Account

Waldaa Sillaasee Yaa'ii Mooraa Jimmaa

Jaalala_Qabaadhu Waaqayyoon jaaladhu; mootummaasaa jaaladhu; nama hundaa jaaladhu; jaalalli jaalala fida. Haa ta'uutii ati tajaajila kee akka hojiitti qofa, akka dirqamaatti, ykn kaayyoo ta'eef qofa akka ta'eetti kan ilaaltu yoo ta'e bu'aan kee maalinni?

Username
@dooniinoh
Subscribers2,935
Avg views per post, 7d447last 7 days
ERR15.21%last 7 days

Average views per post by day

By publication day

Show as table
DateAvg views per post
Nov 25, 2026575
Nov 27, 2026318

Latest posts

#2472Link preview
Views318−29%vs avg
Forwards—
Reactions3
Comments—
#2471Link preview
Views575+29%vs avg
Forwards—
Reactions6
Comments—
#2468File
Views1,780+299%vs avg
Forwards—
Reactions7
Comments—
#2466Link preview

Forwarded from Amantaa koo (Ortodooks Tewaahidoo)

#Ol_fudhatamuu_Melketseediq Namni natti amanu hin jiraata malee hin du'u. Yoh.8:50 Gaafa Qaammee 3 ayyaanota baay'eetu kabajama; Isaan keessaa tokko guyyaa itti Melke Tseediq itti ol ba'eedha. Hiikni isaas mootii nagaa jechuudha. sanyii kush qomoo #Kaam keessaa kan dhalateedha. Nohi bishaan badiisaa booda ijoollee isaa sadaniif addunyaa kana carraadhaan (Ixaadhaan) gargar qoqqoodee laateeraaf; haaluma kanaan Kaamiif kalattii Bahaatu laatameef dhaloonni isarraa dhalatan keessaa Seenduu namni jedhamu Baha Biiftuuti ka'ee biyya Gibxiin cee'ee warra Kaananiin mo'atee biyyicha dhunfatee ture iddoo sanas maqaa Beetasayidaa jedhee moggaase hiikni isaas mana dhiifamaa fi eebbaa jechuudha. Seenduun namni jedhamu kun mucaa Saaleem jedhamu dhalche, Saaleem immoo Milkii fi Melka Tseediqiin dhalche. Saaleem namni jedhamu kun magaalaa Yerusaalemiin kan hundeessedha. Milkiin quxusuu Melka Tseediiq angafa ture abbaan saanii kun Waaqa tolfamaatti goree gaaf tokko ijoollee isaa lachuu keessa tokko Waaqa tolfamaaf aarsaa dhiyeessuu yaadee jennaan haati saanii mormite yeroo kanaa lamaan isaaniif yeroo carraa buusan carraan Milkii irratti baase. Melki Tsediiq yeroo kana argu maatii akkasii keessa hin jiraadhu jechuudhaan dhiisee ba'e. yeroo kana hafuurri Waaqayyoos isarra bulee hojjetaa Waaqayyo akka ta'uuf filame, lafee abboolii tulluu Qaraaniyoorra kaa'amee ture akka eegu, mootii nagaa ta'ee nagaa akka nagaa murteessu, luba bara baraa ta'ee akka tajaajilu Waaqayyo isa taasise. Maddi seenaa kanaa barruu Hameerii Waggaa 7 lakk 3 irraa dubbisaa. Akkaata inni itti gara tulluu Qaraaniyootti ol ba'ees bishaan badiisaa booda Nohi yeroon boqonnaa isaatii gaafa ga'u ijoollee isaa keessaa Seemiin waamee qomoo Kaam keessaatii mucaa tolaan dhalateera isa maatii isaa irraa adda baasiitii kennaa qulqulluu Mikaa'el fi Gabri'eliin yeroo Hewaan uumamte harka Addaamitti kennaan, warqee, ixaanafi qumbii lafee Addaamii fi Hewaan akkasumas kan Seet iddoo Waaqayyo isatti agarsiise kaa'ee akka eeguuf itti kenni seera immoo seerradhuuf jedhe. Qulqullummaan dubartii irraa adda ba'ee, mataa haaddachuu dhiisee utuu qeensa hin qoratiin bookaa fi coomaas dhuguuf nyaachuu irraa of eegee Duudaalem (walakkaa addunyaa kanaa) iddoo jedhamtu akka jiraatuufi iddoo sanas ixaanaan akka ulu lafee abbootaa fi kennaa qulqulluu itti kenname akka eegu Waaqayyo isa abboomee ture. Iddoon jedhame kun iddoo jalqaba Addaam itti uumame lafa inni itti awwaalames Qaraaniyoo iddoo jedhamuudha. Abiraahamis mootota biyya 5nani gaafa injifatee deebi'u Waaqayyo gara Melketseediq deemee akka inni kudhan keessaa tokko itti laatu Melke Tseediq immoo ibistii eebbaa fi dhugaatii eebbaa akka laatuuf isa abboomeera. Dhala dhala isaatti akka dabarsuuf warqee ixaana qumbii sanas itti laateera. S/Um.14:17-18. Warqee ixaanaa fi qumbiin sun darbaa dabarsaadhaan warra sabaa sagal ga'ee warri sabaa sagal immoo giiftii keenya Maariyaamiif laataniiru Mat.2:1. Egaa walumaa gala Melke Tseediq kun luba bara baraa jedhama. Barri jireenya isaas lakkoofsa hin qabu jedhama. Ibroota.7:1-13 dubbisaa. Lubummaan isaa waaqa biraa kan kennameefiidha. Kan bara baraati jedhamuun isaa ammoo bara akkasii jalqabamee bara akkasii xumurame waan hin jedhamnefiidha. Macaafa qulqulluu keessatti hanga kan jedhamu hiikkoo lama qaba isaanis kan xumura qabuuf hin qabne jechuudha. Kan xumura hin qabnee kan Waaqayyo qofa, kan Melke Tsediq garuu hanga bara baraatti kan jedhu bara dheeraa ta'uu isaa kan ibsuudha. Fkn. Akkuma Solomooniin bara baraan mohi akkuma jedhan jechuudha. Melke Tseediq hanga dhufaatii Gooftaatti bara baraan kan jiraatu waan ta'eef. Egaa walumaa galatti tulluu Qaraaniyoo irra taa'ee Ixaana qulqulluu Waaqayyoof aarsaa, awwaala abbootii eegaa kan wal lole walitti araarsaa, kan dabe immoo qajeelchaa mootii nagaa tahudhaan bara dheeraa turee Qaammee gaafa sadii akka Henookii fi Eliyaas biyya jiraattotaatti 'ol ba'eera. Guyyaa xumuraa sana yeroo ilmi badiisaa sun dursee dhufu wangeela dhugaa lallabuudhaan Henook, Eliyaas fa'aa faana wareegama M/Yoh. 11:4. Ati akka Melke Tseediq Luba bara baraati. Far 110

