Account

Posts of Gaaffii Keessaniif Deebii

newest first

#1435Link preview

🌍 Addunyaa To’achuu Dura: Kaayyoo Jireenyaa Ofii Beekuu Falaasamaan beekamaan Pilaatoo (Plato), “Addunyaa to’achuuf yaaluu kee dura, kaayyoo kee to’adhu” jedha. (Master your purpose before trying to master the world.) Yaadni falaasamaa kun jireenya Kiristaanummaa, barsiisa Macaafa Qulqulluu fi barsiisa Abbootii Mana Kiristaanaa wajjin walitti dhufeenya guddaa qaba. Addunyaa mo’achuu caalaa, of beekuu fi kaayyoo uumamnef hubachuun hojii keenya isa duraa ta’uu qaba. Har’a namoonni baay’een addunyaa alaa to’achuuf, beekamtii, qabeenya, aangoo fi ulfina argachuuf fiigu. Garuu kaayyoo dhugaa i uumamneef yoo hin beekne, addunyaa guutuu yoo mo’ate illee keessi isaanii duwwaa ta’ee hafa. 📖 Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Wangeela keessatti dhugaa kana akkana jechuun ibseera: > “Namni addunyaa guutuu yoo argatee lubbuu isaa yoo dhabe, maal isa fayyada? Yookaan namni lubbuu isaatiif furii maal kennuu danda’a?”— Maatewos 16:26 Addunyaa guutuu argachuun illee kaayyoo jireenyaa dhabuu fi lubbuu ofii miidhuu irraa nama hin oolchu. Dursa wanta kamii kennuu akka qabnu yeroo barsiisu immoo: " Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama." (Maat 6: 33) Kanaafuu, kaayyoon ilma namaa inni duraa eenyummaa isaa isa hafuuraa fi Uumaa isaa beekuu dha. ☦️ Abbootiin Mana Kiristaanaa keenya of beekuu fi kaayyoo itti uumamne hubachuun addunyaa  to’achuu caalaa barbaachisaa ta’uu isaa irra deddeebi’anii barsiisaniiru. 1. Qulqulluu Antooniyoos Guddaa (St. Anthony the Great) akkas jedha:- “Dhugumatti, jaallatamtoota koo warra Gooftaa keessatti, isin ni beektu; namni of beeku Waaqayyoon ni beeka; namni Waaqayyoon beeku immoo karoora Waaqayyo uumamtoota Isaatiif qabu ni hubata.” ➢   The Letters of St. Antony the Great, Trans. Derwas J. Chitty, p. 11. Barsiisni kun addunyaa mo’achuuf yaaluu dura gara keessa keenya ilaaluun, eenyummaa keenya Uumaa keenya duratti hubachuun hammam barbaachisaa akka ta’e nu barsiisa. 2. Qulqulluu Isaayyaaq Sooriyaa (St. Isaac the Syrian) “Namni sa’aatii tokkoof illee waa’ee lubbuu isaa gadduun boo’u, nama kadhannaa isaatiin warra du’an kaasu caalaa guddaadha. Namni ofii isaa arguu danda’uuf kan ga’e immoo, nama Waaqummaa arguu danda’uuf ga’e caalaa guddaadha.”   ➢ The Ascetical Homilies of Saint Isaac the Syrian, Homily 64. Barsiisni isaa kun of beekuu, qalbii jijjiirrachuu fi nagaa keessaa qabaachuun ulfina alaa fi milkaa’ina addunyaa kamiyyuu caalaa gatii guddaa akka qabu nu hubachiisa. 💡 Jireenya Keenyaaf Barumsa Yaadni Pilaatoo fi gorsi Abbootii Mana Kiristaanaa kun wantoota gurguddoo sadii nu hubachiisu. a) Milkaa’inni keessaa isa alaa dursa. Milkaa’inni alaa (qabeenyi, aangoon, beekamtiin) kaayyoo keessaa yoo hin qabaanne, akka doonii kallattii hin qabneeti. Kanaafuu, wanta ittiin jiraannu fi jireenya keenyaaf hiika kennu dursinee beekuu qabna. b) Addunyaa jijjiiruuf dursa of sirreessuu. Addunyaa jijjiiruuf ka’uu keenya dura, nuti ofii keenya Waaqayyo duratti qajeelummaa fi gaarummaa keessatti jijjiiruu qabna. Namni ofii isaa sirreessuu hin dandeenye, warra kaan sirreessuuf yaaluun isaa bu’aa gaarii hin fidu. c) Wanta yeroo keessatti argamu jireenya bara baraatiin madaaluu. Waan hundumaa argachuuf itti fiignu dhuma irratti maal akka nuuf fidu, akkasumas jireenya bara baraa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu isaa qorachuun hojii nama ogeessaati. Walumagalatti! Addunyaa kana keessatti beekamtii, qabeenya, aangoo fi ulfina argachuuf carraaquun dogoggora miti. Garuu wantoonni kun hundi kaayyoo jireenya keenyaa isa dhugaa bakka bu’uu hin qaban. Kanaafuu, addunyaa guutuu to’achuuf hin dadhabin; kanaa mannaa, kaayyoo Waaqayyo siif kenne hubattee, isa keessa jiraadhu. Akkas gochuun addunyaa kana keessatti milkaa’ina dhugaa argachuu fi jireenya bara baraa dhaaluu si dandeessisa! Torban gaarii! ✍https://t.me/Araaraat

Open in Telegram
Views1,060−17%vs avg
Forwards—
Reactions18
Comments—
#1434Link preview

