AMMEE: Caffeen Oromiyaa Caasaa Haaraa Naannichi Godinaalee Jaha (6) Qofa Akka Qabaatu…

ABDII SABAA, @abdii_sabaa

Open in Telegram
#20662Photoalbum

AMMEE: Caffeen Oromiyaa Caasaa Haaraa Naannichi Godinaalee Jaha (6) Qofa Akka Qabaatu Taasisu Raggaasise Yaa'ii hundeeffamaa Caffeen Oromiyaa har'a gaggeesseen, labsiin haaraan caasaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa bifa haaraan gurmeessuu fi godinaalee digdamii tokko (21) turan gara godinaalee jaha (6) qofaatti dachaasu sagalee guutuun ragga'eera. Labsiin kun seenaa bulchiinsa naannichaa keessatti yeroo jalqabaatiif godinaaleef raamii seeraa fi angoo murtoo kennuu guutuu kan kenne ta'uun ibsameera. Haaluma kanaan, caasaan haaraan kun kallattii irratti hundaa'uun naannicha deebisee kan gurmeessu yoo ta'u, godinaaleen haaraan kunis Godina Bahaa, Dhihaa, Giddugaleessaa, Kibbaa, Kibba Lixaa fi Kibba Bahaa jechuun maqaan kennameeraaf. Labsiin kun gurmaa'insa, angoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu godinaalee, aanaalee fi gandootaa ifatti murteessuuf kan bahe akka ta'e ifoomeera. Wixinee labsii haaraa kana ilaalchisuun miseensota Caffeetiif ibsa bal'aa kan kennan Hogganaa Biiroo Haqaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo, labsiin kun riifoormiiwwan hunda-galeessa naannicha keessatti eegalaman itti fufsiisuuf kan qophaa'e ta'uu hubachiisaniiru. Tajaajiloonni naannoo Oromiyaa keessatti kennaman gara caasaa gadiitti bu'aa jiraachuu kan eeraan hogganichi, caasaan godinaalee haaraan kun haala gurmaa'insaa, to'annoo fi hordoffiitiif baay'ee mijaawaa ta'uu ibsaniiru. Dabalataanis, labsiin kun waajjiraalee godinaalee jahan kana jalatti argaman ifatti kan kaa'ee fi angoo murteessummaa olaanaa godinaaleef kan kennu yoo ta'u, sirna mootummaan naannichaa ijaaru deeggarsa seeraatiin guutummaatti akka cimu kan taasisu akka ta'e eeraniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Open in Telegram
Views8,509−81%vs avg
Forwards2
Reactions145
Comments—

Reactions

  • ❤95
  • 😱20
  • 😢12
  • 👍11
  • 🆒4
  • 👏2
  • 🥰1

More from ABDII SABAA

  1. 01

    Ministeerri Barnootaa Ramaddii Barattoota Sagantaa Deeggarsaa (Remedial) fi Barattoota Yuunivarsiitiiwwan Tigraay Ifoomse Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatanii qabxii seensa dhaabbilee barnoota olaanoo sagantaa deeggarsaatiin ykn 'Remedial' galmeessisan, akkasumas barattoota haaraa bara 2019tti yuunivarsiitiiwwan mootummaa naannoo Tigraay keessatti argamanitti ramadaman hundaaf ramaddii isaanii ifoomsuu beeksiseera. Haaluma kanaan, barattoonni ulaagaa kana guutan hundi marsariitii 'https://student.ethernet.edu.et/view-placement' jedhamutti fayyadamuun yuunivarsiitii itti ramadaman salphaatti ilaallachuu akka danda'an ibsameera. Gama biraatiin, barattoonni ramaddii taasifame kana irratti komii ykn gaaffii qaban yoo jiraate, marsariitii komii ittiin dhiyeessan 'https://student.ethernet.edu.et/complaints' jedhamutti fayyadamuun iyyannoo isaanii karaa toora interneetii dhiyeessuu akka danda'an ergaan dabarfameera. Dabalataanis, haala yeroo ammaa naannoo Tigraay keessa jiruun wal qabatee, barattoota haaraa ramaddii isaanii yeroof gara yuunivarsiitiiwwan mootummaa naannoo sanaan ala jiranitti jijjiirrataniifis ramaddiin kan ifa ta'e yoo ta'u, isaanis marsariituma 'https://student.ethernet.edu.et/view-placement' jedhamu kanaan seenanii ilaallachuu akka danda'an ministeerichi eereera. Akkasumas, barattoota idilee turan kanaan dura yuunivarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessatti barachaa turanii fi yeroof gara dhaabbilee birootti akka ramadaman iyyannoo dhiyeessanii turaniifis ramaddiin isaanii xumurameera. Barattoonni kunniin ramaddii isaanii haaraa marsariitii 'https://student.ethernet.edu.et/university-transfer/' jedhamu irratti lakkoofsa eenyummaa dijitaalaa ykn 'Faayidaa' isaanii sirriitti galchuun mirkaneeffachuu akka danda'an ifoomeera. Barattoonni hundi of eeggannoodhaan ramaddii isaanii akka ilaallatanii fi qophii barbaachisu akka taasisan dhaamameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

    Photoalbum
    Views77.8K
    Forwards257
    Reactions506
    Comments—
  2. 02

    No text

    Photoalbum
    Views77.5K
    Forwards261
    Reactions—
    Comments—
  3. 03

    No text

    Photoalbum
    Views69.7K
    Forwards4
    Reactions—
    Comments—
  4. 04

    No text

    Photoalbum
    Views68.6K
    Forwards4
    Reactions—
    Comments—
  5. 05

    No text

    Photoalbum
    Views66.5K
    Forwards12
    Reactions—
    Comments—

All posts of ABDII SABAA