ㅤ ❤️🩹 ㅤ Nuti dhaloonni kun wanti hundi karoora nurra baasu jirti. Miira nama biraa dhiisii keenya irrattuu "serious" tahuun hedduu nu rakkisu jira. Saniifuu jaalala nama kamiituu "zalaalam" akka amma jiran kana na jaalchaaa itti fufan jattee guuutuu guututti ofitti hin fudhatin. "Na jaalatanii itti fufuu malan ykn na dhiisanii deemuu malan, an miira jaalalaa amma isaan natti agarsiisan irratti isaan wajjiin gammaduun qaba, yoo deemaniis humaa miti of qopheessee qeebaluun qaba" ja'i.
Открыть в TelegramПосты канала Jaalala♡Qulqulluu💖
Переслано из ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸
● Jaalalli ijoollummaa Daftee nama mooti Jaalatanii dhabuun Raatuu nama gooti. @A4mulaa_jireenyaa
Открыть в TelegramПереслано из ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸
● Akka isa fiilmiirraa Akka isa diraamaa Ifaan jaalalakee, Qabsiisuu yoon dhaqu Na jalaatii dhaama! Tarii... Anaaf akka iftu Yoo hin barreeffamiin, Si qabsiisuuf, Gaafan si guggubu Natti hin dheekkamiin! Urjii koo 🌹 @A4mulaa_jireenyaa
Открыть в TelegramПереслано из J❣Q 2
Waan isin kophatti waliin keessa dabartaniiifii wareegama isin waliif kafalaa jirtan kara deemaan jireenya keessan keessa qaxxaamuru humaa irraa hin beeku. 💔 Yaada kara deemaa hundaaf nagiyaafii gammachuu isin jidduu jiru hin jeeqinaa. "Eenyu ati? Seenaa keenya kan 'maggaarajaa' duubaa ni beeytaa? Yoo beekuu baatte hiree keenya nuuf hin murteessin" jachuu baraa. Jaalalaan an siif qabu, waa'ee keetii waaniin an yaaduufii ciminaan an si keessatti beekuutuu yaadaaf ilaalcha nama nu marsee jiruu hundarra na keessatti ol aanaadha. Hanga ani si beeku eenyullee si hin beeku, siin jaaladha, waan ati gootu keessaattiis baayyeen sitti amana, baayyuma takkaan siin boonaasi ! ❣❤️🩹
Открыть в TelegramJaalalli namni tokko tokko jireenya keenya keessa nuuf kannu lamada deebitee nama biraatiin nuuf hin kannamtu. Jabeessii itti gammadi. ❤️
Открыть в TelegramJireenya nama hundaa keessa nama tokkootu jira... Nama guyyaan kuficha keetii guyyaa inni milkaa'een wal qixa isa gammachiisuutu jira. Hinaaffaan dhukkuba qalbiiti. :¨·.·¨: `·. @Jaalala_qulqulluu🌹
Открыть в TelegramПереслано из ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸
● Si malee Jireenyi Anaaf hin miyaa'u Secondii walakkaaf Osoo An sin yaadin Dhi'ee hin bari'u🌹 Sin jaalladha ... Koo 🌷 @A4mulaa_jireenyaa
Открыть в TelegramDhiira goggogaa qalbii jabaatu hin tahin. Dubartoota gargaaruun dhiirummaa dabala malee hin irrisu. Ganama wajjiin bahan, wajjiin dhaabbatanii hojjachaa oolan, galgala hogguu galan miila gidaaratti dhaabeeti filmii ilaala, isheen meeyshaa dhiiyxee nyaata gootee, waan boruu qopheesitee hurkaa buusti, ishuma tana ammaas fadhii isaa guuttachuuf afaan banee siree irratti eeggata.💔 Dubartoota gargaaraa ykn hojii addaan filadhaa, manaa baatanii hojii gos takkaa hojjachaa, hojii mana keessaatiis isuma qofaaf dhiisuun seera kami, shari'aa kami, amantaa kami? 😒
Открыть в Telegram4. "Maatiin baayye jaaladhuun qaba, maatii isaaniis na jaalatan. Maatii kiyya san bira hangaan University fixee bahutti isaanuma biraan ture. Ergaan University fixees isaanuma biraan ture. Maatiin kiyya san natti amanan, qabeenya hunda anaatu hoggana. Hiriyyaa kiyya jaalalloo kiyya ka isaan anumatti beekan(ija ana laalaniin isa laalan) tokkoon qaba ka akka maatiitti waliin jiraannu. Oduma akkasi waliin jiraannuu anaaf maatii koo jiddutti soba uume, soba isa keessa -5% dhugaan hin jirre uumee anarra kaahe, isaaniis ni amansiise. Qabeenya san keessaas na baasan. Mana saniihiis nan deeme, amma waggaa 3 guuteera. Naaf maatiin koo humaa wal quba hin qabnu. Hiriyyaan kiyya san baayyee gaabbee dhiifama na gaafateera, abadan dhiifama isaaf hin godhu" FM 🥹💔