Nama Hunda Gammachiisuu Hin Dandeessu; Garuu Eenyummaa Kee Eeggattee Jiraachuu Ni Dandeessa! ✍Nama hundumaa gammachiisuuf jettee of hin dagatin. Jireenya keessatti nama hundumaa gammachiisuu, eenyuunuu osoo hin mufachiisin jiraachuu fi qeeqa namootaa irraa bilisa ta'uun hin danda'amu. Yeroo nama hundumaa gammachiisuuf carraaqxu, fedhii namoota biroo guutuuf jettee fedhii kee dagachuu dandeessa. Namoonni tokko tokko amanamummaa kee ni dinqisiifatu; kaan immoo si mormu. Kanaaf, namoonni maal akka siin jedhan qofa irratti hundaa'uun jireenya kee hin geggeessin. Namoota kabaji, gorsa isaanii dhaggeeffadhu, dogoggora kee yoo hubatte sirreessi. Garuu namoota gammachiisuuf jettee dhugaa kee fi qajeelfama gaarii kee hin dhiisin. ✍ Yaada namootaa hunda to'achuu hin dandeessu. Namoonni waa'ee kee maal akka dubbatan murteessuu hin dandeessu; garuu deebii ati kennitu filachuu ni dandeessa. Namni si jajatu hundi hiriyyaa kee dhugaa miti; namni si qeequ hundis diina kee miti. Yeroo tokko tokko jajni nama gowwoomsa, qeeqni immoo nama barsiisa. Kanaaf, qeeqa dhaggeeffadhu; kan si fayyadu irraa baradhu, kan sirrii hin taane immoo tasgabbiidhaan dhiisi. Namni hundi akka si hubatu gochuuf of hin dadhabsiisin; namoonni jireenya kee keessaa waan murtaa'e qofa beeku. ✍ Amanamummaan dhugaa fi qalbii/yaada kee eeguu dha. Amanamummaan waan hundumaa namootaaf himuu jechuu miti. Waan dubbattu dhugaa gochuu, waan hojjettu keessatti qalbii kee kabajuu fi qajeelfama gaarii hordofuu jechuudha. Eenyummaa kee eeggachuuf namoota jibbuun si hin barbaachisu. Kabajaan, “Ani kana irratti si waliin hin walii galu” jechuu barachuu dandeessa. Akkasumas, dogoggora kee irraa barachuun jijjiiramuu dandeessa. Eenyummaa kee eeguun dogoggora keessatti cichuu osoo hin taane, dhugaa fudhattee nama gaarii ta'uuf guddachuu dha. ✍ “Lakki” jechuu baradhu. Nama gargaaruun gaarii dha; garuu namoota biroo gammachiisuuf jettee yeroo hunda of miidhuu hin qabdu. Yeroo tokko tokko “Lakki” jechuun yeroo kee, humna kee fi itti gaafatamummaa kee sirnaan eeguudha. Kabajaan jiraachuun yeroo hunda walii galuu jechuu miti. Yeroo walii hin gallettis nama biraa kabajuu dandeessa. Namni tokko yeroo si mufachiisu, aariidhaan deebii kennuu mannaa tasgabbiidhaan dubbachuun jabina guddaa dha. ✍Hiriyummaan dhugaan walii kabajuu dha. Hiriyummaan dhugaan yeroo hunda yaada tokko qabaachuu miti. Garaagarummaa yaadaa keessatti wal kabajuu fi yeroo barbaachisutti waliif dhugaa dubbachuu dha. Namni yeroo hunda si jajatu qofti si hin fayyadu. Hiriyyaan dhugaan dogoggora kee jaalalaan si agarsiisuu danda'a. Akkasumas, namni tokko si hubachuu dhabuu isaa qofaan nama hamaa ta'a jechuu miti. Yeroo tokko tokko wal hubachuuf marii fi obsi barbaachisa. ✍Namni si hin arginetti illee nama amanamaa ta'i. Namoonni yeroo si argan qofa sirrii ta'uuf hin carraaqin. Yeroo namni si hin arginetti illee waan sirrii ta'e hojjedhu. Jajni namootaa akka si hin gowwoomsine, qeeqnis akka si hin dadhabsiisne of eeggadhu. Maqaa gaarii qabaachuun barbaachisaa dha; garuu maqaa kee eeguuf jettee dhugaa hin dhoksin. Kaayyoon kee namoota biroo caaluu osoo hin taane, kaleessa caalaa har'a nama gaarii ta'uu haa ta'u. ❗️Dhuma irratti akkas jedhi of gaafadhu: “Wanta har'a hojjadhe namni tokko illee yoo na arguu baate, yaada koo duratti amanamummaadhaan dhaabbachuu nan danda'aa?” jedhi 🤝Yaa michuu koo! Namni hundi akka si jaallatu gochuu hin dandeessu. Wanta namni tokko jaallatu namni biraa jibbu danda'a; namni tokko kan dinqisiifatu immoo kan biraa qeequu danda'a. Kanaaf, garaa nama hundumaa injifachuuf jettee qalbii kee hin dhabinaa. Gorsa gaarii fudhadhu, dogoggora kee sirreessi, namoota kabaji; garuu fedhii namoota biroo guutuuf jettee eenyummaa kee isa dhugaa hin dhiisin. Nama hundumaa gammachiisuu hin dandeessu; garuu namoota osoo hin miidhin, dhugaa osoo hin dhiisin, qalbii kee eeggattee jiraachuu ni dandeessa! ✍https://t.me/Araaraat

Open in Telegram
Views1,500+17%vs avg
Forwards—
Reactions26
Comments—
#1433Link preview

"Nama Jechiisaa fi Gochi Isaa Wal Hin Simne!" Maat 23:3 Namni tokko afaan isaatiin wantoota gaarii hedduu dubbachuu ni danda’a. Waa’ee jaalalaa barsiisuu, waa’ee gad of qabuu lallabuu, waa’ee dhiifamaa dubbachuu fi waa’ee dhugaa ija jabinaan ragaa bahuu ni danda’a. Garuu gochi jireenya isaa keessatti mul’atu jecha inni dubbatuu wajjin yoo wal hin simne, jechi isaa hammam bareedaa ta’ullee ragaa bahuun isaa fudhatama hinqabu. Akkas jechuun garuu namni tokko gonkuma dogoggora hojjechuu hin qabu jechuu miti. Namni dadhabaa dha; ni dogoggora, ni kufas. Haa ta’u malee, erga kufee booda  dhugaan of qorachuun,   gaabbii galuu  fi jireenya isaa fooyyessuuf carraaquu qaba. Wanti hamaan inni guddaan dadhabinni nama keessatti argamu qofa miti; dogoggora isaa osoo beeku namoota biroo afaaniin ceepha’uu fi ofii isaa garuu qeeqa irraa bilisa of taasisuudha. Yeroo tokko tokko gorsi namni tokko namoota biroof kennu sirrii ta’uu danda’a; garuu inni ofii isaatii gorsa sana hojii irra hin oolchu ta'a. Namoota biroon, “Obsi!” jedhee gorsa; ofii isaa garuu salphaatti aara. Namoota biroon, “Dhugaa dubbadhu!” jedhee gorsa; ofii isaa garuu dhugaa dhoksa. Namoota biroon, “Hin murteessina!” jedhee barsiisa; ofii isaa garuu saffisaan namoota irratti murteessa. Namoota biroon "Tokkummaa qabadhaa" jedhee gorsa ofii garuu tokkoomuu hin barbaaduu. Wantoota waliin faallaa akkasii keessatti miidhaan inni namoota biraa irran ga’u caalaa amantaa namoonni isa irratti qaban laafuu isaati. Namoonni jecha isaa dhaga’aa gocha isaa yeroo ilaalan, dhugaa inni dubbatu caalaa faallaa jecha isaa fi gocha isaa gidduu jiru yaadatu. Kanaafuu, jireenyi Kiristaanaa afaaniin dubbachuu qofaan osoo hin taane, amala gaariin, filannoo sirrii taasisuunii fi hojii guyyaa guyyaatiin dhugaa bahuu qabna. " Warra dubbicha hojii irra oolchan ta'aa malee, warra dhaga'uu duwwaadhaan of gowwoomsan bin ta'inaa! " Yaaq 1: 22 🙏 Yaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos! Dhugaa afaan keenyaan ragaa baanu jireenya keenyaanis akka mul’isnu nu gargaari. Fakkeessummaa fi of tuulummaa irraa nu eegi. Dogoggora keenya gad of qabnee akka beeknu, qalbii jijjiirrannee gara keetti akka deebinuufi hojii gaariidhaan akka guddannu ayyaana kee nuuf kenni. Jecha keenyaa fi gocha keenyaan maqaa kee akka kabajnu nu taasisi. Ameen! https://t.me/Araaraat

