"Heerumnuu moo dhiisnuu? Lakki! Heerumee du'uurra, heerumni natti hafee lubbuun jiraachuu koo naaf wayya!" Yaada Shamarran keenya baay'ee gidduu kanaati!
Sister Heerumni sababaa fi balbala du'aati eenyuutu siin jedhe? Miiliyoonota Addunyaa kanarraa wal fuudhanii, anaaf siin dabalatee, ilmaan namaa Biiliyoonotaan dachee kana haguugan maaf sitti mul'achuu didan?
Maatiin keenya wal fuudhanii, Gaa'elatti Jaarani, arrii baasanii, molatanii kunoo ammayyuu jaalalaan waliin jiraatu. Seenaawwan du'a suukanneessaa Gaa'ela keessatti uumamuu fi Gaa'ela sababeeffatu dur, afaan maatii keenyarrayyuu badaa baay'eesaaa hin dhageenyu.
Barri kunoo dheengadduma kana babbadde. Kunoo dheengadduma! So? Erga warreen akka maatii keenyaa, Miiliyoonotni itti jaaran jiraatee, warra ammaa gidduuttimoo kana dhadhaga'uu eegalleetii, kana jechuun sirriimatti rakkoo wayiitu jira. Malee,.Gaa'elli rakkoo hin taane. Iddoon dhalootni kun irraa kaate wayii jira jechuudha.
Siijjemmer Jalqabumayyuu utuu Gaa'elli rakkina qabaatee Waaqayyo hin hundeessu ture. Barreeffama kana kanan barreessaa jiruuf, gidduu kana ifaamatti, dhoksaattis ta'e shamarran keenya Depression addaa keessa waan jiran natti fakkaachaa jiru. Mul'isaniis sodaa qaban utuu dudubbatanuu dhaga'aa jirra.
Mee kottaa dhugaamasaa haasofnaa!
Maal jarana har'a mana mana isaanii dargaggootni waggaa 30 gadii jaalala bareedaa dhandhamaa jiraachaa jiran hin jiranii? Miidiyaa jalaa Girrigirrii jalaa of dhoksanii jechuudha. Warra namni waa'eesaanii hin beekne, warra namni akka waa'eesaanii beekus hin barbaadne hin jiranii?
Warrumti dhufee social media irratti arginu kunis lakkoofsi isaanii meeqaa? Ration isaanii hoo? Mee waan biraatu duuba jiramoo akkuma sodaattan, rakkinni Gaa'ilicha? Maal Gaa'ela yoo ta'e du'aaf wal qaqqabsiisuun erga jiraatee, maaf warri kaan hundi wal hin fixin? Maaf dacheen kun Akeeldaamaa hin ta'in. Eentu isaan dhowwe? Ga'elli kaaniif dirree Waraanaatti fakkeeffame kun, isaa kanaaf maaf Jannata ta'e?
Muuxannoorraa keessa jiraannee yoo arguu baanneyyuu waanuma arginee taajjabaa jirrurraa yoo walitti himne, maalsaa wal sobna?
1. Namni baay'een bara kana Fayidaaf jedhee wal fuudhee, walitti heerumaa hin jiruu? Wal sobuun maaf barbaachise? Gaa'elli akkasii gaafa dhabuun dhufu maal fida? Tilmaamuun nama dhibaa?
2. Namni bakkuma ta'etti wal baree ka'ee, aarii dhiira kana dura jireenyashee keessa turee ykn durba kana dura jireenyasaa keessa turtee dagachuuf namni baay'een, ji'a 3/4 'tti walitti cabee wal fuudhaa hin jiruu? Kanaa Gaa'elli nuti maatii keenyarraa barre? Maatiin keenya dur, hariirichumti yaada Waaqayyo ta'uusaa baruufuu ji'a 6 haga waggaa tokkoofaa kadhatu. Silaa wal fuudhu taanaan, ajandaa isaanii guddaa godhanii waggaa lamaa ol faa irratti kadhatu. Amma namni yeroomasaa argateeyyuu baay'inna obbolaa qabuuyyuu wal gaafachaa jiru jiraa? Maaf wal sobna?
3. Namni baay'een gaaffii, "Ati maaliif hin fuutu? Ati maaliif hin eerumtu? Umuriin kee deemeer bar!" jedhu baqachuuf, nama dhugaan keessisaa itti hin amanin, waliin Gaa'ela dhaabbachaa hin jiruu?
4. Jireenyi keenya bakka biraatti akka deebi'ee hin hodhamnetti, diddiigamee fudhannee nama biraa waliin aarii sana dagachuuf mana ijaarranne, kunoo hiikkaan Gaa'ela dhaloota jalaa badee burjaaja'u hin taanee nuti?
5. Barattiin bara badduu humna namaa qortuu fi jireenyaaf maxibashaarra nama keessu waan taateef, isa Waaqayyo yaadee hundeesserra namni baay'een, daandii ittiin rakkina/hiyyummaa keessaa baqatan godhee filannoo godhachaa hin jiruu? Akkasitti ijaaramee Gaa'ela Ta'aaree?
6. Mee baay'een keessan nama akka single ta'e, dhugumasaa kakatee ji'a dura isinitti himaa turee, tasuma torbee lama sadii booda Fuudhee eerumaa jiru, argaa hin jirtanii? (Isinitti himuuf dirqama qaba hin jenne)
Maaliif wal sobna? Ani Obbolootteta koo durbaaf kabajan qaba. Yeroo tokko tokko funny goonus, Gaa'elli dhaabbata Kabajamaa Waaqayyo dhaabeedha. Jireenya Gaa'elaa jibbuun dura, mee ofitti deebinee ofii keenyaa fi dhalooticha haa ilaallu.