Emireetonni Arabaa Gamtooman Haleellaa TPLF Balaaleffachuun Birmadummaa fi Tokkummaa Itoophiyaaf Deeggarsa Hin Qenne Qabaachuu Beeksiste Mootummaan Emireetota Arabaa Gamtoomanii (UAE) birmadummaa Itoophiyaa, tokkummaa uummataa, tasgabbii daangaa fi nageenya biyyattiitiif deeggarsa dhaabbataa fi walirraa hin cinne akka taasisu ifoomseera. Biyyattiin ibsa baasteen, haleellaa humni TPLF humnoota federaalaa irratti raawwate, buufataalee xiyyaaraa naannoo Tigraay keessa jiran humnaan to'achuu isaa, akkasumas walitti bu'iinsa naannolee Affaarii fi Amaaraa keessatti hammaate cimsitee akka balaaleffattu beeksisteetti. UAE'n cinaa mootummaa Itoophiyaa kan dhaabbattu ta'uu mirkaneessuun, daandii humnaatiin sirna heera mootummaa biyyattii jijjiiruuf yaalii taasifamu kamiyyuu akka hin deggarre ifa gooteetti. Dabalataanis, waraanaa fi walitti bu'iinsi uumame kun hatattamaan akka dhaabbatu, lammiileen nagaa miidhaa irraa akka eegamanii fi Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa guutummaatti kabajamee akka itti fufu waamicha dhiyeessiteetti. Dhumarrattis, rakkooleen jiran hundi karaa marii nagaa fi tasgabbaa'aa ta'een furmaata argachuu akka qaban UAE'n kan hubachiifte yoo ta'u, dhimmi kun nagaa fi tasgabbii Gaafa Afrikaa irratti yaaddoo fi dhiphina dabalataa akka hin uumneef qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi itti gaafatamummaan akka socho'an gaafatteetti. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Open in Telegram
Emireetonni Arabaa Gamtooman Haleellaa TPLF Balaaleffachuun Birmadummaa fi Tokkummaa…
Views57,588+22%vs avg
Forwards12
Reactions274
Comments—
Views growth
Hours after publication
Show as table
| Hours after publication | Views |
|---|---|
| 0 h | 0 |
| 6 h | 20,705 |
| 22 h | 42,802 |
| 39 h | 57,588 |
- After 6 hours20,705
- After 24 hours42,802
- Total to date57,588
Links and mentions
Mentions@abdii_sabaa
Reactions
- ❤224
- 👍38
- 🤯6
- 👏3
- 🔥3
More from ABDII SABAA
- 01Views77.8KForwards257Reactions506Comments—
- 02Views77.5KForwards261Reactions—Comments—
- 03Views69.7KForwards4Reactions—Comments—
- 04Views68.6KForwards4Reactions—Comments—
- 05Views64.1KForwards16Reactions—Comments—