. @imaltu_guddina✨
Open in TelegramOf Jajjabeessi Rakkoowwaan Jireenya kee keessatti, si quunnamuun si miidhaa turan ykn si miidhaa jiran kamiiyyuu guyyaa muraasa booda furmaata (ajaa'iba) kan argitu ta'a, kan argitu garuu, yoo har'a cimtee dhaabbatte qofa. Kanaafuu abdiin fuldura keetii kan sitti mul'achaa jiru, nama kan birootti hin mul'atu waan ta'eef, jecha namaatin of hin madaalin. Mee addunyaa kanarra si'ii fi uumaa kee malee, ciminaaf dadhabina kee eenyutu beeka??? Kanaafi jechi namaa kan si hin ibsine! hunda caalaa ati of jajjabeessi. jabaan ofii abbuma! ♡ ❍ㅤ ⌲ ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ 🔔 ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ 🔖@ombori_Motivation 🖇 Maxxansa kana yoo jaalatte #share godhi. ❕Gorsi itti fufa............... @imaltu_Guddina @imaltu_guddina
Open in Telegram''Saammuu keenyaaf Daangaa nuti beekamti laatneef irraan kan hafe daangaan dhugaan kaa'ame hin jiru'' via Thing and grow rich
Open in Telegram#Namni_Waan_Jedhu_hin_Dhabu! Waan Gaarummaa isaatti Amante Hojjechuuf Duubatti hin Deebi'in! ➥ Abbaa fi ilmatu lafa fagoo deemuuf waliin manaa bahan. Kan isaan fudhatanii deeman harree tokkotu turte. Harree sana irratti waan isaan barbaachisu fe'atanii, ilmi harree yaabbatee, abbaan ammoo funyoo itti dha'atee fuulduraan harkisee qajeelan. ● Osuma deemanii ganda tokko keessa yeroo darbuuf jedhan namoonni jarreen imala irra jiran kana arganii, "maali gurbaan gadheen kun ofii yaabbateetu abbaa isaa lafoo deemsisaa?," jedhan. Mucaanis dubbii jaraa dhaga'eetu, ofii irraa bu'eetu abbaa isaatiin yaabbadhu anii harkisa jedhee deemsa itti fufan. ● Ammas yeroo xiqqoo achi siqan, "maali abbaan ilmoof hin yaanne?" jedhanii arrabsan. Imaltoonni kun dubbii kana dhageenyaan, abbaanis irraa bu'ee lachuu lafoo deemuu eegalan. Ammas xiqqoo yeroo achi siqan namoonni walitti agarsiisaniitu, "Ilaali argitee, warri qabeenya qaban kun ammoo akkumatti qabeenya isaaniitti fayyadaman hin beekaniim, harreen osoo jirtuu lafoo deemu," waliin jedhan. Abbaa fi ilmis kana dhaga'aniitu, koottu nuti lachuu haa yaabbannu jedhanii lama ta'anii yaabbatanii qajeelan. ● Namoota wayii bira yeroo gahan, "maali waaqa hin sodaattanii, hin dubbattu duudaadha jettanii miituu, waaqni maal isiniin jedha?" jedhan. ● Jarris irraa bu'an. Yoo maal goone gammachiisna jedhanii dhiphatan. Amma harree kana ol fuunee baannee deemna, yoos namni nutti gammada waliin jedhan. Harree sana lama ta'anii ol fuudhanii baatanii deeman. Yeroo isaan harree baatan arganii namoonni ni ajaa'ibsiifatan. Ittis kolfan. ● "Maali isaan gowwoota akkamiiti kan harree baatan," jedhanii itti qoosan. Abbaa fi ilmi kana hunda ilaalanii, nama gammachiisuu waan hin dandeenyeef, akkuma ofii yaadanitti imala isaanii itti fufan. Ergaa: ➦ Waan gaarii hojjettu, yaraas hojjettu namni waan siin jedhu hin dhabu. Ati garuu, namoota gammachiisuuf osoo hin taane, waan sirrii ta'uu isaa itti amante kamiyyuu hojjechuuf duubatti hin jedhiin! Lafa kanarratti waan ofiikee yaadde gaarii fi qajeelaa taanaan namni ni dandeessaafi hin dandeessu jedheef osoo hin taane, waan ofiif nan danda'a jette hojjedhu. Via kanan dubbisee irraa.
