Obbo Shimallis Abdiisaa Irra Deebi'uun Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Ta'uun Muudaman; Caffeen Muudama Kaabinee Haaraa Raggaasise Yaa'iin idilee 1ffaa waggaa 1ffaa bara hojii 7ffaa Caffee Oromiyaan taa'amaa jiru, Obbo Shimallis Abdiisaa irra deebi'uun Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa taasisuun filatee muudeera. Yaa'iin kun haasawaa fi gabaasa dhiyaate hordofuun, muudama qaamolee raawwachiiftuu naannichaa haaraa pirezidaantichaan dhiyaate hunda guutummaatti raggaasiseera. Akkaataa labsii haaraa bahe lakkoofsa 267/2019 bu'uura godhachuun, namoonni ja'a (6) sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti muudamaniiru. Isaanis; Obbo Abduurahmaan Abdallaa, Obbo Masfin Malaakuu, Dr. Rashaad Kamaal, Dr. Mangistuu Baqqalaa, Obbo Ahimad Idiriis fi Obbo Ahimad Haajii ta'uun Caffeef dhiyaatanii ragga'aniiru. Gama biraatiin, muudamtoonni sadarkaa hogganaa biirootti muudaman; Dr. Tolaa Bariisoo Hogganaa Waajjira Pirezidaantii, Obbo Guyyoo Waariyoo Hogganaa Biiroo Haqaa, Dr. Abdulaaziiz Daawud Hogganaa Biiroo Maallaqaa, Obbo Tasfaayee Tuluu Hogganaa Biiroo Galiiwwanii, Dr. Abdii Yuuyaa Hogganaa Biiroo Karooraa fi Misoomaa, Dr. Bultoosaa Hirkoo Hogganaa Biiroo Barnootaa, akkasumas Piroofeesar Natsaannat Warqinah Hogganaa Biiroo Fayyaa ta'uun muudamaniiru. Dabalataanis, Obbo Tashoomaa Booggaalaa Hogganaa Biiroo Qonnaa, Dr. Namarraa Gabayyoo Hogganaa Biiroo Misooma Albuudaa fi Inarjii, fi Obbo Taarraqanyi Bulultaa Hogganaa Biiroo Intarpiraayizii fi Indastirii ta'uun ragga'aniiru. Akkasumas kaabineewwan hafan; Dr. Adaaree Asaffaa Hogganaa Biiroo Daldalaa fi Inveestimantii, Aadde Masarat Asaffaa Hogganaa Biiroo Lafaa, Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan Hogganaa Biiroo Dubartootaa fi Hawaasummaa, Obbo Xilaahuun Warquu Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa, Dr. Aayaantuu Guuttataa Hogganaa Biiroo Kalaqaa fi Teeknooloojii, Aadde Ildaanaa Suleeymaan Hogganaa Biiroo Tuurizimii, Obbo Tijaanii Naasir Hogganaa Biiroo Nageenyaa, Aadde Roozaa Biyyaa Hogganaa Biiroo Aadaa fi Ispoortii, Injiinar Girmaa Raggaasaa Hogganaa Biiroo Jallisii fi Horsiisee Bulaa, Injiinara Habiib Qumbii Hogganaa Biiroo Daandii fi Loojistiksii, fi Injiinara Maariyaa Gutaa Hogganaa Biiroo Bishaanii ta'uun guutummaatti Caffeetiin mirkanaa'eera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in Telegram
Obbo Shimallis Abdiisaa Irra Deebi'uun Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Ta'uun Muudaman…
Views39,958−23%vs avg
Forwards17
Reactions1
Comments—
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 601 |
| 5 h | 22,506 |
| 26 h | 39,958 |
- After 6 hours22,506
- After 24 hours39,958
- Total to date39,958
Links and mentions
Mentions@abdii_sabaa
Reactions
- 🤩1
More from ABDII SABAA
- 01Views77.8KForwards257Reactions506Comments—
- 02Views77.5KForwards261Reactions—Comments—
- 03Views74.1KForwards13Reactions—Comments—
- 04Views72.1KForwards13Reactions—Comments—
- 05Views69.7KForwards4Reactions—Comments—