#Namni_fedhaafi_kaka’umsa #mataa_isaatiin_waan_lama_sigargaara! Daqiiqaa 3 qofa kenniitii hamma dhumaatti dubbisi! #Osoo ati mana isaa deemtee yookinimmoo bakkuma inni jirutti isa barbaaddee na gargaari hin jedhiin namni wantoota gurguddoo lama si gargaara! Siif hoo’a, siifis gadda! #Gargaarsa kana isarraa argachuuf mana isaa dhaqxee adaraakee na gargaari gooftaako jettee kadhachuu sin barbaachisu! Daboos gargaarsaaf hin gaafattu! Yookinnimmoo Jaarsummaadhaanis namoota ergitee, gargaarsa isaaf jilba isaa hin dhungattu! Malaammaltumaa kennuufis harkaan deemuu hinbarbaachisu! Gaatii dadhabbiikoo jedhees bulee, turee na gaafata jettees yaaddoo hinqabaattu! Ofiimasaa si jaallatee, siif yaadee si gargaara!😜 Yeroo isaa qaalii irraa muree yookinimmoo hojii qabu hundumasaa addaan kutee si gargaaruuf yeroo siif kenna!😂 Gargaarsa kanas akkati isaaf deebistu sirraa hin eeggatu! Gatii isaa kana namarraa hin eeggatu waan ta’eefidhammoo! #Waaqa irraas garuu kan eeggatu hinfakkaatu! Gargaarsi inni siif kennu kun haamileefi humna cimaa ofkeessaa qaba. Humna qabu hundumaa sirraa hinqusatu! Gargaarsi isaa kun abiddayyuu isa seensisa yoo ta’e, yookinimmoo bowwaa cimaa, achuma bu’ee si gargaara malee sin dhiisu! #Namnimoo namnikkoo gaariidhaam! Gargaarsi namni haamileedhaan ofuma isaa yaadee rakkoon kee itti dhaga’amee si gargaaru kana keessaa tokko #hamiidha. Si hamachuufi silafafuu tolumaan si gargaara! Baasii tokko malee! Gargaarsa cimaadha mitiire! Eyyeen Qixxee hinqabu! Gargaarsi namni fedhii dhuunfaa isaatiin ka’ee si gargaaru inni lammaffaaammoo gaafati duute Awwaalcha kee sigargaaruudha! Gaafati duute kutaa isaa dachaafatee akka naman du’akee gaddeeruu dhufee dafee lafeefi foon kee dachee jala oolchuuf si barbaada! Gargaarsa cimaa! Waan hundaafuu namootni akkasii si barbaachisu! Hojiikeefi deemsakeef onnachiisoodha! #Obboleessakoo, obboleettiiko, firako, lammiiko kan namni tolan si gargaaru erga kana ta’e namarraa gargaarsa maalii eegdaree? Waaqatti aansee jalqaba kan waa’eekee yaaduufi si gargaaru sumadha! Kana amani! Ofiikeefis bakka kenni! Gaafati milkooftu immoo sobaniis ta'u dhugumaan harka sii rukutuun isaanii hin oolu! #Nansobee?