Open in Telegram#GORSA_BABBAREEDAA. ~ Dubbisaa Irraa Baradhaa fayyadamaa, Bohaaraa. ~Waa hunda dura ofiif bakka laadhu kan sirra sitti aanu waan hin jirreef! ~Of beeki kan sirra sibeeku waan hin jirreef ~Namni kaayyoo ofi beeku jaalalan hin kufu kaayyoo ofi galmaan ga'uuf kufa malee! ~Beekaa jechuun nama dogoggora ofii ofirratti beekee irraa of sirreessuudha! ~Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee,kopheen qixxeessuuf luka hin muran! ~Moo’uu jechuun 1ffaa bahuu qofa osoo hin taane, jijjiiramas agarsiisuudha! ~Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu Osoo hin taane, barumsi nama keessa darbuudha! ~Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya Immoo qoramtee baratta! ~Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu, Irraa nama dhugaa sitti hime wajjiin gadditee boohuu siif wayya ! ➩Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbanii yyuu, Qurxummii afanitti qabatee keessaa baha! ➩hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome Osoo hin ta’in nama sammuu hiyyoomeedhaa! ➩Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessiti! ➩Yeroo tokko, tokko gammachuun guyyaa tokko gadda waggaa tokkootti jijjiirama! ➩Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn luglummaa osoo hin taane, bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti! ➩Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan si mudatan kufaatii osoo hin taane, akeektuu galma gahiinsa yaalii keetiiti! ➩Addunyaa kana irratti Harreen akka Namaatti yaaddu jiraatuu baattus, namni akka Harreetti yaadu hin dhabamu! ➩Akka addunyaatti yaadii, akka naannootti hojjadhu! ➩Dhalli namaa wanta haara argannoodhaan Yoo uumu (kalaqu) kan nama gammachiisu yoo ta’u, garuu ......Ofi isaatii uumamuu (kalaqamuu) yoo irraaffatu immoo kan nama gaddisisuudha. ➩Kan nama qaanessu ba’aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane, sammuu hin yaanne baachuudha! ➩Yoo rakkoon wahii si mudate rakkoo si Mudate saniif yaaduu osoo hin taane, akkaataa rakkoo si mudate san keessaa itti baatu yaaduu qabda! ➩Osoo dhugaan kophee hin godhatin, dharti addunyaa naannofti! ➩Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee ta'uu kan hin dandeenye yoo ta'u. Balleessaan kee ta'uu kan danda'u kuftee yoo acitti hafteedha! ➩Sareen yeroo hunda duttu akka hin birmanneef of gooti! ➩Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane,wanta dukkana keessa jiruudha! ♻️𝐉𝐎𝐈𝐍 ♻️ ➮ @ImaltuuGuddinaa
Open in Telegram➥ Moo'attoonni: "Hojii boru hojjetan har'a hojjetu." ➥ Giddu-Galeessonni: "Hojii har'a hojjetan har'uma hojjetu." ➥ Namoonni Kufan: "Hojii kaleessaa har'a hojjetu." '#Join fi #Unmute' gochuu hin dagatinaa! Sababni isaa barruuleen barsiisoo fi bashannansiisoon kana caalan duuban dhufaa jiru. Channel kana waan hordoftaniif Galatoomaa! Share◈Share◈Share ✍️ dabalataafJoin godhaa 👇👇👇👇👇 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ @Imaltu_Gudina @Imaltu_Gudina ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 🔺JOIN🔺
