Kaffaltiin Qormaata Ba'iinsa Yuunivarsiitii Qarshii 750 irraa gara Qarshii 2,000tti Ol…

ABDII SABAA, @abdii_sabaa

Open in Telegram
#20652Photoalbum

Kaffaltiin Qormaata Ba'iinsa Yuunivarsiitii Qarshii 750 irraa gara Qarshii 2,000tti Ol Guddate Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa kaffaltiiwwan tajaajila adda addaatiif kaffalaman fooyyessuun danbii haaraa baaseera. Haaluma kanaan, kaffaltiin qormaata ba'iinsa yuunivarsiitii (Exit Exam) kanaan dura qarshii 750 ture gara qarshii 2,000tti ol guddateera. Kaffaltii kana keessaa qarshiin 500 kaffaltii galmeef, qarshiin 1,500 immoo kaffaltii qormaataatiif kan oolu yoo ta'u, lammiilee biyya alaatiif immoo doolaarii 100 akka kaffalan murtaa'eera. Dabalataanis danbii haaraa kanaan, kaffaltiin qormaata seensa sagantaa digrii lammaffaa (NGAT) lammiilee Itoophiyaatiif qarshii 3,500 (galmeef 500 fi qormaataaf 3000), lammiilee alaa immoo doolaarii 100 akka ta'u murtaa'eera. Galmeen qormaata kutaa 12ffaa lammiilee biyya keessaaf qarshii 950 fi lammiilee alaaf doolaarii 100 ta'eera. Akkasumas, madaalliin gahumsaa fi heyyama ogummaa lammiilee Itoophiyaatiif qarshii 3,500 (galmeef 1,000 fi qormaataaf 2,500), lammiilee biyya alaatiif immoo doolaarii 150 akka kaffalan ta'eera. Tajaajilawwan ragaa barnootaa waliin wal qabatanis fooyya'iinsi kaffaltii taasisameera. Ragaa barnootaa bakka buusuuf lammiilee biyya keessaaf qarshii 600 fi alaa doolaarii 115, ragaa bakka buusuu fi mirkaneessuuf qarshii 900 fi doolaarii 170, ragaa qulqulleessuuf ykn mirkaneessuuf qarshii 400 fi doolaarii 75, dogoggora qubee maqaa sirreessuuf qarshii 700 fi doolaarii 130, akkasumas tiraanskiriipii ofiishiaalaa erguuf lammiilee biyya keessaaf qarshii 750 fi lammiilee alaaf doolaarii 50 akka kaffalan murtaa'eera. Kana malees, ragaa bu'aa qormaataa dhimma qorannoof dhaabbilee barbaadaniif qorannoo tokkoof qarshii 10,000 (dhaabbilee biyya alaatiif doolaarii 1,875), namoota dhuunfaaf immoo lammiilee biyya keessaaf qarshii 1,000 fi alaa doolaarii 190 akka kaffalamu ifoomeera. Meeshaalee madaallii tajaajilaniin irra deebi'anii fayyadamuuf baasii waliigalaa irraa dhibbantaa 5, meeshaa madaallii haaraa qopheessuuf immoo dhibbantaa 10 kaffaltiin akka raawwatamus danbichi ni agarsiisa. Tarreeffamni kaffaltii haaraa kun Danbii lakkoofsa 593/2018 ttiin kan ifoome ta'uun ibsameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Open in Telegram
Views18,862−55%vs avg
Forwards74
Reactions102
Comments—

Views growth

Hours after publication

Show as table
Hours after publicationViews
0 h5,795
3 h18,862
  1. Total to date18,862

Reactions

  • 😭48
  • ❤41
  • 🤯5
  • 🤩4
  • 💔2
  • 😢2

More from ABDII SABAA

  1. 01

    Ministeerri Barnootaa Ramaddii Barattoota Sagantaa Deeggarsaa (Remedial) fi Barattoota Yuunivarsiitiiwwan Tigraay Ifoomse Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatanii qabxii seensa dhaabbilee barnoota olaanoo sagantaa deeggarsaatiin ykn 'Remedial' galmeessisan, akkasumas barattoota haaraa bara 2019tti yuunivarsiitiiwwan mootummaa naannoo Tigraay keessatti argamanitti ramadaman hundaaf ramaddii isaanii ifoomsuu beeksiseera. Haaluma kanaan, barattoonni ulaagaa kana guutan hundi marsariitii 'https://student.ethernet.edu.et/view-placement' jedhamutti fayyadamuun yuunivarsiitii itti ramadaman salphaatti ilaallachuu akka danda'an ibsameera. Gama biraatiin, barattoonni ramaddii taasifame kana irratti komii ykn gaaffii qaban yoo jiraate, marsariitii komii ittiin dhiyeessan 'https://student.ethernet.edu.et/complaints' jedhamutti fayyadamuun iyyannoo isaanii karaa toora interneetii dhiyeessuu akka danda'an ergaan dabarfameera. Dabalataanis, haala yeroo ammaa naannoo Tigraay keessa jiruun wal qabatee, barattoota haaraa ramaddii isaanii yeroof gara yuunivarsiitiiwwan mootummaa naannoo sanaan ala jiranitti jijjiirrataniifis ramaddiin kan ifa ta'e yoo ta'u, isaanis marsariituma 'https://student.ethernet.edu.et/view-placement' jedhamu kanaan seenanii ilaallachuu akka danda'an ministeerichi eereera. Akkasumas, barattoota idilee turan kanaan dura yuunivarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessatti barachaa turanii fi yeroof gara dhaabbilee birootti akka ramadaman iyyannoo dhiyeessanii turaniifis ramaddiin isaanii xumurameera. Barattoonni kunniin ramaddii isaanii haaraa marsariitii 'https://student.ethernet.edu.et/university-transfer/' jedhamu irratti lakkoofsa eenyummaa dijitaalaa ykn 'Faayidaa' isaanii sirriitti galchuun mirkaneeffachuu akka danda'an ifoomeera. Barattoonni hundi of eeggannoodhaan ramaddii isaanii akka ilaallatanii fi qophii barbaachisu akka taasisan dhaamameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

    Photoalbum
    Views77.8K
    Forwards257
    Reactions506
    Comments—
  2. 02

    No text

    Photoalbum
    Views77.5K
    Forwards261
    Reactions—
    Comments—
  3. 03

    No text

    Photoalbum
    Views69.7K
    Forwards4
    Reactions—
    Comments—
  4. 04

    No text

    Photoalbum
    Views68.6K
    Forwards4
    Reactions—
    Comments—
  5. 05

    No text

    Photoalbum
    Views64.1K
    Forwards16
    Reactions—
    Comments—

All posts of ABDII SABAA