Открыть в TelegramПосты канала MILKAA'INA JIREENYAA
An elephant and a dog became pregnant at the same time. Three months down the line, the dog gave birth to six puppies. Six months later, the dog was pregnant again, and nine months on it gave birth to another dozen puppies. The pattern continued. On the eighteenth month the dog approached the elephant questioning, "Are you sure that you are pregnant? We became pregnant on the same date. I have given birth three times to a dozen puppies and they are now grown to become big dogs, yet you are still pregnant. What's going on?" The elephant replied, "There is something I want you to understand. What I am carrying is not a puppy but an elephant. I only give birth to one in two years. When my baby hits the ground, the earth feels it. When my baby crosses the road, human beings stop and watch in admiration, what I carry draws attention. So what I'm carrying is mighty and great." Don't lose faith when you see others receive answers to their prayers in what seems like record time. Don't be envious of others' testimony. If you haven't received your own blessings, don't despair. Say to yourself "My time is coming, and when it hits the surface of the earth, people shall yield in admiration." Do not compare your journey to anyone else’s Stay blessed my family. Source: Unknown Knowledge world Channel bareedaa kana ofiifis JOIN godhi hiriyyoota keefis share godhi 👇👇 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 🇸 🇭 🇦 🇷 🇪 &🇯 🇴 🇮 🇳 @milkaaina_jireenyaa @milkaaina_jireenyaa ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 🇸 🇭 🇦 🇷 🇪 &🇯 🇴 🇮 🇳
Открыть в Telegram❤️JAALALA❤️ ~ "Si malee jiraachurra ,irree harka irratti du'uu naaf wayya" Jechi yoo gocha ta'e ,himni armaan olii sirrii sirriin oliiti.Garuu yoo gochi bira hin jirre ykn yoo abbaan jaalatame bakka kana jiraachuu baate faayidaa dhaba malee! Jaalalli suuraa onnee(❤️) bakka hundatti kaasaa ooluu fi ergaa ooluun ,sirbaan , aartii fi dhukkubbiin osoo hin taane garaa irraa ta'a. Namni afaaniin qofa sin jaaladha waliin jedhu garuu kan wal argaa walii jibbu , kan garaa duuba harka wal qabatee boo'ee jaalala walii ibsatee boodammoo wal quba hin qabne, tokkummaa jedhee osoo boo'u garuu kan maaddii tokkotti waliin hin nyaanne jaalala waliif qaba hin jedhamu. Jaalalli guutuun garaa fayyaa waliif qabaachuun ibsama. Fixii jaaladhu!Jaalattee amanummaa biraa hin hambisiin.Hir'uu kennanii ,guutuu argachuun waan hin jirreefi.Nama jaalatte amanis ,jaaladhus! Jechama "Jaaladhu malee hin amaniin" jedhu yoo sammuu keessaa qabaattellee haqii gati.Yoo Sitti himuuf jedhanillee gurra kee irraa cufadhu. Vaayirasii hamaa JAALALA dhabamsiisu waan ta'eefi. Miidhaan jaalalli hanga ammaa fide yoo jiraate ,waanuma hin jiraanne qofa. Channel bareedaa kana ofiifis JOIN godhi hiriyyoota keefis share godhi 👇👇 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 🇸 🇭 🇦 🇷 🇪 &🇯 🇴 🇮 🇳 @milkaaina_jireenyaa @milkaaina_jireenyaa ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 🇸 🇭 🇦 🇷 🇪 &🇯 🇴 🇮 🇳
