Динамика просмотровСкрыть динамику
Рост просмотров
Часов после публикации
Показать таблицей
| Часов после публикации | Просмотры |
|---|---|
| 0 ч | 0 |
| 3 ч | 73 |
| 8 ч | 122 |
- Через 6 часов122
- Всего сейчас122
Часов после публикации
| Часов после публикации | Просмотры |
|---|---|
| 0 ч | 0 |
| 3 ч | 73 |
| 8 ч | 122 |
#رجال_الفجر #Dhiirota_Fajrii Sochii #Dhiirota_Fajrii_رجال_الفجر jedhu biyyaa Al jeeriyaatti kan jalqabame yeroo ammaa saffisaan biyyoota hedduu keessatti babal'tee jira. Sochiin kuni erga jalqabe guyyoota muraasa qofa kan lakkoofsise yoo tahu Ijoollee dhiiraa Umriin isaanii waggaa 8 olii tahan maatiin hirribaa dammaysuun gara masjidaa geessanii salaataa fajrii akka jama'aan salaatan taasisuu dha. Jalqaba irratti ijoollee 6 qofaan kan eegale yoo ta’u sochiin kuni, yeroo ammaa dargaggoonnii fi ijoolleen kumaatamaan lakkaa’aman biyyoota hedduu keessaa Sochii kanatti makamanii jiruu. Sochiin #Dhiirota_Fajrii_رجال_الفجر jedhamu kun biyya teenna Itoophiyaa keessattis guyyaa borii irraa akka hojii irra oolu masjidoonni magaala finfinnee keessa jiran irraa dhagahamaa jira. Rabbiin nuufillee haa laaffisu. ✍🏼 Fares Muhammed http://T.me/Fursaan_media
Открыть в Telegramقال رسول الله ﷺ: " اليد العليا خير من اليد السفلى" رواه البخاري ومسلم "Harki kennatu harka fudhatu irra caala." Namni nama biraa gargaaru, waan qabu irraa namaaf qoodu, nama rakkateef harka diriiru nama guddaa dha. Gammachuun dhugaa waa fudhatuu osoo hin taane, waan qabnu irraa nama biraatiif qoonnee isa gammachiisuu keessatti argama. Arjummaan, nama biraatii garaa laafuun, kennaa rabbiin qalbii namaa keessa kaahuudha. Waan rabbiin siif kenne irraa kennadhu قال رسول الله ﷺ: «مَا نَقَصَتْ صَدَقَةٌ مِنْ مَالٍ» رواه مسلم "Sadaqaan qabeenya irraa homaa hin hir’istu." Ati gaafa nama tokko qarqaarte rabbiin dacha dachaa godhee waan san kara ati hin beeyneen siif deebisa, waan qabdu keessatti barakaa siif godha. Rabbiin harka keenna harka kadhaa osoo hin taane harka kennatuuf diriirfamtu irraa nu haa godhu اللهم اجعلنا من أهل العطاء ولا تجعلنا من أهل السؤال ✍🏼 Fares Muhammed http://T.me/Fursaan_media
Открыть в TelegramGorsa Dargaggeessa lafaa dhufaa jiruuf... 1️⃣ Waan faayidaa sii hin qabne irratti namaan wal falmuu irraa fagaadhu. 2️⃣ Ati yoo ofii keetii nama gaarii hin tahinillee namoota gaggaarii waliin hiriyyoomi. 3️⃣ Harka namaa eeggatuu dhiisi (Financial Stability) argachuuf carraaqi. 4️⃣ Hariiroo jidduu keetiif jidduu Rabbii keetii jiru tolchi haraama irraa fagaadhu waan inni itti si ajaje hojjadhu. 5️⃣ Saa'aatii namoota waliin dabarsitu akkasuma miidiyaa hawaasummaa irratti dabarsitu hir'isi. 6️⃣ Qormaata baay'ee keessatti kuftullee guyyaa tokko akka keessaa baatu ofitti himi. 7️⃣ Nama sirraa fagaatuu barbaade akka inni hin deemne hin dhoorgin. 8️⃣ Dandeettii kee guddifadhu, oogummaa fi leenjii adda addaa fudhadhu. 9️⃣ Karaa Rabbiin jaalatu irratti fuudhi maqaa jaalalatiin yeroo keetiif kan nama biraallee hin gubin. 🔟 Xiqqaattullee Galii halaalaa kana mataa keetii qabaadhu. Guyyaa Gaarii qabaadhaa ✍🏼 Fares Muhammed http://T.me/Fursaan_media
Открыть в TelegramRijaal Al-Fajr Biyyoota Arabaa tanneen akka Al-jeeriyaa, Tunsia, Misra fii Morokkoo keeysatti duula bareedaa tokkootu deemaa jira. Bakki itti jalqabe Aljazaair ykn Aljeeriyaadha. Barsiisaa quraanaa tokkootu sagantaa joollee waggaa 7 olii fajrii walitti qabee masjidatti akka salaatan jalqabsiise. Sagantaan biyya sanitti haalaan jaalatamte. Haadhaa fii abbaa hedduun itti hirmaatan. Masjidni shababa fajrii salaatuun, joollee waggaa 7 oliitiin guutummaa deemuu jalqabe. Biyya morokoottis dabre, misratti dabre, tunisiyaa dabre. Akkasumaa wajjiin kheeyrii tanarratti duulli hedduun banamus deemaa jirti. Osoo biyya teenyattis sheekni tokko magaalaa takkatti jalqabe sunnaa bareedaadha. Fajrii masjida guutanii salaatanii, gorsa dhagayanii guyyaa isaanii jalqaban. رجال الفجر ja'i barbaadi ni agarta.