Open in Telegram𝗟𝗘𝗦𝗦𝗢𝗡 𝗜𝗡 𝗟𝗜𝗙𝗘 ▬▬Yeroo Tokko Tokko▬▬ ✪Jireenya keessatti barumsi guddaan gowwoonni illee YEROO TOKKO TOKKO sirrii akka ta’an beekuudha. ✪YEROO TOKKO TOKKO fuulduratti tarkaanfachuu qofa qabda, gara fuulduraattis tarkaanfachuu qabda.. gaaffii hin qabu, shakkii hin qabu, duubatti deebi'uu hin qabu.. Itti fufi qofa. ✪YEROO TOKKO TOKKO jireenyi waan barbaadde siif hin kennitu; waan siif hin malleef osoo hin taane, waan kana caalu siif maluuf malee. Yeroo meeqa yoo caccabdus yeroo hunda sagalee xiqqoo tokko keessa kee, LAKKI ammallee hin xumurre jedhu jiraachuu qaba! Deebi'i ol ka'i! ✪YEROO TOKKO TOKKO yeroon deebii akka ta'u hayyamuu dandeessa turte. ✪YEROO TOKKO TOKKO guddaa ta'uun dhaloota tokko irratti kufa, dhaloota sana ta'uu dandeessa - Nelson Mandela RIP ✪YEROO TOKKO TOKKO warra nuuf hiika guddaa qabaniif GOODBYE jechuu qabna. Sababni isaas yeroo tokko tokko, isaanuma suuta suutaan keessa nu ajjeesaa jiru ✪YEROO TOKKO TOKKO jireenyi nutti ulfaata garuu yeroo hundumaa xumurri gammachiisaa akka jiraatu yaadadhu yoo fedhii kee itti qabsaa'u. ✪YEROO TOKKO TOKKO wantootni sirrii ta’uu isaanii dura baay’ee dogoggoraan deemuu qabu. ✪YEROO TOKKO TOKKO wanti si barbaachisu carraa lammaffaa qofa waan ta'eef yeroon isa jalqabaaf qophaa'aa waan hin turreef. ✪YEROO TOKKO TOKKO waan tokko akka ta'u qofa hin hawwituu? Gaariis ta’ee hamaa; waan tokko akka ta’uuf qofaaf. ✪Namni tokkollee akka of duubatti sii deebisu hin heyyaminaa. Jireenyi keeti. YEROO TOKKO TOKKO, jireenya ofii deebitee to’achuu qabda. ✪Wanti hundi gaarii ta'ee fakkeessuu nan jaalladha. Sababni isaas yeroo namoonni kaan hundi ati nagaadha jedhanii yaadu YEROO TOKKO TOKKO akka ati hin taane yeroo muraasaaf dagatta. ✪YEROO TOKKO TOKKO, guyyoonni gadhee kanneen gaarii hawwiidhaan eeggattu akka qabdu si yaadachiisuuf ni argamu. ✪YEROO TOKKO TOKKO jireenyi gara mirgaatti deemti ati immoo gara bitaatti deemta. Deemsa qofa itti fufi booda ni qabatta. ✪Namoota jireenya kee keessatti callisuu kee qofaaf malu sana irratti gonkumaa jecha kee hin qisaasessin. Sababni isaas YEROO TOKKO TOKKO, humna agarsiisuun guddaan tasumaa homaa dubbachuu dhiisuudha. ✪YEROO TOKKO TOKKO Onnee kee hordofuu qabda & waan warri kaan yaadan yaadda'uu dhiisuu qabda.... ✪YEROO TOKKO TOKKO waan argatte qofaan jiraachuu dandeessa, waan barbaadde dagatte. ✪YEROO TOKKO TOKKO, yeroo maraattu, maraatuuf mirga qabda, garuu gara jabeessa ta'uuf mirga hin qabdu. ✪YEROO TOKKO TOKKO namoonni miidhamuu ykn waa dhabuu qabu sababiin isa gatii wantoota yeroo ammaa qaban yaadachiisuuf. ✪YEROO TOKKO TOKKO rakkoon furuuf furmaata hin barbaadu; kanaa mannaa isaan caaluuf bilchina barbaadu. ✪YEROO TOKKO TOKKO jireenyi garmalee walxaxaadha. Wanti si barbaachisu akka dhangala’u gochuu qofa , sababiin isaas Waaqayyo ammallee waan hundumaa to’atadha. ✪YEROO TOKKO TOKKO namoonni yeroo gabaabaa qofaaf beeknu warra bara baraan beeknu caalaa dhiibbaa guddaa nurratti qabu. ✪YEROO TOKKO TOKKO wanti namoonni argan waan ati goote qofa osoo dhugaa dubbachuuf ta'e maaliif akka goote ilaaluu qabu.!! ▬▬𝐉𝐎𝐈𝐍 & 𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄▬▬ ༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆ [ @Imaltu_Gudina ] [ @Imaltu_Gudina ] [ @Imaltu_Gudina ] 🔺ᴊᴏɪɴ🔺 🔺Stay Connected!🔺
