Кабинет

Посты канала AL-RISALA HUMANITY CENTER

сначала новые

#5303Текст
Просмотры227−55%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#5302Текст
Просмотры417−16%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#5301Текст

''Barri Atseewwanii Darbeera'' Jechuun Miidhaan Isaan Raawwatan Dagatameera Jechuu Miti - Ustaaz Ahmaddin Jebel Spider Media: Jumada II 6, 1448 AH Ustaaz Ahmedin Jebel Seenaa duraanii kaasuun dogoggora darbe irraa barachuuf barbaachisaa ta'uu ibsuun, badii isaan raawwatan irraa akka baratamuuf kaasuun mormii kaasuu hin qabus jedhan. ''Barri Atseewwanii Darbeera'' Jettu, yeroo seenaan isaanii ka'u garuu ni oriitu/dheekkamtu, marree maaltu darberee?" mataduree jedhuun gaaffiin eegalanii barruu fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti maxxansaniin, seenaa astoota/mootota durii ilaalchisee yaada wal faallessu jiru irratti xiyyeeffachuun, gochoota isaanii keessaa kan garee tokkoof ulfina kennu qofa yaadachuun, kanneen biroo immoo dhiisuun sirrii akka hin taane ibsan Ustaaz Ahmaddiin Jabal. Barreeffama isaanii keessatti, namoonni barri Atseewwanii darbeera jedhan tokko tokko, yeroo seenaa bara sanaa keessatti raawwatame kaasan garuu mormuun isaanii wal faallessa jedhaniiru. Akka Ustaaz Ahmaddin ibsanitti, waan seenaa darbe keessatti raawwatame kaasuun dhaloota har’aa yakka warra darbeen darbeef itti gaafatamaa gochuuf osoo hin taane, dhugaa darbe hubachuu, irraa barachuu fi loogiifi hammeenyinakkasii akka hin deebineef barbaachisaa ta'uu ibsu. Seenaa mootota durii keessatti raawwatame keessaa kan gaarii qofa yaadachuun, miidhaa fi loogii yeroo sana raawwatame garuu akka waan darbeetti dhiisuun ilaalcha walqixa hin taane ta’uu kaasaniiru. Seenaa fi yaadannoo hawaasota garaagaraa kabajaan dhaggeeffachuunis barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis, seenaa keessatti loogii fi yaadawwan hawaasa tokko kan biraa caalaatti fayyadan, kaan ammoo miidhan sirnaan qorachuu dhabuun, rakkooleen duraan turan bifa haaraan akka deebi’an carraa uumuu danda’as jedhaniiru. Dhuma irratti, seenaa hawaasa biyyattii hunda ragaa irratti hundaa’uun qorachuun, shiraafi haqa dabe hubachuu fi lammiileen hundi mirgaafi carraa walqixa akka qabaatanii ijaarsa biyyaafi hawaasummaa keessatti hirmaatan dandeessisuuf murteessaa ta’uu Ustaaz Ahmedin Jebel ibsaniiru. © Amar Temam Spider Media

Открыть в Telegram
Просмотры441−12%к среднему
Пересылки—
Реакции3
Комментарии—
#5300Текст