Open in Telegram
Views1,810+41%vs avg
Forwards—
Reactions13
Comments—
#1432Link preview

Namni dhugaa irraa yeroo baqatu, yeroo tokko tokko of irratti soba ijaara. Dhugaa beekus, fudhachuus yeroo rakkatu, ofii isaatiif sababa uuma. “Sababii ani akkas ta’eef nan qaba.” ➢ “Namoonni kaanis akkasuma godhu.” ➢ “Kun waan xiqqaa dha.” ➢ “Booda nan jijjiirama.” Sababoonni akkasii qalbii jijjiirrannaa akka harkifatu gochuu danda’u. Namni of sobuu yoo danda’e, nama biraa amansiisuun isa hin rakkisu. Balaan guddaan garuu, soba ofii isaatiin of amansiisuu yeroo jalqabu dha. Gargaarsi namni gaafatu yeroo tokko tokko gorsa inni kennu caalaa madaa garaa isaa mul’isa. Namni tokko yeroo hunda, “Namoonni maaliif na hin kabajan?” jedhee yoo gaafate, rakkoon isaa kabaja dhabuu qofa ta’uu dhiisuu danda’a. Namni biraa irra deddeebi’ee, “Maaliif namoonni hundi na dhiisu?” yoo jedhe, keessa isaa sodaan guutamuu jiraachuu danda’a. “Maaliif namni tokko illee na hin gargaarree?” kan jedhu immoo, yeroo tokko tokko namni sun of gargaaruu akka itti ulfaate agarsiisuu danda’a. Kanaafuu, jecha namni dubbatu qofa dhaga’uu osoo hin taane, wanta jecha sana duuba jiru hubachuun barbaachisaa dha. Namni of nama biraa wajjin yeroo walbira qabu, kennaa isaaf kenname dagachuu jalqaba. ➢ Namni biraa maal qaba? ➢ Namni biraa maal argate? ➢ Namni biraa maal ta’e? ➢ Namni biraa hammam fooyya’e? Namni gaaffilee kana irra deddeebi’ee gaafatu, dhuma irratti ofii isaa safartuu nama biraatiin madaaluu jalqaba. Haa ta’u malee, Waaqayyo nama hundaaf kennaa walfakkaataa hin kennu. Namni waan nama biraa qabu hawwuu dhiisee, kennaa isaaf kenname beekuu yeroo jalqabu, garaan isaa namaan of madaalu irraa bilisa ta’uu jalqaba. Namaan of madaalun jireenya nama biraa hin xiqqeessu; garuu jireenya kee akka hin argine ija kee jaamsuu danda’a. Namni ofii isaa wajjin nagaa yeroo qabaatu, jiraachuun nama biraa isa hin sodaachisu. Namni gatii ofii isaa beeku, namni biraa yeroo guddatu hin hinaafu. Namni biraa yeroo kabajamu, akka ofii isaa salphateetti hin yaadu. ➢ Namni biraa yeroo milkaa’u, akka ofii isaa kufeetti hin lakkaa’u. ➢ Namni biraa yeroo isa caalu, ofii isaa akka mo’ameetti hin yaadu. Sababni isaas, gatii ofii isaa nama biraa wajjin walbira qabuudhaan hin madaalu. Namni kennaa ofii isaa beeku, kennaa nama biraa akka sodaatti osoo hin taane, akka waan ittiin Waaqayyoon galateeffatuutti ilaaluu danda’a. Namni jireenya isaa keessatti namoota hedduu beekuu danda’a; garuu ofii isaa osoo hin beekin jiraachuu danda’a. Jechoota hedduu dhaga’uu danda’a; garuu sagalee qalbii isaa osoo hin dhaga’in jiraachuu danda’a. Namoota hedduu amansiisuu danda’a; garuu ofii isaa sobaan amansiisuu danda’a. Hojii gaarii hedduu hojjechuu danda’a; garuu kaayyoo hojii isaa osoo hin qoratin hafuu danda’a. Kanaafuu, guyyaa guyyaatti yeroo muraasaaf dhaabbattee of gadi fageenyaan gaafachuun gaarii dha. ➢ Namoonni ana keessatti eenyummaa akkamii argu? Eenyummaan isaan na keessatti argan sun, yeroo qofaa koo ta’u eenyummaa ani qabu wajjin wal fakkaataa? ➢ Yeroo namni na hin arginetti wanti ani filadhu maal dha? ➢ Milkaa’inni nama biraa maaliif na yaaddessa? ➢ Jechi ani dubbadhe keessaa kan garaa koo keessatti amma illee baadhee jiru kam? ➢ Nama kamifan dhiifama gochuu dadhabe? Maaliif? ➢ Dhugaa ani beeku, garuu fudhachuu irraa baqadhu kami? Namni yeroo namoonni hundi isa irraa fagaatan, ofuma isaa wajjin hafa; Waaqayyo immoo garaa isaa, jechuunis eenyummaa isaa isa dhokataa ilaala. Kanaafuu, ija namootaa gammachiisuu kee dura garaa kee sirreessi. Gurra namootaa gammachiisuu kee dura sagalee qalbii kee dhaggeeffadhu. Namoonni akka si argan barbaaduu kee dura, eenyummaa kee isa Waaqayyo garaa kee keessatti argu qoradhu. Sababni isaas, namni ati namoota duratti taatu fakkii kee qofa ta’uu danda’a; namni ati yeroo dhoksaa taatu garuu, yeroo baay’ee eenyummaa kee isa dhugaa mul’isa. 🙏 Namni Yeroo qofaa Hafu, Eenyummaa Isa Waliin Hafa! https://t.me/Araaraat

