Кабинет

Посты канала Odeffannoo adda addaa Afan Oromon

сначала новые

#4024Текст

Yaa obboleessa kiyya: ‎Ilma hiyyeessaa yoo taate fi karoorri kee qacaramuudha yoo ta'e: ‎Dandeettii murtaa'aa ta'e, kan amma addunyaa dhugaa keessatti qabatamaan 𝗮𝗽𝗽𝗹𝘆 gochuu dandeessu irratti xiyyeeffadhu. ‎Waan hundumaa beekuuf of hin cinqin. Dura ‎waan tokko irratti 𝗲𝘅𝗽𝗲𝗿𝘁 ta'i. ‎Fakkeenyaaf, ‎Yoo kaayyoon kee 𝗮𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁𝗮𝗻𝘁 cimaa ta'uudha ta'e: 1. ‎Dura 𝘢𝘤𝘤𝘰𝘶𝘯𝘵𝘪𝘯𝘨 𝘱𝘳𝘪𝘯𝘤𝘪𝘱𝘭𝘦𝘴 sirriitti hubadhu. 2. ‎Itti aansuun 𝘢𝘤𝘤𝘰𝘶𝘯𝘵𝘪𝘯𝘨 𝘴𝘰𝘧𝘵𝘸𝘢𝘳𝘦 sirnaan shaakali: 𝘌𝘹𝘤𝘦𝘭, 𝘗𝘦𝘢𝘤𝘩𝘵𝘳𝘦𝘦, 𝘗𝘰𝘸𝘦𝘳 𝘉𝘐... (YouTube is a free university) ‎Ogummaa kana irratti dandeettii kee cimsi. ‎Kana yoo goote, nama barbaadamaa taata. ‎Yeroo boqonnaa kee immoo, namoota ogeessa akka kee ta'uu barbaadan kaffalchiisii barsiisi, 𝗴𝗮𝗹𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗶𝘀𝗶. ‎Yeroo hin qabdu. Kanaaf waan hundumaa irratti hin rarra'in. Tasgabbaa'i. Waanuma tokko irratti xiyyeeffadhu, ogeessa barbaadamaa ta'i. ‎Ilaa, ‎Kanan sitti himaa jiru: ተራ ሰራተኛ አትሁን ተፈላጊ ሰራተኛ ሁን siin jechaan jira. ‎Nama akkanaa ta'uuf immoo: self-learner, consistent, disciplined, focused, hard worker ta'uu qabda. Akkasumas, hiriyyoota keetirraa fagaachuu qabda(homaa hin fayyadan) ‎Guyyaatti sa'aatii 24 qabda, miti? ‎Sa'aatii 8 iddoo hojiitti dabarsita haa jennu. ‎Sa'aatii 8 immoo ni rafta. ‎Amma sa'aatiin 8 hafeera. ‎Sa'aatii 2 Facebook and TikTok irratti dabarsita haa jennu. Sa'aatii 4 hafeera. ‎Sa'aatii 2 nyaataa fi dhugaatii irratti balleessita haa jennu. ‎Ammayyuu sa'aatii 2 qabda: ishee kana ofiif kenni; ofirratti hojjedhu. Guyyaatti sa'aatii 2 ofiif kennitee jennaan waggaa 2 booda, ati nama biraa taata. Via Tariku Maka

Открыть в Telegram
Просмотры657−8%к среднему
Пересылки—
Реакции9
Комментарии—
#4020Текст