Fataawaa Haaraa Jumada II 2, 1448 AH Manni Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa, namni erga du’ee booda qaroo ijaa isaa nama biraatiif gumaachuu murtii (fatwaa) dandeessisu dabarsuusaa guyyaa har'aa Sadaasa 3, 2019 A.L.I. ifatti beeksiseera. Murtiin kun kan darbe, Ministeerri Fayyaa fi Tajaajilli Baankii Dhiigaa fi Tishuu Itoophiyaa, dhimma kana irratti murtiin amantii (fatwaa) akka kennamuuf gaaffii gaafa Onkoloolessa 7, 2019 A.L.I Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaatti, Koree Ol’aanaa Fatwaa Yaa’ii Ulamaa'iif dhiyeessan hordofeeti. Itti Aanaan Barreessaa Olaanaa Yaa'ii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa Hajii Mas’uud Aadam akka ibsanitti, koreen kun kaayyoo bu’uuraa seera Shari’aa irratti hundaa’uun qorannoo bal’aa gaggeesse hordofuun, walgahii Onkoloolessa 25 gaggeesseen qaroo ijaa kennuun akka hayyamamu murteesseera. Barreessaan Yaa’ii Ulamaa'ii Mana Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheyik Muhaammad Zeyn Zahraddiin haldureewwan kenniinsi qaroo ijaa itti raawwatamu bal’inaan ibsaniiru. Akka ibsa isaanii kanaatti, qaroo ijaa kennuun kan hayyamamu: 1. Duuti nama qaroo ijaa isaa arjoomuu yoo ogeessota fayyaatiin mirkanaa’e 2. Namni qaroo ijaa arjoomu osoo hin du’in dura yoo fedhii isaatiin qaroo ijaa isaa arjoomuuf hayyama isaa ibse/dhaammate 3. Kenniinsi kun kaffaltii maallaqaa yookaan meeshaa kamiyyuu malee, fedhii tola ooltummaa irratti kan hundaa’e qofa yoo ta'e 4. Qaroon ijaa arjoomamu nama argaa ijaa isaa dhabeef faayidaa qabatamaa akka qabu ogeessota fayyaatiin yoo mirkanaa’e Dabalataanis, adeemsa arjoomaa kana keessatti qaama nama du’ee sana mumm*uruu yookaan bifa qaama isaa balle*essuun cimsamee kan dhorkame ta'uun kan ibsame yoo ta'u, hojiin kunis dhaabbata fayyaa hayyama seeraa qabuufi ogeessota gahumsa qaban qofaan raawwatamuu akka qabu ibsame. https://t.me/Alrisala1

Открыть в Telegram
Просмотры556+11%к среднему
Пересылки—
Реакции1
Комментарии—
#5298Фото
Просмотры4980%к среднему
Пересылки—
Реакции2
Комментарии—
#5295Текст

Gamoon Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa Eebbifame ***** Manni Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa gamoo haaraa ijaarsise eebbisiiseera. Gamoon kun magaalaa Finfinnee naannawa Boolee bulbulaatti keessatti kan argamu yoo ta’u, gamoo abbaa darbii 10 ta’uu ibsameera. Sirna eebba gamoo kanaarratti kan argaman Pirezidaantiin Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa Ustaaz Gaalii Muktaar, gammachuun hawaasni Musliimaa har’a argate kun lubbuu hedduu itti darbee kan argame ta’uu yaadachiisaniiru. Manni marichaa magaalota Oromiyaa 10 keessatti gamoowwan 20 kan qabu yoo ta’u, bara kana kilaastara 5 keessatti pirojektota 205 eebbisiisuuf karoorfateera. Pirojektota misoomaa Birrii biliyoona 6tti tilmaamamanis hojii irra oolchaa jiraachuus ibsameera. Ustaaz Gaaliin, pirojektota kana milkeessuuf qaamoleen fageenya dheeraa imaluun saganticharratti hirmaatan galateeffataniiru. Pirezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Dr. Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa gama isaaniin, misooma hawaasa Musliimaa keessatti hundi gahee isaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru. Dabalataanis, bara kana Naannoo Oromiyaa qofa keessatti pirojektota misoomaa 200 ol eebbisiisuuf karoorfamuu fi yeroo itti aanutti gamoowwan kudhaniin lakkaa’aman ijaaranii eebbisiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Adeemsi misoomaa amma eegale kun xumura osoo hin taane jalqaba milkaa’inaawwan gurguddoo ta’uu kan ibsan Dr. Sheek Hajjiin hawaasni Musliimaa baroota darbanis mirga dhabee malee hoggansaafi beekumsa akka hin dhabne yaadachiisaniiru.