Open in Telegram
Views2,130+66%vs avg
Forwards—
Reactions13
Comments—
#1431Text

#Namni Yeroo qofaa Hafu, Eenyummaa Isa Waliin Hafa! ~ Namni namoota gidduu yeroo jiraatu, fuulota garaagaraa qabaachuu danda’a. Fuula tokko maatii isaatti, kan biraa hiriyoota isaatti, kan biraa bakka hojii isaatti, akkasumas kan biraa hawaasa keessatti agarsiisuu danda’a. Haa ta’u malee, yeroo namoonni hundi isa irraa fagaatan, sagaleewwan hundi cal’isan, kabajniifi galanni dhuman, namni qofaa isaa yeroo hafu, ofuma isaa wajjin hafa. Yeroo sana eenyummaan isaa ni mul’atu. ~Namni yeroo qofa isaa ta’u, wanti inni yaadu kallattii garaa isaa mul’isa. Namni fuula namootaa duratti wanta dubbatu of eeggannoodhaan to’achuu danda’a. Garuu yeroo kophaa isaa ta’u, yaadni isaa wanta garaa isaa keessa jiru ifatti mul’isuu danda’a. ➢ Maaltu isa gammachiisa? ➢ Maaltu isa aarsa? ➢ Wanta akkamii irra deddeebi’ee yaada? ➢ Wanta akkamii dhoksuu barbaada? 👉 Gaaffileen kun gara keessa yaada isaatti nama geessu. Wanti namni yaadu hundi eenyummaa isaa guutummaatti hin ibsu. Haa ta’u malee, yaada inni yeroo baay’ee keessa isaa simatuufi irratti xiyyeeffatu, kallattii garaa isaa mul’isa. Wanti garaan yeroo baay’ee simatu, suuta suutaan eenyummaa namaa bocuu keessatti gahee qaba. Namni halkan wanta yaadatu, guyyaa namootatti fuula akkamii akka agarsiisu caalaa waa’ee garaa isaa ibsuu danda’a. Guyyaa namni hojii isaatiin qabama; namootaan marfama; sagaleewwan garaagaraatiin yaadni isaa haguugama. Halkan garuu, yeroo callisni dhufu, yaadawwan inni dhoksee ture deebi’anii sammuu isaatti dhufuu danda’u. ➢ Nama inni miidhe yaadata. ➢ Jecha inni dubbate yaadata. ➢ Wanta xumuruuf ture, garuu hin xumurre yaadata. ➢ Wanta gaarii hojjechuu qabu ture, garuu hin hojjenne yaadata. Callisni akkasii nama barsiisuu danda’u. Guyyaa namni of dhoksuu danda’a; halkan garuu wanti inni of keessa dhokse isa yaadachiisuu danda’a. Namni madaa jechi isaa nama irratti uumu ijaan hin argu. Jechi tokko afaan keessaa ba’a; garuu garaa nama biraa keessatti waggootaaf turuu danda’a. Namni aariidhaan jecha dubbate daqiiqaa muraasa booda irraanfachuu danda’a; namni jecha sana dhaga’e garuu waggootaaf yaadatee jiraachuu danda’a. Kanaafuu, jechi waan salphaa miti. Jechi tokko afaan namaa irratti sekondii tokko qofa turuu danda’a; garaa nama biraa keessatti garuu waggootaaf turuu danda’a. Kanaaf, dubbachuu kee dura of gaafadhu: “Jechi kun afaan koo keessaa erga ba’ee booda, garaa nama biraa keessatti maal geessisa?” Namni nama isa jaallatu qofa jaallachuu yoo danda’e, jaalalli isaa ammallee naannoo ofii isaatti daangeffameera jechuu dha. Nama isa jaallatuufi isa kabaju jaallachuun salphaadha. Garuu nama yaada isaa wajjin walii hin galle, nama isa mormuufi nama isa miidhe gara-laafinaan ilaaluu danda’uun gadi fageenya jaalala nama agarsiisa. Jaalalli nama nu jaallatu qofa jaallachuu yoo ta’e, kun waljijjiirraa faayidaa irratti hundaa’e ta’a. Jaalalli dhugaan garuu, wanti namni biraa anaaf kennu qofa osoo hin taane, ani isaaf maal kennuu akka qabus d kan ilaalatudhaa. Jaalalli nama biraa faayidaa inni anaaf qabu qofaan hin madaalu. Namni tokko yeroo si miidhu, ati immoo miidhaa sana irra deddeebitee yaaduu fi aarii isaa keessa jiraachuu yoo itti fuftе, wanti darbe sun jireenya kee har’aa illee si dhiphisuu danda’a. Namni si miidhe dagate jireenya isaa itti fufee jiraachuu danda’a; ati immoo yaadaan miidhaa sana keessatti hidhamtee hafuu dandeessa. Kanaaf, dhiifama gochuun nama si miidheef qofa gaarii gochuu miti; atis aarii fi gadda wanta darbe irraa bilisa akka taatu si gargaara. Dhiifama gochuun wanti si mudate sun akka hin taane gochuu miti; miidhaa sana irraanfattee jiraachuu dirqama jechuu illee miti. Garuu wanti darbe jireenya kee har’aa akka hin miine gochuu dha. Eenyummaan namaa namoota duratti maal akka fakkaatuu qofan hin madaalamu. Namoonni yeroo si ilaalan akkam akka taatu qofa osoo hin taane, yeroo namni si hin ilaalin akkam akka taatu of gaafadhu. Sababni isaas, amala kee isa dhugaa wanti mul’isu, yeroo namni si hin argine filannoo ati gootu dha.

Open in Telegram
Views1,520+19%vs avg
Forwards—
Reactions9
Comments—
#1430Text

💐💐#Waqxii_Daraaraa🌹🌹 🌻Mana Kiristaanaa Ortodooksii Tewaahidoo Itiyoophiyaatti,  waggaa waggaadhaan Fulbaanni 25n "Ayyaana Abaaboo" jedhamuun kabajama. Fulbaanni 25 akka Mana Kiristaanaa keenyatti, guyyaa ganni itti ba’ee, birraan itti seenuu dha. Yeroo booda garuu [bara mootii Daawiit], fulbaana 10tti ayyaana Fannoo wajjiin kabajamuu eegaluus, otoo itti hin fufiin, ammas iddoo duraatti deebi’ee gaafa fulbaana 25 "Ayyaana Abaaboo" jedhamee kabajama. 💐Ayyaana kana waliin ayyaanni haadha keenya dubroo Maariyaamii fi Pheexiroosii fi Phaawiloos ni kabajama. Sababni guyyaa kanatti ayyaanni Dubroo Maariyaam kabajamuuf, harmeen keenya dubroon Maaryaam haadha ifa dhugaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoos [Yoh.8,12, Yoh.2,1] waan taateefi ifni kuni ilma namaa gidduutti akka mul’atu sababa waan taateefi (Is.1,9).  Ayyaanichis ayyaana ifa birraatti ba’uu fi mul’achuu daraaraa isa dhugaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin wal qabatee kan kabajamu waan ta’eefii dha. 🌻Ayyaanni Qulquulloota Pheexirosii fi Phaawiloos ayyaana kanaan walirra bu’uun isaa, lamaanuu ifa adduunyaa ta’uun (Maat.5,14) adduunyaa dukkanaatti ifa Wangeelaa waan agarsiisaniif dukkana gannaa fi ifa birraatiif daangaa ta’aanii  ayyaaneeffatamu. ✍Fulbaana 26 irraa eegalee ammoo, hanga sadaasa bultii shaniitti yeroo daraaraa (Abaaboo [waqtii tsigee]] jedhameetu kabajama. Ayyaanni kuni kan kabajamu, sanbata dura halkan galatatsigee (Maahileeta tsigee) baqannaa haadha keenya dubroo Maariyaam irra ilma ishee wajjiin irra ga’e yaadachuudhaan yoo galateeffatamu, Sanbataa guddaa fi guyyoota kaanitii kadhannaa deemsiisuu fi Waaqaaf galata galchuudhaan kan kabajamuudha. Waqtii kanatti “ daraaronni bakkee attamitti akka biqilanii guddatan ilaalaa! Isaan hin soqan hin fo'anis. Haa ta'u iyyuu malee, Solomoon mootichi inni ulfina guddaa qaba ture illee, isaan kana keessaa hamma isa tokkoo akka hin uffatin isinittan hima,..(Maat 6:28-29)  jechuun Gooftaan Iyyasuus Kiristoos barnoota barsiisee fi “barri keenya akka margaatti, akka abaaboo daggalaattis ni daraara, yemmuu buubbeen itti bubbisu ni darba” [Faar. 52,14-16] faarfannoon jedhu ni dubbiifama, ni weeddiifama. ❖ kan biraas Waqxii daraaraa kana soomota Fedhii jiraan keessa Soomni Tsigee yeroo itti soomamuudha. Soomni kun sooma fedhii waan ta'eef namni osoo hin ajajin dhunfaan waan soomaniif sooma fedhiis jedhama. Kunis seera Qannoonaa mana kiristaanaa keenyaan soomota labsii 7n ala jechuudha. Ta'us garuu hojii afuuraa keessaa tokko waan ta'eef nuuf mijaannan warreen soomu dandeenyu yoo soomne bu'a afuuraa nuuf ta'a waan ta'eef itti yoo fayyadamne gaariidha. " Kanaafis sittan hima, jaalalli ishee inni guddaan kun, cubbuun ishee inni baay'een akka dhiifameef mul'isa; xinnoon kan dhiifamuuf garuu, jaalala xinnoo argisiisa" jedhe. " (Luqaas 7: 47) kanaaf jaalala Waaqayyof jennee kan hojjennu hundaanuu bu'aa ni arganna. Eebbi fi kadhannaan Haadha keenyaa nurraa adda hin bahin! ✍ Guutamaa(G.G)        Finfinnee https://t.me/Araaraat