Seenaan Nabi yuusuf (AS) irraa waa heddu barattaa dubbisi. ila Kan dhukkubsate akka fayyu,kan bade akka galu, kan tuffatame akka kabajamu,kan ganame akka moohu,kan gadde akka gammadu,kan jiruun itti dhiphatte akka irraa baldhattu,kan kaayyoo gaarii qabaate akka milkaahu,kan abjuu dansaa arge akka itti gahu argitaa,sirritti xiinxallii dubbisii laali galaa biyya lamaanii irraa fudhadhu. Laali. Harki yuusufiin boollatti darbe suni,kadhannaa nyaataatiif isuma darbe sana jala deebi'ee harka jala qabatee taajjabi,jarri murtii sobaatiin daboon irratti murteesanii turan suni,gareedhuma guutuu saniin deebi'anii,gaabbiidhaan quba ufirraa ciraa dhiifama gaafachuudhaaf dhihaatanii taajjabi,kan fooniifi firaa,inni dhihoo darbee boolla galchinaan, inni fagoo harka jala qabee fudhatee,tola itti oolaa jedhee ajajas dabarsee daawwadhu. Jaaloo Jaalalli hireedhaa obsi,eenyuun akka jaalatamtu hin beektuu waa irraa baradhu,boolla namni itti darbe keessaa baasee,Mootiin Aalamaa,mootii biyya masrii isa taasisee itti agarsiisee taajjabi, harka dhiibee boolla isa buuse,deebisee isa jala qabachiisee hubadhu,iccitiin isaa inni guddaan immoo,lubbuu isaa Rabbitti ol kennuu dandahuu isaa qofaa daawwadhu,atis kan harka nama qabu Rabbii guddaadhaa gadda dhiisii harka Rabbitti ol kennadhu,namni Rabbi bira darbee humna sirratti qabu tokkollee hinjiruu,dubbii tee ol kennadhuu jiruu kee tasgabbiidhaan jiraadhu. وأفوض أمري إلى الله ‏ jedhi. Obbolaa Nabi yuusuf ni bade,ni dhabame,abbaan isaa gaddaafi boohichaan ija dhabe,gaafa murtii koo Rabbitti ol kennadhe jedhe,ijji badde ni deebite, inni bades ni argame, Nabi yuusuf nama boollatti isa darbe ijaan argaa turee beeki,dubbii isaa Rabbitti ol kennee jennaan tika Rabbii argatea laali,Nabi yuusuf kan cubbuun suni hundi irra gaheef hamtuu wahii dalgee hin turree hubadhu, kennaa Rabbiin isaa kenne irratti dadhaburraa kan ka'e,mariin ajjeechaa suni irratti raawwatamee hubadhu. Haloo Namootni si miidhuuf si barbaadan hundi nama ati miite qofa hin sehin,isa jiruun kee,guddinni kee, mul’atni kee,caalmaan kee,dhageettiin kee,arrabni kee qajeeluu isaa dadhabe,isa gaaddidduun kee itti ulfaate,isa dhaabbataafi naatoo qabaatuun kee dhukkubse tahaa hubadhuu seenaa Nabi yuusuf (AS) irraa waa baradhuu uf qusataa deemi. Yoooo Nabi yuusuf ani maaliif akkas tahe hi jennee beeki, dursee abjuu argaa turee aqlii gaarii qabaa taajjabi Nabi yuusuf (AS) akka Rabbiin nama hanquu tahee fi nama dadhabaa qormaata guddaa itti hin laanne ni beekaa hubadhu,darbamuun ajjeechaa qofa akka hin taane ni beekaa laali,ajjeechaa caala kijibni akka waa diigu dursee argee hubadhu,abjuu ufio abbaa ufiitiin gahee yaadadhu,dararaan miidhaa qofa akka hin taaneefi leenjii jiruu akka tahe dursee argee laali,erga dararaa san hunda keessummeessee bahe immoo,haaloo namatti bahuudhaaf bineensa hin taane,namooma guutee argamee xiinxalli. Kanaaf Dhugaa qofa harkaa qabaatteef nagaa hin baatuu beeki,kana oolmaa keenna keessattuu guyyarraa guyyatti argaa jirraa xiinxalli,hinhinjifachuu kan dandeettu,yoo dhugaa dubbatteefi yoo haqa hojjatte qofaa hubadhu,yoo,hidhaa keetiifi hidhaa Rabbii jabeeffatte qofaa, qayyqbadhu,Yaa Rabbi humna kiyyaa ol qormaata natti hin baayyisinii kadhadhuu,leenjiifi muuxannoo fudhachuudhaaf yeroo hundaa qophoon jiraadhu. Captain Sufiyaan Osmaan

Открыть в Telegram
Просмотры1 430+99%к среднему
Пересылки—
Реакции7
Комментарии—
#4019Текст