Открыть в Telegramɪɴɴᴀᴀ ʟɪʟʟᴀᴀʜɪ ᴡᴀ ɪɴɴᴀᴀ ɪʟᴇᴇʏʜɪ ʀᴀᴀᴊɪ'ᴜᴜɴ ۞ كُلُّ نَفْسٍ ذَائِقَةُ الْمَوْتِ ۞ Har'a aalimni guddaan leenci Toowhiidaa Sheek Abdullaxiif sheek Sharafuddiin gara ganda aakiraa godaanan Rabbiin jannataan isaan haa gammachiisu. Sheek Abdullaxiif Aqiida sahiiha gadi dhaabuuf aarsaa guddaa kafalan waggaa hedduuf hidhatti dararamaa turan Towhidaaf jecha. Rabbiin tokkichummaa isaa lallabaafii turan suni qubsuma warroota gaggaarii isaan haa qubsiisu, Rabbiin isaaniif haa araaramu jannataan isaan haa gammachiisu.
Открыть в Telegramلا تأخذ من حياة غيرك تجربة، لأنها قد تغرقك. حياة غيرك ليست كحياتك «لا تجعل تجارب غيرك مقياساً لمسيرتك، فلكل إنسانٍ قدرٌ يخصه، وحياةٌ لا تشبه سواه. تأمل الأثر؛ فالسمكة تسبح بسلامٍ في لُجج المياه، بينما يغرق غيرها إن خاض في غير مجاله! لا تقحم نفسك في دروب لم تُكتب لك، بل انطلق بثبات واثقاً بما وهبك الله، معتصماً بحبله المتين، مفوضاً أمرك إليه سبحانه؛ عملاً بقوله جل وعلا: ﴿وَمَنْ يَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ فَهُوَ حَسْبُهُ﴾.
Открыть в TelegramNamicha tokkotuu ummata keessaa kophaa bahee magaalaa irraa fagaatee adda jiraata ture. Gurbaan wahii bakka inni ciisutti itti dhufee yaa namana ummanni guutuun waan kee haasahaa akkamitti haasaha jaraa kanaaf gurra kennuu dhabde jedhee gaafate. Namichi gurbaan haasaha geeffatuu isaa argee jennaan irra gara galee hirriiba isaa itti fufe. "Wantoota hedduu osoo agartuu, osoo beeytuu, tuffattee dhiisuun, deebii kennuufii dhabuun, mataan isaatuu deebii gahaadha." Waan mara ifa nama gochuuf dhama'uun hin barbaachisu, fuula kee irraa nanneeffadhuu ija kee cufadhuu, gurra kee qabadhuu jiruu tee jiraadhu. ✍🏼 Fares Muhammed 8/Nov/2026
Открыть в TelegramKa barate eessa gahe ⁉️ Gariin namaa akkana jedhee gaafata❗️ Deebii kanaa Rabbii ol aanetuu deebise. ﴿هَلْ يَسْتَوِي الَّذِينَ يَعْلَمُونَ وَالَّذِينَ لَا يَعْلَمُونَ﴾ "Sila warri waa beekuufii warri waa hin beeyne wal qixaa !? " [ Suuraa Az-Zumar 39:9] 👉🏽 Ka barate paayileettii tahee xayyara balaliisa. 👉🏽 Ka barate Doktora tahee garaa baqaqsee hodha. 👉🏽 Ka barate bulchiinsa baratee biyya hooggana. 👉🏽 Ka barate inginara tahee biyya ijaara. Kan baratin hoo mee essa jira, mee eessa gahe, mee bu'aan inni biyyaa buuse ⁉️ العَالِمُ وَالْجَاهِلُ لَا يَسْتَوِيَانِ Beekaafi wallaalaan goonkuma wal qixa hin tahan. Iddoon hojii keenna📍 Care Plus Medical Clinic Baalee Roobee Madrasaa Salafiyyaatti argamna. ✍🏼 Fares Muhammed