Открыть в TelegramMAALTU AKKA NATTI DHAGA'AME AMMA ARGITEETTA! Naappooliyoon mootichi yeroo biyya Raashiyaa weerare mudannoo barumsaaf ta'u tokko qaba ture. Mee isiniifan qoodaa na hordofaa. Loltoonni isaa naannoo cabbiin haguugame tokkotti lola irra otoo jiranii akka tasaa Naappooliyoon isaan irraa adda ba'e. Isa ta'uu isaa baranii loltoonni Raashiyaa duukaa bu'anii ari'uu eegalan. Lubbuu isaa oolfachuuf jara jalaa baqatee dukkaana xiqqoo suufiin itti gurguramu tokkotti ol lixee, dhoksee lubbuu isaa du'a akka oolchu abbaa dukkaanaa sana kadhate. Namichis garaa laafeefii, gogaa hoolaa walirra nam'ee jiru tokko jala akka seenu itti hime. Naappooliyoonis gogaa hoolaa sana jala seene. Kanaan otoo jiranii loltoonni Raashiyaa booddeedhaan ari'aa turan dhufanii humnaan balbala dukkaanichaa cabsanii itti seenan. "Diinni keenya eessa jira? Eessa dhoksite?" jedhanii namicha gaafatan. Namichis akka isa hin argiin itti hime. Kutaa dhiphoo sana keessa barbaadanis argachuu hin dandeenye. Fiixee qawwee isaaniin gogaa hoolaa sana tuttuqanis nama keessaa hin argine. Abdii kutanii bakka biraa barbaacha deeman. Naappooliyoonis otoo hin miidhamiin gogaa sana jalaa ba'e. Yeroo xiqqoo booda loltoonni isaa gurguddoon gara isaa dhufan. Naappooliyoon loltoota isaa wajjin mana isaatii ba'uuf kaanaan abbaan dukkaanaa gaaffii tokko gaafachuu fedhe. "Gaaffii akkanaa si gaafachuu koof dhiifama naaf godhi. Ati mootii addunyaa kana irratti sodaatamaa fi jabaadha. Amma garuu diina kee baqattee gogaa hoolaa gidduu ciiste. Kana ta'uu isaaf, miira akkamiitu sitti dhaga'ame?" jedhee gaafate. Naappooliyoonis battalumatti fuulli isaa jijjiirame. Aarii guddaadhaan itti iyyee, "Akkamitti gaaffii akkanaa na gaafatta?" jedhe. Namicha gad baasanii ija isaa hidhanii akka isa ajjeesan loltoota isaa abboome. Isaanis ajaja mootichaa fudhatanii, gad baasanii ija isaa hidhan. Namichi akka malee rifatee hafuurri isaa addaan ciccituu eegale. Naappooliyoon achi irraa hiiqee, "Rasaasa kee qopheeffadhu! Itti dhukaasuuf qophaa'i" jedhee ajaja kenne. Namichi lubbuun keessaa ba'uu geessee turte. Otoo du'a isaa eeggachaa jiruu sagalee faana miilla namaa suuta jedhee gara isaa dhufu dhaga'e. Namichi gara isaa deemaa ture sun harka isaa hiixatee wanta ija namichaa hidhe sana irraa hiike. Yeroo ija isaa banatee ilaalu Naappooliyoon ture. Gurra namichaatti jedhee, "Yeroon gogaa hoolaa sana keessa seene maaltu akka natti dhaga'ame amma argiteetta!" jedheen. Jeemsi Terber akkana jedha, "Dheekkamsaan gara boodaa ykn sodaadhaan gara fuula duraa hin ilaalin; naannoo kee hubannaadhaan ilaali!" jedha. Ergaan seenaa kanaa ifaadha. Haga ofii argutti namni haala sodaachisaa namni tokko keessa jiru hin hubatu. "Kan dheebotee argetu dheebuu namaa namaaf beeka!" jedha mitii Oromoon? Nama tokko hubachuuf kophee namichaa keessa dhaabannee ilaaluutu barbaachisa! Madda: Istiiv Andiriyaas ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 🇸 🇭 🇦 🇷 🇪 &🇯 🇴 🇮 🇳 @milkaaina_jireenyaa @milkaaina_jireenyaa ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 🇸 🇭 🇦 🇷 🇪 &🇯 🇴 🇮 🇳