Open in Telegram
Views1,850+45%vs avg
Forwards—
Reactions18
Comments—
#1428Link preview

#Muka_Jireenyaa" ❖ Qulqulluun Ireeniyoos, akkana jedha: “Cubbuun mukaan hojjetame; ajajamuu mukaatiin, jechuunis Waaqayyoof ajajamuu isaatiin, Ilmi Nama muka irratti fannifamuun beekumsa hamaa balleessuun beekumsa gaarii fiduun haqame. Akkasumas, Waaqayyoof ajajamuu isaatiin Inni hamma du’aatti muka irratti fannifamee, ajajamuu-dhabuu durii kan muka irratti raawwatame balleessee.  Inni mataan isaa Jecha, jechuunis Dubbii Waaqayyo Hundumaa Danda’uu waan ta’eef, bifa isaa ijaan hin mul’anneen addunyaa guutuu keessatti bakka hundatti nu keessa darbee; kunis dheerina, bal’ina, olka’iinsa fi gadi-fageenya hunda ni hammata. Sababiin isaas, Jecha Waaqayyootiin wanti hundinuu qindaa’ee uumamee waan ta'eef." Kanaaf, Ilmi Waaqayyoo wantoota kana keessatti fannifame; uumama hundaatti bifa Fannoo fakkaatuun mul’ate. Inni yeroo bifa mul’ataan mul’atutti, bal’ina Fannoo isaa ifatti mul’isuu qaba ture; kunis hojii isaa inni bifa mul’ataan raawwatu, ifatti mul’isuuf ture. Inni olka’iinsa, jechuunis wanta samii keessa jiru, kan ifa godhudhaa; gadi-fageenya, jechuunis wanta garaa lafaa keessa jiru kan qabatudha; dheerina Bahaa hanga Dhihaatti,  Kaabaa fi Kibbaaatti bal’atee namoota karaa hundumaa irraa bittinnaa’an gara beekumsa Abbaatti waama.” ❖ Fannoon, jechuunis Muki Jireenyaa, Bakka Mataa lafee(golgoota) jedhamutti dhaabamedha (Mat 27:33; Maar. 15:22; Yoh. 19:17). Achittis Mootiin Bara Baraa, gidduu lafaa irratti fayyina hojjete (Faar. 73:13). Fannoon daangaa lafaa hundumaa ni qulqulleessa, ergamoonnii fi namoonnis isatti ni gammadu. ➢ Qulqulluun Te’oodooros Istudiite (759–826 A.D.) akkana jechuun faarfata: “Manni Kiristaanaa Jannata Lammaffaa taatee mul’atte; akkuma Jannata isa durii keessatti Mukti Jireenyaa ture, akkasuma immoo, yaa Gooftaa, Fannoon Kee ishee keessa jira. Yeroo isa tuqnutti, jireenya bara baraa keessatti hirmaanna.” Barreessaa Qul. Yoseef H. (810–886 A.D.) akkana jedha: “Kiristoos Fannoo irratti harka isaa diriirse; kanaanis cubbuu abbaa keenya inni durii sassachuudhaan harka isaa diriirsee raawwate balleesse. Abaarsa mukaatiin dhufe, muka irratti dhufe balleessee.” (K. Deebii 21:23). ‼  Fannoon “Muka Jireenyaatti.” kan jennuu. 1. Fannoon du’a irraa gara jireenyaatti nu geessa. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Fannoo irratti du'ee, du'a moo'ee ka'e. Kanaaf, wanti mallattoo du'aa fakkaatu sun karaa jireenya bara baraa ta'e. 2. Muka Jireenyaa Jannataa waliin walqabata. Seera Uumamaa keessatti, Muki Jireenyaa Jannata keessa ture (Uum. 2:9). Ilmi namaa cubbuu isaatiin Jannata irraa erga baafamee booda, Kiristoos Fannoo isaatiin karaa jireenya bara baraa nuuf deebise. 3. Kiristoos Fannoo irratti of kenneen fayyina argamsiise. Fannoon meeshaa du'aa qofa osoo hin taane, aarsaa Kiristoosii fi fayyina ilmaan namaa kan mul'isuudha. Du'a Isaatiin du'a keenya moo'e; ka'uu Isaatiin jireenya nuuf kenne. Akkuma muka irraa namni duraan ajaja Waaqayyoo cabsuun du'a argate, Muka Fannoo irraa Kiristoositti amanuun jireenya argama. Kana jechuun Fannoon mallattoo jijjiirama kufaatii irraa gara fayyinaatti ta'eera. 4.  Fannoon mallattoo jaalala Waaqayyoo ti. “Waaqayyo akkasitti biyya lafaa jaallate, ilma isaa tokkicha hamma kennutti...” (Yohaannis 3:16). Fannoon jaalala Kiristoos isa hanga du'aatti nuuf mul'ise agarsiisa. Kanaaf, Fannoon muka jireenyaa jedhama; sababni isaa Kiristoos Fannoo irratti du'a mo'ee, namoota isa amananif karaa jireenya bara baraa baneef. “Fannoon Kiristoos jireenya keenya; Fannoon Kiristoos abdii keenya; Fannoon Kiristoos du'a keenya irratti injifannoo keenya.” ✍https://t.me/Araaraat