Открыть в TelegramDhaloota kiyya... CDwwan kana hedduu isaa dhageefadhee jira sanuu irra deddeebiin, keessaafuu ka Ustaaz Yaassin nuuuruu hedduu qaba. Bara 2000 irraa hanga 2004.ALI hanga qabsoon "ድምፃችን ይሰማ || Sagaleen keenna haa dhagahamu" jedhu dhoohuutti hedduu biyya keessa raabsamaa ture. Yeroo Satalayit chaaynaal, internetiin akka ammaa kana hin babal'atin, ummanni keenna barnoota, wa'ee amantii fi gorsa karaa CD kanaan argataa ture. Bara san CDwwan kana qabaatuun waan guddaa ture CD walirraa ergifataa laalta, orginaala birri 20-25 bitama namoonni hedduun gama kanaan dhaggeeffataa fi hubannaa waa'ee amantii isaanii argataa turan dhaaloota akka kiyyaa irratti dhiibbaa guddaa uumee jijjiiramas argamsiisee jira. Ammaa bakka haalli hundi mijaahe pilaatformii hundaan da'awaan darbu kanatti, da'awaafii gorsi ustaazota irraa kennamu maaliif bu'aan isaa dhabame, maa bushaahe !? Waan keessa kiyyatti deddeebi'ee gaaffii natti tahe ?? ✍🏼 Fares Muhammed
Открыть в TelegramErgamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan:- قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: «وَإِنَّ العَبْدَ لَيَتَكَلَّمُ بِالكَلِمَةِ مِنْ سَخَطِ اللَّهِ، لاَ يُلْقِي لَهَا بَالًا، يَهْوِي بِهَا فِي جَهَنَّمَ». رواه البخاري “Gabrarbichi ni dubbata jecha dallansuu Rabbii irraa tahe, jechi suni ka homaa isatti hin fakkaanne, Sababa jecha saniitiif Jahannam keessa ka gadi fagaatu.” http://T.me/Fursaan_media
Открыть в Telegram#JECHA_JAALALLEE_KIYYA_NABI_MUHAMMAD_IRRAA (ﷺ) ٱللَـﮬـمَ صـَلِِے وَسَلِـم وبارك ؏َـلَے نَبِيِنَا مُحَمَّد 1️⃣ Jannata keessattii kanziin/Dilbiin siif ta'uu yoo barbaadde ◀ فقل ﻻحول وﻻ قوة إﻻ بالله ▶ Laa hawla walaa quwwata illaa billaah jedhi. 2️⃣ Jannata keessattii biqiltuun sii haa biqiltuu yoo barbaaddee. ◀ فقل سبحان الله وبحمده سبحان الله العظيم. ▶️ Subhaanallah wabi hamdih subhaanallahil aziim jedhi. 3⃣ Rabbiin siif araaramama osoo diliin tee fakkii homocha baharaallee taatee. ◀ فقل-#100مرات سبحان الله وبحمده. ▶️ Subhanallaah wabi hamdih yeroo #100 jedhii. 4⃣ Waan siyaachisuu hundaa siif gaha. ◀ فقل #7مرات حسبي الله لا اله الا هو عليه توكلت وهو رب العرش العظيم. ▶️ Hasbiyallaahu laa ilaaha illaa huwa aleeyhi tawakkaltu wahuwa rabbuul arshiil aziim yeroo #7 jedhi. 5⃣ Toltuu #100 argachuu yoo barbaadde akkasuma hamtuu #100 Ofirraa haquu yoo barbaadde. ◀ فقل -#100مرات سبحان الله ▶ Subhaanallah yeroo #100 jedhii Ajrii hisaaba hin qabne argachuu yoo barbaadde share godhuu hin irraanfatin #Share #Share @Fursaan_Media http://T.me/Fursaan_media
Открыть в TelegramПереслано из Fursaan Media
ٱللَـﮬـمَ صـَلِِے وَسَلِـم وبارك ؏َـلَے نَبِيِنَا مُحَمَّد ﷺ Ergamaa Rabbii ﷺ irratti salawaata buusuun fayidaa argannu keessaa muraasni. ▪️Guyyaa Qiyaamaa Rasuulatti si kaleessiti ▪️Salawaanni dhiphina sammuu sirraa deemsisti. ▪️ Duʼaaʼiin Rabbiin biraatti akka qeebalamtu gooti. ▪️Cubbuu sirraa hayxi, sadarkaa kee ol fuuti. ▪️Sababaa shafaaʼaa Nabiyyii ﷺ argachuu siif taati. Salafa irraa namni tokko akkana jedhe: “Duʼaaʼiin salawaata Nabiyyii ﷺ irratti buusuun malee ol hin fuudhamtu.” 