Открыть в Telegram📚👉DHALANNEE YOO BANNE, MALEE NU DHALOOTA HIN BANNE!!!!! ✓ dhalli namaa eenyummaa guutuu fi namummaa guutuu dhaan hogguu dhalatu addunyaa tanatti dhufa. Nama waan ittin jedhan hin qabnee fii waan namaan jedhu hin beeknetu gadaamessaa haadhaa keessaa gara addunyaa oduu gadheefi gaariin guuttamte tanatti gadi ba'a. 👉Namni nama hamaa ta'ee dhalatu hin jiru, eega dhalatee boodaa hammeenya of keessatti guddisaa deema malee. 👉dhalli namaa yommuu dhalatu wantoota barbaachisoo fi murteessoo ta'an sadan armaan gadii wajjiin dhalate. 1)sammuu qulqulluu wajjiin dhalata. 2)onnee qulqulluu wajjiin dhalata. 3) yaada garaa_ qulqulluu wajjiin dhalata. Join 👉 "Milkaa'ina Jireenyaa" 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 @milkaaina_jireenyaa @milkaaina_jireenyaa @milkaaina_jireenyaa
Открыть в TelegramПереслано из Dr. Abdisa Ejeta
ODUU AAGAA NORDIC ICT FURMAATA TEEKNOOLOOJII AMMAYYAA! Dijitaalaayizeeshiniin guddina daldalaa fi dhaabbilee ammayyaa keessatti gahee olaanaa qaba. Nordic ICT furmaata teeknooloojii ammayyaa dhiyeessuun hojii keessan salphisuuf, saffisiisuu fi bu’a qabeessa taasisuuf isin bira jira! Tajaajiloota Nordic ICT Kennu: 1. Website Development: Weebsaayitii ammayyaa, bareedaa fi hojii dhaabbata keessaniif mijatu ijaaruu. 2. Mobile App Development: Appilikeeshinii bilbila harkaa irratti hojjetan misoomsuu. 3. School Management Systems : Sirna bulchiinsa manneen barnootaa, odeeffannoo barattootaa fi kaffaltii dijitaalaa salphisu. 4. Cloud Hosting: Weebsaayitii fi sirna dijitaalaa keessan interneetii irratti akka hojjetu deeggaruu. 5. Cybersecurity: Sirna fi odeeffannoo dijitaalaa keessan eeguuf furmaata nageenyaa dhiyeessuu. 6. IT Consulting: Dhaabbata keessaniif furmaata teeknooloojii sirrii filachuuf gorsa ogummaa kennuu. 7. Customized Software Solutions: Fedhii fi hojii dhaabbata keessaniif furmaata sooftiweerii addaa qopheessuu. Irbuu App fi Platform Nordic ICT kan hojjetame yoo ta’u dandeettii teeknooloojii, kalaqa fi furmaata dijitaalaa mul’isu keessaa isa tokko! HOJIIWWAN NORDIC ICT KEESSAA MURAASA:- 1. OromoBook App Appilikeeshinii kitaabota sagaleedhaan dhaggeeffachuu fi e-book dubbisuuf gargaaru. Afaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun Android fi iOS irratti tajaajila kenna. 2. Irbuu App Appilikeeshinii sagalee, viidiyoo fi seenaa dhiyeessu. Akkasumas donation, subscription fi muuxannoo fayyadamaa dhuunfaa of keessaa qaba. 3. Haro Sebu Construction Weebsaayitii fi platform hojii dhaabbata ijaarsaa fi daldala waliigalaa agarsiisu. Pirojektoota, tajaajiloota fi bulchiinsa weebsaayitii of keessaa qaba. 4. Atis Nama Foundation Platform gargaarsa namoomaa kan donation, duula walitti qabama deeggarsaa fi seenaa bu’aa hojii foundation agarsiisu. 5. Falcon Gruppen Weebsaayitii dhaabbataa kan hojii dhaabbatichaa, tajaajiloota isaa fi walqunnamtii maamiltootaa fooyyessuuf qophaa’e. 6. Mume Platform tajaajila kunuunsaa kan maamiltoota ogeessota kunuunsaa waliin walqunnamsiisu. Tajaajila kunuunsa mana keessaa, deeggarsa fi fayyaa waliigalaa irratti xiyyeeffata. 