Raayyaan Ittisa Biyyaa Magaalaa Alaamaaxaa Qaxxaamuruun Gara Makoonii fi Maayicaawutti Imalaa Jiraachuu Ibsame Viidiyoon socho'aan dhiheenya bahe akka agarsiisutti, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kaleessa magaalaa Alaamaaxaa qaxxaamuruun gara kallattii magaalaa Makoonii fi Maayicaawutti socho'aa jira. Jiraattonni magaalaa Alaamaaxaa humnoota nageenyaa mootummaatiif simannaa ho'aa kan taasisan yoo ta'u, raayyichi magaalattii keessa yeroo dheeraaf osoo hin turin qaxxaamuree gara fuulduraatti imala isaa itti fufuu isaa gabaafameera. Yeroo ammaa kana walitti bu'iinsa haaraa kaaba Itoophiyaatti deebi'ee dhalate hordofuun, naannichatti dhiphinnii fi yaaddoon nageenyaa hamaan uumamee akka jiru maddeen ni eeru. Gama biraatiin, humnoonni TPLF iddoowwan to'atanii turan gadhiisuun gara naannoo Tigraay, keessumaa kallattii magaalaa Maqaleetti deebi'aa fi socho'aa akka jiran ragaaleen ni agarsiisu. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in Telegram
Raayyaan Ittisa Biyyaa Magaalaa Alaamaaxaa Qaxxaamuruun Gara Makoonii fi Maayicaawutti…
Views23,127−50%vs avg
Forwards2
Reactions113
Comments—
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 10,189 |
| 5 h | 23,127 |
- After 1 hour10,189
- After 6 hours23,127
- Total to date23,127
Links and mentions
Mentions@abdii_sabaa
Reactions
- ❤94
- 👍17
- 🔥1
- 🤬1
More from ABDII SABAA
- 01Views77.8KForwards257Reactions506Comments—
- 02Views77.5KForwards261Reactions—Comments—
- 03Views69.7KForwards4Reactions—Comments—
- 04Views68.6KForwards4Reactions—Comments—
- 05Views66.5KForwards12Reactions—Comments—