ODUU AMMEE: Magaalaa Maqaleetti Buufanni Tamsaasa 'Tigray TV' Dirooniin Rukutamuu Gabaafame; Magaalaa Allaamaaxaatti Tajaajilli Neetwoorkii Cite Walitti bu'iinsa fi waraana kaaba biyyattii keessatti haareffame hordofuun, ganama har'aa magaalaa Maqalee keessatti giddu-galli tamsaasa miidiyaa 'Tigray TV'—kan dhiheenya kana Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaatiin tamsaasni isaa dhorkamee ture—haleellaa dirooniitiin rukutamuu isaa maddeen gabaasaniiru. Haleellaan kun dhiphinaa fi sodaa nageenyaa naannicha keessa jiru daran kan hammeesse yoo ta'u, miidhaa qaqqabe ilaalchisee odeeffannoon dabalataa qulqullaa'aa jiraachuu beekameera. Gama biraatiin, magaalaa Allaamaaxaa keessatti tajaajilli neetwoorkii fi bilbilaa guutummaatti addaan cituu isaatiin, qunnamtiin bilbilaa bakkeewwan muraasa filataman qofatti hojjetaa akka jiru jiraattonni ibsaniiru. Haaluma kanaan wal qabatee, miseensonni humnoota nageenyaa mootummaa magaalattii keessatti socho'aa jiru. Waraanni fi walitti bu'iinsi uumame kun hatattamaan akka dhaabbatuuf qaamoleen garaa garaa fi hawaasni waamicha dhiyeessaa jiru. Waraanni obbolummaa kun du'aa fi miidhaa lammiilee nagaa kan baay'isu, mancaatiin qabeenyaa akka hammaatu kan taasisuu fi guddina biyyaa boodatti kan harkisu waan ta'eef, waldiddaan jiru hundi karaa nagaa fi araaraatiin akka furamu hawwii uummata bal'aati. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in Telegram
ODUU AMMEE: Magaalaa Maqaleetti Buufanni Tamsaasa 'Tigray TV' Dirooniin Rukutamuu…
Views51,160+10%vs avg
Forwards8
Reactions102
Comments—
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 1 h | 7,188 |
| 10 h | 40,221 |
| 28 h | 51,160 |
- After 1 hour7,188
- After 24 hours51,160
- Total to date51,160
Links and mentions
Mentions@abdii_sabaa
Reactions
- ❤86
- 🎉4
- 👏4
- 😭3
- 🤯3
- 🕊2
More from ABDII SABAA
- 01Views77.8KForwards257Reactions506Comments—
- 02Views77.5KForwards261Reactions—Comments—
- 03Views69.7KForwards4Reactions—Comments—
- 04Views68.6KForwards4Reactions—Comments—
- 05Views66.5KForwards12Reactions—Comments—