7. Village Weebsaayitii dhaabbataa kan seenaa, tajaajiloota fi hojii dhaabbatichaa bifa qulqulluu fi ammayyaatiin dhiyeessu. 8. Ezzu Autotech Platform daldala oomishaalee konkolaataa fi network daldaltootaa agarsiisuuf qophaa’e. 9. School Management System Sirna bulchiinsa manneen barnootaa kan barnoota, argama barattootaa, qormaata, qabxii, kaffaltii fi qunnamtii maatii salphisu. 10. Rental Management System Sirna bulchiinsa qabeenyaa kiraa kan mana, kireeffattoota, waliigaltee, invoice, kaffaltii fi gaaffii suphaa to’achuuf gargaaru. Dhaabbata keessaniifis App, Website, School Management System yookaan Software addaa barbaadduu taanan atatamaan Nordic ICT quunamaa. Bakki argama isaanii: Ethiopia keessaatti: Finfinnee Naannoo 22 Awraris jedhamu gamoo tsega business center gamoo 10ffaa lakk.10 Iskaandineeviyaa Norway magaala osloo Odeeffaannoo dabalataaf 🌐 Website: www.nordicict.com 🌐 www.nordicict.et 📧 Email: [email protected] 📞 +251 935491844 📞 +251 942 901 190
Открыть в Telegram✍Namoonni hedduun akkuma isaaniitti si ilaalu, akkuma isaaniittis si madaalu! Haa ta'u malee madaalliin isaanii si'ii miti! Calaqqeema eenyummaa isaaniiti malee. Sarara namoonni nuuf kaayaniin daangeffamnee jiraachuun carraadha osoo hin taane filannoo keenyaan, yoo kiiyyoo ormi nuuf xaxu hunda keessuma lixnee ka teennu taate nutitu of daangesse malee ormaa miti. Hin dhagahin! Ormi waan ofii dadhabe sitti marsaa atimmoo hin marra'amin. Yeroo ammaa ka Namni nama Akka horiitti marra'ee gurguruuf ta'u kanatti ati gabaa gurgurtaa isaanii funyoon hidhamtee hin dhaqiniif. Ati kaayyoo kee fanaa maraadhu, isaan ammoo waa'ee keetiif haa maraatanii. Albert Einstein tu Akkana jedha, "Muldhata akka nama maraatee si godhu hin qabdu yoo ta'e, Nama guddaa ta'uu hin dandeessu" #Albert_Einstein #Yeroo_Gaarii_Qabaadhaa! Maddi fb👉https://www.facebook.com/Abdi.Ab.Edao Join Us Share please👇👇👇 @milkaaina_jireenyaa
Открыть в Telegramwaan ajaa'ibaati! Tibba sirni Appaartaayidii biyya Afrikaa Kibbaa raasaa turetti gurraachii fi adiin namummaa isaanii caalaa bifti gogaa isaaniifi qomoon isaanii isaaniitti aanee wal gaarreffachaa wajjin jiraatani. Adiin “ati warra cilee fakkaatan kana ni caalta! Akka barbaaddetti dhiitii ergadhu,akka sareetti ifadhu ,yoo sirratti ka’anii si finciluu barbaadan ammoo lubbuun isaanii kan tisiisaarraa waan hin wayyineef gara-laafina tokko malee ajjeesi!”jedhamanii guddatani. Gurraachi ammoo mirga namoomaa keessummaa keessa bartee “anatu siif gooftaa dha!”jechuu irra darbitee dhaabbii fi taa’ii dhowwatte kana ofirraa calaasuuf ifaajju turani. Guyyaa tokko dargaggeessi quufaan bifaan adii ta’e mucaa gurraacha ollaa , harmee isaa waliin jiraatu tokko “mirga “isaaf kennametti fayyadamee ajjeese. Ollaa fi biyyi itti yaa’ee ilaale. Harmeen ilma tokkicha qabdu dhabuu isheen lubbuun ishee madaa’e. Namni ” Gurbayyo maaliif akkas goote!?jedhee ajjeechaa raawwateef seeratti dhiyeesse hin turre(haqa maaliitus jira malee!). Waggootni darbani. Sirni kun kufee Nelsan Maandeellaan karaa filannoo demookiraatawaan barcuma