Shakkamtoonni yakka Moobaayil baankiingiin maallaqa waliin dhahuun lammiileerra miidhaa geessisan 37 to’ataman Finfinnee, Onkoloolessa 7, 2019(FMC)- Poolisiin Federaalaa shakkamtoota yakka Moobaayil baankiingiin maallaqa waliin dhahuu lammiileerraan miidhaa geessisan 37 to’ate. Oppireeshinii Poolisiin federaalaa qaamolee nageenyaafi haqaa biroo waliin ta’uun gaggeesseen shakkamtoota kanneen to’achuun ibsameera. Shakkamtoonni kunneen yakka moobaayil baankiingiin maallaqa waliin dhahuun lammiilee 658 irratti miidhaa Birrii miiliyoona 200 ol geessisuu eerameera. Shakkamtoonni kunneen gareen gurmaa’uun hojjettoota deeggarsa teekinikaa baankii of fakkeessuun “ badhaasni isin qaqqabeera, siiysatama moobaayil baankiingii isiniif ammayyeessina, akkasumas lakkoofsa herrega baankii keessan waraqaa eenyummeessaa Faayidaa waliin walitti isiniif hiina” jechuun bilbiluun OTP, PIN fi odeeffannoowwan icitii biroo gaafachuun fi tooftaalee waliin dhahuu garaagaraa fayyadamuun yakkicha raawwachaa akka turan poolisiin qorannoon mirkaneesseera. Shakkamtoonni gareen gurmaa’anii mana kireeffachuun lakkoofsa herrega baankii maqaa namoota garaagaraan banameefi Siimkaardii namootarraa bituun fi kireeffachuun yakka kana raawwachaa akka turanis poolisiin qorannoon bira gaheera. Konkolaattonni 9, doqdoqqeen 1, bilbilli maabaayilaa 114 fi siimkaardiin 478 shakkamtoonni kunneen ittiin yakkicha raawwachaa turanis to’atamuu poolisiin beeksiseera. Poolisiin Federaalaa oppireeshinii yakka moobaayil baankiing maallaqa waliin dhahu ittisuuf eegale cimsee itti fufuu ibsuun, namni yakka moobaayil baankiing maallaqa waliin dhahu irra gahe kamiyyuu Appilikeeshinii hirmaannaa lammiileen (EFPApp), karaa toora bilbilaa (991)፣ Buufata poolisii Ismaartii (SPS) akkasumas Biiroo Qajeelcha Waliigalaa Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaatti qaamaan argamuun eeruu akka kennu waamicha dhiyeesseera. #Fanatv

Открыть в Telegram
Просмотры1 140+59%к среднему
Пересылки—
Реакции1
Комментарии—
#4018Текст

📢 Maamiltoonni Dubbisa Lakkooftuu Elektirikii Isaanii Karaa Telegiraamii Chaat-Bootii Galchuu Akka Danda’an Ifoome! Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa maamiltoonni mana jireenyaa tajaajila kaffaltii booda kaffalan dubbisa lakkooftuu elektirikii isaanii ji’a ji’aan karaa Telegiramii Chaat-Bootii ofuma isaaniitiin akka galchan kan dandeessisu sirna haaraa hojiirra oolcheera. Sirni haaraan kun keessumaa maamiltoota yeroo dubbisa lakkooftuu elektirikii idileetti dubbisni safartuu isaanii hin fudhatamneef kan qophaa’e yoo ta’u, dubbisa lakkooftuu isaanii sirrii ta’e yeroo hayyamame keessatti, jechuunis erga dubbisni idilee xumuramee booda guyyoota afur walitti aanan keessatti akka galchan isaan dandeessisa. Tajaajilichi guutuu biyyattiitti maamiltoota mana jireenyaa kaffaltii tajaajilaa booda kaffalan, kanneen safartuu elektirikii abbaa feezii tokkoo (Single-phase) qaban qofaaf kan kennamu ta’a. Maamiltoonni tajaajilicha argachuuf Telegiramii irratti @Eeuchatbot jechuun barbaaduudhaan yookiin fuula miidiyaa hawaasaa Tajaajila Elektirikii Itoophiyaa irratti liinkii chaat bootichaaf kenname fayyadamuudhaan itti fayyadamuu danda’u. Magaalota Finfinnee, Jimmaa fi Aggaaroo keessatti dubbisni lakkooftuu elektirikii idilee ji’a hunda guyyaa 13ffaa irraa eegalee hanga guyyaa 26ffaatti kan raawwatamu yoo ta’u, maamiltoonni dubbisni lakkooftuu isaanii hin dubbifamne guyyaa 27ffaa irraa hanga guyyaa 30ffaatti dubbisa isaanii chaat booticha fayyadamuudhaan galchuu danda’u. Magaalota kanneen ala jiran, yeroon dubbisa lakkoftuu itti galchan garee dubbisa isaanii irratti hundaa’a. Haaluma kanaan:- 👉Garee 1 guyyaa 21ffaa hanga 24ffaatti, 👉Garee 2 guyyaa 28ffaa ji’a sanaa hanga guyyaa 1ffaa ji’a itti aanuutti, 👉Garee 3 guyyaa 5ffaa hanga 8ffaatti, akkasumas 👉Garee 4 guyyaa 12ffaa hanga 15ffaatti dubbisa lakkooftuu isaanii galchuu danda’u. Maamiltoonni dubbisa lakkooftuu keessan galchuuf tooftaalee kanatti aananii jiran hordofuu dandeessu:- ✅ Telegiramii irratti @Eeuchatbot barbaaduun chaat booticha argachuu, ✅ Erga chaat booticha jalqabsiisanii booda filannoo “Send Meter Reading” jedhu filachuu, ✅ Lakkoofsa eenyummaa maamilaa dijiitii 12 qabu (Contract Account Number) galchuufi ✅ Dubbisa lakkooftuu isaanii sirrii ta’e erguu qabu. Dubbisa lakkooftuu elektirikii galchuun yeroo hayyamame keessatti qofa kan danda’amu yoo ta’u, yeroo murtaa’e dura yookiin daangaan yeroo erga darbee booda galchuun hin danda’amu. Akkasumas, dubbisa dogoggoraa galchuun hin danda’amu. Sirni haaraan kun rakkoolee qophii herrega fayyadama elektirikii dubbisa lakkooftuu dhabamuu irraa maddu hir’isuu, komiiwwan kaffaltii harkifachuu wajjin walqabatan xiqqeessuu fi maamiltoonni dubbisa lakkooftuu isaanii karaa salphaa fi mijataa ta’een akka galchan dandeessisuuf kan kaayyeffateedha. #TajaajilaElektirikiiItoophiyaa