Открыть в Telegram
Просмотры507+2%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#5294Текст

Guyyaan Qiyaamaa November 13 ykn Jum'aa Dhufu Miti ------------------------------------- Olollii fi Burjaajjiin akkanaa kana jalaa baraaramuuf Nabiyyiin keenna Dursanii guyyaan qiyaamaa Beekumsa rabbii qofa keessatti akka tahe, akkasumas isa Dura mallaattooleen ittin beekamu hedduun akka dhufan Nu barsiisan. Yaada Burjaajjiif Dhiyaate kana Haa ilaallu Dura. Yaadni kun qorannoo herregaa (mathematical model) waa'ee daballii lakkoofsa ummata addunyaa irratti hundaa'e malee, waa'ee baduu lafaa ykn Guyyaa Qiyaamaa miti. 1. Qorannoon saayinsii kun maal jedha? Bara 1960, qorattoonni Yuunivarsiitii Illinois irraa dhufan sadii barruu qorannoo tokko barruu saayinsii Science jedhamu keessatti maxxansan. Mata dureen qorannoo isaanii: “Doomsday: Friday, 13 November, A.D. 2026.” Guyyaa Dhumaa: Jimaata, Sadaasa 13, bara 2026. Qorattoonni sun: 🌱Heinz von Foerster 🌱 Patricia M. Mora 🌱 Lawrence W. Amiot Akka moodeela herrega isaanii tilmaametti, yoo daballiin lakkoofsa ummata addunyaa saffisa duraanii sanaan itti fufe, lakkoofsi ummataa guyyaa Sadaasa 13, 2026tti gara daangaa hin qabneetti (Infinity) dhiyaata jedhanii tilmaaman. 2. Maaliif tilmaamni kun amma sirrii hin taane? Sababni isaa haalli tilmaama kanaaf bu'uura ta'e yeroo booda jijjiirameera. ▪️ Biyyoota hedduu keessatti lakkoofsi dhalootaa hir'ateera. ▪️Sadarkaan barnootaa ol guddateera. ▪️ Baay'inni ijoollee maatii tokko keessatti hir'ateera. ▪️ Saffisni daballii ummata addunyaa suuta jedheera. Akka tilmaama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) bara 2024tti, lakkoofsi ummata addunyaa bara 2080moota keessa gara biliyoona 10.3tti ol ka'ee booda gadi bu'uu danda'a. Kanaaf, ummanni addunyaa bara 2026tti daangaa hin qabne ta'a jechuun ragaan saayinsii ammayyaa hin jiru. 3. Ilaalcha Islaamaa Rabbiin Qur'aana keessatti akkana jedha: ﴿يَسْأَلُونَكَ عَنِ السَّاعَةِ أَيَّانَ مُرْسَاهَا ۖ قُلْ إِنَّمَا عِلْمُهَا عِندَ رَبِّي﴾ "Isaan waa'ee Qiyaamaa yoom akka dhaabbattu si gaafatu. Ati akkana jedhi: Beekumsi isii Gooftaa kiyya bira qofa jira." Qiyaamaan yoom akka Buutu Beekumsi isaa Harka rabbii qofa bira jira. Xumura: Sadaasni 13, 2026 guyyaa qorannoo saayinsii bara 1960 keessatti ka'e waliin walqabata. Garuu guyyaan kun guyyaa addunyaan itti baddu ykn Guyyaa Qiyaamaa ta'uu isaa mirkaneessuuf ragaan saayinsii hin jiru. Kanaaf: ▫️Hin rifannu. ▫️Sodaa hin facaasnu. ▫️Waan ragaan hin mirkaneessine akka dhugaa hin tamsaasnu. ▫️ Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin qofa beeka. ﴿إِنَّ اللَّهَ عِندَهُ عِلْمُ السَّاعَةِ﴾ Dhugumatti, beekumsi Sa'aatii (Qiyaamaa) Rabbiin bira qofa jira. Gara Qur'aanaa Deebi'aa Dhaamsa jedhuun Goolabna. https://t.me/Alrisala1

Открыть в Telegram
Просмотры591+18%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#5293Фото
Просмотры652+31%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#5291Фото
Просмотры496−1%к среднему
Пересылки—
Реакции5
Комментарии—
#5290Текст
Просмотры484−3%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#5289Фото
Просмотры417−16%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#5287Фото
Просмотры673+35%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#5286Текст
Просмотры470−6%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#5285Фото
Просмотры451−10%к среднему
Пересылки—
Реакции—
Комментарии—
#5284Текст
Просмотры378−24%к среднему
Пересылки—
Реакции3
Комментарии—