masaraa mootummaa keessa taa’ani. Namootni ajjeechaa “akka malee “raawwachaa turanis seeratti dhiyeeffamuu jalqabani. Isaan keessaa mucaan gara-jabeessi tokkicha ollaa isaa waliin guddate ajjeese isa tokko. Mana murtiitti dhiyaate. Haati mucaa du’ees guyyaa murtii sana dhaddacha irraa yoo murteen darbu dhaga’uuf hirmaatanii ture. Abbaan seeraa maqaa isaanii waamee ” otoo nuti asii hin murteessiin yaada maalii qabdu?”jedhe ija jaartii keessa ilaalaa. Itti yaadani! Sagalee isaanii cirataniis dubbii kanatti fufee jiru dubbatani ” Mucaa koo nan jaalladhan ture-hamma haati kaan mucaa ishee jaallattu caalaa. Sababiin isaas tokkicha du’a abbaa isaa ittiin irraanfadhe dha. Haa ta’uutii mucaan argitan kun sababa tokko malee ajjeese. Inni hin dubbanneef malee ekeraan mucaa koo du’ee,dhiigni qulqulluun inni dhangalaase halkanii guyyaa isa ari’ataa tureera. Gaabbee iddoo fuudhuus dhabeera . Gurraachis nama akka ta’e du’a mucaa kootiin barate. Kana ani guyyuun fuula isaa irraan dubbisa!”yoo jedhan dargaggeessi adiin sun imimmaan isaa to’achuu hin dandeenye. Hirqinfatee akka nama haati jalaa duutee boo’e. Abbaa seeraa fi namoota achi turan maratti dubbiin bitaa itti gale. Jaartiin haasaa isaanii itti fufani. ” Ani lammata dhala godhachuuf umriin narra darbeera. Mucaan koos takkaa akka bishaanii dhangala’eera. Waa’ee isaa deddeebi’ee yaaduun koo umrii na hafte kana gabaabsuurra kan darbe mucaa koo naa hin deebisu. Jibba garaa koo keessa jiru baaseera. Balleessaa mucaa kanaas otoo inni na hin gaafatiin dhiiseeraaf !”jedhani . Dargaggoo adiin sun ittuma caalchisee iyye. “Tole …waan gaarii!”jedhan abbaan seeraa ” Kabajamoo abbaa murtii!” jedhan jaartiin ” mucaan kun umrii isaa hafe kana mana hidhaa keessatti akka dabarsuuf itti murtu ta’a. Kun mucaa koo naa deebisaa ? Matumaa ! Umrii koo gara galgalaa kana mucaa koo ta’ee akka na soorun isin kadhadha!”jedhani . Mucaan harjajjaa’ee dhaabbate. Jecha akkasii namarraa,keessumaayyuu nama gurraacha inni mucaa jalaa ajjeese irraa nan dhaga’a jedhee hin yaadne . Itti fiigee hammatee irraa ol jechuu dide . “Dhuguma naa dhiistanii?” ” Ati kana booda mucaa kooti”jedhani. Haa hafuun edaa firatti qofaa miti alagaattis nama hambisa! Madda: waanuma dubbisen isiniif qoode! yoo jaalattan hiriyyoota keessaniif #share godhaa akkasuma fb koo #add/follow godhadhaa 👇👇👇👇 https://www.facebook.com/Abdi.Ab.Edao ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 🇸 🇭 🇦 🇷 🇪 &🇯 🇴 🇮 🇳 @milkaaina_jireenyaa @milkaaina_jireenyaa ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 🇸 🇭 🇦 🇷 🇪 &🇯 🇴 🇮 🇳
Открыть в TelegramNothing beats books for understanding the world" Rolf Dobelli . nama kanatu akkana jedha "Yeroo tokko yaalii wayiin geggeesse; oduu (News) dhaggeeffachuufi dubbisuun dhaabe. Raadiyoofi Teleevizhiinii koon cufe, barruulee oduu qofa qabatanii bahanin dubbisuu dhaabe! Torban jalqabaa ulfaataa ture. Waan tahe na jala darba jedheen sodaachaa ture. Waggoota sadii boddee garuu wantin argadhe yaadaa bilisaa, xiyyeeffannoo guddaa, sammuu murtee gaariifi yeroo bal'aadha. Wantin ani