Open in TelegramAddunyɑɑ kɑnɑ irrɑtti nɑmɑ bɑrbɑɑchisɑɑ fi kɑɑyyoof dhɑlɑte tɑɑtee ɑrgɑmuuf wɑntootɑ ɑrfɑn 【4】 kɑnɑ yɑɑdɑtti qɑbɑdhu. ➊. Gonkumɑɑ hin ɑriifɑtin❗️ ➋. Gonkumɑɑ hin dhiphɑtin❗️ ➌. Gonkumɑɑ ɑbdii hin kutin❗️ ➍. Gonkumɑɑ wɑntɑ xiqqoon qɑbɑmtee hin dhɑɑbbɑtin❗️ — Miretuu Shɑɑnqoo 🪨 @imaltu_Gudina 🪨 🪨 @imaltu_Gudina 🪨
Open in TelegramMiira Ofii Too’achuun Humna; Dubbachuu Malee Callisuun Ogummaa Dha ⚖️ Namni miira isaa too’achuu hin dandeenye, salphaatti warra miira isaanii to’atan jala gala. Kanaaf, yeroo hunda dubbachuun osoo hin taane, bakka sirrii irratti callisuun murteessaadha. 1. Callisi , yeroo aariin kee ol ka’u Yeroo aariin si keessaa ka’u, dubbii ati dubbattu hedduun isaanii boodarra si gaabsiisu danda’u. Kanaaf, yeroo sana callisuun of eeggannoo fi ogummaa agarsiisa. 2. Callisi , yoo ragaa hin qabne Waan sirriitti hin mirkaneessin dubbachuun nama dogoggorsuu danda’a. Callisuun immoo soba irraa si eega, kabaja kees ni tiksa. 3. Callisi , yoo dubbii kee nama miidhu ta’e Jecha tokko qofatu garaa namaa madeessuu danda’a. Kanaaf, yoo dubbii kee namatti ulfaatu ta’e, callisuun filannoo gaarii dha. 4. Callisi , yeroo dhaggeeffachuun barbaachisu Yeroo hunda dubbachuu osoo hin taane, yeroo tokko tokko dhaggeeffachuun hubannoo guddaa siif kenna. Callisuun barnoota. 5. Callisi , yoo dhimmichi kee hin taane Dhimmoota si hin ilaallanne keessa seenuun rakkoo siif fida. Kanaaf, bakka si hin barbaachifne callisuun nagaa siif eega. 6. Callisi , yeroo soba dubbachuuf qoramtu Yeroo tokko tokko dhugaa dhiisnee soba dubbachuuf ni qoramna. Garuu callisuun cubbuu sana irraa si baraara. 7. Callisi , yoo booda gaabbuu dandeessu Jecha tokko dubbachuun dura, “kana booda ni gaabba?” jedhii of gaafadhu. Yoo eeyyee ta’e, callisuun murtii sirrii dha. 8. Callisi , yeroo qeeqni sitti dhaga’amu Qeeqa hundaaf deebii kennuun hin barbaachisu. Yeroo tokko callisuun of kabajuu fi bilchina agarsiisa. 👉 Xumura irratti callisuun dadhabina miti; ogummaa, of-to’annoo fi bilchina sammuu agarsiisa. Namni callisuun isaa yeroo sirrii beeku, jireenya isaa keessatti milkaa’ina guddaa argata. @imaltuu_Guddina ✨
Open in TelegramAjaa'iba Kirkira lafaa dhiheenya kana Veenezuweelaa keessatti mudateen, mucaan xiqqaan Maatewos jedhamu caccabaa manneen jalaatti kufee keessatti hafe . Sareen amanamaan kun sanyii Golden Retriever kan maqaan isaa Maaks jedhamu immoo yeroo hunda isa biraa irraa hin kaane. Qaama isaa ho'aan mucicha haguugee, qorraa fi dhagaa irraa isa eega ture; yeroo addunyaan naannoo isaanii diigamaa jirtu sanattis isa hin dhiisne. Sa'aatii hedduu booda gareen baraaraa ifa isaanii caccabaa sana keessa yeroo ibsan, wanta nama hin dagachiisne argan. Mucichi nagaan boqochaa jira; sareen sunis harka isaa irraa kayyate isa qabatee, ija dadhabbiin guutame qabaatus murannoo isaa hin laaffisin ture. Sareen Maaks jedhamu kun Inni yeroo tokkollee mucicha hin dhiisne. Yeroo sana, gidduu awwaaraa fi dhagaa sana keessatti, gootni dhugaan kan rifeensa warqee fakkaatu qabu fi garaa jaalala daangaa hin qabne qabu akka ta'e namni hundi hubate. Baay'ee nama dinqisiisa! 👏🏾 Bara saree jaalalaa guddaa iddoo rakkinatti nama biraa hin hafne dhali namaa.....