Open in Telegram
Views1,670+274%vs avg
Forwards—
Reactions8
Comments—
#2465Link preview

#QULQULLOOTA_TA'AA...#MUDAA_KAN_HIN_QABNE_TA'AA ... Yeroo of qorachuu of wajjin taasisnu kana keessatti, xiyyeeffannoon keenya cubbuu irraa adda bahuu qofa hin ta'in. Nu Kiristaanota irraa kan barbaachisu qulqullummaa fi mudaa kan hin qabne ta'uu akka ta'e yaaduu qabna. Kanaafis macaafni keenya akkas jechuun nu ajaja: "Garuu ani qulqulluudhaatii isinis qulqulluu ta'aa jedhamee akkuma barreeffame, kan isin waame qulqulluu akkuma ta'e isinis immoo jireenya keessan guutuun qulqulluu ta'aa." (1 Phex 1:15-16). Gooftaanis immoo: "Egaa Abbaan keessan inni samii mudaa kan hin qabne akkuma ta'e, isinis mudaa kan hin qabne ta'aa" (Mat 5:48) jedheera. Gaabbii galuun tarkaanfii jalqaba cubbuu dhiisuudhaaf taasifamu qofadha. Sana booda garuu tarkaanfiiwwan gara jireenya mudaa hin qabneetti nu geessisan baay'eetu jiru. Kanaafuu gaabbii qofa irratti xiyyeeffachuu hin qabnu; qabsuurri keenya hundi cubbuu irraa gara guddachuu qofa ta'uu hin qabu. Caalaatti garuu qabsuurtı afuurawaa keenya hundi gaarummaa isa xiqqoo irraa gara gaarummaa isa guddaatti, kasoominaanis gara ol'aantummaatti ce'uu ta'uu qaba. Eeyyee! Cubbuu dhiisuun hojii jalqabdootaa fi bakka ka'umsaa qofadha. Kanaafuu tuqaa ka'umsaa kana qofa irratti dhaabbannee hafuu hin qabnu. Caalaattis isa irra ceenee gara qulqullummaatti deemsa taasisuu qabna. Hojii jalqabdootaa kana irra yoo hin darbine garuu, qaama Gooftaa akka ta'uu keenyaatti, Gooftaan qaamonni isaa akka isaaf ta'uu qabanitti deemuu dhiisuu keenyaaf nutti gadda. Nuti garuu erga kufnee kaanee booda, gaabbii abdii godhachuudhaan, ammas irra deebiin iddoodhuma jalqaba kufnetti deebinee kan kufnu malee, gara jireenya qulqullummaa fi mudaa hin qabneetti kan hin ilaaalle, dadhabdootaa fi dhibaa'ota taaneerra. Ijoollota koo ani garuu isiniinan jedha; wantootni haala kanaan itti fufuu hin qaban. Umurii keenya guutuu gaabbii seenaa dabarsuu hin qabnu. Jireenya kee guutuu cubbuu faana wal falmaa fi gara gaabbiitti dhiyaachuuf tattaafachuun dabarsuu hin qabnu. Caalatti sadarkaa qulqullummaa Ergamootaa fi Qulqullootaan gammadaa, Waaqa bira dhaqqabuuf ariifachuu qabna. Karaa isa gara mudaa dhabummaatti nu geessu irras deemnee, sadarkaa qulqullummaa kurnaniin guddachuu qabna. Barri kun bara eebbaan akka isiniif ta'uuf hawwii kooti. Gooftaanis ayyaana harkisee gara isaatti isin dhaqqabsiisuun sin haa eebbisu! H.H pope Shenouda III Laphee haaraa, afuura haaraa https://t.me/DooniiNoh