oduu irraa argadhu hanga nuusa kitaaba irraa argadhuu na hin fayyadne." jedhee Rolf Dobelli kitaaba isaa 'The art of thinking clearly' jedhu keessatti katabe. Yeroo oduu garagaraa dhagahaa oollu sammuun keenya odeeffannoo garagaraaf dub-deebii garagaraa kennuuf dhama'a. Oduulee dhaggeeffachaa ooluun sammuu keenya karaa sirrii hojjessiisuuf nu rakkisa. "As a result of news consumption, we walk around with a distorted mental map of the risks and threats we actually faces." Dabalataan oduun baayyeen beekumsa hin ta'ani. Fakkeenyaaf, ji'oota darban oduulee baay'inaan 10,000 tahan dhaggeeffatteetta taha. Garuu isaan keessaa jireenya keetiif kan si gargaaran baay'ee muraasadha. "If news really helped people advance, journalists would be at the top of the income pyramid." Dhumarratti yerookee oduufi odeeffannoo funaanutti hin dabarsin; read long articles and books! Kitaaba homtuu hin injifatu! 📢JOIN & 🔗SHARE ╔══════════════════╗ 📚JOIN: @milkaaina_jireenyaa 📚JOIN: @milkaaina_jireenyaa 📚JOIN: @milkaaina_jireenyaa ╚══════════════════╝
Открыть в Telegram👉❇💗💗#Maqaakoo_Miti...!❇💗💗 ❇Hattuu biyyaaf gamsiise tokkotu akkuma amala isaa gabaa keessaa waa butee ba'e. Namni hundumtuus hattuu kana faana fiiguu eegalan. Waci isaa waca gabaati. Baayyinni nama hattuu kana duukaa fiiguus gabaadha waan ta'eef isa durii caalaa isa naasise. Osoo gabaan ariituu hattuun sun uffannaa isaa of irraa baasee gateetu harkaa miliqe. Akka tasaa nama biraa uffannaa kan hattuu sanaatiin wal fakkaatu ufattee dhimmaaf adeemaa jiru tokko gabaan hattuu ariitu kun argite. Ergaan takkaas hattuu, hattuu, hattuu,...jedhanii itti iyyan. Innis akkuma sila adeemutti deemsa isaa itti fufe. Gargalees gabaa dhaggeeffachuudhaaf yeroo isaa daqiiqaa tokko iyyuu hin gubne. Ija isaas daandii fuula isaa dura jiru irraa hin kaasne. Dhuma irrattis bira ga'anii qabuudhaan eenyummaa isaa baran. Gaafa isaan ilaalan uffannaa isaatu isa kan hattuu fakkaata waan ta'eef gabaan hattuudha jettee itti iyyite malee namichi hattuu miti. ❇Gabaa keessaas inni tokko, "Dhugaa qabda erga ta'ee yommuu nuti hattuu, hattuu, hattuu jennee si waamnu immoo maaliif si aarsee hin falmanne? Maaliif garagaltee homaa nuun hin jenne? jedhee namicha gaafate. Namichis, "Hattuu jettanii yommuu isin na waamtanii maqaankoos, hojiinkoos hattuu miti waan ta'eefan galagalee isin hin ilaale. Maqaakoo miti waan ta'eefan hin awwaanne jechuu kooti. Isinitti aaruufis immoo sababi hin qabun ture. Sababni isaa nan beektan waan ta'eef amma isin na bartanitti maafan isinitti aara? Maaliifanis immoo deemsa dhaabee isinii wajjin wal falmii fi dubbiif dhabbadhaa? Isin jettaniif isa isin naan jettan hin taane. An silas, erga isin maqaa kanaan na waamtaniis hattuu miti. Kanaaf maal jedhee akkan falmadhu barbaadanii" jedheen. Gabaanis namicha uffannaa isaa ilaaltee hattuu jettee waamte irraa maqaa isaa fi eenyummaa isaa isa dhugaa bartee biraa dachaate! #Xumura_Ergaa_Kootii ❇Si'a tokko tokko namni osoo sin beekin namanni beeku itti fakkaattee iyyee si waama. Maqaa isaati se'ee maqaa biraan,eenyummaa