Open in TelegramForwarded from Ombori Mentormind
Daandii Milkaa’inaa(The Path to Success) I. Qajeelfama (Guidelines) Baradhuu = Learn= Seek knowledge and prepare yourself. Hubadhuu = Understand = Understand your education clearly and know its meaning. Hojjadhuu = Act = Put your understanding into practice. Cimadhuu = Persevere= Do not retreat from challenges; keep going. Mul’adhuu = Achieve / Manifest = Express yourself through results; demonstrate success. 1. Baradhuu Milkaa’inni hundi barnoota irraa ka’a. Baradhuun mana barumsaa qofaan hin daangeffamu; jireenya irraa, namoota waliin jiraachuu irraa, akkasumas dogoggora ofii irraa barachuun ni danda’ama. Namni baratu sammuu isaa bal’isa, yaada haaraa simata, of qopheessa. Yoo bu’uura barnootaa cimaa hin qabaanne, tarkaanfiin itti aanu ni rakkisa. Kanaaf, barachuun jalqaba milkaa’inaa ti. 2. Hubadhuu Barachuun qofa gahaa miti; hubannoon murteessaadha. Hubadhuun jechuun beekumsa argatte gadi fageenyaan xiinxaluu fi kaayyoo isaa sirriitti hubachuu dha. Namni hubate waan inni hojjatuuf hiika kenna; maalif akka hojjatu beeka. Kun hojii isaa sirnaan qindeessa, dogoggora hir’isa, abdii fi ifa sammuu isaaf kenna. 3. Hojjadhuu Hubannoon hojii malee bu’aa hin fidu. Hojjadhuun jechuun yaada fi karoora gara hojii qabatamaatti jijjiiruu dha. Namni sodaa fi shakkii of keessaa balleesse, tarkaanfii jalqaba fudhata. Hojii jalqabuu qofa osoo hin taane, itti fufee xumuruun barbaachisaadha. Jijjiiramni dhugaa kan dhufu hojii irraa qofa. 4. Cimuu Karaa milkaa’inaa irratti gufuu fi rakkoon ni mudatu. Cimuun jechuun abdii hin kutin, rakkoo jalaa hin deebi’in, kaayyoo kee irratti cichuu dha. Kufaatin barnoota; nama cimsuu danda’a yoo inni irraa barate. Itti fufiinsi fi obsaan milkaa’inatti si geessu. Namni cimee deemu, yeroo dheeraaf bu’aa waaraa argata. 5. Mul’adhuu Dhuma irratti bu’aan hojii ni mul’ata. Mul’adhuun jechuun milkaa’ina keessaa fi alaa argisiisuu dha. Keessatti quufaa fi gammachuu argata; alaan immoo kabajaa fi jijjiirama hawaasaa fiduu danda’a. Namni barate, hubate, hojjate, cime, dhuma irratti milkaa’ina isaa ni mul’isa. Xumura irratti daandiin milkaa’inaa ifa dha,Baradhuu, Hubadhuu, Hojjadhuu, Cimadhuu, Mul’adhuu.Namni tarkaanfii kana sirnaan hordofu kaayyoo isaa galmaan ga’a; jireenya isaa keessatti jijjiirama dhugaa uuma. @ombori_mentor_mind ✨
Open in Telegram