Posts of HADIISA๐
๏ดฟุงููู ููุฑู ุงูุณููู ุงูุงุชู ููุงูุฃูุฑุถู ู ูุซููู ููุฑููู ููู ูุดูุงุฉู ูููุง ู ูุตุจุงุญู๏ดพ โุนู ุงุจู ู ุณุนูุฏ ูุงู:"ุฅู ุฑุจูู ููุณ ุนูุฏู ููู ููุง ููุงุฑุ ููุฑ ุงูุนุฑุด ู ู ููุฑ ูุฌูู"โ- ุงุจู ูุซูุฑ
Open in TelegramLakka umriin tee achi deemaa deemtuun hariiroon namootaa wajjiin qabdu dhumaa deemteeti hariiroon ati rabbi kee ๏ทป wajjiin qabdu qofti siif hafti. Hariiroo rabbii keetii wajjiin qabdu tolchii eeggadhu bareeffadhu. Jumadal Sani 15,1448H
Open in Telegramยซ Bu'ura kana qabadhu! Nama rabbi ๏ทป guddisu kan isa jaalatu,kan isa sodaatu,kan isa qofa kajeeluu fii isarratti irkatu ta'uu yoo barbaadde nama hiikkaa maqaalee fii sifoota isaa beeku ta'i. Hanguma rabbi ๏ทป beekuun kee dabaluun iimaanni kee dabalee yaqiinni kee ol ka'ee balbaloonni milkii fii gammachuu sirratti as banamu.ยป Sheikh Dr. Saalih Sindii-hafizahullaah. Jumadal Sani 14,1448H
Open in Telegramยซ Yeroon dargaggummaa gabaabduu akka turtii ifa, bareedinaa fii tolina abaaboo birraati; gaafa addaattee goggoguu eegalte fe'attee deemuu bira geeysee jirti. Abaaboon gariin osoo bilchaattee hin goggogne durattiis tan haamamte karatti haftuutu jira. Yaa ilma kiyya dhimma kana itti dammaqi.ยป Jumadal Sani 14,1448H
Open in TelegramNamni duniyatti haqa qeebaluu dide aakhiratti qeebaluuf jiraata. Gaafas qeebaluun isaa homaa isa hin fayyadu malee.
Open in Telegramุจูุบูู ุฃูู ูู ุฌูููู ูุงุฏููุง ุชุณุชุนูุฐ ู ูู ุฌูููู ู ูููู ููู ุฃุฑุจุนู ุงุฆุฉ ู ุฑูุฉุ ู ุฎุงูุฉู ุฃู ูุฑุณู ุนูููุง ููุฃูููุงุ ุฃูุนูุฏูู ุฐูู ุงููุงุฏู ููู ูุฑุงุฆููู ู ู ุงูููุฑููุงุก l๐:[ุงูุฒูููุฏ (ูจูกูฉ/ูฅ) ููุฅู ุงู ุฃุญู ุฏ ุฑุญู ู ุงููู]
Open in TelegramNaamusa qabaachuu fii namootatti tola ooluu keessaa; waan namni isaa wajjiin haasooytu dhabee fii hin qabne irraa haasa'uu dhabuudha. Jumadal Sani 11,1448H
Open in Telegramยซ Yeroon nama mu'minaa kan bonaa waa bareedaa! Halkan isaa dheeraadha keessa dhaabbatee salaataa bula guyyaan isaa gabaabaadha ni soommana. ยป kan jedhu ture Hasan Al basriin Jumadal Sani 12,1448H
Open in TelegramViidiyoo namichi gara falfalaa nama yaamuu san hin maxxansina,sheer,like fii comment illee jalatti hin godhinaa barakallaahu fiikm
Open in Telegramยซ Adaba gaarii,akhlaaqa bareedaa fii diin sirrii ilmaan ofii barsiisuun dhaalchisuutu kuusaa warqii fii meetaa isaaniif kennuu irra dachaa meeqaan caala. ุงูุณุนุฏู ุฑุญู ู ุงููู ุจูุญุฉ ูููุจ ุงูุฃุจุฑุงุฑ ูกูฉูง Jumadal Sani 12,1448H
Open in Telegramยซ Namoota waan kee isaan dhoorkatte irraa nagaya baatee namoota akka isaan fedhanitti isaaniif kennaa turte irraa nagaya bahuu dhabuu keetu mala. Harka tokkoon sirraa fudhataniiti harka biraa si wawwaraanu. Duniyumaatu tola ati namootaaf oolte mormamuun khaadamuun guutamtuudha. Namni ati caba isaa wal'aanteef gariin si cabsuuf taa'an. Namoonni isaan wal'aante muraasni summii si obaasuutu faatu jira. Gariin namoota ati gaafa isaan dukkana hamaa keessa turan shaamaa qabsiisteef gaaf-tokko shaamaa kee bakka ati isa malee waan biraa harkaa hin qabnetti si harkatti dhaamsanii fagoorraa sii dukkana keessaa faallisaa guggufatu si daawwatuu faatu jira. Namoonni ati imimmaan isaanirraa haxooytee isaaniif garaa laaftee isaan sossobaa turte gariin dhiiga si boochisuu faatu mala. Kana hundaan wajjiin ati irraa caalaa isaanii ta'ii argami. Garuu ballaan gaafa ijji isaa banamteef durri wanti inni godhuu ulee ittiin deemaa ture akka darbu hin dagatin. Kuni haala duniyaan of keessaa qabdu irraayi. Haalli akkanaatiis ni jiraa jechuu beektee akka of qopheeysituu fii gaafas akka obsan dhabneefi.ยป Rabbiin ๏ทป haaloota akkanaa nurraa haa qabu. haalli akkanaa nu mudachuurraa rabbitti ๏ทป maganfanna. ู ูุชุจุณ ู ู ููุงู ุงูุดูุฎ ุฑุณูุงู ู ุน ุชุตุฑู ูุณูุฑ Jumadal Sani 12,1448H https://t.me/HadithOfficial/14153
Open in TelegramDhimma nama rifachiisan keessaa tokko; gammachuu barbaada bakka takka irraa kaatee deemtee deemtee naannooytee zamana dheeraa booda qabxumaa fii bakka jalqaba irraa kaatee milkii barbaada turte gaafa argattuudha. Kanaaf jecha darsii jalqabaa; Rabbiin kee eenyu? Diin kee hoo maalii fii nabiyyiin kee hoo eenyuu san itti deddeebi'ii lallaali. Mowlaaya karaa qajeelaa nu qajeelchi irrattiis sabaata nuuf kenni. Hubannaa fii beekumsa isaatillee nuu kennitee itti nu hojjechiisi. ุงูููู ุตู ูุณูู ูุจุงุฑู ุนูู ูุจููุง ู ุญู ุฏ ๏ทบ Jumadal Sani 11,1448H
Open in TelegramRisaalaa bareedduu dhimma milkaawaa jireenya bultii irraa dubbattuudha. Namni rabbiin ๏ทป laaffisee ofiifillee dubbisee namoota birootillee osoo qaraasisee jechuun risaalaa hawweedha.
Open in Telegram