👉Har'i Jum'aa dha irra caalaa guyyaa torbaanii keessa jirra. Ergamaa Rabbii ﷺ irratti salawaata buusuu hedduummeessaa. ﴿إِنَّ ٱللَّهَ وَمَلَـٰٓئِكَتَهُۥ يُصَلُّونَ عَلَى ٱلنَّبِىِّۚ يَـٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ صَلُّوا۟ عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا۟ تَسْلِيمًا﴾ ﴿الأحزاب: 56﴾ Dhugumatti, Rabbiifi maleykonni Isaas nabiyyii irratti rahmata buusu Yaa warra amantan! (isinis) rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusinsa buusaa --------------------------------------------------------- ٱللَـﮬـمَ صـَلِِے وَسَلِـم وبارك ؏َـلَے نَبِيِنَا مُحَمَّد ﷺ http://T.me/Fursaan_media
Открыть в TelegramПереслано из Fursaan Media
"ما لا يرتاح له قلبك فلا تثق به أبدًا، فالقلب أبصر من العين" Waan Qalbiin tee isatti hin tasgabbooyne, itti hin amanin, Qalbiin ija caalaa hubatti waan taheef. Akkuma rabbiin (sw) Qur'aana isaa keessatti jedhu: قال الله تبارك وتعالى:- ﴿فَإِنَّهَا لَا تَعْمَى الْأَبْصَارُ وَلَٰكِن تَعْمَى الْقُلُوبُ الَّتِي فِي الصُّدُورِ﴾ [سورة الحج: ٤٦] Dhugumatti kan jaamtu ijaa miti, kan dhugaan jaamtu onnee Qoma keessa jirtu sanii. ----------•••●○◇○●•••---------- القلب أبصر من العين، والعين أبصر من اللسان. Onneen Ija caalaa hubatti ijji ammoo arraba caalaa hubata. Kanaaf, ijaan agarteef qofa osoo hin ariifatin, Arraba irra si dhufeef qofa osoo hin dubbatin, onneen tee tasgabbeessii madaali waan hundaa... Jumaa gaarii isiniif haa tahu ✍🏼 Fares Muhammed #Fursaan_media@Fursaan_Media
Открыть в TelegramCAREPLUS MEDICAL CLINIC 📍 Teessoon keenna haaraan: Madrasaa Salafiyyaa irraatti argamna. Care Plus Medical Clinic tajaajila fayyaa qulqullina qabu meeshota yaalaa amayyaa tahaniifii Ogeessota fayyaa muuxannoo gahaa qabaniin isiniif kennuuf qophii tahuu keenna gammachuun isin beeksisna. Better Quality Care #careplusmedicalclinic
Открыть в TelegramHar'a kitaaba Sheek Saalih Al-Useeymiin Rabbiin Rahamata isaanii haa godhuu (Murtii Nama Salaata Dhiisee حكم تارك الصلاة) jedhu dubbisee waan dubbise san irraa gabaabsee isiniif qoodu hajame. Mee Dubbisaa... 1- Namni salaata guutumaan guutuutti dhiise, Islaamummaa keessaa bahee jira. 2- Namni salaata dhiise yoo du'e, irratti hin salaatamu. 3- Janaazni isaa hin dhiqamu. 4- Uffataan hin kefanamu. 5- Qabrii Muslimtootaatti hin awwalamu. 6- Boolluma xiqqoo wahii haadhani akka hafuurri azaa nama hin goone awwaalan. 7- Namni hin salaanne Waliyyummaan isarraa kuftee jirti Nikaaha namaa hidhuu hin dandahu osoo hintala isaa taateellee. 8- Aanaa isaa dhaaluu hin dandahu. 9- Waan inni qale nyaatuun hin tahu baktii dha. 10- Nikaahni isaa faskii taha ni bada, jaartiin isaa isarratti haraama taati. Kuni waan duniyaa gubbaatii ta Aakiraa maal hayya ree. Yaa Allaah Salaata nutti laaffisi. ✍🏼 Fares Muhammed https://t.me/Fursaan_Media
Открыть в Telegram