Open in Telegram
Views1,580+254%vs avg
Forwards—
Reactions6
Comments—
#2464Link preview
Views1,100+146%vs avg
Forwards—
Reactions5
Comments—
#2463Text

Forwarded from Amantaa koo (Ortodooks Tewaahidoo)

#HUMNA_KEE_FI_JABINA_KEE_HUNDA_GARA_KALLATTII_FAYYAA_TΑHΕΕΤΤΙ_GAGGEESSI Namaa kamuu ta'ee, si keessa humna dhokataa si balleessuu danda'utu jira. Humna kanas nama biroo irratti, jechuunis gara alaatti, yookaan cubbuuwwan mataa kee irratti jechuunis, gara keessatti akka xiyyeeffatu gochuu ni dandeessa. Humna kanaan gara alaatti yeroo xiyyeeffattu namas, ofii kees ni miita; gara keessatti yeroo xiyyeeffattu garuu badiiwwan kee madda isaanii wajjin balleessuuf sirriitti itti fayyadamta. Kanaafuu yeroo cubbuu hojjette humni kun si qofa irratti akka xiyyeeffatu gochuuf, haala gaariin gaggeessuuf yaali. Kallattiin jaalalaan kan bitame, fayyaalessa kan ta'ee fi qajeelummaa irraa kan madde ta'uu isaa hubadhu. Humni kunis kallattii isaa akka hin gadhiisne sirriitti of eeggadhu. Haaluma wal fakkaatuun, namni kamiyyuu fakkeenya Waaqaan kan uumame waan ta'eef humni gaarii fi ijaaraa ta'e keessa isaa ni jira. Humna kana gara karaa qajeelaatti gaggeessinee seeraan faayidaa irra oolchuu qabna. Hunda dura jalqaba fayyina keenyaaf, sana booda waan gaariif, sana booda immoo daangaa Waaqni nuuf kaa'een warren biroof taasisuu qabna. Kana jechuunis humna keenya namoota kaaniif yeroo taasisnu, Waaqayyoon akka hin dagannee yookaan bakka Waaqaaf qabnu akka nu jalaa hin fudhanne of eeggachuu qabna jechuudha. Kennaa ayyaanaa, Waaqayyoon siif kenne kamiyyuu gara gaarummaatti akka qajeelu gochuu qabda. Fakkeenyaaf beekumsaa fi sammuu yoo fudhanne lamman isaanii kennaawwan Waaqa irraa siif kennamanidha. Kennaa kana waan gaariif malee namoota biroo miidhuuf, dubbii xaxuuf, yookaan namoota kaan irratti of tuulummaan qajeelaa of gochuuf, falmii fi mormii moo'achuuf, yookaan hawwiiwwan kee hamoo ta'an ittiin guuttachuuf itti fayyadamuu hin qabdu. Barri haaraan kunis jireenya kee keessatti bara moo'ichaa siif haa ta'u. Yeroo turtii ofii kee wajjin taasistu keessatti, gama jireenya afuurawaa keetiin iddoo itti dadhabaa taate sirriitti qoradhu. Akkamitti jiraachuu akka qabdus ofii keetti akkas jedhii himi: "Jireenya moo'ichaa jiraachuun qaba; kana yookaan sanaaf hin jilbeenfadhu; karaa warra moo'amanii irras hin bu'u; Gooftaan jecha abdii warra moo'ataniif kennes guyyaa dhumaa sanatti nan argadha." (Mul 2 fi 3). Barri haaraan kun bara guddina afuurawaa keetiin guyyaa guyyaan gara jireenya samiitti ol itti baatuu fi ol ol itti jettu siif haa ta'u. Kanaafuu turtiin ofii kee waliin taasistuun gufuu, danqaa, fi qormaata hunda irraa fagaachuuf murtii keessa hin deebi'amne murteessi. Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti wantoota isa danqan baay'ee qaba. Kanaafuu, wantootni si danqanii fi si qoran maal akka ta'an qoradhu; isaan irraas fagaadhu. Gooftaan keenya danqaa cubbuu irraa akka fagaannu kan nu yaadachiisu, "Ijji kee mirgaa yoo si danqite, ofirraa baasii gati; ... harki kee mirgaas yoo si danqite ofirraa kutii gati." hanga jechuuttidha (Mat 5:29-30). Kanaafuu dhimma kana irratti kutataa ta'i. Hanguma ofii kee danqaa irraa fageessitu immoo, namoota kaaniif danqaa akka hin taane of eeggadhu. Jecha Gooftaa "Egaa eesatti akka kufte yaadadhu; gaabbis seeni" jedhu yaadadhu (Mul 2:5). Dhimma kana irratti, ofii keetiif tasa hin gaddin. Iddoo kufte irraa ka'uuf of akeekkachiisuu fi adabuun yoo si barbaachise illee, gara dogoggorichaatti akka hin deebineef of akeekkachiisuu irratti kutataa ta'i' ofis adabi. Inni: "Lubbuu isaa fayyisuu kan jaalatu; ishee ni balleessa" (Luq 9:24), "Lubbuu isaas waa'ee koof kan balleessu, ishee ni argata" (Mat 1:39), jechuun, waa'ee isaaf jettee lubbuu kee balleessuun barbaachisaa akka ta'e dubbateera; hamma ofii kee jaallattu caalaa Waaqayyoon jaalachuu qabda. Isaaf jettee "jireenyi kee illee osoo hin hafin jibbuu" akka qabdu dubbateera. (Luq 14:26) Kanaanis jireenya bara baraa ni argatta. Kanaaf of qoradhu; waa'ee cubbuu keetif of itti gaafatamaa godhi. Garuu yeroo kana gootu hafuuronni hamoon abdii kutannoo keessa akka si hin galchine of eeggadhu. Eeyyee! Of yeroo qorattu ogummaadhaan haa ta'u; of yeroo akeekkachiistus hubannoodhaan haa ta'u.