isaati se'ee eenyummaa ati hin qabne sitti maxxansa. Gochoonni kun kan nama aarsan turan garuu kan ati aaruu qabdu namoota si beekan qofatti. Warri akka gabaa kanaa yommuu si bira ga'an si baran illee gaariidha. Isaan sanaan booda maqaa sanaan sin waaman. Kan ati wajjin jiraachuuf, wajjin walii galuuf ogeessa ta'uu qabdu warra utuu sin beekin ija jabinaan an eenyummaakees; amalakees siriittan beekaa siin jedhaniidha. Isaanitti si baruun baayyee ulfaata. Sababni isaa, isaan si beeka jedhanii waan yaadaniif sin baran. Ta'us yoomillee maqaakee malee hin awwaatin, eenyummaa eenyummaa keetiin alatiin waamamtees namatti hin aarin. Namoota akkasi wajjin wal falmuu fi eenyummaakee itti himuudhaafis dhaabbattee wajjin yerookee hin gubin. Ati itti fufii adeemsa kaayyoo keetii deemi. Isaan immoo yoo dirreen keessatti si baranii fi hojiin irratti si baran isaaniif dhufee si haa baraniiti akka isaan si beekaniif falmachuu hin deemin! #Yoomillee:- 👉Maqaakee malee hin awwaatin 👉Eenyummaa sin ibsinee siif kennaniif hin aarin 👉Dhugaakee falmachuuf jettee karaa of hin dhaabin dhugaan falmii miti 👉Daandii durakee jiru dhiistee of duuba hin ilaalin gufattee kuftaati! ✍ Abdi Ab. https://www.facebook.com/Abdi.Ab.Edao FOLLOW ME 👈👆👉 SHARE
Открыть в Telegram✓📒📒 kolfi kee haala kee haa jijjiiru malee , haalli kee kolfa kee akka hin jijjiirre irraa of eeggadhu!.📒📒 Join&share @milkaaina_jireenyaa @milkaaina_jireenyaa
Открыть в TelegramYeroon gaariin yaadannoo gaarii ta'a Yeroo badaan barannoo gaarii ta'a!. @milkaaina_jireenyaa
Открыть в Telegram📚👉ciminni ofii guddachaa, dadhabinni ofii ammoo yeroodhaa gara yerootti hir'achaa deemuun barbaachisaadha! 👉Mitiiree? @milkaaina_jireenyaa @milkaaina_jireenyaa @milkaaina_jireenyaa
Открыть в TelegramThe greatest risk in life is not taking any risk. The person who never tries, never knows what they are capable of!!
Открыть в Telegram👉if you are self confident in your social life, there are alot of people who want to accept you in their life. But if you are a kind of passive person in your daily social life, no one is ready to carry you. 👉join & share👇 @milkaaina_jireenyaa @milkaaina_jireenyaa @milkaaina_jireenyaa
Открыть в Telegram📚👉yeroon kanarraa ulfaataa tahuutuu mala, yeroon tun erga si dabartee boodaa silaa akkas godhee, silaa akkana godhee , utuu akkas ta'ee , utuu akkas godhee jechurra har'uma itti fayyadami...! Utuun seenaahuf malee seenaaf hin taatuutii!!. 👉waan godhuu qabdu godhi. Karoora keetiifi hojiin kee akka wal hin dhabne godhi. Rakkoon siyaasa biyyattii hammaatus, karoorsuu malee hojjachuun ulfaatus abdii hin murin bakka karaan hin jirre keessa karaa barbaadi. numa carraaqi. Rabbiin gargaasifadhuutii. 👉waan jaalattu argachuuf jalqaba waan jibbitu wajjiin obsuu qabda!. ✓ @milkaaina_jireenyaa ✓ @milkaaina_jireenyaa ✓ @milkaaina_jireenyaa
Открыть в TelegramLife is Better when you are happy, But Life is BEST when other people are HAPPY because of You! Be An Inspiration, Share your Smile!!" 😃 Have a Bountiful day✨! 💕💕💕💕❤️💕💕💕💕💕 @milkaaina_jireenyaa
Открыть в Telegram