Open in Telegram
Views2,240+75%vs avg
Forwards—
Reactions8
Comments—
#1427Link preview
Views1,690+32%vs avg
Forwards—
Reactions4
Comments—
#1425Photo
Views2,390+87%vs avg
Forwards—
Reactions17
Comments—
#1424Link preview

Jireenya keenya hunda keessatti yeroo hunda Waaqayyoon kadhachuu kan qabnu, adeemsa haaromfaamuu addaan hin citne akka nuuf kennudha. Haaromfamuu uumamaa yeroo tokko icciti cuuphaatiin fudhanneerra. (Gal 3:27, Rom 6:3-4). Haaromfamuu sammuu immoo gaabbii osoo adda hin kutin taasisuun yeroo hunda arganna (Room 12:2). Kanaafuu, “Afuura isa qajeelaas na keessatti haaromsi” (Faar 51/50;10) yeroo jennu, deebiin akkas jedhu gara keenya ni dhufa; “Gaheesummaan kee akka Joobiraatti ni haaromfama.” (Faar 103:5.) Haaromfamuun kun adeemsa haaromfamuu addaan hin citnee, jireenya keenya keessatti Gooftaan ittiin barsiisudha malee, ta’ii fi carraa yeroo tokkoo kutaa jireenya keenyaa daanga’e keessatti raawwatamee darbeetti kan lakkoofnu miti. Yeroo kadhannus, yeroo hunda haaromfamuu addaan hin citne kana akka nuu kennuuf Gooftaa kadhachuu qabna. Kanaaf akka ta’uuf fakkeenya “Kasalaa fi barbaadaa” tokkoo mee haa fudhannu. Cabaa kasaalaa gurraacha ta’ee fi waan isa tuqu hunda xureessuu tokko yaadaa; kasalli kun ultuu (meeshaa qulqulluu abbootiin ixaana ittiin aarsan) keessa yeroo taa’u maal ta’a? Barbaadaa ta’a! Ho’a cimaa duraan hin qabne fudhata. Haala duraan ture irraa bifa adda ta’een, kan ifuu fi ifa kan calaqqisu ta’a; bifni isaa gurraacha’e sun gara diimaa fi ibiddummaatti jijjiirama. Isaayyaas : “Nama hidhiiwwan koo na jalaa xuraa’aniidhaatii, ... baadeera; anaaf wayyoo” yeroo jedhetti Suraafeel irraa tokko, qabduudhaan iddoo aarsaa irratti dhiyeefamu irraa barbaadaa fuudhee afaan Isaayyaas ittiin tuqe; Akkasis jedheen: “Kunoo kun hidhiiwwan kee tuqeera; yakki kees sirraa badeera; cubbuun kees siif dhiifame” (Isa 6:5-7). Giimiin ergamichi qabee argame kun, kana waliin kan walfakkaatudha. Ibbiddi fakkeenya kana keessatti argine, fakkeenya Waaqa Afuura Qulqulluu ta’ee waan hunda ni qulqulleessa. Egaa atoo maaliif of hin gaafattu? Jireenyi kee ammallee ibidda kan jedhame, Afuurri Qulqulluun kan keessa hin jirre, cabaa kasalaati moo, barbaadaa ibiddaati? Ibiddi Waaqayyoo si keessatti akka hojjetuuf, eenyummaan haaraan gara keessa keetii seenee? Bara haaraa kanaanis, akka urgaa ixaanaa gaarii addunyaa kana akka urgeessituuf Waaqayyoon ultuu isaa qulqulluu keessa si jiraachiseera? Waaqayyoon akka keessa kee bulee jiru, hojii Waaqaa si keessatti hojjechaa akka jiru sitti dhagahama? Waaqayyoon keessa keetti kan hin hojjenne yoo ta’e, wanti ati raawwattu hunduu hoomaadha. Kana booda dukkana keessa akka hin jiraanne, ifni Waaqaa keessa keetti ifuu qaba; sobaanis akka hin jiraanne dhugaan Waaqayyoo keessa kee jiraachuu qaba. Waaqayyoonis keessa kee yoo jiraate, jireenyi kee guutuun ni jijjiirama. ✍https://t.me/Araaraat

Open in Telegram
Views2,300+80%vs avg
Forwards—
Reactions8
Comments—
#1423Link preview