Open in Telegram
Views1,040+133%vs avg
Forwards—
Reactions4
Comments—
#2462Link preview

#Hewaan_ishee_duraa_fi_Hewaan_ishee_haaraa Hewaan dhala namaa hundatti badii fi du'a yeroo fiddu; haati keenya dubroon Maariyaam garuu qoricha foonii fi lubbuu nuuf deesseetti. S/um 3:16, Luq 2:11 Hewaan muka hamaa fi gaarii nama barsiistu kan ta'e firii Balasii akka hin nyaanne yeroo dhorkamtu, haati keenya garuu muka jireenyaa Kiristoosiin nuuf deesse. S/um 3:24, Yoh 15:1 Hewaan sababa cubbuun gara Gannataatti akka hin galle Ergamootaan yeroo dhorkamtu, haadha keenya garuu ergamootatu ishee eegaa ture. S/um 3:24, Mul 12:1 Hewaan ajajamuu dhiisuu isheetiin balballi Gannataa yeroo itti cufamu, ajajamuu haadha keenyaatiin immoo balballi Gannataa cufamee ture nuuf banameera. Hewaan dhiphinaa fi ciniinsuun yeroo deessu, haati keenya garuu ciniinsuu fi dhiphina malee deessetti. S/um 3:16, Luq 2:6-7 ☐ Hewaan mucaan isheen deesse inni hangafaa Qaayeel lubbuu namaa kan ajjeese ture, haati keenya kan deesse Iyyesuus Kiristoos garuu lubbuu ilmaan namaa kan fayyisuu fi jireenya bara baraa kan namaaf kennudha. Hewaan fooniin haadha hundumaa yeroo jedhamtu, haati keenya dubroon Maariyaam garuu afuuraan haadha hundumaa jedhamteetti. S/um 3:20, F/D 86:5, Yoh 19:26 Hewaan balleessaa isheen yeroo itti murteeffamee gara biyya lafaatti darbatamtu, haati keenya garuu aangoo Ilma isheen du'aa kaatee ol-baateetti. F/D 131:8 Inni biraa haati keenya cubbuu daddarbaa/cubbuu Addaam/Xinte Aabbisoo hin qabdu. Ibr 7:4 Haati keenya hangam iyyuu mucaa Addaamii fi Hewaan taatu sababa Addaamii fi Hewaaniin cubbuun ilmaan namaa irratti daddarbaa ture sun haadha keenya hin arganne. Gooftaan akka beekuu fi akka hojii isaatti ishee eegeera. #Yaa_maariyaam_kanaaf_si_jaalanna Maaliif shakkitaa? https://t.me/DooniiNoh

Open in Telegram
Views1,600+258%vs avg
Forwards—
Reactions7
Comments—

All posts