Открыть в Telegram
Просмотры945+32%к среднему
Пересылки—
Реакции3
Комментарии—
#4017Текст
Просмотры1 140+59%к среднему
Пересылки—
Реакции5
Комментарии—
#4016Текст

Magaalaa Naqamteetti qarshiin sobaa osoo maxxanfamaa jiruu harkaafi harkatti qabame. Bulchiinsa magaalaa Naqamteetti dargaggoon mana maxxansaa qabu qarshii abba dhibba lama osoo maxxansuu eeruu hawaasni kenneen harkaaf harkatti qabamuu isaa Qajeelchi olaanaa Poolisii Bulchiinsa magaalichaa beeksise. Qajeelcha qorannaa yakkaa Qajeelcha olaanaa Poolisii Bulchiinsa magaalaa Naqamtee kan ta'an itti Aanaa koomandaraa Firoomsaa Qixxeessaa akka jedhanitti guyyaa gaafa onkoloolessa 3/2019 tilmaamaan sa'atii 11:30 yeroo ta'utti mana maxxansaa abbaan qabeenyummaasaa dargaggoo Firaa'ol Abdiisaa Galataa kan jedhamu ganda Calalaqiitti kan argamu keessatti qarshiin sobaa oomishamaa akka jiru eeruu hawaasa irraa argataniin yeroo dhaqan eeruun kenname sirrii ta'uufi qarshiin abbaa dhibba lamaa maashinii waraqaa baayistuun baayyatee osoo bahaa jiru kan argan ta'uu himanii, qarshiin sobaa baayyate kunis qarshii kuma 33fi 600 kan ta'u akka ta'eefi shakkamaa kunis qabamuu isaa dubbataniiru. Yakkootni akkasii diinagdee hawaasaa miidhuu bira darbee kan biyyaa waan miidhuuf hawaasni yakkoota akkasii yeroo argutti qaamolee nageenyaatti eeruu kennuu akka qaban dhaamaniiru. Dhimma yakka kanaa ilaalchisees poolisiifi abbaan alangaa waliin ta'uun qorannoo kan eegalan akka ta'eefi qulqullaa'ee olaantummaan seeraa kan kabajamu akka ta'es itti aanaan koomandaraa Firoomsaan dubbataniiru. Qarshiin sobaa oomishamaa tures hawaasa keessa tatamsa'ee waan jiruuf hawaasni keenya yeroo bittaafi gurgurtaa gaggeessu of eeggannoo taasisuu akka qabus dhaamaniiru jechuun kominikeeshinii Qajeelcha Olaanaa Poolisii Bulchiinsa magaalaa Naqamteetu gabaase.

Открыть в Telegram
Просмотры1 050+46%к среднему
Пересылки—
Реакции1
Комментарии—
#4013Текст
Просмотры1 490+108%к среднему
Пересылки—
Реакции12
Комментарии—
#4012Текст
Просмотры1 090+52%к среднему
Пересылки—
Реакции2
Комментарии—