JIREENYA HAARAA fi BARA HAARAA Gooftaan namoota yeroo waamu, maqaa haaraa isaaniif kennaa ture. Kunis jireenya isa faana jiraataniif fakkeenya (mallattoo) akka ta’uufidha. Abraamiif, Gooftaan Abrihaam jedhee maqaa haaraa kenneef; Sooraadhaaf Gooftaan Saaraa jedhee maqaa haaraa kenneef; Saawul inni Xarseesis, maqaa haaraa Phaawuloos jedhu fudhate. Simi’oonis maqaan isaa haaraan Phexiiros ta’e; Leewiidhaafis Gooftaan maqaa haaraa Maatewoos jedhu kenneef. Kuni hundinuu, tokkoon tokkoon isaanii jireenya Gooftaa faana jiraataniif fakkeenya ture. Qajeeltota kanaafis jireenya haaraa isaaniif kenname isaan yaadachiisaa kan ture, maqaa isaanii kanadha. Nutiis aangoo lubummaa yeroo kenninu, nama aangoo lubummaa fudhatuuf maqaa haaraa kan kenninuuf sababa kanaafidha. Kunis kan ta’uuf, karaa isa durii irraa jireenyi isaa jijjiiramee, Gooftaadhaaf gara jireenya haaraatti akka seenee akka itti dhagahamu fi hubatuufidha. Kennaa haaraa kana dura hin qabne akka fudhate, aangoo haaraa kan isaa hin taane akka qabate, akkasumas amma itti gaafatamummaa fi adaraawwan haaraan isa irratti akka fe’ama n, akka itti dhagahamuufidha. Dhugumattis sirna uffannaa isaa dabalatee adeemsi isaa hundi ni jijjiirama. Jireenya isaa keessattis wanti haaraan akka seenee itti dhagahama. Adeemsi jireenya isaa guutuun, akkaataa inni itti jiraatu, amalli isaa haalli isaa fi itti gaafatamummaan isaa hundi jijjiiramee guddatta. Atihoo, bara haaraa kanatti, jireenya kee keessatti wanti haaraan raawwatamaa akka jiru sitti dhagamaa? Barri kun, dhimmoota xixiqqaa fi gadaanaa ta’aniin asis achis osoo joortuu, akkasumaan akka si darbu hin eyyamin. Macaafni Qulqulluun waa’ee dhimmoota xixiqqaa hin dubbane; jecha guddaa “Onnee isa dhakaa isin keessaa nan baasa; onnee haaraas siniifan kenna...” jedhu nutti dubbate malee. Gooftaan keenya Kiristoos immoo amala jijjiirama kanaa akkas jedhaa ibseera: “Cittuu uffata haaraa, qaawwa uffata isa moofaatti kan erbu hin jiru; uffaticha isa fayyaa fudhatee deemaatii, qaawwa isaas ni baldhisaatii. Daadhii Wayinii haaraa qodaa moofaatti hin naqan; yoo naqan garuu, qodichis ni dhoo’a; dhaadhichis ni dhangala’a; qodichis ni manca’a. Haa ta’u malee, daadhii waynii haaraa qodaa haaraatti ni naqu; lamaan isaanii iyyuu walii walii isaanii ni eeggatu.” (Mat 9:16-17) Kanaafuu, uffata moofaa irratti cittuu haaraa hodhuu hin qabnu. Kana jechuunis, bara haaraa kana, dadhabinaa fi yaadota keenya duraan turaniin kan daangofne taanee, sochii afuuraawaa haalota daanga’aa tokko tokko qofa irratti xiiyyeefateen, yookaan bartee haaraa daanga’aan kan eegallu qofa ta’uu hin qabu. Garuu jijjiirama hunda galeessa gama jireenya keenyaa hundaan taasifnu ta’uu qaba. Osoo kana hin godhin barteewwan haaraan nuti shaakallu, shaakala afuuraawaa yoo ta’e illee, Gooftaan akkuma jedhe uffata moofaa irratti cittuu uffata haaraa akka hodhuutti lakkaa’ama. Kanaafuu kan barbaachisu uffanni guutuun jijjiiramuudha. Amma uffata moofaa uffattee jirtu baasiiti gati; kunis laphee kee ammaa, hir’ina isaa guutuu waliin jirudha. Lapheen keenya ammaa kun, jaalala Waaqaa irraa duwwaa kan ta’e, qulqullummaa fi qajeelummaa irraa qullaatti kan hafe, sodaar Waaqaa kan keessa hin jirre, jaalala addunyaan kan guutamedha. Kanaafuu kadhannaa keenya Faarsaa Daawwit shantamaffaa irratti “Maaloo laphee haaraa naaf uumi.” akkuma jennu, lapheen keenya guutuun nu keessaa bahuu, bakka isaa immoo lapheen haaraan bakka nuuf bu’uutu nu barbaachisa. Garuu hiikni jecha “Naaf uumi” jedhuu maalidha? Qulqulluun Daawwit “Laphee koo kana haaromsi”, yookaan “Sirreessi” maaliif hin jenne? Yeroo kadhatus maaliif “Maaloo laphee isa haaraa naaf uumui; Afuura isa qajeelaas na keessatti haaomsi” jedhe? Kana jechuun, dhugumatti uumamtoota haaraa ta’uu qabna malee, diinqa jireenya keenya duraanii fi cubbuun guutame irratti, iddoo daanga’amte tokko qofa irratti, uffata cittuu haaraa hodhuu hin qabnu jechuu miti?!

Open in Telegram
Views1,710+34%vs avg
Forwards—
Reactions7
Comments—
#1421Link preview

Bara Haaraa (Akka Yohaannis Afaan Warqee Barsiisetti) Mucaa koo barri haaraa kan gammachuu, kan nagaafi fayyaa akka siif ta'uu ni barbaaddaa? Egaa osoo hin eegaliin machiin,,  sirbaan,fi hojii cubbuun dabarsuuf hin karoorsin. Barri haaraa guyyaa jalqaba qofa osoo hin taane guyyoota hundayyuu hojii cubbuun hin eegaliin. Waaqayyon kan gammachiisu hojii gaarii tokko jedhii eegalii malee. Guyyoonni hamoo ykn gaarii kan ta'an, uumaan akkas ta'anii miti. Guyyaan gaarii ykn hamaa akka ta'u kan taasisuu nudha.  Kibxatni baranaa kan bara darbee irraa adda miti. Addaa kan taasisu ciminaa  ykn dhibaawummaa qofadha. Hojii qulqulluu kan hojjennuu yoo ta'ee guyyaa haaraa qofa osoo hin taane barri haaraanu nuuf gaariidha. Cubbuu kan hojjennuu yoo ta'e immoo guyyaa qofa osoo hin taane barri haaraayyuu hamaafi gidiraan kan guutamee ta'a. Bara haaraa hojii gaariin kan eegalluu yoo ta'e barichatti wanta nuti raawwannu hojii kami irrattiyyuu dhiibbaa gaarii qabannaa. Soomaafi kadhannaan akka cimnuufis galaa nuuf ta'a. Machiin, sirbaan, gaddaan kan jalqabnuu yoo ta'e immoo bara kana guutuu akka rakkanneetti dabarsina. Jireenya keenya wanta nun fayyadneen dhiibnaa. Daabiloosis kan bareechee waan beekuuf bara keenya hojii cubbuun akka eegalluuf nu kakaasa. Fedhii keenya balleessee, ija laphee keenyaa jaamsee sirbaan fi machiin akka jalqabnuuf karaa garaa garaan iyyaa jira. Namni dhibaa'an "guyyaan koo gaarii ykn hamaa kan ta'u sababa koon miti" jedhee amana. Akkeetti amanuunis guyyaa hamaadha jedhu kana hojiin gaariin ni hojjetama jedhee hin yaaduu. Yoo hojjetus akka hiikka hinqabnetti lakkaa'a. Dhibaawuummaan  miidhaa akkamii akka qabuus hin hubatuu. Fayyinaa osoo hin raawwatanii bara isaa guutuu akkasumatti dhiiba. Osoo akkeetti jiru fooniifi lubbuu isaatti miidhaan akka dhufuuf Daabiloos ija laphee isaa waan jaamsuuf kiyyoo dinaa jalaa baqachuuf humna dhaba. Lubbuun keenya naannoo xuraawwatti awwaalamtee akka haftuu taasisa. Yaa obboloota koo nuti garuu kan hubaachuutu nurraa eegama. Addunyaa kanarraa cubbuun ala wanti hamaan akka hin jirree beeku qabna.  Hojiin ala wanti gaariis akka hin jirree hubachuu qabna. Kananis guyyuun Waaqayyon gammachiisne jiraachuu akka qabnu beekuufi hubachuu qabna. Dhugaatiin gammachuu hin fiduu, gammachuu kan fidu kadhannaadha. Gammachuu kan argannuu sagalee Waaqayyo dhaga'uu irratti malee machiirra miti. Machii badii lubbuu fida, sagalee isaa dhaga'uun garuu fudhatamuu fida. Machiin iji laphee keenya akka jaamuu taasisa, sagaleen Waaqayyo garuu ija laphee dukkanoofte akka iftu taasisa. Ijoollee koo! Gammachuu biyya lafaa kanaa tuffatanii ishee gammachuu samii akka barbaaduu ogummaan kamuu akka hin jirree isinittin himaa. Kan yoo qabeenya keenya taasifanne, jireenya keenya samiif dursa kan kenninuu yoo ta'e wanti addunyaa kanarraa  yoo nutti hafeeyyu nu hin fayyadu Jaalatamtoota koo! Barri haaraa yoo dhufu waa'ee wantoota kanaa ofi eegannoo yaadu qabda. Kana raawwachaa waa'ee bara isa dhufuu haa yaadannu. Kana kan raawwannu yoo ta'e " guyyoonni kee akkasumaan dhumaanii, barri keessi ariitiidhaan" hin darbanii. (Faar 77/78:3) Guyyaa guyyaan ayyaana haa taasifnu jedhe kan isiniif ibse kanaadha. Ayyaanni keenyaa guyyaa guyyaan ta'uu qaba. Ayyaanni kiristaanootaa waggaafi guyyaan dangeeffamu hinqabu. Manni kiristaanaas torbaniin, ji'an, waggaan kan kabajamuu ayyaanoonni akka jiraatuu gochuun ishee yeroo hunda kan irraa fagaachuu akka hin qabne hubachiisuufi. Barri dhufu kan Milkii, Kan Gammachuu, kan Jaalalaa, hunda keessaniif haa ta'u! https://t.me/Araaraat