Открыть в Telegram3. "Isiin hedduu na jaalatti aniis hedduun ishee jaaladhaan, waa'ee wal jaalachuu irratti hin komatamnu. Arrallee yeroon waa'ee jaalalaa dubbadhu dura namni sammuu tiyya keessa dhufu isiidha. Garuu jaalala tana namaatuu jatte jatteedhaan na duraa diige, nama san umrii koo hin dhiisuuf, ishees umrii koo jaalachuu hin dhiisuun, amma jaalala jaalala ariyuu dhiisee jireenya koo irratti xiyyeeffadheera. Garuu madaan san yoomuu madaa taheeti natti hafe" Barataa University tokko
Открыть в Telegram2, "Herumeen jira! Seenaa jaalalaa keessatti nama hedduu wajjiin tuttuqaa hin qabu. Umrii dubrummaa kiyyatti hiriyyaa dubaraas hin qabuun ture, maatii kiyya keessattiis intala jiddutti dhalatteen ture. Maatii kiyya waliin hariiroo maatummaa malee hariiroo biraa hin qabuun ture, umriin namatti haajamutti namaan akka garaa kootti itti haasahu hin qabu. Tanumaaf tana jidduu gurbaa narra umriin jabaa kan bilchina qabu tokko waliin wal barre, odoon hin turin isa biratti akkaan "comfort" argadhu na godhe, na dhageeffate, yaada koo hunda narraa xiqqeesse, baatii muraasa booda naamusa koo(Dubr*m**) narraa balleesse, ani ittiin amane na fuudha jadheen itti of gate. Na balleessee ta biraa fuudhe. Ani amma herumeen jiruu nagaa jiraachu jira, isa saniif garuu yoomuu dhiifama hin godhuuf yoomuu madaa kana isatti hin fayyu. Isa yeroo sadaffaaf bultiin isaa jalaa baddee jirti. Torbee darbe kanallee 'Bultiin koo naaf sirratuu dide, waadaan kee kafaltii na kafalchiisaa jira dhiifama naaf godhi' jadheeti text natti barreessaa ture. Madaa irratti madaa naaf hin dabalin bultii koo hin jeeqin jadheen block isa godhe. Abadan dhiifama hin godhuuf" F.___. 😢💔
Открыть в Telegram✍Hubannaaf. Seenaalee isaanii kannen yeroon asirratti wal jala jalaa isiniif maxxansu, warri haloo qabate deemuun kun haloon isaan fayyaddi baga qabatan jachuuf odoo hin tahin, "waan bifa fakkaataa kanaatiin ka nama madeessitan of yaadadhaa yeroon barsiistuudhaa" isiniin jachuufii.
Открыть в TelegramYaada kaleessaa irraa tokko. 1, "Ani nama yeroon isa miite kan nama baayyeen waa hedduu keessatti baayyee miidhamaa tureedha, amma Rabbiif haa galatu sadarkaa bareedaa irraan jira, arra nama na miidhaa ture baayyee tokkoon dacha dhachaan isaan irraa kafalachuuf humna qaba, garuu isaan hundaaf dhiiseera yeroon isaan haa barsiiftu! 💔Nama tokko garuu niin dhiisaaf ja'een dadhabe namni saniis nama haadha tiyya boochise, kan madaa isheen bara baraan itti laalattu ishee madeesse tokko. Nan dadhabe isaaf dhiisuu." Nama maqaan himamuu hin fadhin Ka biraas itti fufa....na eegaa.
Открыть в Telegramㅤ ㅤ Maaloo gaafii 1 isin gaafadha. Isin hundinuu @Yaada_Keessaan_Bot. Gubbaan naaf deebisaamee. Wanti ati dhiifama namaaf godhuu dadhabdee, abadan dhiifama hin godhuuf jattee qabattee deemu jirtuun maali? 1,2,3... himi Gaafii kana naaf deebisaa fardittiin isin gaafadhee !
Открыть в TelegramJaalala biraa, hojii biraatii fi nama biraa argachuun ni danda'ama, garuu jireenyi kee tokko qofa. Jiraachuu hin dagatin, namootaas tahee waan biraa irratti "energy" kee daangaa malee hin qisaasin. ♡ Dursi mataa keetiif, kabaja keetiif, boqonnaa keetiif haa tahu ! Jaalalti miidhaa miti. :¨·.·¨: `·. @Jaalala_qulqulluu🌹
Открыть в Telegram