Open in Telegram
Views2,420+89%vs avg
Forwards—
Reactions15
Comments—
#1419Photo
Views2,910+127%vs avg
Forwards—
Reactions12
Comments—
#1418Link preview
Views2,900+127%vs avg
Forwards—
Reactions9
Comments—
#1417Link preview

AYYAANA Tulluu TAABOR 👏Baga Geessan!👏 Ayyaanoota gurguddoo  Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos salgan(9) keessaa ayyaanni tulluu taaboor isa tokko dha. Ayyaanni kun amantoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa biratti 'Buhe' bakka tokko tokkotti immoo 'Ukee' jedhamuun beekama. Tulluun taabor maqaan gaara yoo ta'u tulluun galaana Galiilaa irraa karaa Kibba-dhihaa km 10 fagaatee argamudha. Waa’ee tulluu kanaa wangeelawwan (kitaaba kakuu haaraa) irratti kan ibsame tulluu dheeraa jedhamu (Maat.17:1) irraa kan hafe maqaa Taabor jedhee hin ibsine. “Taabor” jedhamuu isaa kan dubbatan yaa'ii duuka bu'oota irrattidha. Haa ta'u garuu kakuu moofaa keessatti waa'ee Tulluu taabor mul'inaa dubbatame jira (Mac. Abboota Firdii 4:6-14). Qulqulluun Daawiitiis waa'ee tulluu kanaaf dursee raajii akkas jedhu dubbateera.  “Tulluun Taaborii fi tulluun Harmooniyaa maqaa keetti in ililchu. Irreen kee humna kee waliini dha, harkii kees ni jabaatte mirgi kees ol ol jette”( Faar. 88/89:12-13) jechuu raajiin dubbatameeraaf. Gooftaan keenya Qisaariyaati “Namootni dhala namaan eenyuu jedhanii waamuu?” jedhee erga gaafate guyyaa jaha booda bartoota kaaniin tulluu jalatti dhiisee bartoota sadii: Pheexiroos, Yaaqoobiif Yohaannisiin qabatee gara tulluuttu ol-bahee. Tulluu irras yeroo turanitiis fakkiin gooftaa keenyaa akka aduu ifee, huccuun isaas akka cabbii adii ta’e. Yeroo kanas ifa waqummaa isaafi aangoo gooftummaa isaa ibseeraf(Luqaas 9:29) Tulluu kana irratti erga du’ee bara baay’ee kan lakkoofsiseefi awwalli isaa Waaqayyoon ala namni kamuu kan hin beekne Musee akkasumas Eeliyaas ibiddaa saragallaan gara biyya jiraattotaatti kan fudhatame ifa Waaqummaa Isaatiin akka namootni yaadan Musees, Eeliyaasis akka hin taane isaan hubachiisera. Inni uumaa Musee fi Eeliyaas malee akka isaanii uumamaa akka hintaanes namoota akkasitti yaadan hundaaf mirkaneesse jira. Egaa kana booda Tulluu Taabor irratti Akkeenyummaa Isaa, kabaja Isaa, walumaagalatti maalummaa Isaa kan ibse Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin kan arge Qulqulluun Pheexiroos tulluu kana irraa bu’uu hin barbaadne. Kanaaf “Yaa Gooftaa as jiraachuun nuuf gaariidha”jechuun hawwiisaa ibsate. Tulluun Taabor fakkeenya Mana Kiristaanaa keenyadha. Tulluun kun jireenya qulqulleettii Mana Kiristaanaa keenyaa baay’ee mul’ise agarsiisa. Qulqulluu Pheexiroos tulluu kana “Tulluu Qulqullaa’aa” jedhee waamee jira( 2phex 1:17-18). Qulqulluun Pheexiroos Tulluu Qulqullaa’aa kana irraa “as jiraachuun nuuf gaariidha” akkuma jedhe, nuufis Tulluu kanaan kan fakkeeffamte Qulqulleettii Mana Kiristaanaa keessa jiraachuun nuuf gaariidha. Keessattu bara qormaanni baay'ate kanatti, bara bahanii galuun ulfatee kana caalaatti bakka sana turun gaariidha. Taateewwan Guyyaa Ayyaanichaa taasifaman keessa tokko ijoolleen qaccee tolfachuun karaatti bahanii ni iyyisiisuu. Kunis Sagalee Waaqumma guyya sanaa mul'ate fi balaqqeessa guyyicha raawwatamee yaadachiisuuf akka ta'e abboonni mana kiristaanaa keenya ni barsiisuu. Inni lammaffaan immoo gaafa guyyaa buhee halkan isaa ibsaan  ni ibsama, kuniis ifa Waaqumma tulluu taaboor irratti muldhateef fakkeenya dha. Kana malee naannoo tokko tokkotti immoo daabboo Mulmulii qopheessu ayyaanicha ni yaadatu. Kunis gaara taboor irraattii gooftaan yeroo mul’atu Ifa tulluu iratti mulate irraa kan ka’e Tiksoonni dirree keessa tiksaa jiran akka galgalaa’e hin barre ture. Yericha hadhooliin Ijoollota isaanii fi Tiksitoota isaaniif daabboo Mulmulii fudhatanii deemuu isaanii yaadachuuf tolchiinee ayyaana kana irratti dhiyeeffama. Egaa guyyaan kun guyyaa Waaqayyo ulfinna isaa itti mul'isee waan ta'eef tulluun sun har’a qaama keenya ta’u qaba. Kunis ulfinaa fi ogummaan Waaqayyoo kan itti ibsamuu fayyisuun isaas kan itti muldhatuu jireenya eebifamaa qabaachuu keenyanii.               Ayyaana Gaarii!                         https://t.me/Araaraat

Open in Telegram
Views2,400+88%vs avg
Forwards—
Reactions28
Comments—
#1416Photo
Views2,720+113%vs avg
Forwards—
Reactions22
Comments—